“Siyaasa biyyattii haalduree tokko malee fayyisuu baannaan dinagdeenis hinfayyu” -Doktar Guutuu Teessoo

Saamraawiit Girmaatiin

Qaala’insi jireenyaa Itoophiyaa yeroodhaa yerootti dabalaa dhufuus inni dhiheenya kana dabaluu gatii bobo’aa wajjiin walqabatee uumame garuu namoota hedduu kan hadheeffachiiseefi yaaddessedha.

Sababa gatiin bobo’aa dabaleen wanti hindaballe tokkollee hinjiru. Kanarratti mootummaan hatattamaan tarkaanfii barbaachisu fudhachuu bannaan nyaatanii buluun lammiileeyyuu gaaffii keessa seena.

Kana qofa osoo hintaane yakkoonni akka hannaa, namaan waldhabuufi kkfn akka babal’atan waan taasisuuf mootummaan otoo oolee hinbuliin hojii gabaa tasgabeessuu hojjechuu akka qabu ogeessonni damichaa ni gorsu.

Qaala’inni uumame kun garuu gatiin bobo’a dabaluu qofaan kan walqabatu akka hintaaneefi rakkooleen durumaan furmaata hinargatiin dhufan waan jiraniif ittihammeesse kanneen jedhanis jiru. Gaazexaan Bariisaa dhimma kanarratti Hayyuu Dingadee Doktar Guutuu Teessoo dubbiseera. Isaanis ibsa armaan gadii kennaniiru.

Ka’umsi qaala’ina jireenyaa maalii isa jedhu ilaaluu dura hiikasaa ilaaluun barbaachisaadha. Qaala’ina jireenyaa jechuun gatiin omishaa namni ittifayyadamu yoo humna namaa ol gatii dabaleedha. Gatiin dabalu hamma harki qal’eessiifi namni galii giddugaleessaa qabu bitachuu dadhabutti gatiin waliigalaa yommuu dabaluudha. Gatiin waliigalaa kan dabalu sababoota garagaraatiini.

1. Fedhiin dabaluu

Kana jechuun yommuu namni waa fayyadamuufi bituu dabaluudha. Yoo namni heddummatte omisha tokkorratti kan walsaamu ta’e inni gurguru gatii dabala jechuudha. Fediin namaammoo kan inni dabalu yoo galiin dabalu, yoo carraan hojii baay’ate, yoo baay’inni ummataa dabale ykn yeroo tokko tokko sababa waqtileetiin dabaluu danda’a. Fknf akkuma tibba gannaa gatiin jaakkeetiifi dibaabeefaa dabalu jechuudha.

Haala amma jiruun Itoophiyaatti fedhiin daballaan qaala’inni jireenyaa mudate yoo jenne, fedhiin dabaluu hindanda’u. Sababnisaas galiifi carraan hojii dabalame hinjiru. Kanaaf waan fedhiin dabaleef gatiin dabalaa jira inni jedhu haala amma jiru wajjin dhugaa ta’uu hindanda’u.

2. Gatiin omishaa dabaluu (‘Cost Push Inflation’) 

Amma fknf namni xaafii omishu tokko yoo gatiin xaa’oo, sanyii, humna namaa, keemikaalaafi kkf itti dabale, innimmoo omishasaarratti gatii dabala jechuudha. Haala amma biyyattii keessa jiruun leecalloowwan alaa galanirratti gatiin dabalus hanga ummanni biyyattii of jiraachisuun gaaffii ittita’ee, mootummaanis ajandaa godhatutti hinqaqqabu.

3. Dhiheessii Omishaa (‘Supply’)

Yoo hamma gabaa quufsu omishanii dhiheessuun dadhabame ykn hanga waggoota darban omishame omishuun dadhabame gatiin ni dabala. Sababnisaas ummanni bitachuun hindhaabu, omishni garuu yarachaa deema. 

Biyya kanatti omisha hedduu kan omishan Wallagga, Iluu Abbaa Boor, Jimma, Arsii, Baale, Shawaa, Gojjaam Lixaa, Godina Awwii, Beenishaangul Gumuzifaadha. 

Bakkeewwan kanneenitti waggoota sadan afran darbanitti akka ragaa qabatamaan agarsiisutti omishni hanga duraa hinomishamne. Kanaafis sababoota muraasa ilaaluun ni danda’ama.

A. Rakkoo nageenyaa

Yeroo qeerroon fincila diddaa gabrummaa gaggeessaa turerraa eegalee rakkoon nageenyaa bakkeewwan hedduutti waan mudatee tureef omishni waggaarraa waggaatti gadi bu’aati kan dhufe. Keessummaa kan waggoota lamaan darbanii yoo ilaalle Oromiyaa Lixaa, Ambo gadi dabarraan karaa kibbaa Shaashamannee dabarraan hanga Moyyaaleetti, godinoota biraarras akkasuma hanqinni nageenyaa waan tureef omishni hanga dur omishamaa ture hinomishamne. Kana jechuun namni seeraan facaafatee, aramee, kunuunsee, sassaabbataa hinturre.

B. Koviid1-19

Akkuma beekamu hojiin qonnaa keenya humna namaa gaafata. Qonnaan bulaan keenya harki caalu kombaayinaraafi tiraaktara hinqabu. Kanaaf hojiisaa kan hojjetu daboodhaani. Vaayirasiin koronaa (koviid-19) ammoo daboo hinjaalatu. Kanaaf namni walgargaaree akka duriisaa omisha omishee sassabbachuurratti rakkoon tureera.

C. Awaannisa

Awaanisni waggoota lamaan sadan darbanitti irra deddeebiidhaan omisha biyyatti hubaa tureera. Gannuma darbe qofa naannolee ja’a hubeera. Aanaalee tokko tokkotti ammoo hanga %80tti qisaasama omishaa fideera. Kunneen hundi yommuu walitti dabalaman omishni omishamee gabaaf dhihaatu haphachaa dhufe.

4. Gatiin boba’aa dabaluu

Gatiin bobo’aan dabaluusaatiin geejibaa kaasee wantoonni bobo’aatti fayyadaman hundi ni dabalu. Yoo bobo’aan dhabbantaa tokkoofi lamaan dabalu wanti biraammoo %20, 30n dabala. Gatiin boba’aa dhiheenya dabales hammanaan dabalee hinbeeku. Mootummaan ba’aa sana baatee gatiin xiqqoo akka dabalu taasisuutu irra ture. Utuu garuu rakkoolee irranatti eeramanirratti dursee hojjatameera ta’ee qaala’ina jireenyaa amma nu rakkisaa jiru hanga tokko tasgabbeessuun ni danda’amaayyu. Yoo xiqqaate %65-70tti hir’achuu danda’a ture jechuudha.

Omisha indastiriifi qaala’ina jireenyaa

Omishni indastirii biyya kanaa baay’een alaa gala. Warshaaleen hedduun sababa meeshaaleen alaa galan garmalee dabalaniif hojii dhaabaniiru. Warshaalee Finfinneedhaa ba’anii hamma Bishooftuutti, Leemmanitti, Jimmaatti jiran ilaaluun ni danda’ama.

Indastiriiwwan keenya baay’een hirkattoota daldala biyya alaati. Galteensaanii harki caalu alaa gala. Daladalli addunyaammoo sababa koronaatiin waan rakkoo hamaa keessa galeef sadarkaa hammaataarra jira. Isarra darbeemmoo sharafni alaa madaalliisaa kan eeggate miti.

ALA bara 2010 Baankiin Addunyaa qarshii Itoophiyaa %10n gadi buuseera; bara 2017 ammoo %15n gadi buuseera. Kan bara 2017 irraa kaasee hanga yoonaatti jiru ilaalle %54n gadi bu’eera. Omishni nyaataafis ta’u warshaaf biyya alaatii galchinu hundi doolaaraan gala, doolaarrimmoo qarshii qaaliidhaan jijjiiramee gala jechuudha. 

Sharafa kana Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa hanga barbaadamu waan hinto’anneef qaala’insi garmaleen akka dhufuuf sababa ta’eera jechuudha. Kanaafis igatii konkolaataa, sibiilaa, zayitii, paastaa, makarooniifi kkf alaa galan ilaaluun ni danda’ama. Gocha kana ani akka dhuunfaatti akka waan bulchiinsi ittigaafatamummaan itti hir’atettin ilaala.

Walumaagalatti yommuu wantooti kunneen ilaalaman siyaasa biyya keenyaa waliin kan walqabataniidha. Siyaasni keenya tasgabbaa’aa, dirreensaa bal’aa, hirmaachisaa, abbootii qabeenyaa dhuunfaa kan hirmaachisu utuu ta’ee biyyi keenya nagaa tasgabbaa’aafi waarawaa qabaatti. Nagaa waarawaa yoo qabaatte rakkoolee koronaa, awaannisaa, faalama qilleensaafi kkfn walqabatanii dhufan  hunda dandamachuufi mo’achuun inuma danda’ama.

Isa akka hindandammanneef humna biyyaalessaawaa, tokkummaa, ummataafi kkf dhabne. Kanneeniif ammoo faloota garagaraa ittitolchinee, omisha kanas dafnee utuu fala itti kennineerra ta’ee rakkoo hammaataa hindhufu.

Haala qabatamaa amma jiruun yoo ilaalle abbaan qabeenyaa Tigreen tokko Oromiyaa ykn Amaaraatti invasti hingodhu. Sababnisaas rakkoon siyaasaa biyyattii keessa ture rakkoo omishtummaa daballee, hanqina omisha gabaatti dhihaatuu furuuf akka hindandeenye taasiseera. 

Furmaata

Inni jalqabaa haalduree tokko malee siyaasa biyya kanaa dafanii fayyisuun barbaachisaadha. Yoo siyaasni hinsirratiin dinagdeen, hawaasummaan, hariiroon ummataa hinsirratu. Siyaasni nagaa hinqabu taanaan omishuma omishamallee raabsuu hindandeessu.

Fakkeenyaaf omisha Finfinneefi naannawaasheetti omishame Tigraayitti raabsuun hammam rakkisaa akka ture ilaaluun ni danda’ama. Wallagga keessa ba’anii omisha Beenishaangul Gumuz geessuun rakkisaa ture.

Siyaasni biyyattii akkamitti fayya, maaltu godhamuu qaba isa jedhummoo warra siyaasaatu beeka. Yoo kun sirrate isa kaan sirreessuun baay’ee salphaadha.

Inni biraa sharafa alaa to’achuu keessatti Baankiin Biyyaalessaa tasgabbaa’uu qaba. Sharafa biyya alaa argachuuf, abbootii qabeenyaa biyya alaaa akka dhufaniif jecha guyyaadhaa gara guyyaatti qarshii Itoophiyaa gadi buusuun deemuun diigamsa biyyaa fida.

Qarshiin Itoophiyaa amma gadi bu’e dafee %25tti ykn bakka tureetti deebi’uu danda’uutu irra jiraata. Kun yoo deebi’ee Itoophiyaa waa tokko waan miidhu hinqabu. Sharafa ofii gadi buusuudhaan dinagdee biyyattii fayyisuun hindanda’amu.  Imaammataafi saayinsii mataasaa danda’e qaba.

Yoo kana ta’e yoo xiqqaate gatiin omishaalee alaa galanii akka tasgabbaa’u waan taasisuuf warshaaleen galtee biyya alaa fidatanii omishan gatii madaalawaan omishanii gatii madaalawaan akka gurguran isaan taasisa.

Inni biraan, abbootiin qabeenyaa, rogeeyyiifi hawaasni haala ittigaafatamummaa qabuun hojii biyyattiitti hojjetamurratti hirmaachuu qabu. Hojiin invastimantii baay’inaan biyyattiitti hojjetamu kan karaa qaxxaamuraatiin nama duroomsuudha.

Lafa, mana ijaaruufi gurguruu, wajjin kan walqabateedha. Kanarra darbee warshaa dhaabuu, qonna ammayyeessuu keessatti hirmaachuun irra jiraata. Kun yeroo fudhatus dinagdee biyyattii isa amma rakkoo keessa bu’e fayyisuu qofa osoo hintaane guddina saffisaa ni fidna jennee hawwinu bira ga’uun tarree biyyoota galii giddugaleessaa hiriiruu dandeenya. Kanaaf kutannoofi ittigaafatamummaa abbootiin qabeenyaa Chaayinaa, Kooriyaa, Taayilaandiifi kanneen biroo biyyasaaniif qabanirraa barachuun barbaachisaadha.

Rogeeyyiifi namoonni tokko tokkommoo wantoonni miidiyaalee hawaasaarratti barreessaafi gadhiisaa oolan abbootii qabeenyaa biyya alaa kan harkisuu miti, inni biyya keessaayyuu aanaadhaa aanaatti akka hinhojjenne kan taasisuufi kan abdii isaan kutachiisuudha.

Kanaaf wantoota maxxansaniif ittigaafatamummaa guddaadhaan hojjechuu qabu. Nutu biyya kana awwaalaafi hallayyaa keessaa hinbaanetti galchaa jira. Kanaaf rogeeyyiin miidiyaa garagaraatti waa’ee biyyatti gadhiisan haala ittigaafatamummaa qabuun ta’uu mala.

Miidhaa vaayirasiin koronaa, faalamni qilleensaa, weerarri awaannisaa fiduurra isa marsariiti hawaasaarratti halkaniifi guyyaa nagaa biyya kanaa dhabsiisaa oollutu qisaasama dinagdee hamaa fida. 

Qaal’inni gatii tibbana dabale gatiin boba’aa waan dabaleef qofa kan dhufe miti. Inni dhiibbaa qabaatus harki caalaansaa sharafa alaa wajjin kan walqabatuudha. Waan baay’ee biyya alaarraa binnee galchina. Addunyaan sababa koronaatiin omisha dhaabdeetti.

Murtoo Baankii Daldala Itoophiyaa dhiheenya kanaa

Asirratti wantiin osoo hinkaasiin darbuu hinbarbaade waa’ee hayyoota dinagdee hoggantoota biyyattii gorsaniiti. Murtoo dhiheenya baankichi baasee yoo dhalli baankii dabale namni qarshii baasee ittifayyadamurra baankii kaa’u filata.

Yeroo mana baankii kaawwatummoo dhalasaattin fayyadama jedhee waan yaaduuf ittiin nyaateefi ittiin dhugee hinballeessu. Yoo ittiin nyaatee hindhugu ta’eemmoo fedhiin baay’ee hindabalu waan ta’eef gatii gadi buusuun ni danda’ama kan jedhuudha.

Kun garuu yeroo akkanaa keessatti miti kan ta’u. Saayinsii dinagdees kan faallessuudha. Sababnisaas rakkoon amma uumame fedhiin dabaluurraa ka’ee kan uumame miti. Utuu galiifi sadarkaan jireenyaa namoota hundaa dabalee fedhiinis dabale ta’ee dhala baankii dabaluudhaan namni mana baankii akka kaawwate fayyadamu taasifama ture. Amma garuu rakkoon isa miti; akka waliigalaatti waan omishni hinjirreef dhufe. Dhukkubni waan biraa qorichi waan biraa yoo ta’e malee murti furmaata fidu hinqabu.

Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 13/2013

Recommended For You

185 Comments to ““Siyaasa biyyattii haalduree tokko malee fayyisuu baannaan dinagdeenis hinfayyu” -Doktar Guutuu Teessoo”

  1. Pingback: hit789
  2. male enhancement pills [url=http://drugs1st.store/#]pharmacy online[/url] over the counter ed

  3. erectile dysfunction pills [url=http://drugs1st.store/#]is ed reversible[/url] medicines for ed

  4. india pharmacy [url=http://indianpharm1st.com/#]indianpharmacy com[/url] Online medicine home delivery

  5. sweetbonanzatrpro [url=https://sweetbonanzatr.pro/#]sweet bonanza[/url] sweet bonanza nas?l oynan?r

  6. sweet bonanza nas?l oynan?r [url=http://sweetbonanzatr.pro/#]sweet bonanza nas?l oynan?r[/url] sweet bonanza nas?l oynan?r

  7. medication from mexico pharmacy [url=https://mexicanpharm24.cheap/#]mexico pharmacy cheap[/url] buying prescription drugs in mexico online

  8. best online pharmacy india [url=https://indianpharm24.pro/#]India pharmacy delivery[/url] top 10 online pharmacy in india

  9. mexico pharmacies prescription drugs [url=https://mexicanpharm24.cheap/#]Legit online Mexican pharmacy[/url] medication from mexico pharmacy

  10. erectional dysfunction [url=http://pharm24.pro/#]low cost prescription[/url] impotence pills

  11. online pharmacy india [url=https://indianpharm24.pro/#]Order medicine from India to USA[/url] п»їlegitimate online pharmacies india

  12. mexican drugstore online [url=http://mexicanpharm24.cheap/#]mexican pharm 24[/url] mexico drug stores pharmacies

  13. viagra without a doctor prescription [url=http://pharm24.pro/#]cheap drugs online[/url] male erection pills

  14. slot tr online [url=https://slot-tr.online/#]az parayla cok kazandiran slot oyunlar?[/url] slot tr online

  15. guvenilir casino siteleri [url=https://casinositeleri.win/#]guvenilir casino siteleri[/url] Canl? Casino Siteleri

  16. Casino Siteleri [url=https://casinositeleri.win/#]Canl? Casino Siteleri[/url] guvenilir casino siteleri

  17. Pingback: sell weapons
  18. cheap medication online [url=https://canadiandrugsgate.com/#]Canada pharmacy online[/url] ed meds online canada

  19. medication from mexico pharmacy [url=https://mexicanpharmgate.com/#]mexico pharmacy[/url] mexican pharmaceuticals online

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *