Ija keenyaafi fayyaa ija keenyaa

Doktar Naafyaad Geetuu

Iji keenya qaamolee miiraa keenya shanan keessaa tokko kan taheedha. Wantootni garaagaraa guyyaa guyyaan gochaa oollu baay’een yeroo isaan itti agartuu ijaa keenya miidhan argaa oolla. namni kamiyyuu agartuun ijasaa akka miidhamu hinbarbaadu.

Wantootni guyyaa guyyaa agartuu ijaa keenya miidhuu danda’an:-

1. Sababa umurii irraan kan ka’e: Umuriin namaa akkuma dabalaa deemuun seelonni ijaa baay’ee haphachaafi du’aa waan deemaniif rakkoowwan garaagaraaf saaxilamu. Rakkoowwan akka dabaluu dhiibbaa keessoo ijaa gilaakoomaa jedhamuuf kan kana fakkaatan.

2. Ifa aduu keessa kallattiin ilaalaa turuu

3. Alkoolii baay’iaan dhuguu

4. Yeroo dheeraaf Tv ilaalaa turuu ykn mobaayila fayyadamaa turuu

5. Qoricha dhangala’aa ijaa baay’inaan fayyadamuu

6. Gogiinsa ijaa ykn imimmaana’uu dhabuu ijaa

7. Yeroo warshaa keemikaala garaagaraa keessaa hojjennu fuullee ijaa godhachuu dhabuu

8. Tamboo aarsuu

9. Dhibee sukkaaraa

10. Yeroo yeroon qoratamuu dhabuu

Dhibee Tiraakoomaa

Dhibeen tiraakoomaa dhibeewwan daddarboo tahaniif dhibee hanga sadarkaa jaamuutti nama geessisuu danda’udha. Biyya keenya keessatti, jaamina qaqqabsiisuun sadarkaa lammaffaa irratti kan argamudha.

Tiraakoomaan infeekshinii haguuggii ijaa alaa baay’inaan sababa jarmii baakteeriyaa kilaamadiyaa jedhamurraan kan kahe kan namatti dhufudha.

Karaa daddarba dhibee kanaa

  • Dhangala’aa ija nama dhukkuba kanaan qabame waliin tuttuqqii qabaachuu
  • Harka nama dhibee kanaan qabame qabuu ykn meeshaafi uffata nama dhibee kanaan qabamee waliin fayyadamuu
  • Karaa ilbiisota akka titiisaa nama dhibee kanarraan qabamerraa gara nama fayyaatti daddarba.

Mallattoon nama dhibee tiraakoomaan qabamee

  1. Ija nama hoqsisuu ykn gubuu
  2. Dhangala’aan akka malaa ykn ciimmaa ija keessaa dhangala’uu
  3. Dhukkubbii ijaa
  4. Ifa sodaachuu/photophobia
  5. Dhiita’uu qola ijaa

Wantootni dhibee tiraakomaaf nama saaxilan maalfaadha?

  • Hiyyummaa
  • Daa’imman umuriin isaanii 4-6 tahan baayinaan dhibee kanaaf ni saaxilamu
  • Qulqullina qaamaafi naannoo eeggachuu dhabuu
  • Mana tokko keessa baayinaan jiraachuu
  • Mana fincaanii dhabuu ykn dirree irratti bobba’uu
  • Ilbiisota akka titiisaa bakka baayinaan argamanitti dhibeen kun nii baayyata
  • Hanqina bishaan qulqulluu
  • Naannoo Gogiinsaa (fakkeenyaaf, gammoojjiiwwan)
  • Horii/Jabbiilee waliin mana jireenya ofii keessa buluu
  • Bobbaafi balfa bakkee irratti gatuu
  • Wanta qulqullina hinqabneen ija haxaa’uu
  • Qulqullina ofii eeggachuu dhabuu (fuula dhiqachuu dhabuu)

SADARKAAFI MALLATTOOLEE ISAA:

1. Sadarkaa Kulkulaa (Active Trachoma):

(a). Ofumaan deebi’ee fayyuun beekama

(b). Mallattoolee: Diimachuu ijaa, hoqsisuu, ciimma’uu, ifa sodaachuu

2. Sadarkaa Godaannisaa (Inactive Trachoma):

(a). Dhibee yeroo dheeraa ture irraa dhufa

(b). Mallattoolee: Rifeensa gara ijaatti biqilu, iji nama quuquu, imimmaa’uu, hir’ina agartuu, addaachuu fuula dura ijaa fa’a.

WAL’ANSI DHIBEE KANAA MAAL FA’A?

1. Qorichoota — sadarkaa kulkulaa qofaaf

2. Rifeensa ijatti garagalee jiru bubuqqisuu

3. Baqaqsuun yaaluu: godaannisa qola ijaafi ala ijaa irra jiru sirreessuuf taasifama

MALOOTA ITTISA DHIBEE KANAA:

1. Qulqullina qaamaafi naannoo keenyaa eeguu

2. Nama dhibame tokko dafanii yaalchisuu

3. Qulqullina ijoollee hordofuufi eeguu

4. Bishaan qulqulluu ga’aa ta’e fayyadamuu

5. Bakkee irratti bobbaa taa’uu dhiisuu

6. Bakka bultii jabbiilee bakka jireenya ofii irraa adda baasuu

QAROO DHI’OO (MYOPIA) — “SHORT SIGHT”

Bir-qabaan yoo ilaaluu baay’een keenya wanta fagoo irratti argamu caalaa waan dhiyoorra akka gaariitti baay’inaan argina. Kana jechuun dhiyeenya irratti dandeettiin agartu keenyaa ni dabala jechuudha. Haa ta’u malee, wanti fageenya irra jiru tokko haalaan guddaa yoo ta’e isa dhiyeenya irra jiru wajjiin wal-qixa qulqullaa’ee mul’achuu danda’a.

Iji dhibee adda biraa hinqabne tokko wanta fageenya irra jiru yoo arguu danda’e, garuu wanta dhiyeenya irra jiru immoo tasuma hinargu yoo ta’e “Qaroo Fagoo” (Long Sight) qaba jedhama. Akkasuma, iji wanta dhiyeenya irra jiru yoo arguu danda’e, garuu wanta fageenya irra jiru immoo tasuma yoo argu dadhabe “Qaroo Dhi’oo” (Short Sight) qaba jedhama.

QAROON DHI’OO DHIBEE DHAA?

Qaroon dhi’oo akka dhibeetti kan lakkaa’amu sababa dandeettii dhiyeenya irraa arguu utuu hintaane sababa fageenya irraa arguu dhabuuti.

Dhibeen kun umrii ijoollummaa irratti yeroo mudatu fageenyuma gabaabaa irraa (gabatee gurraachaa irraa) arguu waan hindandeessisneef barumsa addaan kutuu ijoollee kanaaf sababa ta’uu danda’a.

DHIBEE KANAAF MAALTU NAMA SAAXILA?

1. Namoota barnootaan ciccimoo:

Namootni akkanaa yeroo ijoollummaa isaanii irraa kaasuun amaleeffannaa dubbisa yeroo dheeraa waan qabaniif, dubbisni immoo hojii dhiyeenya irratti raawwatamu waan ta’eef, namootni kunneen dhibee kanaaf saaxilamoo ta’u. Sababa kanaaf, dhibeen kun “Dhibee Beektotaa” jedhamuunis ni beekama.

2. Ija guguddaa:

Iji namaa boca killee qaba. Giddu galeessaan miiliimeetirii 24 dheerata. Kanaan ol kan ta’e qaroo dhi’ootiif nama saaxila.

3. Hojii dhiyeenya irraa (near work):

Hojiiwwan dhiyeenya irratti hojjetaman, kanneen akka wayyaa hodhuu (sewing) fi ‘daanteelii’ dha’uu (knitting) dhibee kanaaf nama saaxilu. Kun kan ta’uu danda’u hojiiwwan kanneen irratti yeroo dheeraa dabarsina yoo ta’e dha.

4. Yeroo dheeraa ‘moobaayila’ fayyadamuu:

Keessumaa, ijoolleen altokko ‘moobaayila’ fayyadamuu (fakkeenyaaf: ‘game’ taphachuu) eegallaan yeroo dheeraaf irra turu. Kunimmoo akka isaan dhibee kanaaf saaxilaman taasisa.

5. Dhaala:

Maatiin ofii yoo dhibee kana qabaatan carraan dhibee kanaan qabamuu guddaadha. Dhibeen karaa dhaalaa argamu kun hammaachaa deemuudhaan dandeettii agartuu hir’isaa deema.

6.Boca fuul-duree agartuu ijaa (corneal curvature):

Boci fuul-duree agartuu ijaa (koorniyaa) yoo humnaa-ol golboo ta’e (keratoconus) dhibee kanaaf nama saaxila.

7. Furdina leensii ija keessaa:

Leensiin uumamaan ija keessa jiru yoo hanga barbaadamuun ol furdina qabaate dhibee kanaaf nama saaxila.

DHIBEEN KUN MAAL FA’A FIDUU DANDA’A?

Sadarkaan dhibee kanaa yoo hammaachaa deeme dhibeewwan ijaa adda biraaf nama saaxiluu danda’a.

Dhibeewwan kunneen:

1. Tarsa’uu baqqaana narvii ijaa (Retinal Breaks)

2. Wal-gadhiisuu baqqaana narvii ijaa (Retinal Detachment)

3. Yeroo malee dulloomuu baqqaana narvii ijaa (Myopic Degeneration)

4. Dadhabina ijaa (Amblyopia) (“Lazy Eye”)

5. Gilaakoomaa

Dhibeewwan tarreeffaman kunneen immoo jaaminaaf nama saaxiluu danda’u. Kanaafuu, namootni qaroo dhi’oo qaban (keessumaa ijoolleen dhibee kanaan hubaman) yeroodhaan yaalaa ga’aa argachuu qabu.

DHIBEE AGARTUU DHIYEENYAA RAAGEYYII (PRESBYOPIA)

Iji fayyaalessi tokko fageenya kam irrattiyyuu qulqulleessee arguu danda’a. Kanaaf kan gargaaru leensii uumamaan ija keessa jirudha.

Leensiin kun boca isaa jijijjiiruu danda’a. Wanta fagoo jiru ilaaluuf ni haphata. Wanta dhi’oo jiru qulqulleessee ilaaluuf immoo summuugamuudhaan furdata.

DHIBEEN KUN MAAL IRRAA DHUFA?

Umuriin yeroo dabalaa deemu jijjiiramni addaa addaa ija irratti mul’achuu eegala. Leensiin ijaa jabaachaa (rincicaa) deema. Dandeettiin summuugamuu isaas ni hir’ata. Yeroo kana dhiyeenya irratti arguun rakkisaa ta’a.

MALLATTOON DHIBEE KANAA MAAL FA’A?

1. Dhiyeenya irratti waa arguu dhabuu:

Fakkeenyaaf, yoo ofirraa fageessanii ilaalan malee waa dubbisuun hindanda’amu.

2. Dhukkubbii ijaa

3. Mataa bowwuu naannoo addaafi ijaa

4. Miira akka waan hirribni nama qabee fakkaatu qabaachuu

Yaaliin dhibee kanaa waan jiruuf mana yaalaa deemanii ilaalamuun barbaachisaadha.

Fayyaa hindhabinaa!

Gaazexaa Bariisaa Amajji 22/2013

Recommended For You

480 Comments to “Ija keenyaafi fayyaa ija keenyaa”

  1. Pingback: Visit Your URL
  2. Pingback: 누누티비
  3. Ozempic without insurance [url=https://ozempic.art/#]ozempic generic[/url] ozempic cost

  4. semaglutide tablets [url=https://rybelsus.shop/#]buy semaglutide online[/url] buy semaglutide online

  5. pin up bet [url=http://pinupturkey.pro/#]pin up casino guncel giris[/url] pin up casino guncel giris

  6. pin up giris [url=http://pinupturkey.pro/#]pin up casino giris[/url] pin up guncel giris

  7. пин ап [url=https://pinupru.site/#]пин ап зеркало[/url] pin up зеркало

  8. how to buy stromectol [url=http://stromectol1st.shop/#]buy online[/url] ivermectin cream canada cost

  9. stromectol 3 mg dosage [url=http://stromectol1st.shop/#]stromectol shop[/url] stromectol ivermectin tablets

  10. price of stromectol [url=http://stromectol1st.shop/#]stromectol shop[/url] minocycline 50mg

  11. stromectol 3mg tablets [url=https://stromectol1st.shop/#]stromectol 1st shop[/url] buy minocycline 50mg

  12. plavix medication [url=https://clopidogrel.pro/#]generic pills[/url] buy clopidogrel bisulfate

  13. paxlovid generic [url=https://paxlovid1st.shop/#]best price on pills[/url] paxlovid covid

  14. rybelsus cost [url=https://rybelsus.icu/#]buy semaglutide online[/url] Semaglutide pharmacy price

  15. пин ап казино [url=http://1winindia.tech/#]пинап казино[/url] пин ап казино

  16. en iyi casino siteleri [url=https://1wintr.fun/#]en iyi casino siteleri[/url] guvenilir casino siteleri

  17. dunyan?n en iyi casino siteleri [url=https://1wintr.fun/#]slot casino siteleri[/url] en iyi casino siteleri

  18. пинап казино [url=http://biznes-fabrika.kz/#]пин ап казино онлайн[/url] пинап казино

  19. buy prescription drugs from india [url=http://indianpharm24.pro/#]Indian pharmacy worldwide delivery[/url] п»їlegitimate online pharmacies india

  20. mexican pharmaceuticals online [url=http://mexicanpharm24.cheap/#]mexican pharmacy[/url] mexican border pharmacies shipping to usa

  21. best medicine for ed [url=https://pharm24.pro/#]cheaper medications[/url] compare ed drugs

  22. Online medicine home delivery [url=https://indianpharm24.pro/#]Best online Indian pharmacy[/url] п»їlegitimate online pharmacies india

  23. top 10 online pharmacy in india [url=https://indianpharm24.pro/#]Indian pharmacy worldwide delivery[/url] п»їlegitimate online pharmacies india

  24. top 10 online pharmacy in india [url=http://indianpharm24.pro/#]Pharmacies in India that ship to USA[/url] buy medicines online in india

  25. buying from online mexican pharmacy [url=http://mexicanpharm24.cheap/#]mexico pharmacy[/url] mexico pharmacies prescription drugs

  26. anti fungal pills without prescription [url=https://pharm24.pro/#]cheap drugs online[/url] drugs and medications

  27. best online pharmacies in mexico [url=http://mexicanpharm24.cheap/#]mexico pharmacy[/url] buying from online mexican pharmacy

  28. Deneme Bonusu Veren Siteler [url=http://casinositeleri.win/#]guvenilir casino siteleri[/url] Casino Siteleri

  29. ultrabet tr online [url=https://ultrabet-tr.online/#]ultrabet[/url] ultrabet yeni giris 1125

  30. buy gabapentin india [url=http://gabapharm.com/#]gabapentin GabaPharm[/url] buy gabapentin india

  31. buy lasix fur pharm [url=http://furpharm.com/#]buy lasix fur pharm[/url] buy furosemide online

  32. ED meds online with insurance [url=http://erepharm.com/#]cheapest ed pills ere pharm[/url] best ed pill ere pharm

  33. kamagra oral jelly [url=https://kampharm.shop/#]kamagra oral jelly[/url] cheapest Kamagra Kam Pharm

  34. can i buy amoxicillin over the counter [url=http://amoxilcompharm.com/#]Amoxicillin for sale[/url] amoxicillin from canada

  35. price of amoxicillin without insurance [url=https://amoxilcompharm.com/#]com pharm[/url] can you buy amoxicillin uk

  36. buy priligy max pharm [url=http://priligymaxpharm.com/#]priligy maxpharm[/url] dapoxetine online

  37. how to get clomid for sale [url=http://clomidrexpharm.com/#]generic clomid[/url] where to buy generic clomid for sale

  38. purchase cytotec [url=http://cytpremium.com/#]buy cytotec online[/url] cytotec buy online usa

  39. Cytotec 200mcg price [url=https://cytpremium.com/#]cheapest cytotec[/url] buy cytotec pills online cheap

  40. ivermectin goodrx [url=https://iverfast.com/#]buy Ivermectin online[/url] ivermectin ireland

  41. buy cytotec pills online cheap [url=https://cytpremium.com/#]buy cytotec online[/url] buy cytotec online

  42. pinup kazi [url=http://pinup-kazi.ru/#]пин ап зеркало[/url] пин ап вход

  43. pinup kazi [url=http://pinup-kazi.kz/#]пин ап казино онлайн[/url] pinup kazi

  44. vavada-kazi.ru [url=https://vavada-kazi.ru/#]vavada kazi[/url] вавада онлайн казино

  45. indian pharmacy paypal [url=http://indianpharmstar.com/#]IndianPharmStar[/url] top online pharmacy india

  46. order cytotec online [url=http://cytotec.top/#]cytotec online[/url] buy cytotec online fast delivery

  47. pharmacies in mexico that ship to usa [url=https://mexicanpharmi.com/#]mexican pharmacy[/url] buying from online mexican pharmacy

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *