Waasihun Takileetiin
Ummanni Sidaamaa saba bal’aafi guddaa ta’ee osoo jiruu akkuma sabaaf sablammoota biroo cunqursaa sirna gabroomfataan saamamaa qorqalbiin eenyummaasaas jaamfamaa jaarraa tokkoofi walakkaa oliif hiraarfamaa ture.
Sirna gabroomfataafi maxxantuu ba’aa eenymmaasaa ta’aa turan kana ofirraa cabsuuf qabsoofi wareegama hadhaa’aa taasisaa kan ture yoo ta’u, imala qabsoosaa kana keessatti ilmaansaa kumaatama wareegeera.
Mirga ofiin of bulchuu gonfachuun qabeenyasaarratti abbaa ta’uuf kan Wayyaanee dabalatee sirnoota darban faana diddaa keessa kan gale Sidaamaan, qabsoo qeerroon Oromoo dhoosan itti makamuun humnoota qabsoo ejjettoo jedhamaniin of ijaaree sirnoota cunqursoo dabaree dabareen hundeedhaa buqqisuun jijjiirama har’aa kana arguu danda’eera.
Akka aadaa Oromootti qeerroofi qarreen wayita bultii ijaarratan qoonni mana baasuu kan gaggeeffamu yoo ta’u, kaayyoonsaa namoonni bultii ijaarratan dinagdeedhaan akka of ijaaran hawaasummaadhaan akka ciman kan akeekeedha.
Aadaan mana baasuu kun warreen bultii ijaaran humneessun ofirra darbanii ilmaansaanii boriif bu’uura akka buusaniif riqicha jijjiiramaafi ce’umsaa ta’ee tajaajila.
Ummanni Sidaamaa mirga ofiin of bulchuufi qabeenya ofiirratti ajajuu argachuuf qabsoo hadhaa’aa jaarraa tokkoo oliif taasisaa tureen ilmaansaa edduu aarsaa godheera.
Sirnoonni dhufanii darban marti maqaa jijjiirrachuun alatti ilaalchaan jijjiiramuu dhabuun akkasumas yaada tarkaanfachiisaa ta’een jijjiiramuu dhabuun sarbama mirgaafi saamichaan qe’ee ilmaan cunqurfamoo golgoleessaa turaniiru.
Kun immoo qabsoon ilmaan cunqurfamoo daran cimuu akka qabuufi kifaatiin sirnoota abbaa irree akka ariifatu sababa ta’uusaan guyyaan bilisummaa jaarraa dheeraaf dheebotamaa turte argamuu dandeesseetti.
Guyyaa bilisummaa Sidaamaan mirga ofiin of bulcuu argate kun bu’aa wareeama qaalii ejjettoowwanii yoo ta’u, sirna dhiigaafi lafeesaatiin ilmaan cunqurfamoo faana ta’uun fidate kana kunuunsuunis dirqamasaati.
Sabni Sidaamaa injifannoo bu’aa dhiigaafi lafee ilmaansaa ta’e kanaaf kabaja qabu agarsiisuufi mootummaa ta’ee hundaa’uusaatiin ifatti ibsuuf tibbana gammachuusaa ibsachaa tureera.
Kanamalees wayita mootummaa ta’ee hundaa’u ittigaafatamummaan mootummaa naannicaarra jiraatu cimaa waan ta’eef akkuma misirroota haaraa maatiin mana baasan isa kanarrattis ollaafi firri walfaana daabachuun dirqama aadaati.
Sidaamaan naannoo ta’ee mootummaa mataasaa qabaachuunsaa farreen federaalizmiif ‘mardoo’ ilmaan cunqurfamoo walqixxummaaf qabsaa’aniifimmoo guyyaa injifannoo cululuqaan itti galmaa’eefi seenaan addaa itti hojjetame ta’ee tajaajila.
Ummanni Oromoo gammachuu Sidaamaa kana akka kan mataasaatti ilaaluun waan qabu guduunfatee jaarsa biyyaaf uffata aadaatiin faayamee mana baasuuf magaalaa guddoo naannoo Sidaamaa Hawaasaatti argameera.
Jilli Oromoo Arsii miseensa kuma 5000 ol of keessaa qabu ayyaanicarratti kan argame yoo ta’u ayyaanichi kan Sidaamaa qofa osoo hintaane ilmaan Oromoo birattillee bakka olaanaa akka qabu hirmaattonni dubbisne tokko tokko nutti himaniiru.
Aadde Tsahaay Taqakoo jiraattuu Magaalaa Shaashamannee yoo ta’an, nyaata aadaa qabatanii saba sidaamaa mana baasuuf Hawaasaatti kanneen argaman keessaa isaan tokko.
Ummanni naannoo Sidaamaa jaarraa tokkoofi walakkaa oliif mirga ofiin of bulchuu gonfachuuf qabsaa’aa turuu eeranii, milkaa’ina sabichi argate kana miidhagsuuf waan manni hore galaafatanii bakkichatti argamuu ibsu.
Akka Aadde Tsaaay jedhanitti, jilli Magaalaa Shaashamanneerraa dhufe kun sangoota qalmaa kuma 500 bitanii, micciirraa, cuukkoo, aannan, bookaafi marqaa qabachuun uffata aadaatiin faayamanii ayyaanicha dabaalaa Sidaamaa mana baasuurratti hirmaateera.
Sabni Sidaamaa sadarkaa naannootti reefu hundaa’uusaatiin walqabatee yeroo gabaabaa keessatti dinagdeen akka of ijaaruufis akka bulchiinsa magaalaa Shaashamanneetti qarsii miliyoona 1.5 arjoomameera.
Ollaafi dugdaan lafaa ka’u akkuma jedhamu godinni Arsii Lixaas gamasaatiin Sidaamaa dinagdeedhaan humneessuuf qarsii miliyoona tokko arjoomeera.
Deegggarsi kun bilisummaa Sidaamaan argate akka kan keenyaatti waan ilaallleef faana dhaabannee mana baasaa jirra kan jedhan Aadde Tsaaay, hariiroon naannolee lameenii seena qabeessaafi ittifufaa ta’uullee dubbataniiru.
Jilli Aartii Gujiis gammachuu ummata Sidaamaarratti hirmaachuuf waan qabuun kan bira dhaabate yoo ta’u, hariiroonsaanii kan ollummaarra darbee dhiigaanis kan walhidheedha.
Artisti Qayyattuu Girjaa jila aartii Gujiirraa dhufan keessaa ishee tokko yoo taatu, uffata aadaafi sirba aadaatiin ayyaanicha miidhagsaa turte.
Obbolummaafi tokkummaan saboota kanneen lameenii yoo cime sirnasaaniif yaaddoo ta’uu danda’a jedhanii waan yaadaniif gabroomfattoonni walitti isaan buusuun ergamasaanii dhokataa raawwachaa akka turan kaasteetti.
Keessumattuu sirnoonni gabroomfataa atseewwaniifi Wayyaaneen saboota kanneen gadi qabuun saamichaafi hannaan qe’eensaanii akka golgolaa’u qorqalbiin eenyummaasaanii akka jaamu taasisaa turuu kaasteetti.
Haluma kanaan hundeedaa buqqa’uun sirna atseewwaniis ta’e diigamuun Wayyaanee kabajamuu walqixxummaa sabaatiif bu’uura kan buusuufi olaantummaa saba tokkoo kan hambisu waan ta’eef gammachuu obbolaasaaniirratti hirmaachuu akka dandeesse kaasteetti.
Hariiroon ummata Sidaamaafi Oromoo kana caalaa cimuu akka qabus eertee, dhaloonni haaraan jireenya hawaasummaa abbootiin darban waliin dabarsan sana dhaaluun dirqama dhaloota ammaa ta’uu akka malus dhaamteerti.
Injifannoo ofiin of bulchuu ummanni Sidaamaa argate Oromoofis injifannoodha kan jedhan ammoo Pirezidaantii Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaati.
Oromoofi Sidaamaan durii kaasee kan qabsaa’aa turan walqixxummaa sabaa mirkaneessuuf yoo ta’u, lamaanuu ummata saboota biroo hammatanii jiraachisuu beekaniidha jedhan.
Isa kanaafimmoo agarsiistuun aadaa waliin jireenyaa isaan qabaniifi sabaafi sablammoota gara garaa naannoosanii keessa jiraatan akka sabasaaniitti ilaaluun jiraachisuu danda’uusaanii ta’uus eeran.
Sidaamaan reefu hundaa’uusaatiin walqabatee dinagdeedhaan humneessuun murteessaadha kan jedhan Obbo Shimallis, akka Oromiyaatti qarshii miliyoona 100 wayita arjooman aadaa mana baasuuti jedhan.
Mootummaan haaromsaa gaafa aarsaa qeerroo, ejjetoofi hayyootaatiin hundaa’u namoonni faallaa sirnichaa ta’an sirna ebeluutu isinitti deebi’aa jira olola jedhuun saboota kanneen burjaajessuuf yaalaa turuus kaasaniiru.
Kun ta’us mootummaan haaromsaa walqixxummaaf kan hojjetu, federaalizmii sabdaneessaa kan cimsuufi olaantummaa saba tokkoo kan hambisuudha jedhan.
Badaadhinni hunda walqixa hiriirsuun tokkummaa sabdaneessummaa daran cimsuuf kan hojjetuudha malee sirna mootummaa tokkee yeroon itti darbe deebisuufis ilaalcha kan hinqabne ta’uu hundeeffama mootummaa naannoo Sidaamaarraa baruun ni danda’ama jedhan.
Akkuma daraoonni walfuudan dinadeen ijaaramanii mana baan Sidaamaa mana baasuun dirqama lammiilee undaa tauu qaba kan jedan Obbo Simallis dirree badaadinaatti ceuuf miirri waliin daabcuu cimuu akka qabus daamaniiru.
Fakkeenyummaa Oromoon Sidaamaa mana baasuuf taasisan ordofuun naannoleen biroos harkasaanii hiixataniiru.
Haaluma kanaan Kantiibaan Ittaantuu Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanachi Abeebee qarsii miliyoona 50, naannoon Amaaraa miliyoona 30, Sumaaleen miliyoona 10, Affaar miliyoona torba, Harariin miliyoona shan yoo arjooman, dhaabbilee dhuunfaa gara garaa dabalatee walumaagalatti deeggarsi Sidaamaa mana baasuuf taasifame miliyoona 300 ol sassaabameera.
Kan reefu hundaa’u mana baasuun akkuma jiru kan mannisaa hattootaan diigameef birmachuun dirqama Sidaamummaati kan jedhan pirezidaantiin naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Ledaamoo, deeggarsa argatanirraa hir’isuun Naannoo Tigraayiif qarsii miliyoona 15 kennaniiru.
Kanamalees tarkaanfii kabachiisa olaantummaa seeraa murnoota ABUT irratti fudhatamaa jiruun rakkoo geejjibaa haadholii da’umsaan walqabatee mudachaa jiru hir’isuuf ambulaansii tokko dabalataan arjoomaniiru.
Kanabooda Itoophiyaa olaantummaan saba tokkoo keessatti mul’atu injirtu kan jedan Obbo Dastaan, imala badhaadinni walqixxummaa dhugoomsuuf qabatee ka’e milkeessuuf kutannoon akka hojjetan himaniiru.
Walumaagalatti aadaan mana walbaasuu dinagdeen walhumneessuufi hariiroo hawaasummaa cimsuufi walqixxummaa mirkaneessuuf bu’uura kan buusu waan ta’eef miira natu sii beekaatiin osoo hintaane miira waliif jirraatiin yeroon gaafatuudha.
Bariisaa Guraandhala 27/2012
GLOBAL BUSINESS ELITE YOUR WHOLESALE SUPPLIER OF AGRICULTURAL AND INDUSTRIAL COMMODITIES
We are a global company providing food, ingredients, agricultural solutions and industrial products that are vital for living. We connect farmers with markets so they can prosper. We connect customers with ingredients so they can make meals people love. And we connect families with daily essentials from eggs to edible oils, salt to skincare, feed to alternative fuel.
Global business elite
copper cathode
aluminium wire scrap
scrap processor
scrap cpus
waste paper scrap
fridge compressor scrap
cable scrap
scrap copper wire
waste paper for sale
ceramic cpu scrap
icumsa 100