Tola ooltummaa (volunteerism) jecha jedhu yeroo jalqabaaf galmaa’ee kan agarru bara 1755 akka ta’e namootni hedduun irratti walii nigalu jedheen amana. Ta’us jechi kun bara caqafame kana dura waraana keessatti hirmaachuu, hojii garaa garaa gargaaruufi kkf., wajjin wal-qabatee bara 1630 keessa iyyuu akka ture beekamaadha. Tola ooltummaa jechuun namni dhuunfaan yookaan gartuun ijaaramuun yeroofi humna isaanii tajaajila hawaasaa irra oolchuu jechuudha. Namootni tokko tokko hojii tola ooltummaa gama barnootaa isaaniin akka kennan agarra. Fakkeenyaaf akka barsiisummaa, balaa tasaa uumamu jalaa namoota oolchuu, yaalii fayyaafi kkf., irratti yeroo namootni hirmaatan arguun keenya hinoolle.
Hojii tola ooltummaa kana egaa jaarraa 19ffaa keessa caalaatti kan mul’ate sochii garbummaa daangessuu keessatti.
Ilmi namaa bitamee akka hingurguramneef tattaaffii godhame keessatti wantoota hedduu agarra. Isa kanaafis tokkummaan dargaggootaa kan akka YMCA (Tokkummaa Dargaggoota Addunyaa), uummatni Ameerikaa yeroo walii isaa waraanaa ture ammoo harmaatiin gurmaa’uun uccuu loltootni itti fayyadaman hodhuufi gargaarsa addaa addaa gochaa turan.
Warri akka Clara Bartoniifi gartuun ishees namootaaf hojii tola ooltummaa kennuu keessatti akka hirmaannaa cimaa qabaachaa turan seenaan isaanii ni addeessa. Itti fufuun Barton bara 1881 dhaabbata Fannoo Diimaa biyya Ameerikaa keessatti hundeesseera. Dhaabbata Fannoo Diimaa hundeessuu qofa utuu hinta’in namootni of-kennuun hojii tola ooltummaa kana keessatti akka hirmaatan carraaqqii cimaa gochaa tureera. Bara 1889 lolaa hamaa (Johnstown Flood) kan jedhamu yeroo namoota hedduu miidhe akka namootni tola ooltummaa keessatti hirmaataniifi akka of-kennan taasiseera. Itti aansuun Adoolessa bara 1919 Infuluweenzaan yeroo namoota hedduu miidhe guutummaa addunyaa irraa tola ooltotni walitti qabamuun rakkoo qufaa cimaan hawaasa irraan ga’e kanaaf gargaarsa godhaniiru.
Dhaabbatni akka ‘Salvation Army’ jedhamuus miidhamtoota addaa addaa irratti hojjechaa tureera. Dhaabbatni gargaarsaaf hundaa’e kun tarii dhaabbilee uummata rakkoo keessa jiran gargaaruuf hundeeffaman keessaa warra jalqabaa keessa jira jechuun nidandaa’ama. Isa kanatti aansuun dhaabbileen gargaarsaa hedduun kan akka ‘Rotary International’, ‘Kiwanis International’, ‘Lions Clubs Internationaliifi kkf., dhaabatanii hojii ciccimaa hanga har’aatti hojjechaa jiru. Yeroo waraana Addunyaa isa lammaffaas namootni hedduun gurmaa’uun namoota madaa’an gargaaraniiru, loltoota rakkoo qaban cina dhaabachuun tumsaniiru, gargaarsas walitti qabaniiru. Loliinsa kana booda garuu daangaa isaanii bal’ifachuun namoota naannoo isaanii qofa utuu hinta’in daangaa ce’uun ilmaan namootaa qomoofi eenyummaa isaaniin utuu hindaangessin gargaaruuf karoorsan.
Isaan kana keessaa gartuu nagaa kan jedhaman biyya Ameerikaa keessa turan. Isaanis biyya isaanii alatti hojjechuuf bara 1960 wiixineessan. Keessumatti bara 1964 Prizidentiin biyya Ameerikaan Lyndon B. Johnson yeroo duula hiyyummaa irratti labse namoota tola oltummaa keessatti hirmaataniif carraa guddaatu baname. Sababiin isaa isaanis namoota rakkoo garaa garaa keessa jiran gargaaruuf of kennanii hojjetaa turan waan ta’eef mul’atni isaanii akka caalaatti gara ijaatti geeddaramuuf taasiseera. Hojiin tola ooltummaas isa durii caalaa seera qabeessa ta’aa dhufe. Addunyaa irrattis beekamaa dhufe. Akka qorannoo waggaa muraasa dura addeeffameetti biyyi Ameerikaa yoo xiqqate namootni dhibbeentaan 26.5 ta’an torbeetti sa’a sadii ol hojii tola ooltummaaf yeroo kennan waggaatti sa’a 125-150 ta’a. Inni kun horiitti yeroo tilmaamamu doolara biliyoona 175 ol ta’a.
Hojii tola oltummaa keessatti sa’a muraasa utuu hinta’in jireenya isaanii guutummaa kan kennan ammoo danuudha. Isaan keessaa muraasa yoo ilaalle namootni akka ‘Agnes yookaan Mother Teresa’, Abebech Goobanaa, Florence Nightingale, Henery Dumasiifi kkf agarra. Isaan kun guutummaa jireenya isaanii, mana isaanii, qabeenya isaaniifi kkf., kennuun ilmaan namoota rakkoo keessa jiran keessaa akka ba’aniif cina dhaabatan.
Isaan kana keessaa har’a gabaabaatti waa’ee Mather Teresa (maqaan isaanii jalqabaa Agnes Gonxha Bojaxhiu) kan jedhaman hojii kana keessatti gammachuun akka hirmaatan kan isaan taasise jaalala isaan ilmaan namootaaf qaban ta’uu isaa dubbatu. Agnees yookaan ‘Mather Teresaan’ Adoolessa gaafa 27, 1910 kan dhalatan yeroo ta’u nama hojii tola ooltummaa keessatti bu’aa guddaa buusaniifi har’a wantoota hedduu kan irraa barru waan hedduu qabna.
Jaalalliifi gara laafinni ka’umsa hojii isaaniiti. Kanaaf akkas jedhu, “Nama lamxa’aa qarshii kumaatama yoo naaf kennan qubaan hintuqu. Jaalallli ani ilmaan namootaaf qabu garuu fedha kootiin homaa tokko malee akkan isaan gargaaruuf nadirqisiisa”. Maanguddoon kun bara isaanii hundumaa namoota kufan kaasuun, bakka namootni nagaa dhabanitti nagaa labsuun, namoota namni gate cina dhaabachuun haala isaan keessa jiran keessaa baasuuf yaalii guddaa godhaniiru.
Yeroo tokko akkas jedhan, “Dhukkubni hamaan ilma namaa akka barbaachisaa hintaaneetti akka of-ilaalu, jaalala dhabuufi kkf., yeroo ta’u daawaan isaa ammoo qarshii guddaa hinbarbaadu. Jaalalaafi gara laafummaa qofa”. Namoota nama biratti akka gatii hinqabnetti ilaalamaniifi tarii ijoollummaa isaaniitii eegalanii jalaala maatii dabalatee dhorkamanii guddatan rakkoo gurguddaa kan akka ofitti amanamummaa dhabuu, biyyi lafaa kana keessa akka carraan jiru arguu dadhabuu, miirri isaanii tasgabbii kan hinqabne; miira madaalamaa kan hincalaqisiisne; akka nama eessa iyyuu ga’uu hindandeenyeetti akka of ilaalan; ofitti amanannaa akka dhabaniifi kkf., warra saaxilaman cinaa dhaabachuun haala isaan keessa jiran kana keessaa baasuus nidabalata.
Isa kanaaf ammoo akka dhuunfaattis ta’e akka walootti ijaaramanii hojii tola ooltummaa keessatti hirmaachuun namoota dhuunfaafis ta’e hawaasaaf bu’aa guddaa qaba. Kanaaf namootni akka Agenes (Mother Teresa) jireenya isaanii guutuu ilmaan namootaa bakka isaan itti kufan keessaa kaasuurra oolchaniiru. Namoota baay’een keenya har’a cina darbinee deemnu cina hintarre.
Namoota gargaarsa barbaadaniif of-kennoo turan. Akkaataa itti hojii tola ooltummaa keessatti guutummaatti galan yeroo dubbatan gaaf tokko utuu karaa irra deemanii dubartii daandii cina ciiftu qaama ishee raammoofi hantuutni qorqan tokko argan. Inni kun daran itti dhagaa’ame. ni gaddisiises cina taranii deemuus hindandeenye. Kanaaf dubartii daran nama gaddisiistu kanatti goranii lafaa kaasuun gargaarsa barbaachisaa kennaniif. Hordoffii barbaachisaas godhaniif. Inni kun garuu sammuu keessaa baduu hindandeenye. Gaaffii cimaa sammuu isaanii keessa kaa’ee. Waamichi isaanii maal akka ta’e akka of gaafatan taasise. Waggoottan muraasa booda gaaffiin kun Fulbaana 10, 1946 deebii argate. Gaaffii namoota kufaanii jiranii, gaaffii namoota rakkoo keessaa daandii ittiin baasuu dandaa’aniii, gaaffii waan gaarii hawaasa keessatti dalaganiitu Agneesiif deebii argate.
Kanaaf Agnees bara 1946 eegalee yeroo isaanii guutuu kennuun nama gargaaruu irratti dabarsuu eegalan. Bara 1948 ammoo biyya Hindii keessatti daa’imman jireenya gad-aanaa keessa jiraniif mana barnootaa ijaaraniif. Itti fufuun bara 1950 heeyyama mana amantaa Vaatikaan irra argachuun tola ooltummaa obboleettota misiyoonotaa jedhamu hundeessan. Namoota dhukkubsatoofi daa’imman warra hinqabneef, wiirtuu namoota dulloomaniifi kkf., hedduu eegalan. Hojii kanaaf ammoo namootni waan qaban irraa konkolaachiftoota taaksii irraa eegalee hanga kadhattoota karaa cina taa’anii kadhataniitti waan argatan irraa ni arjoomu turan. Agnees (Mather Teresa) yeroo hojii kana eegalan qabeenya guddaa hinqaban. Horii Hindii qarshii keenyatti hanga qarshii 2.77 (Kan Hiindiitti Rs. 5) qofatu harka ture. Kana jechuun Rupee warra Hindii shan qarshii Itiyoophiyaatti yoo baay’ate qarshii lamaafi saantima 77 ta’a. Inni guddaan qabeenyaafi badhaadhummaa utuu hinta’in jaalala namaaf qabaachuutu addaa addummaa fida. Ilaalcha gaarii namaaf qabaachuun jijjiirama fida. Namootni yeroo karaa cinatti kufanii raammoon isaan nyaatu, sareen madaa isaanii harraabdu kan akka nama hinagarreetti cina taran abbootiin qabeenyaa danuun nijiru.
Tokko karaa irra ciisee waan nyaatu dhabee yeroo du’u kan irraa hafee gatus nijira. Rakkinni dhalootaa kan itti hindhagaa’amne abbootiin qabeenyaa danuun jiru. Haa ta’u iyyuu malee namni kun qarshii hinqaban warra kufaniifi akka waan gatii hinqabneetti ilaalamaniif garuu ho’ina guddaa qabu.
Inni kun akka isaan jireenya isaanii irratti dhiibbaa guddaa geessisuu dandaa’aniif daandii cimaa ta’eera. Kanaaf mootummaan biyya Hindii akka Agnees lafa itti dhaabbileen garaa garaa hojii tola ooltummaaf oolan irratti ijaarsisaniif lafa kenneef. Isaanis bakka namoota lamxaa’oon (lepers) namni itti hindhiyaanne, jireenya qaaniifi namoota biratti ulfina hinqabne itti gargaaramanii jaalalaafi kabaja itti argatan yeroo argattetti horii ittiin ijaarsisan salphaa hinturre.
Agnees garuu horii ittiin ijaarsisan yeroo dubbatan, “Horiin rakkoo miti. Namootni nikennu. Horii caalaa garuu namoota warra dhukkubsatan, warra beela’an, namoota dullooman, namoota karaa cinatti kufan akka obboloota isaaniitti ilaalanii gargaarsa barbaachisaa godhaniif argachuutu caalaa nama rakkisa” jedhu.
Nutis har’a namoota dullooman gargaaruuf, namoota karaa cinatti kufanii qorra halkanii keessa qullaa ciisan kaasuuf, daa’ima abbaafi haadha hinqabne egereen isaanii dukkanaa’e jireenya isaanii geeddaruuf, dhukkubsataa namni irraa dheessu kaasuuf, namoota beela’an waan qabnu irraa hiruuf, daa’ima si’a tokko utuu hin nyaatin galgala bakka ciisichaa deemu cina dhaabachuuf meeqan keenyatti of-kennoodha?
“Tola ooltummaa keessatti horii caalaa namoota warra dhukkubsatan, warra beela’an, warra dullooman, warra karaa cinatti kufan akka obboloota isaaniitti ilaalanii gargaarsa barbaachisaa godhaniif argachuutu nama rakkisa”
Zarihun Gabree
Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 13/2013
6 Comments to “Nama dhibba gargaaruu yoo dadhabde nama tokko gargaaruu dandeessa! (Agnes/Mather Teresa)”