“Deggersi ummata Tigraayiif taassifne waanuma Sirni Gadaa nu ajajuudha” -Abbaa Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaa

Bayyanaa Ibraahimiin

Finfinnee: Beela’aa nyaachisuufi dheebotaa obaasuun duudhaalee Sirna Gadaa keessa isaan ijoodha.  Deggersi Abbootiin Gadaafi Haawwan Siinqee ummata naannoo Tigraayiitiif Roobii darbe taasisanis  wanuma duudhaan Sirna Gadaa isaan ajaju ta’uu dubbatu Barreessaan Gumii Abbootii Gadaa Oromoofi Abbaan Gadaa Tuulamaa  Goobana Hoolaa.

Abbaan Gadaa Goobanaan ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti,  boora’uu nageenya naannoo Tigiraayitti uumameef malee ummanni Tigraay ummata jiruusaa moo’achuuf carraaquudha. Ummanni  naannichaa akkuma qonnaan bulaa naannoo kamuu qotee, daldaleefi waan humnisaa danda’e mara carraaqee jiraatu sababa rakkoo nageenyaa uumamee tureen hojiisaarraa danqamee waan tureef  gargaarsa taasisuufiin barbaachisaa ta’uu himaniiru.

Abbootiin Gadaafi haadholiin Siinqees midhaan kuntaala kuma 10fi 200 ol walitti qabuudhaan ummata Tigiraayiif deggersa taasisaniiru kan jedhan Abbaa gadaa Goobanan, boqolloo, qamadiifi bunni midhaan deggersa taasifamaniidha.  Ummatni Magaalaa Maqalees garee jilaa deggersa qabatee gara Maqaleetti imale bifa ho’aadhaan kan simate ta’uus dubbataniiru.

Abbaan Gadaa kun akka jedhanitti, sababa kamiinuu taanaan ummata miidhamee rakkoof saaxilame deeggaruun duudhaa Sirna Gadaati.  Qaamoonni ummata sana keessaa ba’anii Oromoodhaaf warra gumaa ta’an jiraatanis, ummata bal’aa naannichaa kan bakka bu’an miti.

Deggarsi duudhaan Sirni Gadaa nu ajajee ummata Tigraayiif taasifne kun tokkummaa ummattoota Oromoofi Tigree bira darbee tokkummaa Itoophiyaatiifis kan fayyaduudha. Qaamootni hundi ummata badiisaa malee rakkoo hamaaf saaxilame kana  cinaa dhaabbachuu akka qabus dhaamaniiru.

Hojii gaggeessaan bulchiinsa yeroo Tigraay Doktar Muluu Naggaa gamasaaniitiin akka jedhanitti, deeggarsi Abbootiin Gadaafi haawwonni siinqee ummata Oromoo bakka bu’uudhaan nuuf taasisan guddummaa saba Oromoo kan mirkaneessuudha.  Oromoon hangam waliin jireenya sabootaafi obbolummaatti kan amanu ta’uusaas kan agarsiisuudha. Deggersi ummanni Oromoo ummata Tigraay cinaa dhaabbachuuf taasise kun isa jalqabaa waan ta’eef  warroota birootiifis fakkeenya ta’uu kan danda’u ta’uu ibsaniiru.

Deggersi kun sochii ummata Tigraay miidhame deeggaruufi deebisanii dhaabuuf taasifamaa jiru keessatti ummanni Oromoo isaan cinaa jiraachuu kan mirkaneessu ta’uusaa himanii, ummanni Itoophiyaas fakkeenyummaa kana hordofuudhaan ummata Tigraay cinaa akka dhaabbatu gaafataniiru. Deggarsa taasifames sirnaan kaayyoo kennameef akka oolu kan taasisan ta’uus waadaa galaniiru.

Gaazexaa Bariisaa Amajjii 8/2013

Recommended For You

2 Comments to ““Deggersi ummata Tigraayiif taassifne waanuma Sirni Gadaa nu ajajuudha” -Abbaa Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaa”

  1. Pingback: helen88

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *