Daangaa biyyoota gaanfa Afrikaa: Rakkoo nageenyaafi tasgabbii

Dachaasaa Roorrootiin

Itoophiyaan biyyoota ollaa jaha qabdi. Isaanis Somaalee, Jibutii, Eertiraa, Suudaan, Suudaan Kibbaafi Keeniyaadha. Biyyoonni kunniin, Itoophiyaafi Yugaandaa dabalaa biyyoota gaanfa Afriikaa jedhamuun beekamu. Waldaa “IGAD’ jedhamu, kan teessoonsaa Jibutii ta’e, walitti dhaabbatanii dhimma siyaas-dinagedee kutaa Afriikaa kanaa ittiin xiinxalu; rakkoo isaan qunnamuuf fala waliinii itti kennu. 

Biyyoota ollaa Itoophiyaa ta’an kanneen keessaa lama, Eertiraafi Suudaan Kibbaa, biyyoota waggoota 30 as uumamaniidhia. Eertiraan bara 1991tti (ALA) Itoophiyaarraa bilisummaashii gonfatte bara 1992 irraa eegaltee akka biyyaatti Addunyaarratti laAkkaawamuu jalqabde.

Suudaan Kibbaa bara 2011 tti kan bilisummaa labsachuun Suudaan guddittiirraa foxoqxe. Eddii ummannii murtii mataasaa, riiffiraandamiin, ofiin murteeffatee as biyyoonni lameenuu biyyoota dura waliin hidhamanii turan wajjin qixa ta’anii dirree Addunyaarratti waamamu; murtii dabarsu; murtii fudhatu.   

Biyyoonni gaanfa Afriikaa kunniin sirna koloneeffataa wajjin walqabatee amala lamaan beekamu. Inni tokko Itoophiyaan alatti hunduu harka koloneeffattoota Awurooppaa turan. Koloneeffattoota naannawa kana turan keessaa Ingiliz olaantummaa kan qabdu yoo ta’u, Xaaliyaaniin itti aanuudhaan naannawa kana koloneeffachuun beekamti. Suudaan lameen, Keeniyaafi Ugaandaan( biyyoonni afur)  koloneeffattoota Ingilizii jalatti bulaa turan, hanga qabsoo hadhaawaadhaan bilisummaasaanii gonfatanitti. Eertiraan  waggoota 50f Xaaliyaaniin waggaa 10f Ingiliziin waljijjiiruun bitaniiru.  Isaan booda Eertiraan Itoophiyaatti maxxanfamtee jiraatteetti. Somaaleenimmoo gartokkeen Ingiliziin, gartokkeen Xaaliyaanitu adda qoodatee ture. Faransaayis gartokkee Somaalee qabattee kan turte yoo ta’u, booda biyya Jibutii jedhamtu uumteetti.

Amalli biyyoota gaanfa Afrikaa inni biraa biyyoonni lama balbala galanaa kan hin qabne ta’uu isaaniiti. Eertiraan eddii irraa cittee as Itoophiyaan karra galaanatti baatu hin qabdu. Kanaaf al-ergiifi ol-galchii omishaa gabaa Addunyaatiif ija ollootashii adda durumaan Jibuutii itti aansee Suudaan ykn Keeniyaa ykn Eertitaa ykn Somaalee ilaaluun dirqama itti ta’a. bu’aan waliiniin akkuma jirutti ta’ee. Suudaan Kibbaa hanga Itoophiyaa filannoo bal’aa hin qabdu- Keeniyaafi Suudaan qofa kanneen karra galaanaa saaquufi danda’an.

Haala kanaan boyyoota kanneen walitti kan fidu dhimma tokkoofi lama qofaa miti. Diinagdeen isaanii karaa tokkoonis ta’ee kan biraatiin walitti hirkata. Biyyoonni karra galaanaa qaban kanneen hin qabne ofitti qabanii bu’aa irraa argachuu barbaadu. Biyyoonni karra hin qabnemmoo filannoo baayi’fachuuf mala mataasaanii dhahatu. Kanaaf asiifi achi walharkisuutu jira. Fakeenyaaf; Itoophiyaan yoo hin jiraanne buufanni doonii Mitsiwwaafi Asab Eertiraadhaaf bu’aan inni kennu bashannana bira kan taruu miti. Haaluma walfakkaatuun buufanni doonii Jibutii Xoobbiyaan ala gatiinsaa xiqqaadha.

Biyyoonni kunniin dinagdeen ala siyaasnisaanii dhiibbaa walirratti uumuu warra danda’aniidha. Sochiin biyya tokko keessatti ta’e kan biraa keessatti dhiibbaa qaba. dhiibbaa gaarii ykn yaraa.  Jijiiramni biyya tokko keessatti mul’atu kan biraa sochoosuu mala. Waligalteen yoo biyyoota jidduutti laafu mormitoota walirratti ijaaruun, deeggeruuniifi hanga mootummaa walirratti fonqolchuutti deemuun ni mul’ata. Biyyoota haarawwan gaanfa Afrikaarratti uumaman lamaaniif gaheen waldhiibbaa Itoophiyaafi Suudaan salphaa kan jedhamuu miti. Somaalee bibittinooftee bakka saditti qoodamtee jirtu tana diiguufi ijaaruu keessatti gaheen biyyoota olla qabxii xiqqaa hin qabu.

Biyyoonni gaanfa Afrikaa kunniin akkuman armaan olitti kaase lafa walitti ejjataa qabu. Tokkos ta’ee lamaan daangaa walitti qoodatu. Itoophiyaan biyyoota ollaa jaha wajjiin biyya olla danuuti. Somaaleen Itoophiyaa, Keeniyaafi Jibutiin daangeffamti. Eertiraan Suudaan, Itoophiyaafi Jibutiin olloomti.

Wal olloomuun kun kallattiifi al-kallattiin  dhiibbaa walirratti gochuu keessatti gahee guddaa qaba. Kana jechuun daangaa waliin qodatan irratti walgahu. Daangaan biyyoota kunniin  kan koloneeffattootaan sararame waan ta’eef  badaa irratti walii hin galamu.

Sababa kanaanis walitti bu’iinsi daangaa gaanfa Afrikaa keessatti yeroo adda addaatti ka’ee lubbuu namoota hedduu galaafateera. Gama kanaan fakeenya tokko tokko fudhannee haa ilaallu. 

Itoophiyaafi Somaaleenilleen rakkoo daangaa akka qaban beekamaadha. Sababa kanaanis bara 1969 hanga 1970tti (ALI) walwaraanaa guddaa akka adeemsisan beekamaadha. Rakkoon daangaa biyyoota lamaan jidduutti uumame namoonni irratti wareegaman hanga ammaattii mariidhaan hiikoo hin argannee.

Daangaan seeraafi sirnaan sararamee kunii as Itoophiyaadha, kunii achi Somaaleedha jedhu hin jiru. Akkasumatti ukkaamamee kan hafeefi gaaftokko gaaffii biraa kan kaasuudha.

Haaluma walfakkaatuun Eertiraaniifi Itoophiyaanis gaafa kontraata walitti qabaan addaan kutan daangaasaanii akka seera biyyoolessaatti hin sararanne.

Michooma yeroo sana dhaabbileen lamaan TPLFfi EPLF qabaniin yaa bultuudhan bira tarame. Akkuma jaalalli jiru gaafa jibbi dhufe biyyoonni lamaan lafa xiqqoorratti dhiiga walii dhangalaasaniiru, bara 1992. Rakkoon daangaa biyyoota lamaanii kan Baadimmeen walqabate mana murtii Addunyaa dhaqee murtiin xumuraa itti kennamullee osoo murtiin sun hojiitti hin hiikamni tureera.  Kunillee dafee fala kan hin arganne yoo ta’u, gaaf tokko madda rakkoo biyyoota lamaanii hin ta’u jedhanii yaaduun hin danda’amu.

Gama biraatiin Itoophiyaafi Suudaan biyyoota hariiroo bara dheeraa waliin qabaniidha. Akkuam ollaa kamuu nagaafi walitti bu’iinsaan waliin jiraataa turaniiru. Waggoota shantamaa as sababa daangaatiin walwarraanni biyyoota lamaan jidduutti uumamuusaa ragaan agarsiisu hin jiru.

Kan seenaan maqaa dhahu waraana Gaalaabat kan Bitootessa bara  1889 (ALA) adeemsisameefi Aste Yohaanis Matammarratti morma kutaniidha. Kana jechuun guutumaan guututti nagaafi tasgabbiin jiraatan jechuu miti. Suudaan harka lafa jalaatiin Itoophiyaa midhuun akkasumas Itoophiyaanis haala walfakkaatuun haaloo ba’uun kanuma tureedha.

 Mootummaa walirratti fonqolchuu ykn fonqolchuuf yaaluun, mormitoota walirratti gurmeessuufi hidhachiisuun kan addunyaan ifatti beekuudha.

Biyyoonni kunniin rakkoo daangaa bara dheeraaf fala dhabee harkifataa ture qabu. Waliigalteen bara Ingiliz biyya Suudaan koloneeffachaa turte, bara 1902fi 1907 ALA mallattaa’ee hanga ammaatti biyyoota lamaan waligalteerra hin geessisiisne. Sababa kanaan yeroo mootummoonni lamaan hariiroo gaarii qabaatan kan qabbanaa’u; yeroo waldiddaan xiqqoon uumame akka ajandaatti kan ka’uudha.

Haaluma kanaan jidduu kana dhimmi daangaa biyyoota lamaani gara ajandaa gaanfa Afriikaatti dhufaa jira.  Daangaa Kaaba lixaa Itoophiyaafi baha Suudaanirratti rakkoon  xiqqoo hin jedhamne kan biyyota lameenuu dallansiise uumameera. Suudaan kiiloo meetra muraasa gara Itoophiyaatti seentee lafa qabatteetti

Akka ragaaleen tokko tokko ibsanitti lafti Suudaan qabatte jedhamu kun lafa gabbataa omisha gaarii kennu kan biyyoonni lamaanuu barbaadaniidha. Lafti kun bakka Naanoon Amaaraa Itoophiyaafi naannoon Suudaan Gaadaariif jedhamtu waldaangeessaniidh.

Warraanni Suudaan bakka dura qubatee jirurraa as che’ee ji’a tare keessa lafa kana akka qabate midiyaaleen odeessaniiru. Gama Itoophiyaatiin  dhiibbaa dippiloomaasitiin ala tarkaanfiin fudhatame akka hin jirreedha. Garuu biyyoonni lamaanuu dhimma kana ilaalchisee wanti sagalee olqabatanii dubbatan xiqqaadha. Hanga rakkoon kun hin hiikamneefi  daangaan biyyoota lamaanii waliin hin sararamnetti  hariiroon  biyyoota lamaanii rakkoo keessaa kan hin baaneedha jechuun ni danda’ama.

 Rakkoon daangaa rakkoo biyyoota gaanfa Afriikaa hedduusaanii ilaallatuudha. Biyyoonni gaanfa Afriikaa rakkoo daangaa waliin hin qabne jiru jechuun hin danda’amu. Jibutiifi Eertiraan,  Somaaleefi Jibutiin daangaa  irratti bakka hanga ammaatti dubbii hin fixatin qabu. Somaaleen haala walfakkaatuun Keeniyaa wajjiin daangaa irratti walmorman qabu.  kutaan Afrikaa kun rakkoon kana kan mariidhaan hin hiikne yoo ta’e, rakkoo biraatiif sababa ta’uu danda’a. Biyyoota nagaa dhabsiisuu, tasgabbii dhorkuu,  walitti bu’iinsaaf sababa ta’uu, diigamuu biyyootaafillee  sababa ta’uu danda’u.

Akkuma waliigalaatti rakkoon daangaa biyyoota gaanfa Afrikaa jiru, cabaarratti okkolaa akkuma jedhamu, haala siyaasaa naannichaa wajjin walqabatee naannoo kanatti balaa biraa akka hin buusne ni sodaatama. Naanoo kanarratti fedhiin biyyoota Arabaa, Awurooppaafi warra lixaa akkasumas kan Chaayinaa bal’inaan jiraachuun ibidda  jirurratti beenzila biifuudha. Rakkoon daangaafi waldhiibbaan biyyoota jidduutti uumamu qaawwa biraa akka hin uumne ni sodaatama. Humna deegersaa argachuuf qaama biraa naanno kana qubachiisuun, iddoo waraanaa kennuufiin, meeshaa irraa shamatachuun kutaa Afrikaa kana  booda rakkoo hin taane keessatti cuuba. Sochiin amantaa wajjin walqabatee naannawa kan jirus idea kutaa Afrikaa kanaati.

Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 13/2013

Recommended For You

3 Comments to “Daangaa biyyoota gaanfa Afrikaa: Rakkoo nageenyaafi tasgabbii”

  1. Pingback: ส่งsms
  2. Pingback: grote blote tieten

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *