Jijjiirama fiduuf jiraadhu

 Zarihun Gabreetiin

Yeroo tokko maanguddoo beekaa tokkotu galaana cina taa’ee utuu waa barreessaa jiruu nama qarqara galaanaatii ariitiin gadi jedhee ol jedhu tokko argee ajaa’ibsiifachuun garasaa dhaqe. Yeroo itti dhiyaatu dargaggeessa tokkotu ariitiin gadi jedhee ol jedha ture.

Dargaggeessi kunis qarqara galaanaatti dhiyaachuun dafee lafaa wantoota xixiqqoo fuudhee gara galaanaaatti darbata. Sana booda maanguddoon kunis dargaggeessa kana gaaffii “Maal gochaa jirta?” jedhanii gaafatan. Dargaggeessichis ol jedhee gaaffii maanguddoo kanaaf akkas jedhee deebise, “Qurxummii dhahaan galaanaa darbate bishaan keessaa baasen utuu hindu’in bira ga’ee galaanatti deebisa. Aduun ba’aa jira, dambaliin galaanaas qurxummii hedduu alatti darbata. Yoon gara galaanaatti hindeebisu ta’e nid’u” jedhe.

Maanguddoon sunis takka dhaabatanii erga yaadanii booda dargaggeessichaan “Haa ta’u iyyuu malee qarqarri galaana kanaa kiilo meetira hedduu dheerata. Dhahaan galaanaas qurxummii hedduu darbatee ala buusa. Ati immoo kan galaanatti deebistu muraasa.

Kanaaf addaa addummaa guddaa fiduu dhiisuu dandeessa” jedhan. Dargaggeessichis gadi jedhee qurxummii du’uuf jedhu tokko lafaa fuudhee bishaanitti darbatee erga qurxummichi bishaan keessa bu’ee booda “Ilaa qurxummii kanaaf addaa addummaa fideera” jedhe.

Tarii guutummaa biyya lafaarratti tokkichaan jijjiirama guddaa fiduu hindandeenyu ta’a. Namoonni hunduu garuu gamasaatiin hanga danda’e yoo tattaafate kallattii gara garaan walitti dhufuun dhiibbaa guddaa fiduu nidanda’a. Biyya lafaa kanarra ala tokko jiraanna.

Carraa nama gargaaruus si’a tokko qabna. Bakka jirrutti, yeroo keessa jirru kanatti jireenya namootaa irratti dhiibbaa gaarii geessisuuf haala isaan keessa jiran jireenya rakkisaa keessaa ba’anii akka bayyanatan gochuun sababa guddaa biyya lafaa kanarra jirruuf jedheen amana.

Karaa ittiin jireenya namootaarratti jijjiirama fidnu keessa tokko tola ooltummaadha. Addunyaa kanarratti tola ooltummaan yeroo kamuu caalaa nibarbaachisa. Jeequmsa keessatti, jijjiirama qilleensaa, hiyyummaa dhabamsiisuuf, barumsaafi fayyaa keessatti, balaa tasaa hir’isuu keessatti, qomoon yookaan hojiisaatiin namni tokko ol kaafamee inni kaan ammoo akka gadi hinqabamne, walqixxummaa, mirga dhala namaafi kkf keessatti ga’ee guddaa qaba.

Tola ooltummaan hojii gaariidha. Namni waan gaarii hojjetu ammoo ofiifis ta’e isa kaaaniif sababa abdii horachuuti. Kutannaa abdii keessaa ofiifis ta’e namoota kaan baasuuf wanti guddaan hojii gaariif of qooheessuudha. Nama lafa kufee kaasuu danda’uudha.

Sababa rakkinaa utuu hinta’in qaama furmaata ta’uu danda’uudha. Yoo rakkooleen numudatan heddummaatanillee waa’ee rakkoo haasa’uun utuu hinta’in furmaata barbaaduurratti humna, beekumsaafi qabeenya qabnuun duuluu danda’uu qabna. Namni rakkoo haasa’uu qofaan furmaata hinfidu. Haa ta’u malee rakkoo isa mudateen duuba waanti guddaan furmaata barbaaduu danda’uudha.

Rakkoo qofa tarreessuun furmaatni hindhufu. Furmaata barbaaduudhaan malee. Sababiinsaas rakkoolee uumaman kamiifuu furmaatni hindhabamu. Garuu irratti hojjechuu gaafata. Ittiyaaduu gaafata. Kanaafis qabeenyi danuun barbaachisaa ta’uu dhiisuu nidanda’a.

Sababiinsaas qabeenyi kabaja fiduu yoo danda’ellee ogummaa sirrii fiduu dhiisuu danda’a. Yaada gaarii fiduu dhiisuu danda’a. Gara laafina barbaachisaa fiduu dhiisuu mala. Horiin sooressa gochuu danda’a nama gaarii uumuu garuu hindanda’u. Horiin hiriyaa danuu fiduu yoo danda’ellee hiriyaa dhugaa akka adda baafannuuf ogummaa sirrii nuu kennuu dhiisuu danda’a.

Egaa inni guddaan biyya lafaas ta’e namoota naannawa keenyaa rakkoo cimaa keessa jiraniif furmaatni hojii ykn qabeenya qofa miti; laphee gaarii qabaachuudha. Ilmaan namootaa haala isaan keessa jiran keessaa baasuuf of kennuu gaafata. Nama gargaaruuf qarshiin qofti ga’aa akka hintaane torbee darbe ilaalleerra.

‘Agnes (Mother Teresa)’ qofa utuu hinta’in namootni hedduun haala ilmaan namootaa keessa jiran keessaa baasuun egeree ifaa abdiin guute akka qabaataniif yaalii kan taasisan waantonni dhalootni isaan irraa baratu danuudha.

Kanneen keessaa tokko akka biyya keenyaatti Doktar Abbabachi Goobanaati. Doktar Abbabachi abbaa malee kan guddatan yoo ta’u, daa’ima abbaafi haati irra hinjirre, kan barachuuf carraa hinqabne gargaaruun dhaloota bor ofiifis ta’e hawaasaaf bu’aa buusan nama qopheessan, nama seenaan hindaganneedha.

Yoo ofiif dhala hinqabaannellee yoo xiqqaate dubartii haadha maatii kuma 450 olii ta’uu danda’aniidha. Qabeenya irraa hafaa qabaatanii, jireenya gaarii keessa waan jiraniif utuu hinta’in hanga dandaa’ametti nama rakkoo qabu cina ilaalanii akka nama hinagarreetti darbuu nama hindandeenyeedha.

Doktar Abbabachi yeroo jalaqabaatiif bara 1973 ALA kutaa biyyaa Wallotti yeroo loliisni biyyattii gara kaabaatti akka si’anaa kana tureefi beelli hamaan ture utuu bataskaana Giisheen Maaram jedhamu sagadaaf dhaqanii daabboo tokkoofi bishaan qofti kan harka ture yeroo ta’u, ishedhuma harka jirtu namootaaf erga kennanii booda dubartii mucaa kaasuutti baattee ciiftu tokko argan.

Tarii mucaa baattee rafte jedhanii oggaa itti dhiyaatan haati mucaa kaasuutti baattee beelaan duuteetti. Mucaa lubbuun jirtu haadha duute kana harkaa fuudhanii erga darbanii booda dubartiin biraas mucaa baattee du’uuf kan jettu yeroo agartetti Doktar Abbabachi itti dhiyaachuusaanii hubattee “mucaa koo fudhu” jettee kadhatte.

Ofiif waan du’atti dhiyaatteef mucaanshee akka ooltu barbaadde. Doktar Abbabachis mucaashee kana kaasuu tokkotti; kan haati baattee duute bobaa haadha duutee jala teessee boo’aa turte ammoo kaasuu kan biraatti fudhatanii sokkan. Gara Finfinneettis deebi’an.

Waggaa sana keessa yoo xiqqaate daa’imman maatiin irraa du’an 21 ol walitti qabuuf yaalaniiru. Inni kun maatiisaaniifi abbaa warraasaanii irraa jajamuu hinfidneef. Caalaattuu nimaraatte jedhan. Sababiinsaa galiin isaan qaban xiqqaa waan ta’eef daa’ima gargaarsa barbaadan danuu jiraachisuun hindanda’amu jedhanii yaadan.

Ta’us meeshaa bareedinaa gara garaa qaban gurguruun, buddeena tolchanii gurguuruun daa’imman kanneen gargaaruu eegalan. Booda keessa bara 1986 gargaarsa barbaachisaa argachuun mootummaa biraa eeyyama argatanii hojii tola ooltummaa kun ittifufe.

Daa’imman qofa utuu hinta’in boodatti hafummaa, hiyyummaa, beela, dhukkuba ‘HIV/AIDS’fi kkf daran kan isaan yaachisu ta’uun nidubbatu. Rakkoon harmootiin daa’ima baatanii waan nyaachisan dhabanii daa’imni harma haadha duutee hodhuufi dhalli namaa biyya Itoophiyaa qofa utuu hinta’in ardii Afrikaatti akka baalaa harca’u inni guddaan namoota hubannaafi sammuu dhiphaa qaban, ofiif malee kan biraaf kan hin yaadne, waa’een dhalootaa kan itti hindhaaga’amne, beekumsi naannawasaaniin kan hinbaane, gara laafummaa kan jedhamu raawwatanii namoota hinbeekneen sababa ardiin keenya guutteef jedheen yaada.

Har’a baay’een keenya carraa hedduu qabna. Beekumsas qabna. Haa ta’u malee hangam namoota kufan, rakkoo hedduu keessa jiran gargaaruufi cinaa dhaabachuuf yaalla? Isa kana itti yaaduun barbaachisaadha.

Tarii baay’een keenya dubartii Filorenes Naayitangel (‘Florence Nightingale’) jedhamtu bara 1853 yeroo loliisni Kireemiyaa (‘Crimea’) eegale loltootni hedduun du’anii baay’een ammoo madaa’an madoo rakkoo cimaa keessa jiran cina dhaabachuufi gargaaruuf nama of kennite turte.

Loltootni hedduun dawaa dhabuun, qulqullina dhabiisaafi kkf yeroo du’aa turan gargaaruurraa duuabtti hinjenne. Kanaaf rakkoo qulqullinaa jiru furuuf hanga danda’ametti duula qulqullinaa eegaluun fooyyessuuf yaalii guddaa goote. Bara 1855 gargaarsa funaanameen wiirtuun leenjii narsootaa akka eegaluuf shoora guddaa taphatte.

Kanaaf ‘Nightingale’ akka namootni qulqullina fooyya’aa qabaataniifi rakkoo qulqullinaarraa kan ka’e akka lubbuun namootaa hindabarreef yaalii guddaa taasisteetti. Isa namootni yaadaniifi ofii isheetii yaadduun olitti nama hojjechuu dandeesseefi namoota du’a oolchuu dandeesseedha.

Gargaarsi isheen namootaaf gochaa turtes kan foonii qofa utuu hinta’in gargaarsa guutuu namummaasaanii ture. Qaamaan, sammuun, hafuuraan guutuu ta’anii fayyanii akka ba’aniif yaalii guddaa gooteetti. Inni kun ammoo kaayyoo jireenya ishee ture. Kaayyoo guddaan dhalli namaa biyya lafaa kana irra jiraatuuf gammachuufi badhaadhummaa guddaa argachuuf qofa miti. Isa kana kan argatan garuu dhala namaa rakkoo keessa jiruuf kan hingaddine, gara laafina kan hinqabne sooressa kan jedhaman danuutu jiru.

Kaayyoon jiraachuu dhala namaa isa kana irra nicaala. Nama bu’aa buusu ta’uu danda’uudha. Nama warra kaaniif gara laafina qabu ta’uu danda’uudha. Jireenya namootaarratti dhiibbaa gaarii geessisuu danda’uudha. Inni kun ammoo nama tokkoon kan raawwatu miti.

Akkuma beekamu jireenya keenya keessatti wantoota xixiqqoo nuti hojjennu walitti dabalamuun jireenyaafi biyya lafaa kana irratti dhiibbaa guddaa geessisu. Kaayyoo jiraannuuf sirriitti adda baafnee beekna taanaan ofirrattis ta’e namoota biroorratti dhiibbaa gaarii geessisuun nu hinrakkisu.

Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 20 bara 2013

Recommended For You

5 Comments to “Jijjiirama fiduuf jiraadhu”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *