Jijjiirama siyaasaa biyyattiitti taasifameen walqabatee Oromiyaan lixaa rakkoolee nageenyaa gara garaa keessa turuun ni beekama.
Yeroo ammaa kanatti immoo haalotni sun dhawaataan dhawataan geeddaramanii gara nageenyaatti waan deebi’aniif sochiin ummataa idilaa’eera.
Keessattuu giddugala Oromiyaa lixaa kan taate Naqamteefi naannoonshee yeroo ammaa haala keessa jirturratti akka nuu ibsaniif kantiibaa magaalattii, Obbo Bariisoo Tamasgeen keessummaa maxxansa kanaa taasifanneerra.
Bariisaa: Haala nageenyaa yeroo ammaa magaalattiifi naannawashee jirurraa eegalluu?
Obbo Bariisoo: Jijjiirama siyaasaa biyyattiitti taasifameen walqabatee garri lixaa kun dhabiinsa nageenyaa ulfaataa keessa ture.
Burjaajiin ummanni jijjiirama siyaasaa biyyattiitti dhufeen walqabatee keessa tureefi qaamota karaa qaxxaamuraatiin aangoo dhuunfachuuf socho’aa turaniin naannawichi rakkoo hamaaf saaxilamee ture.
Amma garuu Naqamtee dabalatee haalli nageenyaa iddoowwan danuutti yeroorraa yerootti fooyya’aa dhufee gara nageenya amansiisaatti ta’eetti deebi’eera.
Ummanni magaalattiis rakkoo nageenyaa tokko malee gara jiruu idileesaa gaggeeffachuutti ce’eera.
Yeroo kanatti wanti akka sodaatti ka’u tokkollee hinjiru. Wantoonni hundi tasgabbaa’anii amansiisaarratti argamu.
Nageenyi amansiisaan kun immoo akkanumatti kan dhufe osoo hintaane wareegama qaamolee nageenyaa, hoggansa sadarkaale adda addaarra jiruufi hirmaannaa ummata nagaa barbaaduutiin kan argameedha
Nageenyi waan hunda kan dursuufi bakka nageenyi hinjiraannetti hojjatanii of jijjiiruun hafee jiraachuufiyyuu wabiin akka hinjirre ummanni hubachaa dhufeera.
Mi’aa nageenyaa dhandhamachuudhaan wantoota nageenya booreessanirraa of qusachuu qofa osoo hintaane irratti qabsaa’uudhaan nageenyi kun akka argamu gochuu keessatti shoorri ummataa olaanaa ture.
Hojiin nageenyarratti hawaasaaf hubannoo uumuu kun qaamota hoggansaatiin irratti xiyyeeffatamee hojjatamaa tureera.
Jijjiirama siyaasaa dhufeen walqabatee rakkoon gara lixaatti mul’ate xiqqoo kan iddoo biraarraa adda ture. Aadaafi duudhaan ummanni sabaan gara gara ta’ee, amantiin adda adda ta’ee obbolummaan waliin jiraachaa ture akka walitti bu’u taasifamaa ture.
Qaamni hundi hojiisaa dhiisee dirree siyaasaarratti akka taphatu ta’e, seera kabajuurra gara seera cabsuutti ce’amee ture. Kun daandii dheeraa kan nama adeemsisu waan hintaaneef mootummaan dhaabbatee of ilaaluuf dirqame.
Akkuma heerri biyyattii ifa godhuun ergamoota mootummaa keessaa inni duraafi ijoon olaantummaa seeraa kabachiisuufi nageenya ummataasaa eegsisuu waan ta’eef haalota turan sirreessuuf qaamolee nageenyaa wajjin kallattumaan gara olaantummaa seeraa mirkaneessuutti galame.
Hojii qindaa’aa qaamolee nageenyaa, hoggansaafi ummata naannawichaa hirmaachisuun hojjatame kanaan yeroo ammaa nageenyi amansiisaan magaalattiifi naannawasheetti bu’eera.
Bariisaa: Nageenyi magaalattiifi naannawasheetti uumamuusaatiif agarsiiftuun jiraa?
Obbo Bariisoo: Nageenyi amansiisaan magaalattiifi naannoosheetti uumamuusaatiif agarsiiftota hedduu kaasuun ni danda’ama. Kanneen keessaa inni jalqabaa hawaasni dur sodaa nageenyaatiif sochii daangessee manatti galee ture yeroo ammaa sodaa nageenyaa tokko malee bahee hojii idileesaarratti bobba’ee galuu danda’uusaati.
Wanti ummanni magaalichaafi naannawashee barbaadu misoomaafi nageenya qofa. Bakka nageenyi hinjirretti hojiin misoomaa kamuu adeemsifamuu waan hindandeenyeef sochii nageenya mirkaneessuu booda hunduu fuulasaa gara misoomaatti deebifateera.
Mootummaan immoo olaantummaa seeraa mirkaneessuudhaan nageenyi iddoo dur turetti akka deebi’u taasisee hawaasicha sodaa keessaa baasee gara misoomaatti akka bobba’u dandeessiseera.
Tokko tokkoon hawaasa naannawichaa ambaasaaddara nageenyaa ta’uun waan irra jiraatuuf hojiin hubannoo uumuuf dhimmicharratti hojjatames waan akka salphaatti ilaallamu miti.
Wantoota magaalattiitti nageenyi mirkanaa’uu agarsiisan keessaa inni biraa immoo torbee sadiin dura hiriirri deeggarsaa Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahamdiif bahame rakkoo nageenyaa tokko malee karaa nagaa ta’een adeemsifamee xumuramuusaati.
Ummanni deggarsachaaf hiriira bahe hundi waan baheef dabarfatee nagaan gara manasaatti deebi’uu danda’eera.
Ayyaanni ummanni hedduu irratti hirmaatu, ayyaanni Cuuphaas haala ho’aadhaan nagaadhaan kabajamuun nageenyi amansiisaan magaalattiitti uumamuusaatiif agarsiiftuu biraati.
Hunda caalaa garuu Yunversiitiin Wallaggaa haala kanaan dura hinbaratamneen eebba barattoota kaampaasota hundaa iddoo tokkotti, Magaalaa Naqamtee, Israasiyeemii Wallaggaatti adeemsisee rakkoo nageenyaa tokko malee xumuramuun agarsiiftuu hunda caaluudha.
Sirna eebbaa kanarratti yoo xiqqaate namoota kuma 15 ol ta’antu hirmaate. Kana keessatti osoo bishaan tokkollee hinjigne hunduu waan iddoo sanatti argameef raawwatatee nagaan gara dhufetti deebi’eera.
Kana keessatti qaamoleen nageenyaa dursanii itti qophaa’uudhaan hojii boonsaa hojjachuun akkuma jirutti ta’ee, ummannji magaalattiis nageenyarratti hubannoo qabu cimsachuusaatiin shoorri inni achirratti qabu olaanaa ture.
Ummanni magaalattiifi naannawashee jiraatu immoo nageenya argamaa jiruufi yerorraa yerotti fooyya’aa jiru kanarratti gammachuusaa ibsachaa jira.
Kanaaf nageenyi amansiisaan magaalaa Naqamteefi naannawasheetti uumamuusaatiif jecha caalaa kan mirkaneessu gocha achitti raawwatamaa jiruudha jechuun ni danda’ama.
Bu’aan gama nageenya mirkaneessuutiin galmaa’aa jiru kun immoo qindoomina qaamolee sadiiniitiin kan raawwatamaa jiruudha.
Mootummaan olaantummaa seeraa mirkaneessuufi qaamota gocha seeraan alaarratti bobba’an seera jala oolachuu eegaluun, ummannis sochii mootummaan seera maleessummaarratti taasisaa jiru fudhatanii ga’eesaanii bahachuu eegaluufi qaamoleen nageenyaa immoo kutannoofi wareegama nageenya mirkaneessuuf taasifamu hundaa fudhachaa jiraachuun nageenya amma bu’eef iddoo olaanaa qabu.
Keessattuu hoggansi magaalaafi naannawashees dhiibbaa gama hundaa gidduu dhaabatanii olaantummaa seeraa mirkaneessuun dhimma ijoo ta’uu hubachuudhaan kutannoon ummata tajaajiluuf waadaa galan qabatamaan gara hojiitti hiikaa jiru.
Bariisaa: Kanaaf haalli nageenyaa kun filannoo gaggeessuuf haala mijataa ni uuma jettuu? Hojiileen misoomaa yaadaman maal fa’i?
Obbo Bariisoo: akkuma beekamu Oromiyaa lixaa dabalatee kutaan biyyattii gara lixaa kun rakkoolee gara garaa nageenyaan walqabatan keessa turan. Jijjiirama siyaasaa biyyattiitti taasifameen walqabatees qaamoleen gara garaafi namootni dhuunfaan jijjiiramicha hinfudhanne hindhabaman.
Akka waliigalaatti yemmuu ilaalamu garuu, kan jijjiiramicha hinfudhanne kan caalu warroota jijjiiramicha fudhataniifi deeggaraniidha.
Jijjiiramicha fudhachuu dhabuu qofa osoo hintaane jijjiiramicha gufachiisuufis sochiiwwan gara garaa taasifamaa turaniiru.
Waggoota lama dura Oromiyaafi Beenishaangul Gumuz gidduutti walitti bu’iinsa uumuudhaan ummanni akka buqqa’u taasifameera. Ummanni gama Oromiyaatiin buqqa’ee ture kuma 130 qe’eesaatti deebi’ee jiruusaa haala tasgabbii qabuun adeemsifachaa jira.
Gaafa jalqaba jijjiiramni dhufe jedhamee ibsamuu eegalu ummanni gara lixaa haala itti hubaterrattis rakkootu ture. Jijjiiramni kan dhufu ykn mootummaan tokko kan biraatiin yemmuu bakka bu’u qabsoo keessootti karaa nagaatiin taasifamuun osoo hintaane, afaan qawwee duwwaan akka ta’etti hubatamaa ture.
Kanarraa ka’uun bujaajii turetti fayyadamuun faddaaltotni siyaasaa garaagarummaa xixiqqoo ummattoota gidduu jiranitti fayyadamuudhaan hokkora gara garaa uumanii qaxxaamuraan aangoo qabachuuf sochii olaanaa gochaa turan.
Kanas ummanni dhawaataan hubaachaa waan dhufeef ajandaasaanii harkatti kuffisuu danda’eera. Sababa kanaanis nageenyi lixaa keessattuu kan Magaalaa Naqamtee mirkanaa’eera.
Namni fagoorraa waa’ee Naqamtees ta’e Oromiyaa lixaa yemmuu yaadu akka waan dirree waraanaa ta’aniitti. Garuu qabatamaan haalli lafarra jiru kan agarsiisu faallaa kanaati.
Kanaaf qaamni dhugaa lafarra jiru hubachuu barbaadu kamuu odeeffannoo fageenyarraa qabuun osoo hintaane, keessa oolee bulee gaafa ijasaatiin arge amana.
Misoomni kan hojjatamu yoo nageenyi jiraate qofa. Nageenyi akka mirkanaa’uuf erga qindoominaan hojjatamee injifannoon galmaa’ee booda xiyyeeffannoon gara misoomaatti ta’a.
Yemmuun gara gaaffii keetti deebi’u, mootummaa jijjiiramaa ammaa biratti filannoof jedhamee misoomni hojjatamus ta’ee dhagaan bu’uuraa kaa’amu hinjiru.
Hojiin misoomaa filannoof jedhamee gaggeeffamu hinjiraatu. Hojii misoomaa yeroo kaan dagatamee ture gaafa filannoon jala ga’u misooma misooma jechaa olii gadi fiiguun adeemsa sirna waggoota 27 keessatti baramaa tureedha.
Haalli sun immoo baay’ina dhagaa bu’uuraatiin ummata burjaajeessuun ala bu’aan ummataafis ta’e mootummaaf argamsiise hinturre.
Kanaaf haalli gaafa filannoon dhihaatetti ummata sobuuf maqaa misoomaatiin waan dura hin yaadamneefi hinkaroorfamneen as bahuu sirna amma jiru keessatti iddoo hinqabu.
Wanti hojjatamuu qabuufi durfamee karoorfamee bajatni qabameef yoo jiraate ni hojjatama. Wanti dura hinkaroorfamne garuu yoom akka hojjatamu ummataaf ibsamee kan bira darbamuudha malee sababa filannootiin waadaan sobaa galamu hinjiraatu.
Oromiyaa Lixaatti rakkooleen nageenyaa jijjiiramaan walqabatanii turan akkuma jiranitti ta’ee, magaalotatti garuu misoomni adeemsifamaa tureera.
Akka Magaalaa Naqamteettis hojiin daandii keessoo kobilistooniidhaan miidhagsuu, daandiiwwan keessoo suphuu, riqicha ijaaruufaa yeroo rakkoo sana keessallee raawwatamaa turaniiru.
Buufanni konkolaataa ammayyaa magaalattiitti qarshii miiliyoona 205 hojjatamaa jira. Ijaarsisaa yeroo ammaa dhibbantaa 40 irratti kan argamu yoo ta’u, deeggarsaafi hordoffii bulchiinsi magaalattii taasisaafii jiruun yeroo gabaabaa keessatti ni xumurama.
Manni barnootaa sadarkaa 2fa qarshii miiliyoona 35 ta’uun ijaaramaa jirus qaamuma pirojektii magaalattiitti yeroo ammaa gaggeeffamaa jiruuti.
Babal’ina daandii kobilistoonii magaalattiitiif immoo barana bajatni qarshii miiliyoona 170 ta’u qabamee gara hojiitti galameera.
Bariisaa: Barana akka magaalaatti pirojektota meeqa qabattan?
Obbo Briisoo: Waliigalaan magaalaa keenyatti pirojektota 42tu raawwatamaa jiru. Kanneen keessaa 36 haaraadha. Pirojeektota buleeyyii jaha keessaa afur kan xumuraman yoo ta’u, lameensaanii dhibbantaa 99 irra jiru. Pirojeektota haaraa barana magaalattiitti eegalamaniif qarshii miiliyoona 117tu qabame.
Pirojektonni kunniin yeroo qabameef keessatti akka tumuramaniif kallattiin addaa taa’eera.
Bariisaa: Dhugaan bu’uuraa kanaan dura warshaa guddaa maangoofi timaatima cuunfu naannawa kanatti ijaaruuf kaa’amee ture akkan ta’e?
Obbo Bariisoo: Waggoota 27 darbanitti dhagaan bu’uuraa hinkaa’amiin hinjiru jechuun ni danda’ama. Kanuma ati jette kana akka fakkeenyaatti yoo fudhanne dhagaan bu’uuraasaa kan kaa’ame bara 2006 keessa.
Hanga baranaatti garuu osoo homaa hinhojjatamin akkanumatti taa’aa ture. Dhiheenya kana garuu hoggansi walgeenyee dhagaawwan bu’uuraa tanaan dura kaa’man yokn hojjatamuu qabu, yoo hindanda’amne immoo buqqa’uu qabu jechuudhaan gara sochiitti galleerra.
Yeroo ammaa kanattis qaamotni warshaa kana hundeessaniifi bulchiinsi naannawichaa walii mallaeessee gara hojiitti galameera.
Ijaarsa warshichaatiif kaappitaalli jalqabaa qarshii miiliyoona 211 ramadamee kontiraaktaroota waliin mari’atamaa kan jiru yoo ta’u, kan hundeeffamu immoo ‘PLC’dhaani.
Hundeessitootniifi abbootni warshaa kanaa; Yunversiitii Wallaggaa, Tumsaa Indawumantiifi Bulchuunsa Magaalaa Naqamteeti.
Ijaaramuun warshichaa ummata naannawichaatiif faayidaalee guguddoo lama qabaata. Inni jalqabaa ummanni dhiheenyatti iddoo omishasaa gatii fooyya’aadhaan ittigurguratu argata, inni lammataa immoo carraa hojii bal’aa banuusaati.
Jalqabuma kanarratti osoo gara hojii bal’aatti hingalin namoota 97f carraa hojii baneera. Warshichaa lafa hektaara jaharratti ijaaramu kun gaafa sirnaan jalqabameefi xumuramee hojiitti galu lammiilee hedduuf carraa hojii ni bana.
Haaldureen xumuramee Gurraandhala 30 bara 2013 hojiitti kan galamu yemmuu ta’u, kanaan dura waan hedduu lafarra harkifate tureef yeroo waggaa tokko hincaalle keessatti ijaarsisaa ni xumurama jedhamee eegama.
Bariisaa: Rakkoo bishaan dhugaatii Magaalaa Naqamtee furuuf maaltu hojjetamaa jira?
Obbo Bariisoo: Rakkoo bishaan dhugaatii yeroo dheeraaf magaalattii muudachaa ture furuuf tarkaanfiiwwan gara garaa fudhachuurratti argamna.
Wanti rakkoo ta’e inni guddaan hangi bishaan ammaan tana magaalattiif dhihaachaa jiru isuma yeroo baay’inni jiraattotaa kuma 50 tureeti.
Bishaani ummata kuma50f qophaa’etu amma ummata kuma 200 ta’uuf dhiyaachaa jira. Kanaaf tilmaamni gaafa duraa kaa’ameefi tajaajilli har’a kennamu kan walsimu miti. Fedhiifi dhiheessiin jiru walsimuu hindandeenye jechuudha. Baay’inni ummata magaalattii dachaa sadii oliin dabalus dhiheessiin bishaan dhugaatii garuu isuma jalqaba sana.
Kana qofa osoo hintaane, yeroo ammaa magaalattii keessa dhaabbilee bishaan baay’inaan fayyadaman hedduutu jiru. Yunversitootaafi kolleejjota, buufata fayyaafi hospitaalota, ijaarsa gamoowwaniifi kanneen biroo heddutu jiru. Kunniin hundi waan bishaan barbaadaniif hanqinichi akka hammaatu ta’eera.
Godaansi ummataa baadiyyaarraa gara magaalaatti taasifamuufi magaalotarraa gara magaalotaatti taasifamus hanqina kanaaf shoora mataasaa qaba.
Dhiheessiin bishaanii amma magaalattiin qabaachuu qabdu baay’ina ummataa amma jiruun malee kan waggoota hedduun duraatiin ta’uu qabu. Kanaafis dhaabbileen bishaan magaalattii hirachuudhaan hanqina uumaa jiran hanga danda’ameen madda bishaanii ofiisaanii akka horatan yaalamaa jira.
Akka fakkeenyaatti dur bishaan magaalattiirraa hirachaa kan ture Yunversiitiin Wallaggaa yeroo ammaa bishaan boollaa qopheeffachuuf tattaafachaa jira.
Dhaabbileen guguggoon kaanis fakkeenya kana akka hordofaniif jajjabeessaa dhiheessii bishaan magaalattii fooyyessuuf tattaaffii cimaa keessa jirra.
Bariisaa: Magaalaan Naqamtee akka umriisheetti guddachaa jirtii? Yoo hintaane immoo maaliif?
Obbo Bariisoo: Magaalaan Naqamtee hanga umriishee kan hinguddanne ta’uun ifaadha. Seena qabeettii taatus magaalaa dorgomtuu ta’uu hindandeenye.
Carraan guddachuuf qabdu garuu bal’aadha. Magaalattiin giddugala dinagdee biyyattii gara lixa ta’uu kan ishii dandeessisu haala mijataa keessa teessee gara hojiitti hiikkachuu dadhabde.
Keessattuu xiyyeeffannoon sirnoota darban keessa magaalattiif kennamus carraa bal’aa kanatti fayyadamtee guddina umriisheetiin giturra gahuu hindandeenye.
Ta’us buufata xiyyaaraa magaalattiirraa kiiloomeetira 40 fagaatee ijaaramu dabalatee paarkiin indastiriifaan hojjatamaa jiran guddina magaalattii ni si’eessu jennee yaadna.
Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 13/2013
2 Comments to ““Naqamteen magaalaa seenaqabeettii taatus dorgomtuu ta’uu hindandeenye” -Obbo Bariisoo Tamasgen”