Finfinnee: Akaakuuwwan ispoortii adda addaa qalbii hawaasa addunyaa harkisuu fi daawwattoota baay’ee horachuu keessatti ispoortiin kubbaa miilaa isa duraati. Kallattiinis ta’u al kallattiin ummatni biliyoona 6.2 ta’u jaalala ispoortii kanaa kan qabuudha. Ispoortiin kun yoomiifi eessatti akka jalqabame beekamuu baatus kan dhalate biyya Ingilizitti akka ta’e himama.
Ispoortiin kubbaa miilaa kun biyyoota Awuroppaa keessatti jaalatamuummaan isaa cimaa dhufuurraa kan ka’e mataasaa danda’ee waldaan akka hundeeffamuuf yaada dhihaateen ALA bara 1920 keessa irratti mari’atamee booda bara 1930 waldaa piroofeeshinaalotaa ta’uun hundaa’eera.
Waldaan kun biyyoota miseensota yeroo sanaa 13 jidduutti waancaan kubbaa miilaa pirofeeshinaalota kanneeniin gaggeeffamuu akka jalqabu gochuudhaan Uraaguwaayi waancaa kubbaa miilaa Adunyaa jalqabaa bara 1930 keessumeessuudhaan waancicha hambifatteetti.
Biyyoota yeroo jalqabaaf waancaa kanarratti hirmaatan jiddutti haa gaggeeffamu malee ispoortiichi yeroo gabaabaa keessatti ardii maraarratti beekamtii argachuudhaan biyya keenyas seenuu danda’eera.
Ispoortiin kubbaa miilaa kun Itoophiyaatti beekamtii edda argatee walakkaa jaarraa tokko olii lakkoofsiseera. Mootummaan Itoophiyaas ispoortichaaf xiyyeeffannaa kennuudhaan federeeshinii kubbaa miilaa Itoophiyaa hundeesuudhaan federeeshinichi kilaboota liigii piriimeerii Itoophiyaa,liigii biyyaalessaa dabalatee kanneen naannoolee gurmeessuudhaan akka bulchu taasiseera.
Haaluma kanaan dargaggoonni biyyattii kanneen dandeettii qaban kilaboota adda addaa keessatti hirmaachuudhaan carraa qabeessota hojii ta’uu danda’aniiru. Haata’u malee yeroo ammaa sababii ‘COVID-19’n addunyaarratti babal’achaa jiruuf kilaboonni hedduun galiin isaanii hira’achaa dhufuudhaan humna galii isaanii dadhabsiisaa jira.
Rakkoo gama kanaan mudachaa jiru qisuuf sochii taasifama ajiru ilaalchisuun Itti Aanaa Bareessaan Federeeshina Kubbaa Miilaafi Ittigaafatamaan Kutaa Teekinikaa Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa Obbo Salamoon Gabrasillaasee tibbana gaazeexaa bariisaaf akka ibsanitti, ‘COVID-19’ addunyaarratti babal’achaa adeemudhaan dinagdee biyyoota hedduu irratti dhiibbaa qaqqabsiiseera.
Rakkinni kun ammoo damee ispoortiiwwan heddu laamshessuu yoo kaasan Keesumatu daawwataafi deeggartoota biliyoona hedduu kan qabu ispoortii kubbaa miilaarratti dhiibbaa olaanaa qaqqabsiisuun dinagdee biyyootaa miidheera.
Federeeshinii kubbaa miilaa Itoophiyaa jalatti sadarkaa adda addaatiin kilaboonni kubbaa miilaa dhibbaa ol ta’an gurmaa’uudhaan,dargaggoonni hedduu miindeffamaniiru, carraa hojii argachuun mataasaaniifi maatiisaanii gargaaraa jiru.
Akkasumas garee biyyaalessaatiif filatamuudhaan biyyattii bakka bu’uun wal morkiiwwan biyyooleessaarratti hirmaachaa jiru. Wayita tapha biyyoolessaa gaggeeffamus, ija leenjistoota kilaboota biyyoota alaa keessa galuudhaan pirofeshinaalota ta’uun biyyi teenya sharafa alaa akka argattuuf shoora olaanaa taphataniiru ammas ittuma jiru.
Haaluma kanaan yeroo ammaa kana kubbaan miilaa madda galii ta’usaatti biyyattii dinagdeen utubaa kan jiru yoo ta’u, dargaggoonni biyyaas damee kanarraa fayyadamtoota ta’uusaanii O bbo Solomon ibsaniiru.
Dargaggonni ispoortii kanarratti hirmaatanis kanuma ummataa ta’usaanitti ummannis kallattii adda addaatiin ispoorticha deggaraa tureera kan jedhan obbo Solomon hirmaannaan ummataa ammas itti fufuu akka qabu yaadachiisaniiru.
Rakkina gurmaa’inaatiin kan ka’e kilaboonni kubbaa miilaa biyya keenyaa guutummaa guutuutti harka mootummaa jala waan jiraniif mataasaanii danda’anii galiidhaan of bulchuuf humna hin waan hinqabneef maxxantoota ta’usaanii ibsaniiru.
Akkuma beekamu kanaan dura maddi galii kilabootaa dirreewwan kubbaa miilaarra galii argamudha.Hata’u male ammaan tana sababii ‘COVID-19’ kanaan kan ka’een wayita kilabonni taphatan deeggartoonni 10-20 qoftti istaadiyomii galuudhaan akka deeggaran ta’usaatti galiin istaadiyomarraa argamu hin jiru.
Akkasumas kanaan dura dhaabbileen adda addaa omisha isaanii beeksisuuf bakka daawwattoonniifi deeggartoonni hedduun argaman istaadiyoomii magaalaa finfinneefi naannoleetti beeksisuuf jecha ispoonsara gochaa turanis ammaan tana gargaarsa kana dhabuudhaan maddi kun dhaabachuusaatti kilaboonni hedduun rakkina keesa jiraachuusaaniis ibsaniiru..
Waan kana ta’eef kilaboonni hedduun taphattoota isaaniif miindaa kaffaluu waan hindandeenyeef heddunsaanii yeroo gabaabaa keessatti rakkina faayinaansiin walqabatee diigamuuf qarqara irra gahuusaanii obbo Solomon beeksisaniiru.
Tashoomaa Qadiidaatiin
Gaazexaa Bariisaa Amajjii 15/2013
Diagnostico de equipos
Sistemas de equilibrado: clave para el rendimiento uniforme y efectivo de las maquinas.
En el mundo de la ciencia actual, donde la productividad y la estabilidad del aparato son de gran relevancia, los aparatos de equilibrado tienen un rol crucial. Estos dispositivos dedicados estan desarrollados para equilibrar y regular elementos giratorias, ya sea en herramientas industrial, medios de transporte de movilidad o incluso en aparatos de uso diario.
Para los tecnicos en mantenimiento de sistemas y los especialistas, operar con dispositivos de balanceo es crucial para promover el funcionamiento suave y fiable de cualquier aparato dinamico. Gracias a estas alternativas avanzadas avanzadas, es posible limitar sustancialmente las oscilaciones, el estruendo y la carga sobre los sujeciones, aumentando la duracion de elementos caros.
Asimismo significativo es el rol que desempenan los aparatos de ajuste en la soporte al usuario. El apoyo profesional y el mantenimiento permanente usando estos equipos permiten dar prestaciones de gran nivel, mejorando la satisfaccion de los compradores.
Para los propietarios de proyectos, la financiamiento en estaciones de ajuste y medidores puede ser fundamental para mejorar la rendimiento y rendimiento de sus aparatos. Esto es sobre todo significativo para los empresarios que manejan medianas y medianas organizaciones, donde cada punto vale.
Ademas, los aparatos de balanceo tienen una vasta implementacion en el sector de la prevencion y el control de calidad. Permiten identificar potenciales errores, impidiendo reparaciones onerosas y problemas a los equipos. Mas aun, los datos generados de estos sistemas pueden usarse para maximizar procedimientos y aumentar la visibilidad en motores de exploracion.
Las zonas de implementacion de los equipos de ajuste comprenden variadas sectores, desde la elaboracion de transporte personal hasta el monitoreo del medio ambiente. No interesa si se refiere de grandes producciones industriales o modestos establecimientos de uso personal, los dispositivos de balanceo son fundamentales para promover un operacion efectivo y sin presencia de fallos.
Hi just wanted to give you a brief heads up and let you know a few of the images aren’t loading
correctly. I’m not sure why but I think its a linking issue.
I’ve tried it in two different web browsers and both show the same outcome.