Awustiraaliyaatti Gaazexessaan Adele Horin jedhamu gabaasa Gaazexaa “Sydney Morning Herald” jedhamurratti baaseen “poornoogiraafiin summii maatii diiguudha” jedhe.
Namoonni hedduun poornoograafiin hariiroo abbaa warraafi haadha warraa gidduu jiru keessumaa gama jireenya qunnamtii saalaatiin walqabateen rakkooleen yoo jiraatan nifooyyessa jedhanii kan yaadaniifi poornoogiraafiin akka rakkoo isaan qaban hiikuutti kan amanan. jiru.
Haa ta’u malee miidhaa addaa akka geessisaa jiru yeroo kamuu caalaa mul’ataa jira. Namoonni gorsa maatiirratti hojjetan rakkoo cimaan yeroo ammaa isaan mudataa jiru rakkoo poornoograafii wajjin walqabate akka ta’e ibsu.
Gaa’illi namootaa dachaa lamaa oliin akka diigamuuf akka sababa ta’aa jiru qorattootni ni addessu. Namoota poornoogiraafii ilaalan keessaa abbaa warraafi haati warraa dhibbantaa 50 ta’an akka lakkoofsa addunyaatti bara 2002 keessa walhiikaniiru.
Sababiinsaa namni araada poornoograafiin qabame hariiroo namootaafi ittigaafatamummaa maatii isaaf keessumaa jaalala abbaa warraasheetiif qabdu yookiin haadha warraasaatiif qabu poornoograafii ilaaluudhaan bakka buusu waan ta’eef walitti dhufeenyisaanii laafaa deema.
Yeroo abbaa warraasheetiif laattu yookaan yeroo haadha warraasaatiif kennu malan marsariitii poornograafii gondolchuurratti dabarsu. Darbees namoonni umurii gadiitti marsariitii kana ilaaluu eegalan akka qorannoo namoota kuma 28 irratti ta’eetti yeroo gaa’elaaf ga’anii fuudhan qaamni saalaasaanii akka qopha’aa hintaane gochuu danda’a. Inni kun immoo fedhiin namni tokko qunnamtii saalaatiif qabu poornoogiraafii hinilaalu yoo ta’e fedhiinsaa gadi bu’u yookiinis qunnamtii saalaatiif dadhabaa taasisa.
Kana qofa utuu hinta’in walitti dhufeenya abbaa warraafi haadha warraa gadi buusuu danda’a. Kanarra kan ka’e rakkoo gama gaa’elaatiin jiru keessa ofiin of buusu. Barana jeequmsa gaa’elaa keessaa dhibbantaa 50 ol ta’u rakkoo qunnamtii saalaa wajjin kan walqabateedha. Isa kana keessatti egaa poornoogiraaafiin shoora guddaa qaba.
Egaa poornoogiraafiin rakkoo maatii isa guddaa ta’eera. Tarii namoota hedduuf innni kun akka rakkootti hinilaalamu ta’a. Fakkeenyaaf waggoota muraasa dura biyyoota tokko tokko yoo ilaalle; biyya Jarmaniitti maatiin walhiikuun dhibbantaa 39, Ingiliziin dhibbantaa 42, Ruusiyaan dhibbantaa 43, Ameerikaatti dhibbantaa 50, Swiidiniin 54 akka ta’aniifi inni kun gara biyya warra kaaniitti addumaan biyya keenyatti akka dhufaa jiru argina.
Fakkeenyaaf namoota qullaasaanii interneetiirratti xuraa’ummaa gara garaa raawwatan namni tokko oggaa ilaalu haati warraasaa akka ishee interneetiirratti ilaaluutti itti bareedu dhiisuu dandeessi.
Kanarraa ka’uun gaa’illi namoota baay’ee diigamuu danda’a. Abbaan warraa utuu inni poornoograafii ilaaluu yoo haati warraa argite tarii dhoksaatti akka inni nama gara biraatti harkifamu itti fakkaachuun sababa goolii maatii gidduutti ka’uu ta’uu danda’a.
Rakkoo kana jalaa ba’uuf dhugaa sobarraa adda baasuun barbaachisaadha. Namni tokko haadha warraasaatiif yookaan abbaa warraasheetiif, maatiif, ijoolleef kkf yeroo kennuu malee poornoograafii ilaaluun walitti dhufeenya abbaa warraafi haadha warraa gidduu jiru ni fooyyessa jedhanii yaaduun dubbii sobaa ta’uusaa hubachuun poornoogiraafiirraa of eeggachuun barbaachisaadha.
Kana qofa utuu hinta’in kabajni namoonni poornoogiraafii ilaalan dubartootootaaf qaban gadi bu’aa akka ta’e qorannoowwan adda addaa ni addeessu. Poornoogiraafiin dubartoota akka isaan faayidaa qunnamtii saalaatiif qofa barbaachisan, harmootiin kabaja namummaa argachuu malan akka dhaban kan godhe nama kabajamaas kan gadi xiqqeesse gochaa hamaadha. Industiriin poornoogiraafii obboleettota akka dhala namaatti utuu hinta’in akka meeshaatti itti fayyadamuun marsariitii adda addaa irratti gadi lakkisuun faayidaa guddaa argateera.
Galiinsaa waggaa tokko qofti doolaara biliyoona 12 ol akka ta’e ibsama. Sekondi tokko qofa keessatti namoota poornoogiraafii ilaalanirraa doolaara 3, 075,64 ol argata. Kanarraa kan ka’e yoo baay’ate daqiiqaa 39 keessatti viidiyoon poornoogiraafii tokko marsariitiirratti nigadidhiifama.
Kanaan daa’immaniifi dargaggootni hedduun ittiin haa miidhaman malee namoota muraasa duroomseera. Kanaaf jireenya gadi dhiisii kan ta’eefi ulfina ilmaan namootaaf hinlaatne kana callisanii ilaaluun dogoggora. Namni kamuu ittiyaaduufi ofoolchuun warra kaanis miidhaa jalaa baasuun barbaachisaadha.
Poornoogiraafiin kabaja maatii gidduu jirus nihir’isa. Abbootiin warraa poornoogiraafii ilaalan kabaja barbaachisaa haadha warraasaaniirraa argachuu hindanda’an. Sababiinsaas abbootiin warraa poornoogiraafii ilaalan ijoolleefi mana isaaniif akka fakkeenya gadheetti ni ilaalamu. Darbees yeroosaanii interneetiirratti waan dabarsaniif akka abbaa mwarraatti haadha warraafi ijoolleesaaniif yeroo kennuu hindanda’an. Ittigaafatamummaa akka abbaa warraatti irraa eegamu akka sirriitti of irraa hinbaafne isaan nidanqa.
Kanaaf namni tokko akka abbaa warraatti waan irraa eegamu fakkeenyaaf ijoollee isaa sirriitti qabuu, haadha warraasaatiif kabajaafi jaalala barbaachisaa kennuu malee yeroo hedduu interneetiirratti dabarsuun manasaa hirraanfachuun balaaf isas ta’e manasaa saaxila.
Poornoogiraafiin xiinsammuu namootaarratti miidhaa guddaa akka qaqqabsiisu qorattootni ni addeessu. Maatiiwwan baay’een walitti dhufeenyi isaanii miidhamee gargaarsaaf gara gorsitootaa kan dhufan yoo ilaalle bu’uurri rakkoosaanii baay’inaan poornoogiraafii ta’aa jira. Namni maqaansaa “Mickael Flood” jedhamu waa’ee miidhaa poornoogiraafii yommuu dubbatu “poornoogiraafii kan ilaalan namoota fuudhan, haadha warraasaanii wajjinis kan ilaalan qofa utuu hinta’in namoonni baay’een dhoksaatti hojii salphisaafi jireenya maatiirratti balaa fidu kana ilaalu waan ta’eef dhiibbaa hamaa xiinsammuu fayyadamtootaarratti ni qaqqabsiisa” jedha.
Rakkoolee xiinsammuu gama poornoogiraafiin dhufan keessaa muraasni gaabbii, gammachuu dhabuu, nagaa dhabiinsaa, saalfiifi kkfdha. Namoonni poornoogiraafii ilaalan nama jaalatan caalaatti marsariitii kana wajjin waan yeroo dheeraa dabarsaniif darbees kan ilaalan hiriyootaafi namoota adda addaa dhoksuun waan ta’eef gammachuu xiinsammuunsaanii argachuu malu hinargatan.
Pornoogiraafii akka jireenya dhugaatti sababa fudhataniif walitti dhufeenyi abbaa manaafi haadha manaa gidduu jiru nihubamaa, qunnamtiin saalaa caalaatti poornoogiraafii fakkaachaa waan adeemuuf dhugaa jirurraa nifagaatu, balaa xiinsammuufis ni saaxilamu.
Poornoogiraafiin dubartootarrattis miidhaa niqabaata. Akka warra interneetiirratti arganii ta’uu waan hindandeenyeef gadi aantummaan itti nidhaga’ama. Akka isaan ga’oo hintaanes itti nifakkeessa. Kanaafuu dubartoonni dhibbaantaa 30 ta’an abbootiin warraasaanii yeroo poornoogiraafii ilaalan itti hintolu. Darbees abbaan warraasaanii poornoogiraafii ilaaluu isaa yoo argan akka inni nama kan biraa wajjin hariiroo qabuutti waan ilaalaniif. aarii, gadda, dagatamuufi kkftu itti dhaga’ama. Inni kun gara rakkoo xiinsammuutti isaan geessa. Dhumarratti firiinsaa diigamuu gaa’elaati.
Haa ta’u malee rakkoo hamaa kana keessaa attamitti ba’uun dandaa’ama? Attamitti irraas of eeggachuu dandeenya? Akkuma beekamu wanta namni itti yaadee eegalu keessaa ba’uufis deebi’anii itti yaaduu gaafata. Fiilmiifi suura qullaa namaa argisiisuufi qunnamtii saalaatiif nama kakaasu kan namni eegalu itti yaaduun, marsariitiisaa irra barbaaduun akka ta’e keessaa ba’uufillee itti yaaduufi akkaataa itti amala ofii keessaa baasuun danda’amurratti hojjechuun gaariidha.
Sababiinsaa poornoogiraafiin suuta suutaan amala namoota do’atanii keessaa tokko ta’ee guddachuu qofa utuu hinta’in sadarkaa isaan to’achuu hindandeenyerra ga’u danda’a.
Jireenya hamaa kana keessaa ba’uuf murtoo qabaachuun gaariidha. Murtoon fudhatamuu malus kan yeroo itti kennan utuu hinta’in amma utuma barreeffama kana dubbisaa jirtuu maal gochuu akka qabdu yaaduun barbaachisaadha. Inni kun duraan dursitee rakkoo kee hubattee tarkaanfii fudhachuuf jijjiirama barbaachisaa ofirratti fiduufis si gargaara.
Kanaaf jireenya hamaa kana keessaa ba’uuf duraan dursinee rakkoo qabaachuu keenya amanuun barbaachisaadha. Darbees rakkoo akkasii kan qabu nuqofa akka hintaane hubachuun murteessaadha. Namootni akka biyya lafaatti beekamtii qaban Artiistootni akka ‘Terry Crews, Russell Brand’, sirbituun akka ‘Audry’ Assadiifi kan isaan fakkaatan rakkoo poornoogiraafii attamitti akka mo’atan, rakkoon isaa hangam ulfaataa akka ta’e irraa barachuu dandeenya.
Kanaaf rakkoon poornoogiraafii kan dhiira qofa yookaan kan dubaraa akkasumas kan keenya qofa waan hintaaneef dhiphachuu utuu hinta’in shaakala warra kaanii irraa barachuu gaafata. Wal’aansoo qabnu keessatti nuti qofaa keenya miti.
Namoota irraa barannu danuu qabna. Ittifufuunis viidiyoo akka poornoogiraafii ilaaluurraa of qoqqobbachuu, of to’achuu shaakaluun murteessaadha. Namoota of dandaa’an qofa utuu hinta’in akka maatiittis ijoollee ofii rakkoo hamaa kanarraa eeguun, barsiisuun, mana keessatti wantoota isaan marsariitiiwwan gara garaarraa ilaalan beekuufi gargaarsa barbaachisaa gochuufiin gaariidha. Maatiin yeroo ijoolleesaanii guddisan daangaa malee gadhiisii ta’anii akka guddatan gochuun barbaachisaa miti. Gara fuula duraatti ittigaafatamummaan kan itti hindhaga’amne ta’anii guddachuu hinqaban. Waan isaan miidhuufi fayyadu adda baafachuu qabu. Gara fuula duraatti dhaloota ittigaafatamummaa fudhachuu danda’an ta’anii guddachuu qabu. Inni kun akka dhuunfaattis ta’e maatiitti milkaa’inasaaniirratti ga’ee guddaa qaba.
Zarihun Gabree
Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 6/2013
2 Comments to “Poornoogiraafiifi maatii”