Takkaalliny Gabayyootiin
Finfinnee: Paartileen siyaasaa marti, paartii biyya bulchu dabalatee haala walqixa ta’een keessummeeffamaa jiraachuu miseensi Boordii Filannoo Biyyaalessaa Doktar Abarraa Dagafaa ibsan.
Doktar Abarraan Wiixata darbe filannoo waliigalaa marsaa 6fa ilaalchisee Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, hariiroo boordichi paartilee siyaasaa waliin qabu hanga ammaatti sadarkaa gaariirra kan jiru yoo ta’u, seeruma labsii 1162/2011 irratti tumameen waliigalteefi naamusa olaanaatiin waliin hojjechaa jiru.
Akka labsii kanaatti paartiileen siyaasaa filannoorratti hirmaachuu danda’an eenyufaa akka ta’aniifi ulaagaa akkamii guutuun isaanirraa akka eegamu kaa’ameera. Isaan kunneen ammoo gurmaa’uufi dirree siyaasaa keessatti dorgommiirratti dhiyaachuuf mirga heeraan isaaniif kenname qabu. Boordichi garuu kaayyoo, sagantaafi ergama paartileen siyaasaa dhiyeeffatan labsichaafi heera biyyattii bira qabuudhaan beekamtiin akka kennamuuf godhameeraa jedhan.
Qooda fudhattootni filannoo kanneen akka jaarmiyaalee hawaasaa, mootummaan, paartileen siyaasaa, waldaaleen siivikiifi dhaabbilee deggartoota mara adda baasuun dhimmoota waloon hojjetamurratti mari’achaa tureerra. Labsii filannoo akka haaraatti baherratti hundoofnee qajeelfamoota maraa qopheessuun dandeenyeerraa jechuun himaniiru.
Filannootti seenuun dura boordichi qophii waliigalaa gochuurratti kan argamu yoo ta’u, keessumaa adeemsa filannichaa nagaafi haqa qabeessa, akkasumas dimokiraatawaa taasisuuf maanuwaaliin naamusa filannoo qopheessuun danda’ameeraa jedhan.
Qophiileen barbaachisaa ta’anis taasifamaa kan jiran yoo ta’u, hanga ammaatti garuu hojiileen hinxumuramiin ni jiru; isaan kunneen ammoo dhawatuma dhawataan raawwatamu. Keessumaa buufataaleen filannoo biyyattii hanga ammaatti hangam akka barbaachisu qulqulleeffamaa waan jiruuf hojii xiyyeeffannoo guddaa barbaadu ta’uus eeraniiru.
Paartileen siyaasaa tokko tokko miseensotniifi hoggantootni keenya nu jalaa hidhaman jechuun irra deddeebiin komii dhiyeeffachaa jiru jedhanii, komichi adeemsa siyaasaan furamuu akka qabu kaasaniiru.
Haaluma kanaan adeemsa filannoo guutummaatti nagaa qabeessa gochuuf namoota hidhaman kanneen yerootiin akka gadi lakkifaman gochuu ykn ammoo murtee hatattamaa kennuun murteessaa akka ta’es yaadachiisaniiru. Mootummaanis fala ni barbaada jedhanii akka abdatanis dubbataniiru.
Addatti garuu miseensotniifi hoggantootni paartilee siyaasaa hidhaman akka gadi lakkifamaniif gaaffii dhiyeessuun ittigaafatamummaa boordichaa akka hintaane hubatamuu qabaa jedhan. Paartileen kunneen garuu mootummaaf gaaffii dhiyeessuuf mirga guutuu qabu jedhaniiru.
Adeemsi filannoo waliigalaa nagaafi haqa qabeessa, akkasumas dimokiraatawaa kan ta’u paartilee siyaasaa maraaf dirreen siyaasaa haala walqixa ta’een bal’atee dorgomuu yoo danda’aniidha kan jedhan Doktar Abarraan, paartiin biyya bulchaa jirus ittigaafatamummaasaa bahachuuf dirqama ta’uus beeksisaniiru.
Sochii hanga ammaa tureen garuu boordichi paartilee siyaasaa mara labsichaafi heera biyyattiirratti hundaa’uun haala walqixa ta’een keessummeessaa jiraachuu eeraniiru. Adeemsa hojiirratti komiiwwan yoo jiraatanis seeraan boordichaaf dhiyeessanii gaafachuuf mirga guutuu qabu jedhaniiru.
Muuxannoofi gahumsi paartilee siyaasaa Itoophiyaa aadaa siyaasaa asiin dura ture waliin ilaalama jedhanii, kanaanis sirni dimokiraasii haalaan shaakalamaa hinturre.
Aadaan waldanda’anii waliin hojjechuufi jiraachuus waan hinturreef, ijaarsa sirna dimokraasii haala barbaadamuun dagaagsuun hindanda’amne jedhan. Fuulduratti garuu siyaasni biyyattii akka qajeeluuf hunduu gaheesaa bahachuu akka qabu dhaamaniiru.
Bariisaa Amajjii 22 Bara 2013
7 Comments to ““Paartiileen siyaasaa marti haala walqixa ta’een keessummeeffamaa jiru” – Doktar Abarraa Dagafaa”