Waasihun Takileetiin
Ameerikaan biyyoota dureeyyii addunyaa kanarratti maqaa qaban keessaa ishee tokko. Ameerikaa kan jijjiire hojjiidha malee ardii jannatarraa cittee lafa buute miti. Badhaadina biyya kanaa ilaalanii akka ardii jannataattti kan lakkaa’anis namoota kumaa kitila.
Kanarraa ka’uun karaa seeraanis ta’e seeraan alaa garasitti imalanii achi jiraachuun akka waan jannata seenaniitti darbees osoo hinhojjetin akka waan halkan tokkotti duroomaniitti kanneen yaadan hedduudha.
Addunyaa kam keessayyuu jiraadhu kan nama sooromsus ta’e hiyyoomsu fedii hojii nukeessa jiruufi tattaaffii jireenya keenya injifachuuf taasisnutu murteessa.
Rakkoo hojidhabdummaan mudatuun walqabatee baay’inni daa’imman daandiirra jiraataniifi yeroo malee dahuun yeroorraa yerootti dabalaa jira.
Baay’inni daa’imman maatii hinqabneefi daandiirratti gatamanii daran dabalaa deemuusaaniin kaan dhaabbilee alaatiin bifa guddifachaatiin fudhatamuun dachee handhuurrisaanii itti awwaalame dhiisanii hadhaa jireenya biyya hambaa dhandhamuuf dirqamaniiru.
Kaanimmoo abdii ijasaanii irra boqochiifatan dhabuurraa kan ka’e seeraan ala biyyaa bahuun jireenya mo’achuuf wayita yaalii taasisanitti kaan hirbaata qurxummii, kaan hirbaata galaanaa kaan imalarraa osoo jiranii karaatti hafaniiru.
Kunniin hundi hadhaa jireenyi biyya lafaa kun dhala namaa dhandhamsiistuudha. Dubbistootaa dhimmi kun maaliif ka’e jechuun keessan hinoolu. Jiraataa Magaalaa Hawaasaa kan ta’an Obbo Argaawu Ayyaalewu jireenya mijaa’aa jiraachuuf waggoota dura Ameerikaatti godaanuu dubbatu.
Turtii waggoota jahaa booda Ameerikaan namoota tokko tokkoof akka jannataatti yaadamtu Obbo Argaawuuf hiika dhabduu taatee argamte. Dhalli namaa lafa dhalootasaatti yoo ta’een ala biyya hambaatti kabaja akka hinqabnedha kan eeran.
Daa’imman hedduun haadhaafi abbaa hinqabne maqaa guddifachaatiin fudhatamanis aadaa, duudhaafi eenyummaasaanii ganamaa gatuun kan guddatan yoo ta’u, gurraachummaasaaniinis dhiibbaan irra gahu olaanaa ta’uu himu.
Haalli egeree daa’imman guddifachaaf alatti fudhatamanii kun kan garaa isaan nyaate Obbo Argaawu, biyyatti deebi’anii dhaabbata deeggarsaa hundeessuuf dirqamuu dubbatu.
Obbo Argaawu turtii Ameerikaatti dabarsaniin haadha warraa adii fuudhuun gara biyyasaaniitti deebihanii magaalaa Hawaasaa keessa jiraatu.
Haadha warraasaanii lammii Ameerikaa tanarraa daa’imman jaha horachuurra darbee hiraarsa maqaa guddifachaatiin daa’immanirra gahu hambisuuf guddifachaa biyya keessaa eegaluuf taattaaffii gochaa jiraachuus ni dubbatu.
Tattaaffii gama kanaan haadha warraasaanii waliin taasisaniin dhaabbilee deeggarsaa biyya alaa jiran faana haasa’uun dhaabbata deeggarsaa daa’imman maatii dhabeeyyiifi miidhamtoota qaamaa itti deeggaru hundeessaniiru.
Dhaabbbata Deeggarsa Daa’immanii Ebeenizer jedhamu hundeessuun takkaan daa’imman abbaafi haadha hinqabne, gama biraatiin ammoo daa’imman qaamni hira’ate walitti qabuun deeggaraafi barsiisaa kan jiran yoo ta’u, guddifachaa alaa hambisuun daa’imman kanneenitti abdii jireenyaa horuuf hojjetaa jiraachuu ibsu.
Tajaajila guddifachaa biyya keessatti Obbo Argaawuun eegalame kun Biiroo Dhimma Hojjetaafi Hawaasummaa Naannoo Sidaamaatiin deeggaramaa kan jiru yoo ta’u, yeroo ammaa mana barumsaa oolmaa daa’immanii banuun daa’imman kanneen carraa barnootaa akka argatan taasisaa jira.
Obbo Argaawu erga tajaajila tola ooltummaa akkanaa eegalee waggoota 15 lakkoofsisuu himanii, yeroo ammaatti daa’imman dhibbaa ol simatanii nyaachisaa,uwwisaafi barsiisaa jiraachuu eeru.
Kanaan dura dhaabbailee deeggarsaa gara garaa keessatti daa’imman deeggarsa guddifachaa argatan irri jireessi warreen qaamnisaanii guutuuti kan jedhan Obbo Argaawu, dhaabbannisaanii warreen qaamnisaanii hir’uu deeggaruu keessaattis hojii olaanaa hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.
Gama kanaanis daa’imman qaamnisaanii hir’uu simachuun barsiisaa sammuun akka guddatan taasisaa jiraachuu yoo kaasan, tokko tokkoo daa’immanii kana mootummaarraa fudhachuun guddisaa jiraachuu himu.
Beekamtii mootummaa naannootiin ala daa’imman tokkollee kan hinsimatamne ta’uus dubbatanii, daa’imman mootummaan seeraan sakatta’ee deeggarsa barbaadan isaaniif dhiyeesse fudhachuun abdii itti horaa jiru.
Daa’imman simatamanii gargaaramaa jiran sanyiidhaan, lagaan, amantiidhaan osoo hinqoodiin gargaarsi dhala namaa maraaf barbaachisu hunda taasisaafii jiru.
Karaa biraatiin namoota qaamnisaanii hir’uu, bakkarraa bakkatti socho’uu hindandeenyeef haala mijeessuuf wiilcharii sadarkaasaa eeggate ogeeyyota mataasaatti fayyadamuun biyya keessatti omishaa rakkoo namoota qaamnisaanii hir’uu furuus dandahaniiru.
Baasiin bittaa tokko tokkoo wiilchariif bahu olaanaa akka tures himuun, biyya keessatti dhaabbatasaaniin omishamuu eegaluun jajjabeessaa ta’ee argameera jedhu.
Namoonni qaamnisaanii hir’uu hedduttis abdii horuun olii gadi socho’anii jiruufi jireenyasaanii mo’achuuf akka carraaqaniif bu’uura buusuu dandaheera. Tattaaffii ammaa gama kanaan taasifamaa tureen wiilcharoota 100 ol miidhamtoota qaamaatiif arjoomuu dandahaniiru.
Tatamsa’ina vaayirasii koronaa akka addunyaatti yaaddoo ta’e ittisuufis akka daabbatichaatti gargaarsa dhiyeessiiwwan ittisaa qarshii miliyoona saditti lakkaa’amu taasisuu Obbo Argaawu ibsaniiru.
Akka ibsasaaniitti; dhaabbanisaanii daa’immaan daandiirratti argaman, haadhaafi abbaa hinqabne, barmaatilee boodatti hafaan miidamaniifi dhibee sammuutiin hubaman mootummaarraa simachuun gargaaraa jiru. Daa’imman akkasitti gargaaraa ture tokko tokkos yunivarsiitii galchee eebbisiisuu danda’eera.
Tajaajilli guddifachaa biyya keessaa daa’immanii babal’achuun lammiileen jireenya hadhaahaa biyya hambaa akka hindhandhamne kan taasisu yoo ta’u, godaansa seeraan alaa hambisuun biyyuma ofiitti aadaan hawaasummaafii dinagdeen wal ijaaruu akka qabaatu kan godhuudha.
Tattaaffichi jajjabeessaafi dhaloota abdiin jireenya harkaa badetti abdii kan horu waan ta’eef mootummaan naannoo Sidaamaa isaan deeggaraa akka jirullee kaasaniiru.
“Daa’imman guddifachaadhaan biyyaa bahan biyya keessatti gargaaranii namoomsuuf carraaquun dirqama lammummaakooti” kan jedhan Obbo Argaawu, dhaabbilee alaarraa maallaqa walitti qabuun dhaabbaticha cimsuuf hojjetaan jiru jedhu.
Gama kanaanis haati warraasaanii lammii Ameerikaa deeggarsa olaanaa taasisaa akka jirtu himanii, Itoophiyaa biyya hiyyeettii jedhamtu kana keessa gaa’ela uummattee wayita teessu miirri tuffii ishee keessa akka hinjirre dubbatu.
Sochii guddifachaa biyya keessatti babal’isuu eegalame kana ispoonsara barbaaduun dhaabbata Ebeenizer kana utubaa jiraachuu Obbo Argaawu himanii, ijoollee guddifachaaf fudhatan kanneen akka daa’immansaaniitti kunuunsaa jiraachuu eeru.
Daa’imman ofii haadha warraasaanii adii kanarraa godhatan jahaafi ilmaan guddifachaan fudhatan marti kan keenya miira jedhuun deggarsa barbaachisaa taasisaa kan jiran Obbo Argaawu, ofiif caalaa biyyaafi lammiileesaaniif jiraatanii hojii fakkeenya gaarii qabu hojjetanii darbuuf akka tattaafataniidha kan himan.
Sochii isaan guddifachaa alaa biyyuma keessatti hambisuuf taasisan rakkoo akka Itoopiyaatti jiru kan furu akka hintaane kan himan Obbo Argaawu, dhaabbileen biroo biyya keessaafi ala jiraniifi quuqama lammiileesaaniif qaban marti damee kanarratti bobba’uun hojjechuu akka qaban kaasaniiru.
Daa’imman yeroo ammaa jireenya daandiin hiraarfamaa jiran araada hinmalleef saaxilamanii miirri hirkattummaafi eeggattummaa akka babal’atu taasisaa jiraachuu eeranii, kun akka hafuuf xiyyeeffannoon kennamuu akka malus ni yaadachiisu.
Miirri ofitti amanamummaa kan uumamu tattaaffii mootummaan taasisuun qofa jedhamee eegamuu hinqabus jedhanii, keessattuu shoorri abbootii qabeenyaa, diyaaspooraafi daabbilee gara garaa murteessaa akka ta’e himu.
Kana waan ta’eef dhaloota birmannaa dhabee daandiitti bahuun jireenya hadhaa’aafi gadadoo dhandhamaa jiru akkasumas jireenya fooyyaaa barbaacha argachuuf biyyaa godaanuuf birmannaan barbaachisaadha.
Walumaagalatti, namaaf yaaduufis ta’ee namaaf ta’uun aadaa ta’uu qaba. Hojiin nama kanaa immoo warreen birootiif barumsa guddaa kan dabarsu waan ta’eef qaamni hundi hanga humnasaatti dhimma kanaaf xiyyeeffannoo kennuu qaba.
Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 6/2013
7 Comments to “Obbo Argaawu Ayyaalewu: Nama baqattummaa deebi’anii baqatummaa hir’isuuf hojjachaa jiran”