Buli qeerroo goota gaafa roorroo inni jedhamu har’as jira

Gaafa jechi qeerroo jedhamu dhagahamu kaan bibir’ata, kaan nyaara buta, kaanimmoo itti abdata, inni galeefii goota gaafa roorroo jedhee faarsa. inni hin galleefimmoo akka farraatti isa dheessa. Hundumaafuu qeerroo qorichi roorroo Oromoof abdii eenyummaasaa, eegduu daangaasaa kabachiistuu mirgasaati.

Inni bibir’atu isa hanna baree harki itti gabaabbateedha, inni nyaara butu isa maxxantummaan jiraatu har’a akka dhabee maraatuudha, inni itti abdatummoo isa kaleessa walqixxummaa dheebochaa ture uffee jedhee dhandhamuu eegale yoo ta’u isaan kanneen maraafuu qeerroon qoricha roorrooti.

Murnoonni hanna saamichaafi sarbama mirgaa qaqqabsiisuun jiraachuu baranimmoo humna darbatamaa abdii sabaafi sablammiilee gaafa jecha qeerroo jedhu dhaga’an akka shororkeessaatti lakkaa’u.

Sabaafi sablammoonni Itoophiyaa lakkoofsaan 83 ta’an irri jireessi qeerroofi qarreedha. Humnoonni darbatamaa kunneen seeraan yoo kunuunfaman akkuma abdii biyyaa ta’an seeraan kunuunfamuu baannaan yaaddoo biyyaa yeroo itti ta’anis hindhibu.

Sirnoota gabroomfatoo sabaafi sablammiilee Itoophiyaa cunqursaa turan dhabamsiisuuf kaleessas ta’e har’a adda durummaan hiriiraa wareegamaafi aarsaa qaalii kaffalaa kan turan humnoota kanneeni.

Kufaatii sirna atseewwaniifis ta’e burkutaa’uu sirna Dargii akkasumas buqqa’uu murna Juuntaa ABUTf humnoonni qabsaa’aafi wareegama kaffalaa turan qeerroofi qarree Oromooti.

Keessumaa murnoota hattuu Juuntaa ABUT qorqalbii sabootaa jaamsaniifi qe’ee lammiilee golgoleessan hundeedhaa buqqisuuf qeerroofi qarreen addasaa rasaasaaf kennee dhagaadhaan golaa ishee yaase seenaa Itoophiyaa keessatti kan dagatamu miti.

Dargaggoonni sabaafi sablammiilee biroos fakkeenyummaa qeerroofi qarree Oromoo kana fudhatanii duubarra qabsichatti makamuun duuti murna juuntaa kun akka ariifatu godhaniiru.

Murni kun badii kaleessaafi dheenadda lamiileerraan gahaa ture haa hafuun bira darbamee nagaan akka jiraatuuf yaaliin taasifamus akkuma harki hanna bare dooluutu socho’a jedhamu dhiifamaan haaromuuf fedhii dhabuurra darbee Raayyaa Ittisa Biyyaa abdii sabaa ta’e ganuun waraaneera.

Kunimmoo jibbaafi tuffii murni juuntaa ABUT Itoophiyaaf qabu daran hamaa ta’uu kan agarsiise ta’uusaatiin tarkaanfii sirreessaa fudhatameen bakkatti galaniiru.

Kufaatiifi duuti akkasumas awwaalli murnoota Juuntaa ABUT raawwatachuusaatti kan gammadan qeerroofi qarreen Oromoo fedhiisaaniin kutaalee hawaasaa biroo dabalatanii hiriira bahuun gammachuusaanii ibsachaa jiru.

Qeerroofi qarreen Oromiyaa miliyoona 25 ol ta’an fedhiisaaniin bahanii gammachuusaanii ibsachuunsaanii injifannichi bu’aa wareeama qaalii isaan kaffalanii akka ta’e Ittigaafatamaan Waajjiea Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa kaasaniiru.

Ittigaafatamtichi, Obbo Fiqaaduu Tasammaa oolmaa qeerroofi qarree Oromiyaa ilaalchisuun ibsa tibbana miidiyaaf kennaniin qeerroofi qarreen hiriira ba’ee gammachuusaa ibsate lakkoofsaan miliyoona 25 ta’a.

Sababni hiriiraaf isaan baase murni juuntaa kaleessa isaan qorqaa ture qabsoosaaniin buqqifamee sirni awwaalchasaa raawwatamuusaatti gammaduuni. Qeerroon kaleessaafi dheenadda harka qullaa addasaa rasaasaaf kennee sirna hattuufi gantuu hurreesse bu’aa qabsoosaa kana eeggataa jiraachuu ifatti agarsiiseera.

Oolmaa dargaggoonni lammiileesaaniif oolan cululuqaafi seenaa keessatti yaadatamaa hafa kan jedhan Obbo Fiqaaduun, galanni guddaan akka isaaniif malullee kaasaniiru.

Oromoon kan qabsaa’e lubbuufi lafeesaa kan caccabse dimokraasii dhugaafi federaalizmii sabdaneessaa hunda walqixa hirmaachisu lafa qabsiisuufi, jedan.

Akka ibsasaaniitti murnoonni maxxantuufi fakkeessituu walqixxummaatti hinamanne Oromoo maqaa gurraachessuuf yaaliiwwan gara garaa taasisaa jiru.

Murnoonni kunniin finxaaleyyii olaantummaa saba tokkootti amanan yoo ta’an ibsituu Oromummaa kan hintaane Oromoo abbaa qabsoo abbaa yeroo jechuun maqaa gurraachessuu karaa qaxxaamuraatiin aangoo dhuunfachuuf kanneen yaalaa jiraniidha.

Ilaalchi finxaalessummaa fagoo nama hindeemsisu kan jedhan Obbo Fiqaaduun, isa darberraa barachaa federaalizmii sabdaneessaa hunda walqixxeessu keessatti hiriiruun Itoophiyaa ijaaruuf of qopheessuun dirqama ta’uu eeran.

Kanaan ala ilaalcha finxaalessummaa natu siif beeka jedhuun sabaafi sablammiilee biyyattii waliin waliigalanii jiraachuun ulfaataa akka ta’eedha kan kaasan.

Miirri finxaalessummaafi anamalee amma calaqqisaa jiru yaaliin mootummaa haaromsaa humnaan diiguuf taasifamu carraa juuntaarra ga’e isaanitti fiduu akka hinoolle ibsuun ilaalcha ofittummaa akkanaa keessaa bahuun gaarummaafi ammayyummaa ta’uu ibsaniiru.

Mootummaan haaromsaa yeroo ammaa biyya bulchaa jiru olaantummaa saba tokkoo hambisuun Itoopiyaa hunda ammattu ijaaruuf kan carraaquudha.

Ummanni Oromoos akka maxxantoonni finxaaleyyii jedhan kana abbaa yeroo osoo hintaane abbaa qabsoo hammachuu beeku, walqixxummaatti amanu, jaalala Itoopiyaanummaafis adda durummaan wareegamudha.

Isa kanaafimmoo seenaan ragaadha kan jedhan Obbo Fiqaaduun Itoophiyaa hundaaf haadha taateefi badhaate dhaloota dhufuuf dabarsuuf tokkummaan sabdaneessaa murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Qeerroon dhiigaafi lafeessaatiin sirna kana ijaare sirnicha ittifufsiisuuf miira kutannoo qabaachuu fedhiisaan hiriira ba’ee agarsiisaa jiraachuu kaasanii, gochichi jajajbeessaa ta’uu eeraniiru.

Murnoonni miira namalee calaqqisiisanis gocha yaraa miidiyaa hawaasaarratti maxxaansaa jiran kan hariiroo lammiilee hubu, miira sabaafi sablammiileetti bu’urraa of qusachuun gaarummaa akka qabus kallattii kaa’aniiru.

Akka ibsasaaniitti, biyya olaantummaan saba tokkoo itti mirkanaa’e ijaaruuf yaaliin taasifamu tarkaanfachiisaa waan hintaaneef of ilaaluun murteessaadha.

Ilaalchi finxaalessummaa daangaa ceaa jiruufi faallaa heeraa deemu kamuu carraa juuntaarra gahe namatti fida jedhanii sabaafi sablammiileen mirgasaanii kabachiifachuuf ijaarama federaalizmii sabdaneessaa eegalame kana tikfachuu qabu.

Biyya tokko keessatti ilaalchi siyaasaa gara garaa jiraatus filannoo haqa qabeessaafi dimokraatawaa gaggeeffamuun kan adda baafamu ta’uu ibsanii, yaaliin sirnicha humnaan diiguuf taasifamu seeraan ala akka ta’e kaasaniiru.

Itoophiyaan har’a keessa jirru irree sabaafi sablammiilee hundaan kan utubamtee ijaarsarra jirtu akka taate eeranii, borus humnootuma kanneeniin badhaadinatti akka ceetu kaasaniiru.

Qeerroon sirna dimokraatawaa kana dhale har’as sirnicha kunuunfachaa jiraachuu adda babahiitti bahee agarsiisaa jira jedhanii, ammas irreesaatiin kan kunuunfatu ta’uu himaniiru.

Murnoota bu’aa dhiigaafi lafee qeerroofi qarree kana cehumsa godhachuun sirna ofittummaa ijaaruuf yaalaniifis adeemsichi fagoo kan deemsisu miti.

Ejjennoofi ilaalcha siyaasaa jarri finxaaleyyiin qabatanii deeman tarkaanfachiisaa ta’uu dhabuusaatiin hiriirota tibbanaarratti balaaleffatamuu dandahaniiru.

Mootummaan haaromsaa kun erga hundaa’ee federaalizmiin sabdaneessaa akka lafa qabatuuf hojjetaa kan ture yoo ta’u, har’as dargaggoota sirnicha fidaniin kunuunfamaa sirni dimokiraatawaa ta’e akka lafa qabatu carraaqamaa jira.

Murnoota faallaa walqixxummaa ta’an dhabamsiisuun biyya hunda hammattu ijaruuf tumsi taasifamaa jiru kan nama gammachiisuudha. Kuni ta’us olola sobaafi maqaa hinmalle Oromootti moggaasuun boquu Oromoo akkasumas sabaafi sablammoota cunqurfamoo gadi qabuuf yaaliin jiraatus fagoo akka hindeemne ibsaniiru.

Ammas dimokraatawaa ta’anii qabsaa’uun osoo danda’amuu ilaalcha ofii namatti fe’uuf sochiin taasifamu jaarraa kana keessa fudhatamummaa hinqabaatu. Qeerroowwan Oromiyaa awwaalamuu murna juuntaa sababa godhachuun hiriira bahanii gammachuusaanii ibsachaa jiran dhaadannoowwan gara garaa qabatanii har’as jirra jechaa jiru.

Juuntonni xixiqqaa siyaasa dhokataa qaban biqilaa jiraachuu kan kaasan Obbo Fiqaaduun, boolli juuntota nyaate isaaniinis dabalachuu akka dandahu tilmaamaniiru.

Walumaagalatti akka finxaaleyyiifi oftuultonni tokko tokko jedhan osoo hintaane Oromoon abbaa qabsooti malee abbaa yeroo miti jedhanii, sirni dhiigaan dhufe kun qeerroo qoricha roorroo kanaan utubamaa ijaaraamaa, haaromaa badhaadhinatti kan ce’amu yoo ta’u warreen qaxxaamuraan aangoo dhuunfachuuf kaatan carraan juuntaa qaqqabe isaaniinis dabalachuun akka hinoolle dubbatan.

Gaazexaa Bariisaa Amajji 29/2013

Recommended For You

6 Comments to “Buli qeerroo goota gaafa roorroo inni jedhamu har’as jira”

  1. Pingback: ufa191
  2. Pingback: sci diyalaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *