Heera hiikuu keenyaan Afaan hojii federaalaa 5tti akka guddatu ta’eera

Waasihun Takileetiin

Lakkoofsaan baay’achuun sabaafi sablammoota Itoophiyaa humnoota federaalizmii sabdaneessaatti amananiif miidhaginaafi tokkummaa dhugaa  ta’ee kan tajaajilu yoo ta’u, humnoota sirna cunqursaafi ukkaamsaa mootummaa tokkeef immoo farra tokkummaa bittinneessuu ta’ee mul’ata.

Ijaarama tokkummaan walqabatee ilaalchonni  lama kan jiran yoo ta’u, inni tokko tokkummaa hedduminarratti  hundaa’e yoo ta’u, inni biraan ammootokkummaa baksaati. Tokkummaan hedduminaarratti  bu’uureffatte walqixxummaa sabaafi sablammootaa, amantaa, afaanii, eenyummaa olaantummaa seeraa jalatti ijaaramudha. Tokkummaan akkasii kun hirmaachisaadha, waliif birmannaaf mijataadha, ilaalcha ana maleefi natu siif beekaa kan maseensu waan ta’eef sabaaf sablammoota biratti fudhatama guddaa kan qabuufi sirna dimokiraatawaadha.

Sirni mootummaa tokkeefi baksaa ta’e kun olaantummaa saba tokkoo kan labsu walqixxummaa sabaaf sablammootaatti kan hin amanne, olaantummaan afaan saba tokkoo qofti akka gabbatu kaan immoo akka quucaran qabeenyasaaniirratti abbummaa akak dhaban kan taasisuufi miti dimokiraatawaadha. Sirni akkasii kun faallaa federaalizmii sabdaneessaa ta’uun hanna, saamichaa, cunqursaa sabummaa, dhiittaa mirgaafi alseerummaan kan guutamedha jechuun nidanda’ama.

Jaarraa tokkoofi walakkaa oliif sabaaf sablammoota Itoophiyaa keessa jiran eenyummaasaanii mulqamuun eenyummaa saba tokkoo akka uffatan ta’aa turuu seenaatu ragaa baha. Sirni mootummaa tokkee gadadoo maxxantummaa jajjabeessu hanna babal’isuufi cunqursaa sabummaa hammeessu  kun qorqalbii sabootaafi sablammootaa jaamsuun ba’aa ta’aa ture qabsoo hadhaa’aa wareegamtootaan erga daaraa ta’ee bubbuleera.

Kufaatii sirnoota cunqursaan as  jijjiiramoonni federaalizmii sabdaneessaa calaqqisiisu jedhaman mul’achuu eegalanis akkaataa heerri ‘RFDUI’ jedhutti hojiitti hiikamuu dhabuun ergamasaa milkeessuun hindanda’amne.

Isa kanaaf sababadha jedhamee kan ka’u yoo jiraate murni Juuntaa ABUT waggoota 27f ulee bulchiinsaa of harka galchanii turan maqaaf ijaarama federaalizmii sabdaneessaaf dhaabanneerra jedhanis akkaataa hannaafi saamichaaf isaaniif tolutti mijeeffachuun gola sabaaf sablammootaa golgoleessaa turaniiru. Lammiilee ilaalcha faallaa qabanis sakatta’uun sarbama mirgaa hanga ajjeechaa lubbuutti qaqqabsiisu raawwataa turaniiru.

Daraggoonni, beektonni, jaarroleen biyyaa hedduus gara jabummaa sirna Juuntaa ABUT kanaan qaamnisaanii hir’ateera, kaan immoo achi buuteensaanii dhabameera.

Sirni hattuun kun qabsoo hadhaa’aa qeerroofi qarreen Oromoo raafama siyaasaa keessa erga galee wareeama qaalii hadhaa’aa kaffalaniin booda hundeedhaa diigameera. Afarsitoonni sirnichaas tokko lamaaniin boolla isaan lixan keessaa funaanamuun seeratti dhiyaachaa kan jiran yoo ta’u, warreen diddaa agarsiisaniif immoo tarkaanfiin madaalawaa olaantummaa seeraa kabachiisuu irratti fudhatameera.

Paartiin Badhaadhinaa yeroo ammaa aangoorra jirus walqixxummaa sabaa mirkaneessuun federaalizmii sabdaneessaa lafa qabsiisuuf kan hojjetu ta’uu yeroorraa yerootti ibsaa jira. Kuni ta’us calaqqeewwan murnoota alseerummaan guutamaniin mul’atan tokko tokko federaalizmii sabdaneessaa diiguuf hojjetamaa jira kan jedhanis hindhibani.

Kanas ta’e sana Itoophiyaa keessatti sirni federaalizmii sabdaneessaa hunda walqixa hirmaachisuun alatti sirni baksaa mootummaa tokkee tarkaanfachiisaa akka hintaane himama. Haala Itoophiyaa waliin walqabatee sirni tarkaanfachiisaa ta’e Federaalizmii sabdaneessaa ijaaruu yoo ta’u, isa kana dhugoomsuuf Manni Maree Federeeshinii Itoophiyaa kutannoon hojiitti seenee jira.

Tarkaanfiiwwan gama kanaan Manni Maree Federeeshinii fudhataa jiru maal fakkaata isa jedhuuf gaazexaan Bariisaa  Ittii Gaafatamaa Dhimmoota Kominikeeshinii mana marichaa Obbo Tarrafaa Badhaadhaa wajjin turtii kan taasise yoo ta’u, isaanis hojiileen sirna federaalizmii sabdaneessaa cimsan hojjetamaa jiraachuu kaasu.

Haala Itoophiyaarratti hundaa’uun walqixxummaa sabaaf sablammootaa dhugoomsuuf akaksuams sirna federaalizmii sabdaneessaa cimsuuf afaan hojii federaalaa tokko qofa turereet afaanota hojii afur dabaluun gara shaniitti guddisuuf haal dureen xumuramee raggaassifamuusaa himaniiru.  Kanas yeroo gabaabaa keessatti hojiitti hiikuuf manni marichaa humna guutuun hojjetamaa jiraachuus kaasanii, gaaffichi gaaffii mirgaa gafatamaa ka’aa tureefi amma deebii argatedha jedhu.

Sirnoonni baksaa mootummaa tokkee labsan ijaarama federaalizmii sabdaneessaa diiguun ergama dhokataa hannaafi saamicha akkasumas maxxantummaa babal’isuuf warreen yaadan ta’uu Obbo Tarrafaan kaasanii, haala biyyattii waliin walqabatee yaalichi mit tarkaanfachiisaafi fudhatama kan hinqabnedha jedhu.

Itoophiyaa har’aa ija kaleessaan ilaaluun hindanda’amu kan jedhan Obbo tarrafaan,  jaarraa 21faa kana keessaa lammiileen mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu, mirga qabeenya ofii hogganuu, mirga ofiin of bulchuu, mirga eenyummaa ganamaa debisuufi  dhuunfachuuf wayita carraaqaa jiranitti ilaalcha sirna cunqursaa ijaaruuf yaaluun fagoo nama hindeemsisu jedhu.  

Gaaffii mirgaa lammiileen gaafatan kana qabatamaan hojiitti hiikuuf sochii manni Maree Federeeshinii Itoophiyaa taasisaa jiru jajjabeessaa yoo ta’u, yeroo ammaatti hojiileen ciccimoofi jajjabeessaa ta’an raawwatamaa jiras jedhaniiru. Haaluma kanaan Afaan Amaaraa cinatti, Afaan Oromoo, Afaan Sumaalee, Afaan Tigriffaafi Affaariffaa afaanota hojii mootummaa federaalaa taasisuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Afaanonni kunneen sadarkaa nananootti waggoota 27f afaan hojii ta’anii tajaajilaa kan turan yoo ta’u, labsii Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa ragaassiseen Afaan Amaariffaa dabalatee afaanoonni shan  afaan hojii federaalaa akka ta’an raggaassiseera.

Adeemsa kana dugoomsuun hojiitti jijjiiruuf hojiileen gara garaa raawwatamaa akka jiran kan himan Obbo Tarrafaan, labsichis yeroo gabaabaa keessatti hopjiirra kan oolu ta’uu eeraniiru.

Kanaan dura naannooleen afaan isaaniin alatti kan ollaasaanii barachaa akka hinturres kaasanii, yeroo ammaa garuu naannooleen afaan walii waliisaanii manneen barnootasaanii keessatti akka baratan ta’eera. Tarkaanfiiwwan  kunneen imala Afaan Oromoo afaan  hojii mootummaa federaalaa dabalataa taasisuuf akeekame dhugoomsuu keessatti bakka olaanaa kan qabudha.

Naannooleenis fedhiidhaan afaanicha simatanii barachuu eegalaniiru kan jedhan Obbo Tarrafaan, afaanonni naannoolee naannoo biraa keessattis dabalataan afaan miidiyaa akka ta’u ta’eera.

Miidiyaaleen naannoos kana hubachuun hanga afaanota 12tti tamsaasasaanii waliin gahaa jiraachuus kaasanii, ejjennichi jajjabeesaafi egeree Itoophiyaaf murteessaadha. Saboonniifi sablammoonni Itoophiyaa 76 afaansaanii beekamee hojiirra kan jiran yoo ta’u, warreen hafan gaaffii eenyummaafi gaaffii mirgaa warreen qabaniifis furmaata laachuuf hojjetamaa jira. Tarkaanfichi fedraalizmii sabdaneessaa kan jajjabessu ta’uu kaasaniiru.

Labasiin kun hayyoota biyyattiin qabduun waggoota torbaaf qoratamee kan dhiyaateefi raaggassifamedha jedhanii,  gaaffiileen sabootaa akka keessumma’aaniif karaa kan saaqudha. Kanamalees hariiroo mootummaan naannooleefi federaalaa walii waliisaanii gidduutti qaban seera qabeessa akka ta’us kan gargaaruudha jedhu.

Labsii qorannoo Mana Maree Federeesiniin dhiyaatee Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataan ragaassifame kun olaantummaan seeraa akka kabajamuufis kan hojjetuudha. Hojii gama kanaan dura hojjetameen murnoota Juuntaa ABUT faallaa heeraa deemanirratti tarkaanfiin kabachiisa olaantummaa seeraa fudhatamuu kaasanii jijjiiramni mul’achaa jiru jajjabeessaadha jedhaniiru.

Sabaaf sabalammoonni kamiyyuu gaaffii   mirgaafi eenyummaa qabaachuu danda’u kan jedhan Obbo Tarrafaan, gaaffiin ka’us daangaa seeraa keessatti ta’uu akka qabus kaasaniiru. Kuni ta’us eenyummaafi daangaa humnaan deebifachuuf yaaliin taasifamu alseerummaafi juuntummaa ta’uu kaasu.

Biyya heeraan bultu keessatti daangaan humnaan deebi’u akka kaasanii,  tarkaanfichi alseerummaa kan babalisuufi hariiroofi walabummaa naannoolee waan miidhuuf kan hinjajjabeeffamne ta’uu eeraniiru.

Akka ibsasaaniitti, humnaan yaaduun juuntaarraa barachuu dhabuufi bu’uura seeraa wallaaluudha yoo ta’u, tokkummaa biyyaa kan miidhuufi hariiroo naannoolee kan gufachiisudha. Kun akka hintaaneef heera mootummaa kabajuun gaaffii qaban hunda karaa seeraa dhiyeeffachuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru. Labsiin amma ba’e kun waan addaa fidee hindhufne jedhamee odeeffamaa ture yeroo ammaa hojiitti hiikuun gaafii sabummaa, eenyummaafi abbummaa deebisuuf kan hojjetudha.

Jaarraa 21ffaa amma keessa jirru kana keessa sirna cunqursaa mootummaa tokkee ijaaruun hindanda’amu kan jedhan Obbo Tarrafaan, federaalizmiin sabdaneessaa fayyadamummaa lammiilee kan mirkaneessuufi filannoo keessa kan hin galle ta’uus dubbataniiru.

Walumaagalatti mana mare federeeshinii kabajamuu olaantummaa seeraaf, gaaffii mirgaafi eenyummaa  lammiilee simatee ogeessotaafi heeraan deeggaramee deebisuuf itti gaafatamummaa kan qabu yoo ta’u, yeroo ammattis afaanota hojii mootummaa federaalaa gara shaniitti guddisuun alatti sirni federaalizmii sabdaneessaa qabatamaan lafa qabsiisuuf hojjechaa jira.  

Gaazexaa Bariisaa Amajjii 15/2013

Recommended For You

9 Comments to “Heera hiikuu keenyaan Afaan hojii federaalaa 5tti akka guddatu ta’eera”

  1. Pingback: พรมรถ
  2. Pingback: กงล้อ888
  3. Pingback: mim66
  4. Pingback: free webcams
  5. Pingback: video chat
  6. Pingback: Massage

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *