Natsaannat Taaddasaatiin
Biyyoota guddatanis ta’e guddinarra jiran keessatti walitti bu’iinsi sababoota adda addaatiin darbee darbee garee hawaasaa gidduutti ni uumama. Walitti bu’iinsi sababoota gara garaatiin garee hawaasaa gidduutti uumamu kun garuu Itoophiyaa dabalatee irra jireessaan biyyoota guddinarra jiran keessatti bal’inaan mul’ata. Walitti bu’iinsa uumamuun lubbuun lammiilee nagaa garmaleetti darbaafi qabeenyi barbadaa’aa waan jiruuf, akkasumas namoota qe’ee isaaniirraa buqqisaa waan jiraniif maddoota rakkoo walitti bu’iinsaa ta’an bu’uurarraa furuun dhimma murteessaadha.
Doktar Fiqirtee Addunyaa tibbana Yunivarsitii Finfinnee irraa damee nageenyaafi tikaan (Peace and Security) digirii sadaffaan eebbifaman. Akka isaan jedhanitti, barnoonni isaanii haala nageenyaafi tikaan addunyaa, Afrikaafi Itoophiyaatiin walqabatuufi yaadrimeen nageenya addunyaa, Afrikaafi Itoophiyaatti fiduudhaaf gargaaru irratti xiyyeeffata.
Biyyootni Afrikaa hundi gama nageenyaafi tikaatiin haala walfakkaatu keessa kan jiran ta’uu himanii, rakkoon biyyoota Afrikaa keessatti irra jireessaan mul’atus walitti bu’iinsa biyyaafi biyya gidduutti uumamu utuu hintaane walitti bu’iinsa garee hawaasaa sababoota garagaraatiin biyya tokko keessatti uumamuudha. Walitti bu’iinsi biyyaafi biyya gidduutti adeemsifamu waraana Itiyoo-Ertiraa booda hinjiru jechuun ni danda’ama. Rakkoon nageenyaa sababoota garagaraatiin garee hawaasaa gidduutti uumamu garuu ammayyuu ittifufee kan jiru ta’uu himu.
Mirgoonni namoomaa sirriitti kabajamuu dhabuun walitti bu’iinsa rakkoo garee hawaasaa gidduutti uumamuuf sababa ta’uu kan himan Doktar Fiqirteen, qoodiinsi aangoo walqixa ta’uu dhabuun ykn gareen tokko qofti dhuunfachuun hojdhabdummaan, mirgoonni bilisummaan jiraachuufi qabeenyaa horachuu sirriitti kabajamuu dhabuun, siyaasaafi dinagdee to’achuun qaamolee biroo moggaatti dhiibuufi gaaffiilee hawaasaa hatattamaan deebisuu dhiisuun maddoota rakkoo garee hawaasaa gidduutti walitti bu’iinsa uumaniidha. Rakkooleen kunneen akka Itoophiyaas ta’e Afrikaatti bal’inaan kan mul’atan ta’uu himu.
Rakkoo nageenyaa sababa walitti bu’iinsa garee hawaasaa gidduutti uumamuun miidhaa qaqqabaa jiru furuuf mirgoota namoomaa kabajchiisuun, namoonni wantoota barbaadan naannawaasaatti akka argatan taasisuun, hawaasa hunda ija tokkoon (walqixxummaan) ilaaluufi olaantummaa seeraa kabajchiisuun murteessaadha jedhu.
Hawaasni kan walitti bu’u callisee osoo hintaane waan dhabe tokko waan qabuufiidha kan jedhan Doktar Fiqirteen, rakkoo nageenyaa gama kanaan mul’achaa jiru furuudhaaf mootummaan waltajjii walga’ii guguddaa qopheessee kutaalee hawaasaa hunda keessumaa dargaggoota, dubartootaafi jaarsolii biyyaa hirmaachisuudhaan ilaachi hawaasaa akka jijjiiramu taasisuu, gaaffiilee hawaasaa yeroon deebisuu, rakkoolee hawaasdinagdeefi hojdhabdummaa furuu irratti xiyyeeffatee hojjechuu akka qabu yaadachiisu.
Akka Doktar Fiqirteen jedhanitti, yeroo ammaa kan barbaachisu sadarkaa gandaarraa eegalee hanga oliitti hawaasa waliin marii bal’aa adeemsisuudha. Kanaafuu mootummaan waltajjiiwwan marii kutaalee hawaasaa hunda hirmaachisu bal’inaan qopheessuudhaan hawaasni ilaacha walitti bu’iinsa keessaa ba’ee waa’ee nageenyaafi misoomaa akka yaadu taasisuun barbaachisaadha. Miidiyaaleenis dhimma kanarratti xiyyeeffatanii hojjechuutu isaanirraa eegama.
Walitti bu’iinsi lubbuu namaas ta’e qabeenya balleessuun miidhaa qaqqabsiisuurraan kan hafe faayidaa tokkoyyuu hinqabu kan jedhan Doktar Fiqirteen, hawaasni nagaa yaadee nagaan akka jiraatuuf mootummaan gaaffilee ummataa deebisuu irratti xiyyeeffatee hojjechuu akka qabuufi gaaffiin hawaasaa hanga hindeebinetti walitti bu’iinsa hir’isuun kan hindanda’amne ta’uu himu.
Yunivarsitii Finfinneerraa tibbana “Public Administration and Development Management”dhaan digirii jalqabaatiin kan eebbifame dargaggoo Wandiwasan Birhaanuu akka jedhutti, barattoonni barnootasaanii tasgabbaa’anii akka hordofaniif dhaabbiilee barnootaa keessa nageenyi amansiisaan jiraachuu qaba. Nageenyi hinjiru taanaan sochiin kamiyyuu hinjiru. Gatiin nageenyaa maaliiniyyuu kan madaalamu miti. Kanaafuu waan hundumaa dura nageenyaaf dursa kennuun barbaachisaadha.
Ilaachonniifi yaadonni siyaasaa keenya adda adda ta’uu ni danda’u kan jedhu Wandwasan, adda addummaan yaadaa uumamumaan kan jiru ta’us wantoota irratti waliigaluu qabnurratti garuu waliigaluutu nurra jira. Kana ta’uu baannaan nageenyi mirkanaa’aan jiraachuu hindanda’u. Walitti bu’iinsarraa waan fayyadamnu tokkoyyuu hinqabnu. Kanaafuu hundi keenya nageenyaaf dursa kennuudhaan nageenya keenya mirkaneessuu irratti xiyyeeffannee hojjechuu qabna jedha.
Nageenyi mirkanaa’aan akka jiraatuuf ammoo rakkoolee mudatan mariidhaan furuu aadaa taasifachuu qabna kan jedhu dargaggoon kun, nageenyi mirkanaa’aan jiraannaan gaaffilee hawaasni dhiyeessu deebisuun ni danda’ama. Umrii gabaabaa qabnu keessatti jireenya nagaafi jaalala qabu dabarsuutu nurraa eegama jedha.
Pirezidaantiin Mootummaa Rippaablika Dimokiraatawaa Federaalaa Itoophiyaa Saahilawarqi Zawudee sirna eebbichaarratti akka jedhanitti, yeroo dabarsine keessa rakkoolee hedduun nu mudataniiru. Rakkooleen nu mudatan hedduun tokkummaa keenya diiguu, aadaa waliin jireenyaa keenya balleessuu, birmadummaa biyya keenyaa cabsuufi mirga nagaan jiraachuu lammiilee sarbuu irratti waan xiyyeeffataniif haala addaatiin irratti hojjechuu barbaadu. Rakkoolee gama kanaan jiran furuudhaaf olaantummaa seeraa karaa milkaa’ina qabuun adeemsisuun barbaachisaafi abdii kan namaa kennuudhas.
Xiyyeeffannoon lammiilee inni ijoon biyyattii ijaaruufi guddisuu yoo ta’u, manii keenya bira ga’uuf waliigaluu, waliin hojjechuu, nageenya biyyattii mirkaneessuu qabna kan jedhan Pirezidaantittiin, olaantummaa yaadaa, walkabajuufi dimokiraasiitti yoo amanne nageenyi biyyattii ni mirkanaa’a. Kanaafuu dhimma siyaasaafi faayidaa dhuunfaafi gareef jecha nageenya biyyattii booressuufi lubbuun lammiilee nagaa sababa sanyummaafi amantaatiin dabarsuun dhaabbachuu qaba.
Rakkoon kun dafee to’atamuu baannaan akka abidda saafaa battalatti nama hundumaa bira ga’uu waan danda’uuf rakkoon kun ana bira hinga’u jedhanii yaaduun gowwummaadha. Miidhaa gama kanaan nu mudatanirraa barachuudhaan nageenyaafi guddina biyya keenyaaf tokkummaan waliin hojjechuu qabna jechuun dhaamsa dabarsaniiru.
Ammaan booda lammiin biyyattii kamiyyuu sababa rakkoo nageenyaatiin ajjeefamuu, buqqa’uufi godaanuu hinqabu kan jedhan Saahilawarqi, rakkoon kun hallayyaa gad faggootti kan nu darbatu waan ta’eef of eeggannoo cimaa taasisuu qabna. Bu’uurri rakkoo kanaas hundeerraa dhabamuu qaba. Qaamolee faayidaa dhuunfaafi gareef jecha nageenya biyyattii booressuu, lammiilee ajjeesuufi buqqisuuf socho’an dura tokkummaan dhaabbachuu qabna jechuun ergaa dabarsaniiru.
Waanti nuti dubbannuufi hojjennu hundinuu ittigaafatamummaadhaan ta’uu qaba kan jedhan pirezidaantittiin, oduu sobaa hawaasa gidduutti walitti bu’iinsa uumu, akkasumas arrabsoofi maqaa namaa balleessan dubbachuu, hordofuufi tamsaasuurraas of eeggachuu qabna. Waa’een nageenya biyya keenyaa walqixa nu yaaddessuu qaba. Rakkoolee nageenyaa mudatan dafnee mariidhaan furuufi rakkoolee nageenyaa dursinee ittisuu irratti xiyyeeffannee hojjechuu qabna jedhu.
Barattoonni dhaabbilee barnoota olaanaa seenaa jiranis rakkoo nageenyaa bara darbe yunivarsitiiwwan garagaraa keessatti uumamanii turan akka irra hindeebineef miidhaa waggaa darbe mudaterraa barachuun yunivarsitii keessa nageenyi amansiisaan akka jiraatuuf of eeggannoo cimaa taasisuu akka qaban yaadachiisaiiru.
Gaazexaa Bariisaa Amajjii 15/2013
5 Comments to ““Mirgoonni namoomaa kabajamuu dhabuun maddoota walitti bu’iinsaa keessaa isa tokkoodha” -Doktar Fiqirtee Addunyaa”