Qarcaanshee: Dhaabbata omishaafi galii bunarraa argamu guddisuuf hojjechaa jiru

Natsaannat Taaddasaatiin

Finfinnee: Qarcaansheen dhaabbata omishaafi omishtummaa bunaa ammayyeessuufi galii bunarraa argamu guddisuun guddina dinagdee biyyattii utubuuf hojjechaa jiruudha. Dhaabbatichi hojiilee misoomaa mootummaan hojjechaa jiru milkeessuuf yeroowwan gara garaa deggersa maallaqaa taasisaa jiraachuu raawwachiisaan hojii dhaabbatichaa ibsaniiru.

Raawwachiisichi Obbo Isiraa’eel Daggafaa ibsa kaleessa Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, dhaabbatichi damee qonnaafi manifaakchariingii dinagdee biyyattii utubanirratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Dhaabbatichi damee qonnaatiin namoota kuma 26f carraa hojii kan uume yoo ta’u, qonnaan bultoota kuma 56 wajjin walitti hidhamiinsa gabaa uumee hojjechaa jira. Omishaafi omishtummaa bunaa guddisuufis hojjechaa jira.

Dhaabbatichi omisha bunaa gabaa addunyaatiif dhiyeessuun galii biyyattiin sharafa alaarraa argattu guddisuuf hojjechaa jira kan jedhan Obbo Isiraa’eel, barana omisha bunaa meetirik toonii kuma 35 biyya alaatti erguuf karoorfamee hojjetamaa jiru keessaa hanga ammaatti %45 raawwatamuu himan. Dhaabbatichi omisha bunaa biyyattiin gabaa addunyaatiif dhiyeessitu keessaa %10 ol kan ergu ta’uus dubbataniiru.

Dhaabbatichi waliigalaan industiriiwwan 57fi iddoowwan omisha bunaa shan irratti buna omishaa kan jiru ta’uus himanii, industiriiwwan manifaakchariingii 11 ijaaramaa jiran keessaa sadii hojii jalqabaniiru.

Dhaabbatich damee qonnaafi manifaakchariingiirratti xiyyeeffachuun carraa hojii bal’aa uumuufi guddina dinagdee biyyattii deggeruuf kutannoo cimaadhaan hojjechaa jiraachuu akkasumas kaampanoota qonnaa Afrikaa keessaa adda duree ta’uuf hojjechaa akka eeraniiru.

Itoophiyaan biyya argama bunaa taatus bu’aa omisha bunaarraa argattuun duubatti argamti kan jedhan Obbo Isiraa’eel, dhaabbatichi omisha bunaa ammayyeessuun bu’aa omisha bunaarraa argamu guddisuufi qulqullinasaa ammayyeessuuf hojjechaa jira. Qonnaan bultoonnis omisha bunaarraa bu’aa gaarii akka argataniif biqiltuuwwan bunaa omisha fooyya’aa kennu qopheessee qonnaan bultootaaf dhiyeessaa jiraachuu himaniiru.

Qonnaan bulaan lafa hektaara tokkorraa omisha bunaa kuntaala ja’a hincaalle argachaa jiraachuus himanii, omisha bunaa dhaabbatichi teknolojii qonnaatti fayyadamuun omishaa jiru lafa heektaara tokkorraa garuu omisha bunaa kuntaala 35 argachaa jiraachuufi kanas gara kuntaala 65tti guddisuuf akka jiran beeksisaniiru.

Dhaabbatichi hojiilee misoomaa mootummaan hojjechaa jiru deggeruuf yeroowwan garagaraa deggersa qarshii taasisaa jira kan jedhan Obbo Isiraa’eel, dhaabbatichi sagantaa, “Irbaata biyyaatiif” qarshii miliyoona 10, deggersa ittisa ‘Koviid-19’f qarshii miliyoona 20 kennuu himaniiru.

Kana malees manneen barnootaa, bishaan dhugaatii qulqulluu ijaaruufi  biqiltuuwwan bunaa qopheessee qonnaan bultootaaf dhiyeessuudhaan fayyadamummaa ummataa mirkaneessuufis hojjechaa kan jiru ta’uu eeraniiru.

Gaazexaa Bariisaa Amajjii 8/2013

Recommended For You

3 Comments to “Qarcaanshee: Dhaabbata omishaafi galii bunarraa argamu guddisuuf hojjechaa jiru”

  1. Pingback: OBENGBET

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *