Saamraawiit Girmaatiin
Oromoon gaafa nama eebbisu “galgallikee haa tolu” jedha. Eebbi kun eebba guddaadha. Yoo galgalli namaa tole akka namatti toletti, akka kabajamanitti, akka namni itti gammadetti, akka eebbifamanitti jaaranii umuriin nama dabarti.
Garuu carraa kanaaf kan qaqqabu namoota muraasa. Dilbata darbes Finfinneetti sagantaa bareedaan tokko nama galgala toleef qophaa’ee ture. Namni kun Oromoof qaalii, aartii Oromoof aduu Birraa, akkasumas artii Itoophiyaatiif agarsiiftuudha. Waggoota 60n darbaniif sirboota 267 ol yommuu weellisu waa’ee dhuunfaasaatiif osoo hintaane waa’ee sabasaatiif kan jiraate, waantota baay’ee Oromoofi Oromummaaf jedhee kan dhabe ture, Artisti Alii Birraa.
Gidduu kana waa’een artistii gameessa kanaa ajandaa miidiyaa ta’ee tureera. Sababnisaa mootummaan Oromiyaa hojii inni hamma yoonaa hojjeteef gituu baatus sirna galateeffannaa qopheesseefii ture. Kana malees kitaabni seenaasaarratti barreeffame Ingiliffaan qophaa’ee gara Afaan Oromoofi Amaariffatti hiikames eebbifameera. Kitaabichi “Odaa Bahaa Muuziqaa Jaalala-biyyaa, of-barbaacha” kan jedhu yoo ta’u, Doktar Suraafeel Galgalootiin barreeffame.
Guyyichatti mootummaan Oromiyaa niishaanii kabajaa warqeerraa hojjetameefi isa sadarkaa olaanaa badhaaseera. Kana qofa miti, guyyichi Aliif guyyaa cidhaas ture. Haadha warraasaa Ardii Eeshiyaarraa waggoota 20 dura fuudhe abbootii Gadaatiin eebbisifatee Oromeeffateera. Maqaashee Liillii Marqoosis gara Ilillii Birraatti moggaasifatee gammachuusaa dachaa godhateera.
Sirnoota kanaan booda imimmaan ija guutaa haasaa gabaabaa kan taasise Artisti Aliin kennaa kabajaa isaaf kennameefi haadha warraasaa Oromeessuun waan Oromootti makaniifif galateeffateera.
Guyyaa kanas nan arga jedhee abjuudhaanillee yaadee akka hinbeekne kaasee, waa’ee guyyichaafi miira itti dhaga’aame ibsuuf kitaaba biraa barreessuun akka isa barbaachisuu ibsa.
Yoo jabaatanii hojjetan hamtuu hunda mo’achuun ni danda’ama kan jedhe artistichi, waantota isaaf taasifama hundaaf galateeffateera.
Haati warraasaa Ililliinis ijashee keessaa imammaan yaa’aafi sagalee adda ciccitaan “Waan ofitti na dabaltanii dhiiga keessan na taasifattaniif galatoomaa, kanaanis baay’ee booneera” jetteetti. Namni hundumtummoo biyyasaa harka walqabatee akka ceesisuufis ergaashee dhaamteetti.
Saganticha kan qindeesse Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa yoo ta’u, hogganaan biirichaa Obbo Kabbadaa Deesissaas haasaa taasisaniin akka jedhanitti, yeroo Aliin aartii itti eegale yeroo daran rakkisaafi Afaan Oromootiin weellisuun abjuu itti tureedha. Ta’us yeroodhuma rakkisaa sana keessa sirbuun walitti dhufeenyi sabootaa akka cimu ga’ee olaanaa ba’aateera. Yeroo Oromoon walirraa fagaatee tures riqicha ta’ee walitti fideera.
Oromoon Waaqas ta’u nama waa godheef ni galateeffata kan jedhan hogganichi, mootummaan Oromiyaasaa hojii Aliin hojjeteef galateeffachuu malee waan biraa waan hinqabneef sagantichi qophaa’uu dubbatu.
Galateeffannaa Alii keessatti namoonni guguddoo miiltoosaa turaniifi ammaan tana lubbuun hinjirres kan yaadataman ta’uufi aartistoonni jalaa dhufanis hojjechuun akka nama kabachiisu kan irraa baratan ta’uu eeru.
Saganticharratti haasaa kan taasisan Pirezdaantiin Oromiyaa Shimallis Abdiisaa gamasaaniin, “Aliin qorataa seenaati, qabsaa’adha, barreessadha, taphataa muziqaati, qopheessaa yeedalooti. Kana malees nama waa’ee barnootaa barnootaan barsiise. Oromummaa, duudhaa Oromummaa nama utube. Sirni Gadaa deebi’ee akka ka’u, odaan kufe deebi‘ee akka ka’u gaa’ee eenyumaanuu bakka hinbu‘amne nama taphateedha.
