
Riippoortara Gaazexichaatiin
Finfinnee: Ummanni Godina Wallagga Lixaaguyyoota muraasa darbanitti walitti aansuun hiriira balaaleffannaa garee ABO Shanee geggeessuusaafi saaxiluu taasisuu Waajjirri Dhimmoota Kominikeeshinii Godinichaa ibse. Haalli nageenya godinichaas yeroo kamuu caalaa fooyya’aa jiraachuu beeksise.
Ittigaafatamaan waajjirichaa Obbo Tagany Qannoo ibsa kaleessa Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin, garicharratti injifannoo gonfachuun waan danda’ameef haalli nageenyaa godinichaa yeroo kamuu caalaa fayya’aa jira jedhan.
Jiraatonni aanaalee Gimbii, Bojjii Dirmajii, Bojjii Coqorsaa, Laaloo Assaabiifi Gullisoo hiriira balaaleffannaa guyyoota adda addaatti taasisaniin humna badii, ABO Shanee cimsanii akka balaaleffataniifi ummata Oromoo kan bakka hinbuune ta’uu dhaadannoo dhageessisaniin beeksisuusaanii addeessaniiru.
Jiraattonni garicha naannawasaaniitii balleessanii nageenyasaanii mirkaneeffachuun misoomasaanii ittifufsiisuuf kutatoofi qophii ta’uu eeraniiru.
Jiraattonni hammeenya garichi lubbuu namaafi qabeenyarraan ga’uun gidiraa arguun kanitti hadhaa’e ta’uu eeranii, duulaan bosona galanii garicha naannawasaaniitii qulqulleessuuf qophaa’aniiru jedhan.
Godinni Wallagga Lixaa bakka maandheffannaa ABO Shanee akka hintanes ibsanii, yeroo ummanni Oromoo ofiin of bulchaa jiru kanatti gareen ummatichan bilisoomsa jedhu fudhatama kan hinqabne ta’uu beeksisaniiru. Hojii garichaa naannnawasaaniitii qulqulleessuu cimsanii ittifufuufis waadaa galaniiru jedhan.
Gareen ABO Shanee gufuu mootummaa qofa osoo hintaane kan ummata bal’aa ta’uu ummanni hubachuudhaan yeroo ammaa qaama nageenyaa waliin taa’ee balleessuuf sochii cimaa keessa jiraachuus himanii, bakka garichi hinbannetti bu’uuraalee misoomaafi tajaajiloota hawaasaa sirnaan diriirsuun ulfaataa ta’uu dubbatu.
Akka ibsa Obbo Taganyitti; ummanni godinichaa hammeenya garee kanaa hubachuun afaan qofaan balaaleeffachuu bira darbee yeroo ammaa meeshaa qabu hundaan jara dura dhaabbachaa jira.
Qabeenya ummataa saamuun, dubartii gudeeduufi hojjataa mootummaa yeroowwan adda addaatti ajjeesuu gochasaa kan godhate garichi, ammaan tana garuu mootummaa qofa osoo hintaane ummanni bal’aan xiiqiidhaan waan irratti qabsaa’aa jiruuf baduuf sa’aatii xumuraarratti argama jedhan.
Hawaasichi immoo dhala ykn ijoolleesaas taatu dabarsee mootummaaf kennuuf waadaa galuu eeranii, kanarraa ka’uun namni qaama hidhatee bosona jiru deeggare, nyaachiseefi dhokse kamuu hawaasa naannawa sanaatiin akka balaaleeffatamu abbootii Gadaafi jaarsolii biyyaatiin tumamuu beeksisaniiru.
Qaamonni caasaa mootummaa gara garaa keessatti dhokatanii humna kana deeggaran akka saaxilamaniifis gubbaa hanga dakaatti qorannoon yeroo yerootti taasifamaa jiraachuu eeranii, caasaalee nageenyaa dabalatee warreen karaa harka lafa jalaatiin garee kana deeggaraa turanirratti tarkaanfiin fudhatamaa jiraachuu dubbataniiru. Sochii gareen kun taasisu caalaatti laamshessuuf gadinoota ollaa waliin qindoominaan hojjatamaa jiraachuus himaniiru.
Gama biraatiin Bulchitoonni aanaalee Bojjii Dirmajiifi Gombii Obbo Cannaqaa Bulchaafi Taarikuu Maammoo TOItti akka himanitti, ummanni naannawichaa gocha badii garichaan irra qaqqabu naannawasaatii qulqulleessuuf tokkummaan kaka’eera.
Bariisaa Amajjii 1 bara 2013
Yaa.Afuftuu.Wbon.Dhiraadha.Itii.Cabasaa
Equilibrado
Aparatos de balanceo: fundamental para el funcionamiento fluido y optimo de las equipos.
En el mundo de la tecnologia actual, donde la rendimiento y la confiabilidad del sistema son de suma trascendencia, los sistemas de ajuste juegan un papel crucial. Estos sistemas especificos estan disenados para calibrar y regular partes moviles, ya sea en dispositivos productiva, medios de transporte de desplazamiento o incluso en electrodomesticos de uso diario.
Para los especialistas en conservacion de equipos y los tecnicos, utilizar con sistemas de ajuste es crucial para proteger el operacion estable y seguro de cualquier aparato giratorio. Gracias a estas herramientas innovadoras modernas, es posible reducir notablemente las movimientos, el zumbido y la esfuerzo sobre los soportes, mejorando la duracion de piezas importantes.
Igualmente trascendental es el tarea que juegan los dispositivos de balanceo en la atencion al consumidor. El ayuda tecnico y el mantenimiento constante utilizando estos dispositivos facilitan ofrecer asistencias de excelente calidad, incrementando la agrado de los usuarios.
Para los titulares de negocios, la aporte en sistemas de calibracion y dispositivos puede ser importante para aumentar la rendimiento y productividad de sus aparatos. Esto es sobre todo significativo para los inversores que manejan pequenas y medianas organizaciones, donde cada detalle vale.
Ademas, los equipos de calibracion tienen una extensa utilizacion en el ambito de la fiabilidad y el supervision de nivel. Permiten localizar potenciales defectos, previniendo reparaciones costosas y averias a los equipos. Incluso, los informacion generados de estos aparatos pueden aplicarse para maximizar procesos y potenciar la reconocimiento en motores de exploracion.
Las sectores de aplicacion de los equipos de ajuste comprenden multiples sectores, desde la fabricacion de vehiculos de dos ruedas hasta el supervision ecologico. No interesa si se habla de grandes elaboraciones manufactureras o modestos espacios hogarenos, los aparatos de balanceo son fundamentales para promover un desempeno efectivo y sin riesgo de interrupciones.