Kaanserii fiixee gadameessaa
Kaansariin fiixee gadamessaa kaansaroota dubartoota huban keessaa isa tokko. Biyyoota guddataa jiranitti kaansariin kun kaansaroota qaama walhormaataa huban keessaa sadarkaa jalqabaarratti argama.
Uumamuu kaansarii fiixee gadameessaatiif ga’ee guddaa kan taphatu vaayirasii maqaansaa “Human Papilloma Virus (HPV)” jedhamuudha. Vaayirasiin kunis akaakuuwwan dhibbaa ol kan qabuudha.
Maaltu kaansarii kanaaf nama saaxila?
Vaayirasiin kun walqunnamtii saalaatiin kan daddarbu yoo ta’u, jireenyasaaniirratti al tokko yoo xiqqaate namoota walqunnamtii saalaa godhanii beekan hunda qabuu danda’a.
Yeroo hedduu qaamni keenya vaayirasiin kun akka dhukkuba hinfidneef to’annaa jala olchuu kan danda’u ta’uuyyuu dubartoota tokko tokko irratti yeroo dheeraan (waggaa 15-20) booda seelii fiixee gadaamessaa gara seelii kaansarii kanaaf nama saaxılutti jijjiirruu danda’a.
– Hiriyyaa walqunnamtii saalaa wajjin raawwatan heddu qabaachuu.
Hiriyaa akkasii heddu qabaachuun carraa vaayirasii kanaan (HPV) qabamuu dabala. Haaluma kanaan carraa kaansarii kana horachuus ni dabala.
– Umrii xiqqeenyaarratti walqunnamtii saalaa jalqabuu
– Dhukkuboota walqunnamtii saalaatiin daddarban kanneen akka cophxoofi fanxoofaa qabaachuu. Dukkuboota kanniin qabaachuun carraa nuti vaayirasii ‘Human papilloma’ jedhamu kanaan qabamuu guddisa.
– Dhukkuboota dandeettii qaamni keenya dhukkuba akka haalaan hindandamannee ykn ofirraa hinittisne godhan kanneen akka ‘HIV/AIDS’fa’a carraa kaansarii kanaan gabamuu ol kaasu. Kana jechuun namoonni kaansarii fiixee gadaamessaa qaban hundinuu ‘HIV’ qaban jechuu miti. Isaan ‘HIV’ qaban hundi kaansarii kana qabaatu jechuus miti.
– Sigaaraa/tamboofi kkf aarsuu. Sigaaraa aarsuun akkuma carraa kaansaroota tokko tokko qabaachuu guddisu san carraa kaansarii fiixee gadamessaatiin qabamuus ol kaasa.
Mallattoolee kaansarii fiixee gadaamessaa
Kaansariin kun yeroo jalqabus ta’ee achi booda yeroo jiraniif mallattoo kan hinmul’isne yoo ta’u, erga turee booda mallattoolee armaan gadi mul’isa:
► Yeroo walqunnamtii saalaa godhan dhiiguu/dhiigni bahuu ykn mul’achuu.
► Yeroo walqunnamtii saalaa dhukkubbiin namatti dhagahamuu.
► Yeroo xuriin dugdaa tokko dhufe jidduutti dhiigni gadaameessa keessaa dhangala’uu. Kunis hir’ina dhiigaa fiduu danda’a.
Akkasumas dubartoota sababa umurii irraan kan ka’e laguunsaanii dhaabatee ture dhangala’uu jalqabuu. Dhangala’aan akka bishaanii jiru ykn kan dhiiga makatee foolii qabu jiraachuu.
► Dhukkubiin garaa gara gaditti (naannawa gadameessaatti) namatti dhaga’amu
Mallattoolee armaan olitti eeraman waliin, qaama huqqachuu, fedha nyaataa dhabuufi dadhabiin mul’achuunfaas ni jiraata.
Kaansarii kana akkamiin ofirraa ittisuu dandeenya?
• Wantoota isaaf nama saaxilan kanneen armaan olitti ibsamanirraa of qusachuun.
• Biyyoota guddatanitti talaalliin vaayirasii ‘Human papilloma’ kan kaansarii kanaaf shoora guddaa taphatu, otoo walqunnamitii saalaa hinjalqabin dubartoota naannawa waggaa 9-13 jiraniif ni kennama.
Umrii waggaa 21 irraa kaasee qorannoo waggaa sadii sadiin godhamu kan ‘pap smear’ jedhamu fiixee gadameessaarraa fudhamaa waan godhamuuf qorannoo kana gochuun daran barbaachisaadha. Qorannoon kun jijjirama seeliin fiixee gadameessaa gara kaansariitti jijjiramuuf godhaa/deemaa jiru waan agarsiisuuf utuu kaansarii hinta’in ykn utuu kaansarichi hinjabaatin waan mul’atuuf yaala isaaf godhamurratti faayidaa guddaa qaba. Kanaaf qorannoo ‘pap smear’ kana yeroo yeroon (waggaa sadii sadiin) gochuun daran barbaachisaadha.
Akkaataan yaala kaansarii kana sadarkaa inni irra jiruun ilaalamee yaaliin/opereeshiinin, fi/ykn qorichaan/keemooteerapii/fi/ykn carallaan ta’uu mala.
Kaansarii harmaa
Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa baasetti, daqiiqaa tokko keessatti dubartoonni afur kaansarii harmaatiin akka qabaman ni himama. Kaansariin harmaa akka biyya keenyaattis tahe guutuu addunyaatti dhibee beekamaafi lubbuu dubartoota hedduu galaafachaa jirudha.
Kaansariin kun saala lachuurratti mul’achuu danda’a, garuu harki daran guddaan dubartootarratti. Dhiirotarratti ammo taateensaa hammaan baay’ee xiqqoo ta’us darbee darbee ni mul’ata.
Biyyoota guddatanitti duuti kaansarii kanaan dhufu hir’acha jira, sababnisaas osoo inni miidhaafi sadarkaa hamaarra hingahin adda baasuun dabalaa waan dhufeefi yaallisaas yeroon godhamuu waan eegaleefi.
Sababoonni kaansarii harmaaf nama saaxilan:
- Seenaa maatii kana yoo jennu abbaa, haadha, akkasumas fira dhiigaa baayyee dhihoo tale kanaan dura dhibee kanaan qabamee yoo jiraate, carraan dhibee kana qabaachuu jiraachuu danda’a.
- Umrii (kana jechuun akkuma umriin dabaluun carraan dhibee kana dabalaa deema, yeroo baayyee garuu umrii 50 ol)
• Alkoolii baay’isanii dhuguufi tamboo aarsuu
– Marsaan laguu dafee dhufuu/umurii ijoollummaan dafanii marsaa laguu arguu (early menarchy)
– Dubartoonni daa’ima erga umriin turanii, (30) booda godhachuu
– Yaala hormoonii erga marsaan laguu dhaabatee fudhatamu (Hormonal replacement therapy)
– Marsaan laguu waggaa baay’ee turee dhaabachuu (late menopause)
– Dubartii daa’ima deessee ykn ulfooftee hinbeekne.
– Yoo kana dura kaansarii harmaa isa gara tokko kan qabaatan ta’e
– Ulfaatina qaamaa garmalee
• Carariif kan saaxilamanii beekan yoo ta’e (radiation exposure).
Mallattoolee kaansarii harmaa
• Dhiita’uu harmaafi garaagarumman amma guddinaa (size) harma lamaanii jiraachuu
• Bocniifi bifti gogaa harmaa jijjiiramu, akkasumas madaa’uu ykn diimachuu
• Fiixeen harmaa gara keessatti deebi’u (inverted nipple) akkasumas malaa ykn dhangala’aan dhiiga makate fiixee harmaan bahuu.
• Dhiitaan bobaa jalaa jiraachuu
• Dhukkubbi harmaa; yeroo jalqaba eegalu dhukkubbii qabachuu dhiisuu danda’a, garuu booda erga madeesse dhukkubbiin jiraachu danda’a.
Akkasumas yoo qaama birootti tatamsa’ee jira ta’e, qaama san waliin walqabatee mallattoo agarsiisu danda’a, fknf yoo sombatti tamsa’e jira ta’e; mallattoolee yeroo dhibee sombaa biroo kan akka qufaa, dhukkubbiin lapheefi kkf jiraachuu danda’a.
Mallattooleen kunneen jiraachuun guutummaatti kaansariidha jechuun hindanda’amu. Kaansariin ala wantootni mallattoolee armaan olii kana fidan biroos ni jiru. Kana adda bafachun kan danda’amu qorannoo qofaani. Yeroo mallattoo kanneen ofirratti argine dafnee mana yaalaa deemuun adda baafachuun barbaachisaadha.
Yoo kaansarii ta’uunsaa yeroon beekame; osoo sadarkaa olaanaarra hingahiiniifi miidhaa guddaa hinqaqqabsiisiin yaala yoo kan argattan ta’e, carraan lubbuun yeroo dheeraa jiraachuu ni jiraata.
Akkamitti ofirraa ittisna?
Akkamitti ltisuun danda’ama?
-Alkoolii dhuguu dhiisuu
-Tamboo xuuxuu dhiisuu
-Sochii qaamaa gochuu
-Furdina qaamaa hir’isuufi nyaata cooma qabu hir’isuu
-Daa’ima yeroon (umurii mana 20 keessatti) godhachuufi sana booda harma sirriitti hoosisuu
-Yeroo yerootti harma lamaanuu qaqqabachuun wanti jajjabaataan ykn dhiita’e harma keenya keessa jiraachuufi jiraachuu dhiisuusaa of saakatta’uu.
-Maatii keenya keessaa haati ykn firoota dhihoo haadhaafi abbaa keessaa namni kanaan dura dhibee kana qabu yoo jiraate, yeroodhan mana yaalaa deemun qorannoo ogeessi fayyaa ajaje qorachiisu.
-Qoricha yeroo baay’ee erga marsaan laguu dhaabatee booda (menopause) hormooni1’estrogen’ jedhamu kan qaama dubartootaa keessaa hir’atu’, bakka buusuuf kan fudhatamu (HRT) fudhachuu dhiisuu! Wanti kun kan baay’inaan fudhatamu biyya guddatanitti.
Furmaanni yaalasaa maali?
Yaalli dhibee kaansarii harmaaf godhamu kun sadarkaa kaansarin irra jiru (stage of cancer) irratti hunda’a. Yeroon yaala kan argatan yoo ta’e carraan kaansariichi sadarkaa hamaarra osoo hingahin yaalamu ni jiraata.
Kanaaf dhumarratti dhaamsin dabarsuu barbaadu kaansariiwwan armaan oliitti eerre lamaan yoo yeroo ilaalaman kan yaalamuu danda’an waan taheef qorannoo barbaachisu yeroon gochuun baay’ee barbaachisaadha. Kaansariin tokko yeroon yaala hinargatu yoo tahe kutaawwan qaama keenya birootti faffaca’uun rakkoowwan hamaaf nama saaxiluu danda’a.
Fayyaa hindhabinaa!
Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 13/2013
7 Comments to “Kaansarii fiixee gadameessaafi kaansarii harmaa”