“Aliin bara dukkanaa sana, bara Afaan Oromoofi, Oromummaa awwaaluuf tattaafatamaa ture sana, samiidha gadi waan jiru hundii itti yaalamaa ture sana, goota dhaabbatee Afaan Oromoo ol kaasee, aartii Oromoo guddisee, Oromummaan kabaja akka ta’e, Oromummaan ulfina akka ta’e, Oromummaan kan dhalootaa dhalootatti darbu akka ta’e diinaafis firaafis bara dukkanaa san ifa godhee, har’a bakka geenye kana artistii raageedha” jedhu.
Ittidabaluunis, “Aliin afaanotaafi saboota hunda ol qabe. Aliin “Haati keenya tokko” jedhee obbolummaa leellise. Itoophiyummaa dhugaan kana. Kan ofii ol qabanii kan biraa gad qabuu miti. Itoophiyummaan hunda ol qabuudha. Tokko tokko afaan biraa jibbaa ani “Itoopiyaawwii 1fadha jedhu” jechuun ibsu.
Aliin mooti mootota artistii Afrikaa ta’uu kaasanii, kanaafis sababni waggaa dheeraa weellise keessatti waan hunda waan weelliseef, yadaloofi sagaleen isaa adda waan ta’eef saboota baay’ee waan walitti qabeef, afaanota Itoophiyaa keessa qofa osoo hintaane Afaan Sudaaniinillee sirbee gaanfa Afrikaa waan walitti hidheef mootii yoo jedhame akka itti hinxiqqaanne ibsu.
Hojii inni hojjete hedduufi waltajjii tokkorratti himamee kan hindhumne ta’uu kan eeran Obbo Shimallis mootummaan naannichaa Giddugala Aadaa Oromoo keessatti wiirtuun tokko maqaasaatiin akka hundaa’u murteessuu ibsu. Artistoonni jalaa dhufaniis seenaa artistichaarraa baratanii jabaatanii akka hojjetan gaafatu.
Artistii beekamtuun Hamalmaal Abaataa ibsa addatti Gaazexaa Bariisaaf kenniteen, Aliin nama kennaa guddaa,eenyummaa nama dinqisiisu qabuufi umuriisaa guutuu aartii keessa jiraate ta’uu kaastee, ogummaa kana keessa umrii hanga kanaa ulfina ofii eeggatanii turuun eebba guddaa ta’uu himti.
“Kana malees Aliin nama yeroo dheeraa yoo wajjiin teesse sin quuqneefi si bohaarsudha. Nama ilaalcha qajeelaa qabuufi nama hunda walqixa kabajudha. Eenyuyyuu yoo isa waame hunda kabajee bira dhaqa. Har’a bara namni sirba qeenxee tokko gadi dhiisee nagaan Waaqayyoo itti ulfaatuutti Aliin garuu nama beekamtiisaatiin of hinjajnedha. Anillee isarraa waan baay’een baradhe” jetti.
Kanarraa ka’uun galateeffannaan isaaf taasifame yoo xiqqaate malee itti hinbaay’atu kan jettu aartistiin tun, keessumaa namni utuu lubbuun jiru isuma gaafatanii seenaasaa barreessuun waan sirrii ta’ee dhalootaaf dabarsuuf fayyada jetti.
Yeroo baay’ee erga namni du’ee booda abaluun eenyuudha jedhanii nama gaggaafatanii waan barreeffamuuf seenaa guutuufi sirriin dhalootaaf akka hindabarre dubbatti.
Weellisaan Amaariffaa biroon dhiheenya kana Alii wajjin sirba “Daarim Yallash” jedhu baase, Abrahaam Balaayinah (Shaallaayee) gamasaatiin, Aliin nama akkanaati jedhani jecha tokkoon ibsuun daran kan nama rakkisu ta’uu kaasee, garuu kennaa qaalii Itoophiyaaf kennamedha, aartistii cimaa, muuziqaa Itoophiyaa gumaacha olaanaa kan gumaacheefi nama daran dinqisiisaadha jedha.
Ilaalchi qajeelaa artistoota jalaa dhufaniif qabu isa waliin hojjechuuf carraa isaaf uumuu eeree, nama waa hundaan eenyummaa gaarii qabu kana galateeffachuun ammo waanuma sirrii waan ta’eef fuuldurattis jajjabeeffamuu kan qabu ta’u kaasa.
Walumaagalatti, Aliin umuriisaa guutuu Oromoofi Oromiyaaf hojjete, waan baay’ees ta’eera. Kanaaf sagantaan akkanaa qophaa’uufiin kan nama mara gammachiisuufi baratamuu kan qabudha. Namni ummatasaaf hojjete utuu lubbuun jiruu jaalalaafi kabaja maluuf arguu qaba. Aartistoonni jalaa dhufaniis kan gala godhatanii ummatasaaniif hojjechuu amaleeffachuu qabu jenna.
Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 6/2013
10 Comments to “Galgala tollaan akka Alii Birraatti”