Charinnat Hundeessaatiin
Dubbistootaa, gaafdeebii ittigaafatamaa ittaanaa sabqunnamtiifi ittigaafatamaa damee miidiyaalee ABO, Obbo Sintaayyoo (Bareentuu Gadaa wajjin taasisne kutaa 1fasaa maxxansa keenya torbee har’aatiin isin dubbisiisuun keenya ni yaadatama. Kutaan ittaanuufi dhumnisaas kunooti.
Bariisaa: Hawaasni keessumaa dargaggoonni sababarratti hundaa’anii kan morman mormaa, kan balaaleffatan akka balaaleffataniif maal gorsita?
Bareentuu: Ani miseensa ABOti. Ittigaafatamaa ittaanaa sabqunnamtiifi hogganaa dhimma miidiyaaleeti siin jedheera. Deggaraa paartii amma biyya bulchaa jiruus miti. Garuu kanin deggaree dubbadhu ummata kiyyaafi mootummaa dhugaan jiruufi.
Nuti dhalataa Tigreerraa jibba hinqabnu. Dhalataan sabichaa nu miidheera jennees miti kan qabsootti seenne. Garuu murni Wayyaannee ABUT jedhamu kun murna summii biyya kana keessatti facaase saamicha guguddaa gaggeesseedha.
Kanarratti qabsoofnee injifanneerra. Dhimmi kun dhimma dhugaa jiru ilaaluuti malee dhimma mootummaa deggaruufi dhiisuu miti. Dubbii keenyarratti mootummaa deggaruu jechuun maal jechuudha? Dhimma biyyaarratti mootummaa hindeggartu taanaan biyyi ni jigdamti. Namni biyya jigde keessaan faayidaan argadha jedhee yaadu akkuman dura kaase maraataa ykn diina biyya kanaati.
Kessumaa ummanni Oromoo saba guddaa, handhuura biyya kanaati. Paartiin ykn utubaan saboota kaan baatee jiru Oromoodha. Diigumsi, cabinsii kan gahuu danda’u saboota xixiqqoo qofarra otoo hintaane isa guddaarras gahuu mala.
Kanammoo bakkeewwan garagaraatti argaa jirra. Biyyoonni akka Sooriyaa, Yamaniifi Libiyaan waan ta’an argineerra. Balaa akkanaa jalaa baraaramuuf tarkaanfii mootummaa deggaraa jirra.
Namoonni akka sirni kabajamuuf tattaafatan namoota sabaaf yaadaniidha. Namoonni olola xixiqqoo qabatanii ‘mootummaa deggaruun Paartii Badhaadhinaa deggaruudha’ jedhanii yaadan namoota hubannoo siyaasaa hinqabneedha.
Jette jettee keessaa bahanii waanti qabatamaan lafarra jiru maalinni jedhanii waa xinxaluufi ofirra galagalanii ilaaluun daran barbaachisaadha. Warri beekan warra hinbeekne beeksisuun misha.
Wanti hundi xumuramee akka Awurooppaa ta’a jechaa hinjirru; garuummoo sadarkaa teenyee itti haasofnurra ga’uu keenya qeerroon Oromoos ta’e warri kaan hubachuu qabu. Kan balleesseen balleesiteetta jennee sagalee filannootiin kan barbaadnu muuduu dandeenya.
Akkuma Wayyaanee kan korojoo garagalchee, nama filannoof dhiyaate hidhee, dararee biyya kana rakkoo keessa galchu yoo jiraate yeroo sana waliitti deebinee tarkaanfii biraa fudhanna. Amma filannoo haqaqabeessa geggeessuuf karaa Ministira Muummee Abiyyi ibsameera.
Kana dhaga’aa maaltu goolii keessa nama galcharee? Asumaa achi mootummaan kun akkas gochuu danda’a jedhanii tilmaamuun sirrii miti. Biyyi tilmaamaan otoo hintaane mariidhaan gaggeeffamti.
Nutis ta’e mootummaan ykn paartiin biraa yoo injifate adeemsichi qawweerraa bilisa ta’uu qaba. Dargaggeessi keenyas kana hubatee paartii barbaade jala hiriiree karaa nagaatiin qofa yoo siyaasa keessatti hirmaate gaariidha. Dirqamaa siyaasa keessatti hirmaachuun hinbarbaachisu. Dinagdeefi ispoortiifaarratti hirmaachuun biyyaafis gaariidha.
Bariisaa: Dargaggeessi dhimma siyaasaa qofa akka yaaduuf irratti hojjetameera jettaa?
Bareentuu: Sirriitti irratti hojjetame malee. Kunis akka walhindhageenyeefi waltuffatutti, akka waan jireenyi siyaasa qofa ta’eetti irratti hojjetame. Dinagdeee, dhimma biyyaafi ofjijjiiruurratti akka hinyaadne irratti hojjetame. Dargaggeessi baqataafi nama hidhaatti akka raafamu taasifame.
Yeroo hedduu dubbatameera, ABUT “Guddaa xiqqeessuu, xiqqaa guddisuun ni danda’ama” jechaa ture. Kun waanuma qabatamaan mul’ataa tureedha. Dargageessiifi hawaasni biyya keenyaa adeemsa kamuu tasgabbaa’ee ilaaluu qaba.
Biyyi siyaasa qofaan gaggeeffamu hinjiru. Kan biraa yaa hafuu Israa’eel biyyoota Arabaatiin ykn rakkoo guddaan marfameen jira jettee yeroo hunda dubbattu siyaasa gaggeessuun qofa jiraachaa hinjirtu. Saayinsiifi teknolojii biyyattiin addunyaaf gumaachaa jirtu biyyi kamuu gumaachaa hinjiru.
Warri siyaasaa siyaasa, waraanni waraanarratti xiyyeeffachuu qabu. Ogummaan biraarrattis akkanuma. Kana achi dargaggoonni biyyattii teknolojiirratti bobba’anii jireenya dhala namaa fooyyessaafi salphaa taasisaa jiru. Kanaaf dargaggeessi Oromoo hojii siyaasaa hojjetu hojjechuu, isayyuu sa’aatii muraasaaf. Sa’aaatii 24:00 dhimma siyaasaa qofarratti iyyaa ooluun sirrii miti.
Dur yunvarsitootatti barattoota Oromoo ture qabxii oolaanaa fiduun kan beekaman. Baroota dheeraaf garuu ta’e jedhanii dakaa kaasaanii irratti hojjechuun akka tasgabbaa’ee hinbaranne taasisanii qabxiin amma galmeessisaa jiran gadibu’eera.
Barattoota keenya dhimma siyaasaatiin tasgabbii dhowwuun rakkoo hedduu waan nutti fideef kana keessaa dafnee bahuu qabna.
Bariisaa: Oromoon guddummaasaa eeggachuuf maal gochuu qaba?
Bareentuu: Namoonni diinaaf hojjetan jiru. Kun akka ta’uuf ammoo waggoota hedduuf irratti hojjetame. Baroota keessatti biyya qoqqoodanii bituun gootni, beekaan, gamni isaan malee akka hinjirretti sammuu namaa keessa kaa’aniiru.
Namoonni Oromoo ta’anii Oromoodhuma miidhan tokko tokko sammuu jara kanaatiin dhunfatamaniiru. Kanaaf maatii kee ajjeesi yoo jedhaniin ni ajjeesa. Sababnisaas jara kana kan to’ataa jiru murna ABUT kaa. Rakkoon biyya kana keessatti uumame tokko kana.
Oromoon barsiifata safuufi duudhaasaa hintaane kana keessaa bahuu qaba. Amma yeroo itti walajjesnu miti. Kun aadaa keenya balleessuudha. Osoo akka fedhii Wayyaaneetii Oromoon kutaan walqoodee walwaraana. Kan Oromoo kanarraa hambiseemmoo aadaafi sirna Gadaa ittiin walbulchaa as gaheedha.
Waggoota lamaa as Oromoon bakkoota addaddaatti walmiidheera. Kun sirraa’uu qaba. Silmii jarri nutti hiitee deemte ofirraa buqqisuun waljaallachuu, waliinahuufi kan biraafillee yaaduutti deebi’uu qabna. Namoonni kana godhan muraasa waan ta’aniif iddootti deebisuun daran salphaadha.
Bariisaa: Siyaasni Oromoo yoo maal ta’e ammayyooma?
Bareentuu: Gabaabummatti akka aadaafi sirna Gadaatti waanta hiikamuu qaba jennurratti irra deddeebiin mari’achuu qabna. Asumaa achi abaluun hamaa ta’uuf deema jennaan ittuu hammeessita malee wanti jijjiirtu hinjiraatu. Kanaaf siyaasa keenya ammayyeessuuf taa’anii mari’achuun murteessaadha.
Bariisaa: Kanneen maqaa Oromootiin bosona seenanii ni qabsoofna jedhaniif maal dhaamta?
Bareentuu: Dhimma kanarratti dubbachaan ture, jiras. Eenyuuyyu haata’u abbichi bakka kamittis haa argamu mootummaan kun isin waliin hinmari’adhu jedheeraa? Karaa nagaatiin hojjeenna jennee galle karaan kunimmoo lama hinjiru karuma tokko.
Karaa nagaa cinaa qilee ykn daandii biraa qopheeffattee jennaan durumaanuu garaarraa miti kan karaa nagaa filatte jechuudha. Karaa nagaa kan hinfilanneef immoo waan Wayyaaneen kufteeefi.
Kana dura Wayyaanee waliin karaa nagaa dubbanna jennee Wayyaanneen nu didde. Miseensota ABOs ta’e kan Beenishaangul, Sidaamaafi Somaalee ajjeesaafi dararraa turte. Dhaabbileen kunniin Asmaraatti waliin ta’anii hojjeechuuf gaafannee turre. Garuu nididan. Har’a dhaabbileen qawwee baataa turan hunduu nagaan galanii hojjetaa jiru. Nagaan jennuu kanuma.
Kan kaleessa ofii fixxetti dabalee kaan qawweefi boombii hidhachiiftee, horii kennitee, biyya goolaa turte; ABUT. Oggaa teenyee mari’anna jedhamanii jaarsummaan itti ergamaa ture didanii kunoo qileetti nam’an. Dhumni nama karaa nagaa hinbarbaadu jedhee deeme kanuma.
Gama kootiin kan Oromoos ta’e kanneen biroo qawwee dhiisanii osoo karaa nagaa filatanii gaariidha. Karaa malee deemanii lubbuufi qabeenyi akka badu gochuu hinbarbaachisu.
Oromiyaa lixaafi kibbaa yoo ilaalle namni sirnaan qotataa hinturre, bakka nagaan hinjirreetti loonillee seeraan marga hindheedan. Kanaaf dhimmi kun hatattamaan gara mariitti deebi’uu qaba.
Bariisaa: Nageenya ilaalchisee tumaa abbootiin Gadaa iddoowwan adda addaarratti dabarsan akkamitti ilaalta?
Bareentuu: Dhaamsa abbootii Gadaa Booranaafi Gujiifaa dhagaheera. Ani isaan caalaas hinbeeku. Jarri kun (abbootiin Gadaa) abbaa qe’eefi warra lafa sanaati. Firaafi gosaan, “Dhiisaa miidhaan nurra gahaa jiraa kottaa gala” jedhanii kadhataniiru.
Booda ‘nu didan’ jedhanii murtii dabarsaniiru. Nutiis murtiisaanii jala deemuu malee furmaanni biraa akka hinjirre ni amanna. Eenyuyyuu taanaan waan warri aadaa jedhe jala deemuu qaba. Sababnisaas waan naannawa sana jiru sirriitti waan beekaniif.
Bariisaa: Akkaataa miidiyaaleen biyya kanaa taateewwan adda addaa ittigabaasaniifi dhiyeessanirratti maal jetta?
Bareentuu: Ani miidiyaa mootummaas ta’e kan dhaabaa keessa hojjedheera. Miidiyaalee biroos nan hordofa. Hojicharratti leenjiiwwan gara garaa fudhadheera.
Miidiyaaleen biyya kanaa seeraafi qajeelfamarratti hundaa’anii hojjetaa akka hinjirre argaa jirra. Miidiyaaleen mootummaa rakkoo dur ture kaasan, kanneen halkanii guyyaa mootummaa faarsuu malee dhimma biyyaarratti homaa hinjenne, mootummmaattis rakkoo jiru hinagarsiisne jiru.
Kan dhuunfaa bira ammoo boo’icha malee homtuu hinjiru. Amma kanneen korporeet jedhaman rakkoo namni ittihimate inuma darbarsu. Kanneen maqaa dhuunfaatiin socho’an tokko tokko garuu ajandaa paartii wayii ho’isu.
Mootummaa abaaruun ilaalcha garee wayii ummatarratti fe’uuf yaalanis jiru. Miidiyaa maxxansaas ta’ee kan birodikaastii tokko tokko mootummaafi ummata gidduutti fageenya uumaa jiru. Kun yeroon sirraa’uu qaba. Maqaa mirga waa dubbachuutiin waan fedhan haasa’uun kun ittigaafatamummaa waliin ta’uu qaba.
Miidiyaaleen biyya alaatii tamsa’an ammoo yeroo qabsoo san waan gaarii hojjetaa turanii ammas otoo silaa tokkummaa ummatootaarratti hojjechuu qabanii, ‘kan duraa caalaa gabroomteetta’ jedhanii ummata burjaajessaa jiru.
Kana kan taasise ABUTfi daldaltoota siyaasaati. Kun dippilomaasiidhaanis ta’u tooftaa biraatiin sirraa’uu qaba. Sababnisaas waan isaan raawwataniin lubbuun namaa darbeera, miidhaan gaheera. Kana fakkeenyaan agarsiisuun ni danda’ama. Kun maaliif mootummaa mormu jechuu osoo hintaane fiixee ba’anii isa, ‘jibichi dhale’ jedhanirra of qusachuu qabuun jedha.
Bariisaa: Dhumarratti, yoo dhaamsa qabaatte?
Bareentuu: Oromoon aadaa qabutti dabalee amantiiwwan addunyaa kanarra jiran baay’eessaa fudhateera. Aadaasaa kanaan walkabajuu, waljaalachuufi tokkummaasaa eeggachuu qaba.
Waan harkasaarra jiru kanatti gammadaa ta’uu qaba. Ta’uu baannaan waan harkasaarra jiru dhangalaasa. Qabsoon akka qaba. Kanneen maqaasaatiin boo’anitti sirritti dammaquu qaba. Akkasumas gamoofi konkolaataan kan abaluuti jechuu dhiisee dinagdeetti fuulasaa garagalchuu qaba. Dhiibbatee hojii kamittuu galuu qaba. Barataan Oromoo barnootasaarratti cichee hojjechuu qaba.
Gaazexaa Bariisaa Amajjii 8/2013
4 Comments to ““Biyya diigamteefi jeeqamte keessaa Oromoon bu’aa argata jedhee kan yaadu yoo jiraate inni diina Oromooti” -Bareentuu (Sintaayyoo) Gadaa”