Yunivarsitiin Bulee Horaa Sirna Gadaa barsiisuufi qorachuudhaan isa jalqabaati

Natsaannat Taaddasaatiin

Bulee Horaa:  Sirni Gadaa aadaa, duudhaa, safuu, eenyummaa, seenaa akkasumas beekumsa Oromoo of keessatti kan qabate sirna baratameefi qoratamee hindhumneedha. Sirni Oromoodhaan bocame kun hambaa kiliyaa addunyaa ta’ee ‘UNESCO’tti erga galmaa’ee waggaa afur ta’eera.

Waggaa 4fan ‘UNESCO’tti galmaa’uu sirnichaa  walta’iinsa Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa, Yunivarsitii Bulee Horaafi Bulchiinsa Godina Gujii Lixaatiin  Sanbataafi Dilbata darbe Yunivarsitii Bulee Horaatti kabajameera.

Ardaa jilaarratti kan ijaarame Yunivarsitiin Bulee Horaa Sirna Gadaa barsiisuu, qorachuu, guddisuufi beeksisuurratti hojiilee dorgomaa hinqabneefi yunivarsitiiwwan biroof fakkeenya gaarii ta’u raawwachaa jira. Sirna Gadaa hanga digrii sadaffaatti kennuudhaanis yunivarsitiiwwan biyyattii keessaa isa duraati.

Pirezidaantiin Yunivarsitii Bulee Horaa Doktar Caalaa Waataa akka jedhanitti, Sirni Gadaa mallattoo, tokkummaafi eenyummaa Oromooti. Sirnichi miidhaa mootummoota, dhaabbilee amantiifi ilaalcha siyaasa garagaraatiin  irra ga’aa ture hunda dandamatee as ga’eera. Yunivarsitichis dhalootni har’aa sirna aadaa, eenyummaa, duudhaafi safuu Oromoo ibsu kana caalaatti guddiseefi dagaagsee ittifufsiisuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Sirni Gadaa falaasama namni, Waaqniifi lafti walhubataniifi waldanda’anii ittiin jiraataniidha kan jedhan Obbo Kabbadaan, hayyoonni hedduunis waa’ee sirnichaarratti qorannoo gara garaa adeemsisaniiru; adeemsisaas jiru. Yunivarsitichis Sirni Gadaa akka guddatu, dagaaguufi mul’atuuf gumaacha olaanaa taasisaa jira. Waa’ee Sirna Gadaa barsiisuuf bu’uurriifi hiddi keenya abbootii Gadaati jedhu.

Ardaalee jilaa 376 hojiirratti argaman keessaa tokko irratti kan hundaa’e Yunivarsitiin Bulee Horaa, dhufanii waa’ee Gadaa utuu hinbaratin galuun qaaniidha kan jedhan pirezidaanitichi, yunivarsitichi barnoota Gadaa hanga digirii sadaffaatti kennaa jira; qo’annoofi qorannoos geggeessaa jira.

Digrii jalqabaatiin Gadaafi Seenaa Oromoo, digirii lammaffaadhaan Gadaafi Nageenya digirii sadaffaadhaan ammoo Gadaafi Bulchiinsa jennee barsiisaa jirra. Barnoota Gadaa digirii sadaffaa booda (Postdoctoral Fellowship) jiru  milkeessuuf hayyoota biyya keessaafi alaa jiran waliin hojjechaa jirra jedhu.

Yunivarsitichi waa’ee Gadaa barsiisuu qofa osoo hintaane barreeffamoota waa’ee Gadaarratti barreeffaman walitti qabee joornaalii lama maxxansiisee sadaffaa ammoo qopheessaa jira kan jedhan pirezidaantichi, qo’annoofi qorannoo yunivarsitichi waa’ee Gadaarratti taasisaa jirus yoomiyyuu addaan hincitu jedhaniiru.

Yunivarsitichi barattoota kuma 17 ta’an Oromiyaa, Itoophiyaafi biyyoota alaarraa simatee waa’ee nagaa barsiisaa jira kan jedhan Doktar Caalaan, digrii tokkoffaadhaan sagantaalee barnootaa 101, digrii lammaffaadhaan 82, digirii sadaffaadhaan ammoo sagantaalee barnootaa 19 barsiisaa kan jiru ta’uu himaniiru. Yunivarsitiin ardaa jilaarratti ijaarame kun hojii baruufi barsiisuu, qo’annootiin ala tajaajila hawaasummaa mirkaneessuufi misooma biyyaa deggeruuf hojiilee gara garaa raawwateera; raawwachaas jira. Yunivarsitichi barumsa damee fayyaa ‘Medical Radiology Technology’ digirii lammaffaa kennuu  jalqabuudhaanis yunivarsitoota biyyattii keessaa isa duraa ta’uu himaniiru.

Gaazexaa Bariisaa Amajjii 8/2013

Recommended For You

4 Comments to “Yunivarsitiin Bulee Horaa Sirna Gadaa barsiisuufi qorachuudhaan isa jalqabaati”

  1. Pingback: towing
  2. Pingback: Racial segregation
  3. Pingback: Science

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *