Yeroo tokko akka tasaa namaafi leenci bosona keessa walitti dhufanii waliin haasa’aa utuu deemanii fagoo utuu hinga’in wal-lolan. Natu caalaatu gidduu isaaniitti uumame. Akka tasaa yeroo bosona keessa ilaalan siidaa nama qaaruu leencaa aqaaqee baqaqsu argan.
Namichi waliin deemus siidaa kana itti agarsiisee “Ilaali, nuti akkasi qaaruu diinaa baqaqsina, hangam akka jabaa taane hubadhu” jedheen. Leencichis akka seequu ta’e ofitti amanamummaadhaan “Namatu siidaa kana hojjete. Utuu leencatu hojjete ta’e bifa kan biraa qabaata ture.
Haa ta’u malee waan jiru ilaallee sodaasaa badaa hinqabnu” jedhe. Haala garaa garaafi wanta addaa addaatiin kan jeeqamu utuu hinta’in ofitti amanamummaa cimaa qabaate. Inni kun waan argeefi waan dhaga’een akka hinraafamne taasise.
Namni tokko waa’ee ofiisaatiif ilaalcha sirrii qabaachuuf duraan dursee eenyummaasaa beekuu, maalitti akka amantaa qabu hubachuufi eessatti akka deemaa jiru ykn maniisaa beekuun murteessaadha.
Namni tokko barumsa ykn leenjii gaarii qabaatee ilaalcha gaarii ofiif hinqabu yoo ta’e waan qabu kamuu hojiirra oolchuu hindanda’u. Ilaalchi hamaan nuti ofiif qabnu beekumsa qabnu akka nu’i hojii irra hinoolchine nutaasisa.
Ofii keenya akka shakkaa jiraannu nugodha. Utuma barannee jirruu, utuma geggeessuu dandeenyuu, utuma hojjechuu dandeenyuu ilaalchi nu’i ofiif qabnu gadi aanaa taanaan akka dadhabaatti nu jiraachisa. Akka namaa gadiitti akka of ilaallu nu taasisa.
Gammachuu keenya nisarba. Wanta qabnutti hingammadnu. Barannee digirii qabnutti, bakka geggeessummaa jiraannee akka jijjiirama hinfidneef gufuu hamaa dha. Bakka jirrutti jijjiirama fidu tokko duraan dursee isaan kana mo’achuu qaba.
Ilaalchi ofiif qabnu hanguma gadi bu’u ofitti amanannaa dhabna. Inni kun immoo waan hojjechuu dandeenyu illee akka hinhojjenneef nu daangessa. Barsiisaan akka sirriitti beekumsa qabu hinhirre, geggeessaan murtoo sirrii akka hinlaanne, daldaltootni hojii isaanii itti gaafatamummaa fudhachuun akka hinhojjenneef kan daangessu diina hamaadha.
Dhukkubni namoota hedduu of tuulummaa ta’uu danda’a. Kan warra kaaniis saalfiidha. Kaan ammoo waan qabanitti fayyadamuu dadhabuudha. Har’a baay’een namoota dhukkuba hamaan isaan dararsu ofitti amanamummaa dhabuufi ilaalcha gadi aanaa ofiif qabaachuudha.
Kan namootni furuu qaban inni guddaan isa kana. Har’a namoonni hedduun wantoota gaggaarii utuu qabanii akka itti hinfayyadamne qofa utuu hinta’in namoota kan biroo keessa kan jiru akka hinagarreef kan dhorku dukkana hamaadha. Geggeessuu utuu dandaa’anii, walga’ii gurguddaa irratti akka dubbataniif afeeramanii akka hin milkoofne kan godhu ofitti amanuu dhabuu isaaniiti. Namni jijjiiramaaf of qopheessu isaan kanattii hiikamuun daran barbaachisaadha.
Namni kam iyyuu beekuu kan qabu inni guddaan namni isa fakkaatu addunya kana irra akka hin jirre hubachuun murteessaadha. Akka itti namni ilaalcha gadaantummaa keessaa akka ba’u barreeffamni tokko akkas jedha:
“Barii ganamaa hirribaa yeroo kaatu guyyaan sun akka ati yaadde abdatte ta’uu dhiisuu danda’a. Yeroon sun yeroo ati akka haalli kun geeddaramu ofitti himtuudha. Yeroo tokko tokko immoo namoonni si gadisiisuufi si gatuu danda’u.
Yeroon kun waan hundumaa olitti yeroo ati mul’ata kee irratti xiyyeeffattuufi murtoo jijjiiramaaf qabdu irra deddeebitee ilaaltuu dha. Jijjiirama fiduuf rakkooleen si mudatan jiru. Isaan kun garuu gara jijjiiramaatti si geessu.
Isaan kana lamaan simachuun ammo ga’ee keeti. Yeroo hunda kallattii jijjiiramatti si geessu irra fiigi. Inni kun yeroof salphaa miti garuu gara jijjiiramaatti si geessa. Atis eenyu akka taate yeroo itti of hubattuu dha. Yeroo itti jabina argattuudhas.
Kanaaf wantoonni si hingammachiisneefi si gaddisiisan waanti abdii si kutachiisu fakkaatan yeroo si qunnaman hinsodaatin. Kanneen hunda mo’achuu akka dandeessu nama jijjiiramaa akka taates hindagatin. Sababiinsaas rakkoofi jijjiiramni akka ati galma yaadde bira geessuuf si gargaaru” jedha.
Yeroo hunda waanti dagachuu hinqabne yoo jiraate kufaatiin yoo jirate illee xumura adeemsa keetii akka hin taane hubachuun gaariidha. Kufaatii si mudatu irraa waa hedduu barattee adeemsa fuula kee dura jiruuf of qopheessitee socho’uu qabda.
Namoonni bara kana keessatti jijjiirama gurguddaa fiduu dandaa’an maqaan isaanii bebbeekamoo ta’an hundi daandii kana irra darban. Fakkeenyaaf Biil Geet nama jedhamu gama teeknooloojiitiin jijjiirama guddaa nama fide qofa utuu hin ta’in guutummaa biyya lafaa kana irratti namni qabeenyaan beekamaa jedhamu jalqaba isaa yoo ilaalle kufaatii guddaa keessa nama darbeedha.
Omisha Traf-O-data kan jedhamu daataa teeppii tiraafikii kan xiinxaluu danda’u yoo hojjetellee sirriitti waan hojjechuu dideef ni kufe. Hojii irra hinoolle. Isaan booda kan biraa hojjechuun sadarkaa har’aa irra kan ga’e. Kufaatiin jalqabaa dandeettii isaa hinmurteessine.
Dhumarratti jijjiirama fide. Akkasumas Steefen Kiingi, namni bara kana keessatti nama guddaa asoosamaan beekamaa ta’e jalqaba isaa yoo ilaalle kufaa ture. Barreeffamnisaa inni jalqabaa si’aatii 30:00 ol ilaalamee akka hinmaxxanfamneefi akka gatii hinqabne itti himameera.
Garuu obsaan itti fufee hojjechuun sadarkaa har’aa kana sadarkaa beekamtii gita addunyaa irra ga’eera. Yaada isaa jalqabaa xiqqoo fooyyessuutiin kufaatii isaa milkaa’inatti geeddareera. Inni kun obsa gaafata. Ofitti amanamummaan rakkoo jiru gara carraatti geeddaruu barbaada.
Adeemsa jireenyaa keessatti kufaatiin kamuu yoo simudate akka ati caalaatti hojjettuuf carraa sii bana waan ta’eef akka dhuma tattaaffii keetti hinfudhatin. Abdiis hinkutatin. Kufaatiin si qunname dhuma karaa keetii akka hintaane hubadhu. Darbees namootni mo’atoon kufaatii hinsodaatan.
Kufaatiifis harka hinkennan. Akka mo’ichaan keessaa ba’an nibeeku. Kufaatii cimaan gufuu si rukute cina taruu dadhabuudha. Sababiinsaas karaarratti gufuu hamaan yoo si dhahellee namoota si teellaa jiran akka hindhoofne gochuu akkasumas akka barumsa sii ta’uufi xumurri deemsa keetii mo’ichaa akka ta’u gochuu nidandeessa. Inni simudate garuu kan harka si kennisiisu ta’uu hinqabu.
Isa kanaaf garuu ofiif ilaalcha sirrii qabaachuun murteessaadha. Ofitti amanamummaa cimsachuun gaariidha. Ofitti amanamummaa qabaachuun horii qabaachuu nicaala. Taayitaa qabaachuus nicaala. Dandeettiin keenya hanguma ofitti amanamummaa keenyaa ga’a. Namni ofitti amanamummaa qabu waan yaade hojjechuu nidanda’a.
Dandeettiifi ofitti amanamummaan loltoota hinmo’amneedha. Isaan kun garuu ofirratti hojjechuun argama. Galgala tokkotti kan horannu miti. Isa kana kan nama keessaa duguugee balleessus akkasuma. Inni guddaan garuu rirma ofitti amanamummaa nukeessaa haaxaa’anii balleessan adda baafachuun murteessaadha.
Waan hinqabne utuu hinta’in waan gaarii qabnu irratti xiyyeeffachuunis barbaachisaadha. Maaltu waan gaarii nuti qabnu haguugee akka nuti hinagarre, akka nuti ilaalcha gaarii ofiifis ta’e nama kan biraaf hinqabaanne nutaasisee? Isa kana adda baafachuun gaariidha.
Si’a tokko tokko barumsa keenyas ta’e haala keessa jirru ilaaluun namoota kan biraa wajjin of madaaluun akka namaa gadiitti namoonni of ilaallu yoo jiraanne addunya kana irratti namoonni jijjiirama gurguddaa fidan kan akka Abrahaam Linkoliiniifi geggeessitootni isa fakkaatan seenaan kan isaan hindagatne barumsaan fagoo kan ga’an hinturre.
Haalli isaaniis wal’aansoo cimaan kan guute ture. Haa ta’u malee namoota jabina keessaa qaban turan. Namoota ofitti amanannaa qaban turan. Namoota jechaafi dubbii namootaatiin booda hindeebine turan. Namoota waan godhan beekan turan. Sagalee humna isaan buusu dhaga’uun gara boodaatti deebi’anii hamileen isaanii kan cabu hin turre.
Har’as inni kun nubarbaachisa. Dargaggoota keenya nibarbaachisa. Hayyoota nibarbaachisa. Geggeessitoota keenya nibarbaachisa. Wantoota namoonni nuun jedhan tarii yoo gadi fageenyaan itti yaadne nuu wajjin hariiroo kamuu kan hinqabne ta’uu danda’a. Isa kanatti yeroo nuti mataa bowwaafannu jira. Haa ta’u malee namoota jechoonniifi dubbiin namaa adeemsaafi manii keenya daangessu ta’uu hinqabnu. Wantootni nuti dhageenyu kan humna nubuusu ta’uu hinqabu. Ilaalcha nuti ofiif qabnu kan lafatti dabalu ta’uu hinqabu.
Isa kanaaf garuu wantootni nuti gochuu qabnu yoo jiraate eenyummaa keenya sirriitti hubachuu, yaadni gaariin akka sammuu keenya to’atuuf shaakaluun gaariidha. Akkuma beekamu yaada kanaan dura nudhuunfatee ture keessaa hatattamaan ba’uun yeroo fudhachuu danda’a.
Haa ta’u malee namootaafis ta’e bakka hojii keenyaaf ilaalcha gaarii qabaachuufi firii garii irraa eeguu; waa’ee ilaalcha gaarii namoonni garaa garaa barreessan dubbisuufi kkf gochuun yerootii gara yerootti ofii keenyaafis ta’e namoota birootiif ilaalcha gaarii gabbifataa deemuun murteessaadha.
Yoo ilaalacha gaarii ofiif qabaanne yeroo hunda xiyyeeffannaan keenya rakkoo qofa utuu hinta’in namoota furmaataa taana. Hojii hojjennu keessatti yoo rakkoon nu mudate illee akkaataa furmaata itti fiduu dandeenyu irratti xiyyeeffanna. Akkuma kanaan dura kaafne turre rakkoo qofa malee furmaata nama hinqabne hintaanu.
“Namni hangam akka kufe utuu hinta’in akka fedhii lafa ka’uuf qabutu murteessa. Jabinni yaadas isa kanaan madaalama. Adeemsa keessatti kufaatiin kam illee yoo simudate akka ati caalaatti hojjettuuf carraa siif bana waan ta’eef akka dhuma tattaaffii keetti hinfudhatin.”
Zarihun Gabree
Gaazexaa Bariisaa Amajjii 8/2013
4 Comments to “Namni ilaalchasaa jijjiiruun boruusaa jijjiiruu danda’a”