Sammuu miidhamtoota qaamaa dhiisanii hir’ina qaamaatiin madaaluun sirrii miti

Natsaannat Taaddasaatiin

Miidhamummaan qaamaa yeroo kamuu bakka kamittuu nama kamirrayyuu ga’uu danda’a. Miidhamtoonni qaamaa sammuufi dandeettiisaaniitiin malee hir’ina qaamaasaaniitiin madaalamuu hinqaban.

Kanneen deggarsa addaa barbaadaniifi ammoo deggarsa taasisuufi seerota, labsiiwwaniifi qajeelfamoota miidhamtoota qaamaa ilaachisuun bahan akka sirriitti hojiirra oolaniif to’annoofi hordoffiin barbaachisu taasifamuu qaba.

Muhaammad Habiib miidhamaa qaamaa qaroo dhabeeyyii torban darbe Yunivarsitii Finfinneerraa ogbarruu Afaan Arabaatiin digirii tokkoffaan kan eebbifame yoo ta’u, barumsa isaatti qabxii 3.76 fiduun xumureedha.  

Rakkoon akka biyyaafi dhuunfaatti nu mudate akkuma jirutti ta’ee haalli barnootaa gaariidha ture kan jedhu Muhaammad, miidhamtoota qaamaa barumsa irratti rakkoolee gara garaatu isaan mudata. Meeshaaleen barnootaa jiranis miidhamtoota qaamaa ilaacha keessa kan galchan miti. Kitaaboleefi kompiyuutarootni barattoota qaroo dhabeeyyii waliin hindeemne baay’eedha. Haalli teessuma naannawaa, kutaan barnootaafi doormiin barattootaa miidhamtoota qaamaatiif mijaa’oo miti. Haata’u malee Yunivarsitiin Finfinnee yunivarsitiiwwan biyyattii biroo caalaa miidhamtoota qaamaatiif mijataa ta’uu dubbata.

Barnootni kutaa keessatti barsiisaa waliin walarganii barataniifi fageenyaan baratan baay’ee walcaala kan jedhu Muhaamad, kutaa keessatti waan nuuf hingalle barsiisaa gaafannee hubachuu dandeenya. Yeroo barumsi sababa vaayrasii koronaatiin addaan citee ture garuu karaa ‘Online’ fageenyaan barachaa turre. Telegiraamiifi imeeliidhaan barumsa hordofuun keessumaa barattoota miidhamtoota qaamaatiif rakkisaa ta’uu eera.  

Miidhamtoonni qaamaa barumsa erga xumuranii boodas hojii yeroo barbaadan rakkoolee gara garaatiif saaxilamu kan jedhu Muhaammad, keessumaa miidhamtoonni qaamaa akka koo qaro dhabeeyyii ta’an beeksisa hojii iddoowwan gara garaatti ba’an arganii dubbisuu hindanda’an.

Dhaabbileen miidhamtoota qaamaa mindessuu hinbarbaanne tokko tokkos nijiru. Ilaalchi miidhamtoonni qaamaa hindanda’an jedhu  cabuu qaba jedha.

Barattoonni barumsa isaanii sirriitti akka hordofaniif bu’uurri waan hundaa nageenya waan ta’eef hundumtuu nageenyaaf waardiyyaa dhaabbachuu qaba kan jedhu Muhaammad, yunivarsitiin bakka barattoonni kutaalee biyyattii hundarraa dhufan ittibaratan waan ta’eef hundumtuu jaalalaafi walkabajaan tokkummaan waliin jiraachuu qabu. Barattoonni sabummaafi amantiidhaan walqooduu dhiisanii barnootasaanii sirriitti hordofuu akka qabanis yaadachiisa.

Ababaawu Kindee miidhamaa qaamaa wiilcheeriidhaan socho’uufi barattoota Yunivarsitiin Finfinnee torban darbe eebbisiise keessaa isa tokko yoo ta’u, damee barnoota ‘Manaajimantiitiin’ qabxii 3.4 galmeessisuudhaan barumsasaa digirii tokkoffaan eebbifame.

Ababaawu akka jedhutti, miidhamtoonni qaamaa sammuudhaan kanneen qaama fayyaa qaban waliin walqixa. Kanaaf ammoo fakkeenya kan ta’u barattoota qaama fayyaa qaban waliin baratanii qabxii olaanaa galmeessisuun kanneen badhaafaman  jiraachuusaaniiti. Anis barattoota qaama fayyaa qaban waliin dorgomee waliin qabxii gahaa galmeessisee eebbifameera jedha.

Wantoonni miidhamtoota qaamaa fayyadamoofi milkaa’oo taasisuu danda’an adda addaa miidhamtoota qaamaaf mijachuu qaba kan jedhu Ababaawu, anis wantoota nuuf hinguutamne ilaallee utuu abdii hinkutatin barumsa koo haala gaariin baradhee xumureera. Ammaan booda kan na eeggatu hojii barbaadee hojjechuufi barumsa koo itti fufuudha jedha.

Carraa hojii dhiyeenyatti argachuu dhabuun rakkoo miidhamtoota qaamaa mudachaa jiru ta’uu eeruun, anis wiilcheeriidhaan waanan socho’uuf bakka fagoo deemee hojjechuu hindanda’u. Beeksisi hojii ba’an hedduunis fagoo waan ta’aniif miidhamtoota qaamaa ilaalcha keessa kan galchan miti.

Odeeffannoo barbaachisu argachuunis miidhamtoota qaamaatiif salphaa miti. Mootummaafi abbootiin qabeenyaa waliin ta’uun haala ittiin miidhamtoonni qaamaa dhiyeenyatti hojii argachuu danda’an akka isaaniif mijeessaniif gaafateera.

Mokonnon Maanaayyee Yunivarsitii Finfinneetti Ogeessa barattoota fedhii addaati.  Ogeessi kun miidhamaa qaamaa kiraanchiidhaan socho’an yoo ta’an, akka sadarkaa biyyaatti yoo ilaalame miidhamtoota qaamaa baay’inaan simatee barsiisaa kan jiru Yunivarsitii Finfinneeti. Yunivarsitichi barana miidhamtoota qaamaa 90 ta’an eebbisiiseera jedhu.

Yunivarsitichi barattoota miidhamtoota qaamaatiif haallawwan garagaraa mijeessuus ammayyuu rakkooleen hinhiikamneefi wantoonni fooyya’uu qaban hedduun ni jiru kan jedhan ogeessi kun, qabxiin barattoota miidhamtoota qaamaa kan barattoota qaama fayyaa qabanii waliin walqixa ilaalamuu hinqabu. Kun utuu fooyya’ee gaariidha.

Sababnisaa barattoota miidhamtoota qaamaatiif wantoonni barbaachisan hundi waan hinguutamneefi akka fedhanitti socho’uufi dubbisuu waan hindandeenyeefiidha.

Wantoota barattoota miidhamtoota qaamaaf barbaachisan utuu hinguutiniif qabxii isaanii kan barattoota qaama fayyaa qaban waliin walqixa madaaluufi ilaaluun sirrii waan hintaaneef kun fooyya’uu qaba kan jedhan Obbo Mokonnon,  haalli itti yunivarsitichi miidhamtoota qaamaa ittisimatee barsiisaa jiru garuu kan jajjabeeffamuudha.

Yunivarsitichi barattoota qarodhabeeyyii ta’aniif sooftiweerii ‘jaawus’ ykn ‘NVD’ jedhamu gargaaramuudhaan kompiyuutara salphaatti akka fayyadaman ta’eera kan jedhan ogeessi kun, hojiin kun yunivarsitiiwwan biyyattii hunda keessattis babal’achuu  akka qabu dubbatu.

Miidhamtoota qaamaa dorgomsiisuufi miindessuun walqabatee sammuu isaanii dhiisanii hir’ina qaama isaanii ilaalanii madaaluun sirrii miti kan jedhan ogeessi kun, dandeettii hinqaban jedhanii yaaduunis ilaacha sirraa’uu qabuudha. Labsii mootummaan miidhamtoota qaamaa ilaachisuun baase hojiirra oolchuurrattis rakkoon kan mul’atu ta’uu himu.

Mootummaan biyyattii labsii dursi miidhamtoota qaamaaf jedhu baaseera, waliigalteewwan biyyoolessaas mallatteesseera kan jedhan Obbo Mokonnon, akkasumas miidhamtoonni qaamaa hojii yeroo dorgoman ulaagaalee barbaachisan keessaa hanga ta’e yoo guutan carraa hojii sana argachuu akka danda’aniif qajeelfama baaseera.

Qajeelfamicha hojiirra oolchuufi mindaa miidhamtoota qaamaaf kaffalamu irrattis rakkoon ni mul’ata. Carraan hojii miidhamtoota qaamaa wiilcheerii, kiraanchiifi ulee qaro dhabeeyyiitiin socho’aniif kennamus adda ba’uu qaba jedhu. Carraan kun kaffaltiidhaan, bakka isaan hojjetaniifi waajjira isaan keessa hojjetaniin ta’uu danda’a jedhu.

Beeksisi hojii miidhamtoota qaamaaf qaqqabamaa ta’uu dhabuun hojii barbaaduu irratti rakkoo miidhamtoota qaamaa mudachaa jiru ta’uu himanii, akka fakkeenyaatti beeksisi hojii televiizhinii irratti darbu yeroo baay’een mallattoo afaan waliigalteen hindarbu. Qaroo dhabeeyyiidhaafis beeksisi bireeliidhaan barreeffamee  bahu hijiru.  Kun miidhamtoonni qaamaa beeksisa hojii arganii ykn dhaga’anii akka hindorgomne taasisaa waan jiruuf itti yaadamuu qaba jedhu.

Bakki hojiin itti dorgomamu baay’een gamoorra waan ta’aniif dhaabbileen hojjisiistotaa dhimma kana ilaalcha keessa galchanii itti yaaduu akka qaban yaadachiisaniiru.  

Gaazexaa Bariisaa Amajjii 8/2013

Recommended For You

5 Comments to “Sammuu miidhamtoota qaamaa dhiisanii hir’ina qaamaatiin madaaluun sirrii miti”

  1. Pingback: 먹튀검증
  2. Pingback: BAU

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *