Adawaa: Wabii qorqalbii gurraachotaa

 Sinqinash Alamuutiin

Finfinnee: Wabii bilisummaafi qorqalbii gurraachota adunyaa kan ta’e Injifannoo Adwaa booda keessummaa biyyoonni Afrikaa hedduun eenyummaasaaniif falmachuun gogaa gabrummaa ofirraa darbanii walabummaaf hanga humnasaanii socho’aa turuun ni yaadatama.

Gaazexaan Bariisaas yaadannoo injifannoo Adwaa waggaa 125fa Kibxta dhufu mataduree, “Adwaa, faajjii tokkummaa sabdaneessummaa” jedhuun kabajamu sababeeffachuun Yunvarsiitii Ambootti hayyuu qorqalbii Gargaaraa Pirofesaraa Barsiisaa Gazahany Lammii wajjin turtii taasiseera.

Weerartoonni Awuroppaa weerara qorqalbii dursanii taasisaniin ‘ummanni gurraachi qaroomina seenaafi amantii kan hinqabne, waaqa kan hinbeekne’ gochoota qorqalbii ummata gurraachaa miidhan raawwachaa turan jedhu hayyichi.

Aburtoonniifi mishinaroonni odeeffannoo eenyummaa gurraachotaa miidhu bittimsuun ardiin Afrikaafi ummannishii kan faayidaafi abdii hinqabneeefi dukkana jechuun harka lafa jalaatiin ummata gurraacha dhimma barbaadaniif dursanii qopheessuun qaama osoo hintaane qalbii ajjeesaa turuu eeranii, raacitiin gocha kanaa ammallee kan hinbadne ta’uu ibsu.

Watni injifannoo Adwaa adda taasisu ummanni gurraachi meeshaa boodatti hafaadhaan tokkoomee dhaabachuun humna weerartuu faccisuun qorqalbiifi onnee guutuun biyyaaf falmanii diinarra aanuuuu danda’uun mo’annichi dhaloota keessatti biyya keenyarra darbee akka addunyaatti akka dhufu taasiseera jedhan.

Akkasumas, hawaasni gurraachi qabsoo eenyummaa bu’uureffate geggeessuun akka ofitti amanuufi eenyumaasaatti gammadee jiraatu, ilaalchi halluu gogaafi sanyii wajjin walqabatu akka jijjiramu gochuu keessatti Adwaan gahee olaanaa kan qaba ta’uus beeksisaniiru.

Dhaloonni ammaa garaagarummaa walii kabajee miira walqixxummaafi aantummaatiin dhaabachuun jaalalli biyyaa, gootummaan sadarkaa sabaattis ta’e biyyaatti akka nama ceessisu hubachuun socho’uu akka qabus hayyichi hubachiisaniiru.

Gootummaa abbootiin keenya lola Adwaarratti raawwatanirraa dhaloonni kun jaalala biyyaafi ofitti amanamummaa barachuu qaba jedhaniiru.

Injifannoo Adwaa keessatti ummanni Oromoo gahee leencaa taphatus garee eenyummaa sabootaa balleesinu malee Itoophiyummaan hinjajjabaatu jedhuun gumaachi sabichaa saamuuf yaaliin taasifamuu eeranii, injifannichi kan ummatoota Itoophiyaa hundaa waan ta’eef hunda biratti leellifamuu qaba jedhan.

Dogoggoroota seenaa Injifannoo Adwaarratti mul’atan sirreessaafi muuxannoos irraa fudhachuun, cimina dhaloonni darbe qabu ittifufsiisuufi jabeessuun egeree dhaloota dhufuu qajeelchuu qabna jechuun dhaamaniiru.

Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 20 bara 2013

Recommended For You

7 Comments to “Adawaa: Wabii qorqalbii gurraachotaa”

  1. Pingback: penis envy shrooms
  2. Pingback: check out here

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *