Kutaa 1fa
Gurraandhala 2 bara 2013 guyyaa Kibxataa ganama Godina Baalee, Aanaa gammoojii Harannaa Bulluq, Ganda baadiyyaa Bakkaayeefi Bulluqitti abdii kaleessaatu hardha dhugoome.
Manneen barnootaa kaleessa hawaasni humnasaatiin waan naannawasaa jiruun ijaarrate seenaaf taa’ee, moonaa baldhaa kaleessa abdiidhaan dallawametti manneen barnootaa waanti barruu barsiisuuf barbaachisu guutameefii dhagaadhaan ijaaraman guyyaa itti eebbifaman ture.
Kun kan dhugoome qaamota sadii tokkummaan dhamaan jijjiiramaaf dhama’an ummataafi bulchiinsa Aanaa Harannaa Bulluqiifi Dhaabbata Imaajin Waan Deey /Imagine 1 Day/jedhamu gamtaan afaan takkaan hojjataniin; tokkummaan humna ta’uu hubataniini.
Karoorri fedhe hirmaannaafii fedhii hawwii ummataa malee fiixa hinbayu. Kana kan hubatan bulchiinsi Aanaa Harannaa Bulluqiifi dhaabbatichi ummata aanfataniitu hujii muldhatuufi dhalootaaf dabru hojjatanii eebbaaf kan qaqqabsiisan.
Jalqabumaa fedhiin hawaasni Harannaa Bulluq barachuufi jijjiramuuf qaban guddaa ture. Hawwii kana milkeeffachuuf ammoo humna walii ta’uun dirqama itti ta’e. Tokkummaan gamtaan humna ta’uusaatiin duruu beekan gootota baddaa Baalee diina dura dhaabachuun falmataa turan waan ta’aniif.
Gandoota manni barumsaa itti ijaaramee eebbifame keessaa tokko qe’ee gooticha Kadir Waaqoo Shaaqee (ka diinaan Kadiiriin jedhantu ana, Bulluqii jedhantu tana, wanni sii qopheessetu kana) jedhee meeshaa harkaa qabuun bakakkaa itti gadhiiseeti. Gootummaa itti agarsiiseefaati.
Dhugaadha, hawaasni kun carraaqqataafi morkataa harka hinkennanneedha. Warra seenaa qabsoo Oromoo keessatti diina duradhaabachuun qabsaayaa turan maqaa gaarii qabani. Kun seenaa biraa dhalootaaf dabruu qabuudha. Kana yeroo biraa ittin deebi’a.
Bulluq lafa lolli diina ufirraa ittisuu sadii litti deemsifame. Lola A/Waaqoo, lola Muhaammad Gadaa Qaalluu, lola Dhoombir ka Waaqoo Guutuu, Weerara Mintoof jedhamee beekamuuti.
Gootummaadhuma santu barnootaafillee oole. Hawwiisaanii dhugoomsuuf waggaa dheeraa dura bara 1974 irraa eegalee waan danda’an mara raawwatan.
Warri Bulluq akka humnasaaniitti muka walitti fuudhanii abbaatu utubaa kaayataa utubaa kaayanii marsanii dhaabanii, dhoqqee dhiitanii bukeessanii dhiitanii, yeroo jalqabaatiif waggaa 38 dura mana barumsaa citaa ijaarratan.
Akkuma ganda Bulluq hawaasni ganda Harannaa-Bulluqis mana barumsaa ijaarrachuuf ni tattaafata. Gandi Bakkaayeellee waggoota dheeraa dura mana barumsa jalqabaa akka ijaarratan dubbatu.
Manneen barnootaa kunniin sadarkaa baruu barsiisuuf barbaachisu guutummmaatti guutuu, keessaa ala miidhagsuu baatanillee hamma humna saanii raawwatan. Guyyaan kana caalu akka dhufu hindhabne; hardharra taa’anii boru waan gaariin yaadaa turan afaan tokkoon.
Dhaabbata hawwiisaanii kana milkeesse, Imagine 1 day ka beeku waggaa dheeraa dura, yeroo biyya ittihundeeffame, Kanaadaatti. Biyya keenyattis Naannoo Tigraayitti hojii jalqabee gara Oromiyaatti akka dhufuuf carraaqqiifii qabsoo cimaan taasifamaa ture.
Dhaabbanni Naannoo Tigraay qofatti hojjatu gara Oromiyaa dhufee hujii akka eegalu hayyuun fageessee xiinxalu Doktar Sa’id Amaan yeroo qabsoo cimaa waa heddu gaafatu taasisaa turetti.
Dhaabbanni Imaajin Waan Deey dhaabbata dhamaan jijjiiramaaf dhugaan dhama’uudha. Itti hindabalin irraa hi hirdhisin malee waan jiru yoo dubbatan hamtuu hinqabu; Rabbillee dhugaa jalata waan ta’eef.
Ani dhageettiin osoo hinta’in, argeen mirkaneeffadhe. Kanaaf beekamtiifi badhaasni dhaabbanni kun hujii hojjateef mootummaarraa argataa ture lakkaawamee hindhumu.
Kanaafis Biiroon Barnoota Oromiyaafi qaamoleen adda addaa, godinaalee, aanaaleefi gandoonni dhaabbanni kun keessatti hojjatu raagaadha. Waanin barreesse kanaaf boru itti hinsaalfadhu dhugaa waan ta’eef. Waltajjiin eebbaa Gurraandhala 2 bara 3013illee kanuma mirkaneesse.
Dameeleen hojii dhaabbanni kun tumsi irra jiressaan barnoota ta’us bishaaniifi gargaarsa battalaa, leenjiiwwan adda addaa qaamota dhimma barnootaatiin walqabataniifi hidhata qaban faayinaansii ilaallatan dandeettii cimsu kennuu akka pirojaktii tokkootti hojjata.
Gaargaarsi olaanaan ittisa vaayirasii koronaatiif taasise yaadannoo kiyya yeroo dhiyooti. Kanas dhageettiin osoo hinta’in yeroo ittisa koronaatiif hawaasaaf gargaarsa kennuuf Godina Baalee aanaalee Dalloo Mannaafii Harannaa Bulluqitti dhaabbaticha waliin imaletti argee mirkaneeffadheera.
Naannawa gammoojjii deeggarsi barbaachisu haala mijaayaa keessa hinjirre, carraa barnoota hinarganne, sadarkaa qulqullina barnootaa eeguuf, baruu barsiisuuf barbaachisu itti hinguutamin fooyyessuurratti xiyyeeffateeti. Manneen barnootaa amma ijaaraman kunniinillee haaluma kana keessa ka dabrani.
Imaajin waan deey hojiileen ka hojjatu dhamaan dhama’ee bu’aa qabatamaa akka buusanitti karoorarraa hanga raawwiitti hordoffiifi to’annoo olaanaa taasiseeti. Gubbaarraa hanga dakaatti, daayrektara biyyaalessaatii hanga qindeessaa naannootti darbees hanga aanaalee pirojaktonni itti hojjatamaniitti maqaa gaariin naamusa olaanaan hogganamaa hojjatama.
Qisaasni yeroofi mallaqaallee hinjiraatu. Ganda fagoo keessa imaluun haala mijaayaa qofa osoo hineegin yeroofi bakka kamuu deemuun itti dhiheenyaan hordoffiifi to’annoo hawaasa naannawaafi qaama bulchiinsaa karooraa hanga raawwiitti hirmaachisuun hojjatama.
Maallaqni hawaasa ufiitiif jecha kadhaanillee itti dabalamee saxaxa (piroppozaala) pirojektii jabaa qopheessuun amansiisanii alaa argamu sirnaan hujiirra akka oolu kan taasise Doktar Sa’idi.
Namoonni dhiyeenyaan dhaabbaticha beekan tokko tokko dhaabbata duniyaaf otoo hintaane akeeraaaf/hafuuraaf/ hojjatuun walfakkeessu. Ana dabalatee geggessitoota dhaabbatichaatiif moggaasa itti waamama tajaajiltoota warra amantiitiin waamu akka cooraatti/qoosaatti/. Dubbiin garuu cooraa miti keessa dhugaatu jira. Kanaafis hundaa ol fayyadamtoonni ragaadha.
Fuulli ifaafi gammachuun, galanniifi ulfinni sirna eebbaa manneen barnootaa Aanaa Harannaa Bulluq gandoota Bakkaayyeefii Bulluqitti Gurraandhala 2 bara 2013 muldhate hawaasa naannawichaa irraa haga bulchiinsa godinaatti kanuma mirkaneessa.
Guyyaa eerame kana ganama gaafa Kibxataa haawaasni naannawichaa, barsiisonniifi barattoonni akkasumas hoggansaafi hojjattoonni bulchiinsaa bayanii keessummoota qaamaafi qalbiin qophaa’anii akka aadaatti anaa dhufu jedhanii simachuuf.
Bulchiinsa godinichaarraa tuutni hoggantootaa namoota 20 of keessaa qabu pirojaktota adda addaa aanichaafii aanaalee naannawichatti argaman sadarkaa raawwii saanii daaw’achuuf bobba’ellee warra eebbicharratti argamuun simatamaniidha.
Guyyaa tokko dursinee Magalaa Roobeefi Gobbaatii kanee itti dhiyaannee Aanaa Dalloo, Magaalaa Dalloo bullee Aanaa Harannaa Bulluqitti imala eegalle. Sa’aatiin itti kaanee xiqqoo barbateera. Kunillee sababa mataasaa qaba.
Tuutni godinarraa daaw’annaa pirojektotaa heddu qaban ganamaan pirojektii tokko pirojektii jallisii Malkaa Arbaa jedhamu daaw’atanii dhufuuf saganteeffatan xiqqoo ufirra nu eegaa waan jedhaniifi. Dhugaa dubbachuuf kunillee dubbii jabdu.
Barfannee kaanee, magaalaa Hangeetuu geennee, daandiin irra imallu xirdhacha biyyee daakamaan awwaara waaqatti ol dhaabu, bakka kaanitti ammoo nama daddarbaa deemsa dhaabbataan qixxeen irra deemani.
Akka tasaa ta’ee ammo wanni tokko galgala san nu mudateera; gadda. Obboleessi konkolaachisaa ittin imalluu kan Magaalaa Goobbaatti galgaluma san akka Dalloo geenneen jalaa boqochuu dhageenne. Bulee ganama inni nama biraa wajjin ofirra deebi’e. Kun muudannoo cimaa ta’us eebba hanbisuun waan hindanda’amneef nuti imala keenya ittifufne.
Yeroo ganda Bakkaayee geennu gara sa’aatii 4:00tti siqeera. Nu haaturru malee hawwsni ganda Bakkaayyeef naannawichaa, qaamni hoggansaa, barsiisonniifi barattoonni ganamaan bayanii nu eegaa turan.
Barattoonni barreeffama aanaa dhufuu qabatanii hiriiruun keessumootasaanii qaamaan dhaabatanii qalbiin caqasan.
Hawaasni gandichaafi bulchiisi aanichaa qaamota hirmaannaan beekaman gamtaan hojjachuu dursee hubate kanaaf aannaniifi bachoo (aannaniifi garaa) ta’ee dhaabaticha waliin carraaqu; dhamaan jijjiiramaaf dhama’u. Tokkummaan humna ta’uu hubataniini.
Amma garanyaateen dhufte yaadni furmaata ta’u kaayame. Barattoota hiriiranii dhaabatan, hoggantootaaf hawaasa naannawichaa dhabatee ijaajju dhaabuun cubbuu ta’a. Kanaaf, gareen godinarraa dhufuun hanga gayanitti eeguu mannaa eebbisuun irratti haa dhaqqaban yaadni jedhu barbaaachisaa ta’ee argame.
Maarree, bulchaan Aanaa Harannaa Bulluq, Obbo Huseen Mahaammadiin dursamuun gara karra mana barumsichaatti imalle. Ani waanin bayeef takkaa hindaganne, suuraafi vediyoon taatee guyyicha boruuf ol kaayamu meeshaa harkaa qabuun yaadannoo kiyya sammuun barreeffataa jira. Waan amma yaadadhee katabe kana.
“Anaa dhufu baga dhuftan’’ jedhu barattoonni sagalee ol fuudhanii yaadaloo addaatiifi hamileedhaan; akkuma hiriiranitti gamtaan. Akkuma aadaa Oromootti aanaa dhufuu dursanii.
Taateewwan guutuu guyyaa kanaa eebba manneen barnootaa Bakkaayyeefii Bulluq, dhimmoota kanaan walqabatan, manneen barnootaa ijaaraman baayi’inaafii bajata ittiin ijaraman, faaydaa buusan, saffisa pirojektii yeroo fudhatan, haala itti ijaaraman, meeshaalee baruu barsiisuuf gargaaran guuttatan, kutaa biraatiin ittideebina..
Akkasumas ergaawwan sirna kanarratti dhaabatichaafii akka waliigalaatti hoggantoota godinichaatiin dabran, hujii waliigalaa dhaabbanni Imaajiin Waan Deey erga hundeeffamee damee barnootaarratti hojjateefi karoorasaa fuulduraa, akka muuxannoof ta’utti muudannoowwan biroo imala keessatti xiinxale kutaa ittaanu keessatti dubbistu.
Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 20 bara 2013
11 Comments to “Qaamota sadeen jijjiirama barnootaatiif dhamaan dhamana’an”