“Biyya diigamteefi jeeqamte keessaa Oromoon bu’aa argata jedhee kan yaadu yoo jiraate inni diina Oromooti” -Bareentuu (Sintaayyoo) Gadaa

Charinnat Hundeessaatiin

Keessummaan keenya maxxansa kanaa nama waggoota dura miidhagina waltajjii, barreessaafi hirmaataa diraamaa ture yoo ta’u, nutis kutaa qophii Gaazexaa Bariisaatti anaadhufu! jenneenii gaafdeebii ittaanu wajjin taasisneerraa dubbisa gaarii.

Bariisaa: Namoonni baay’een si beekan akkuma si yaadataniif mee maqaa keerraa haa kaanuu?

Bareentuu: Maqaan koo Bareentuu (Sintaayyoo) Gadaa jedhama. Maqaan dhalootaa koo Sintaayyoo Gadaati. Bareentuun maqaa qabsooti. Amma maquma Bareentuu Gadaa jedhamuunin beekama.

Bariisaa: Bareentuun eenyu? Yoom, eessatti dhalate? Waa’ee maatiisaas xiqqoo otoo nutti himee?

Bareentuu: Kanin dhaladhe jiddugaleessa Oromiyaa Finfinneetti. Maatiin koo iddoo amma Yunivarsitiin Finfinnee, Kaampaasiin Siddisti Kiiloo itti argamu maddii, iddoo Hospitaalli Yakkaatit 12 argamu turan. Fuuldura hospitaalichaa gabaan Gadaa jedhamu tureera. Gadaan ammoo maqaa warra keenyaati. Waan naannawa sanatti masaraan mootummaa ijaaramuuf maatii koo achirraa kaasanii gara baadiyyaa Sulultaa geessan.

Bariisaa: Barumsa hoo eessatti hordofte?

Bareentuu: Barumsa sadarkaa jalqabaa Sulultatti, torbaffaa qabee ammoo Finfinneettin baradhe. Barumsa aartii biyyoota alaa dabalatee iddoowwan adda addaatti hordofeera.

Bariisaa: Namoonni baay’een kan si beekan aartiidhaan waan ta’eef akkamiin gara ogummaa kanaatti seente?

Bareentuu: Hojii aartii otoon barumsa koo sadarkaa 2fa baradhuun eegale. Bara 1985 baatii Onkoloolessaa keessa ammoo miidiyaaleerratti hojii aartii dhiyeessuun jalqabe. Yeroo sana Televizhinii Itoophiyaarratti qophiin Dhangaa jedhamu reefuma jalqaba ture. Ogummaadhuma kanaan namoota qophicharra hojjechaa turan kanneen akka Saamu’eel Dhaabaafaa wajjin walbare.

Sana dura akkuman siin jedhe mana barumsaatti walaloo barreessaafi diraamaa hojjechuun beekamaan ture. Qophii Dhangaa kanarratti diraamaawwan gaggabaaboofi taphoota adda addaa namoota shan taanee dhiyeessaa turre. Qophichi daaw’attoota Afaan Oromoo dhaga’an ykn dubbatan qofaan otoo hintaane hawaasa hunda biratti daran jaalatamaa ture.

Hojii aartii kana waggoota saddeetiif hojjedheera. Booda gara Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaatti mindeeffamee Baandii Biiftuu Oromiyaa keessatti waltajjii beeksisuudhaan waggoota torbaaf hojjedheera. Biirichatti kutaa beeksisaa (dhaadhessaa) hogganuudhaan waggoota sadii hojjedheera. ALA bara 2010 biyya kana gadidhiiseen deeme.

Bariisaa: Ogummaawwan danuu naa tarreessaa jirtaatii Bareentuun kanneen keessaa kam maqaa dhahata?

Bareentuu: Ani hojiilee hedduu keessattin hirmaadhe. Kanin irranatti sii tarreesseen ala waggoota kurnan darbaniif ogummaa gaazexeessummaarran ture. Akkuman sitti hime diraamaa waggoota saddeetiif hojjedheera, bara 1985 hanga 1993tti jechuudha. Ergan biyya kanaa bahee hojii gaazexeessummaarran ture. Hojii qabsoo keessatti bakkuma adda addaatti waan ramadamtuuf anis ogummaa kanarratti ramadamee hojjechaan ture. Ogummichi waluma keessa waan jiruuf hunduu na ibsa.

Bariisaa: Wayita ogummaa aartii keessa turtetti mudannoo addaa yoo qabaatte?

Bareentuu: Mudannoo danuutu jiru. Yeroo sana hamileedhumaaf dhimmoota Oromoodhaan walqabatanirratti hojjenna turre. Keessumaa ani yeroo baay’ee waa’ee duudhaa baadiyyaarrattin hojjechaa ture. Kanaanis nama baadiyyaa ta’ee hojjechuudhaan haala, rakkina ummata keenyaa waltajjiitti dhiyeessaan turre.

Daarektaroonni yeroo sana turan kanneen akka Alamuu Tolasaa, Simmanyi Teessoofi kan amma lubbuudhaan hinjirre Saamu’eel Dhaabaafaan daran cimoo turan.

Egaa keessumaa hojii akkanaa keessatti wantoota danuutu nama mudata. Kanneen keessaa kanin hanga har’aatti yaadadhu sitti himuuf, yeroo tokko diraamaa “Du’a” jedhamuufi ani barreesse tokko hojjechuuf Moyyaalee dhaqne.

Artisti Admaasuu amma lubbuudhaan hinjirre wajjin hojjetaa turre. Mana Admaasuu bishaan, bubbeefi roobafaatu dhaqa. Admaasuun otuma diraamaa hojjetuu waan ani hinbarreessiniifi ittihinhimiin ittidabalee kufee gangalate. Maaliif kufee akka gangalate naa hingalle. Calliseetuman akka aaruus ta’ee xiqqoo ilaale. Sagantichas xumurree baane.

Wanti kun hanguma har’aattillee na kofalchiisa. Erga gallee booda, “Qarshiin 200 buutee argeetan irratti kufee gangaladhe. Kufee gangalachuun diraamicha keessa jiraachuu baatus qarshicha namni biraa fudhachuurra jedheen kufee gangaladhe” naan jedhe.

Booda qarshichi mee kiyyaa, kiisii koo keessaa bu’een jedheen. Dhugumammoo qarshichi kiisuma koo keessaa bu’e. Innis, qarshichi keetii edaa jedhee haala kanaan na kofalchiise, Admaasuun. Kan biraa waltajjiirratti waan ati yaaddeen ala wanti hojjetamu jira.

Diraamaan nuti Dargiif hojjenne yeroo lola Itoophiyaafi Ertiraa ummataaf dhiyaate. Diraamaa Suuraa seexanaa jedhamu kana barreessee namoonni baay’een jaalatanillee, tokko tokko kanneen yeroo sana Ertiraa deggaraniifi asitti beeknu nutti mufatan.

Aartii keessatti hojii ati ummataaf jettee hojjetturratti kan faallaa kee dhaabatu jira. Yeroo sana maallaqaaf otoo hintaane himileef hojjetaa turre. Ani taatummaa qofaan otoo hintaane barreessaas tureera. Of jajuu akka hinfakkaanne malee yoo qophii ayyaanaa tokkorratti taphoonni kudhan dhiyaatan saddeet natu barreesse. Kanaafis ragaan koo daayirektaroota. Taphoota babbareedoo kanneenitti namni gammadee bashannanaa itti barataa ture.

Bariisaa: Bareentuun waltajjii geggeessuurratti qalbii hirmaattotaa dhormachuu ykn hawachuun beekamaatii kana akkamitti gabbifachuu dandeesse?

Bareentuu: Dhuguma dubbachuuf waltajjii geggeessuu kana Afaan Oromootiin anumatu jalqabsiise jechuu nan danda’a. Ana dura namni Afaan Oromootiin waltajjii geggeesse hinturre. Fakkeenyaaf guyyaa ayyaana sabootaafi sablammootaa kan jalqabaa Galma Walga’ii Naannawa Siddisti Kiilootti argamutti kabajame natu Afaan Oromoofi Amariffaan geggeesse.

Ennaan Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa keessa ture Irreechi yeroo jalqabaatiif Bishooftuu, Hora Harsadiitti sirnaan akka kabajamu namoota taasisan keessaa ani tokko. Waltajjiilee sagantaalee horsiisee bulaa qophaa’aa turan yeroo baay’ee natu geggeessaa ture.

Haallin itti waltajjii hogganuufi geggeessu gaarii ta’uus duubdeebii namoonni naa kennanirraa hubachaan ture. Dhiyeenyuma kana oggaa hoggantoonni ABO alaa galan sirna simannaa dirree Masqalaa bakka namoonni miliyoona shan ta’an argamanitti adeemsifame natu geggeesse. Waltajjiis haaluma gaariidhaanin geggeessa jechuu kooti.

Bariisaa: Waltajjii sirnaan geggeessaa akkasumas diraamaa irratti hirmaachaas ta’e barreessaa ummata biratti beekamtii si gonfachiise akkamiin dhiistee deemte?

Bareentuu: Yeroo sana waa’eedhuma siyaasaa kanaan walqabatee hidhameen ture. Kanaa achi rakkoodhuma akka sabaatti ummatarra gahaa turetu biyyaa na baase. Yeroo namni konkolaataa hinqabnetti konkolaataas qabaayyu. Kanaaf akka dhuunfaa kootti waltajjiin geggeessu fa’iin jireenya gaariin jiraachaa ture.

Garuummoo wanti hojjetaa waajjiraalee adda addaa keessatti argamu dabalatee hiraarsi ummata Oromoorra gahaa ture hamaa ture. Kana waanin namoota danuu beekuufi wajjin ooluuf odeeffannoosaa sirriittin qaba. Yeroo sana rakkoo saamichaafi badii jiru waanin argeef waanin qabu gurguree fagaadhee deeme. Tikoota TPLF’n biyyoota kanneen akka Sudaaniifi Keeniyaafa’irraa namoonni qabamanii deebi’u turan. Ani Finfinneerraa Istaanbuul, achirraa Kooriyaa, achiimmoo gara Jaappaan, Jaappaanirraa gara bosonaan deeme.

Bariisaa: Televizhinii Ertiraarraatti sagantaa Afaan Oromoorra hojjetaa turtee?

 Bareentuu: Televizhinii Ertiraarraatti sagantaa qabna turre. Garuu jaamiidhaan nu jalaa cufame. Jaamiin kuniyyuu kan jalqabame sababa kiyyaani. Sana dura jaamiin hinturre. Waanin dhaqee daba biyya kana keessatti raawwatamaa ture dubbadheef mootummaan jaam godhe.

Raadiyoo Sagalee Ummata Bal’aa Ertiraa (SUBE)fi Sagalee Bilisummaa Oromoos (SBO) qabna ture. Dabalataanis immoo televizhinii ONN darbee darbee ni mul’ata ture. SUBE waggoota sadiif anatuu gaggeessaa ture. Akkasumaas SBO keessas hojjedheera.

Bariisaa: Odeeffaannoo eessaa, akkamiin argataa turtan?

Bareentuu: Biyya keessaa mandhee odeeffannoo hedduu qabna. Isaanis karaa feesbuukiifi imeelii nu qaqqabu. Odeeffannoo suuraaafi viidiyoodhaan dabaalamee nuu ergamu gulaallee, cuunfinee isa dhugaa ta’e gabaasaa turre.

Keessumaa yeroo fincilaa sana Oromiyaa guutuurraa waan nuu ergamuuf qindeessinee gabaasuun ulfaataa ture. Sababnisaas ijoolleen SUBE irra hojjetan Afaan Oromoo dubbataniyyuu barreessuufi dubbisuu hindanda’an ture. Kanaafuu rakkoo humna namaa bal’inaan qabnaayyu. Sababuma kanaan ergaawwan dhaggeeffattoota biraa nu gahan haala amantiifi aadaadhaan walitti hinbuunetti gulaallee dhiyeessuurratti rakkoo guddaatu nu mudataa ture. Ta’us oduuwwaniifi artikiloota babbareedoo qopheessinee dhiyeessuudhaan hojii guddaa hojjechaa turre.

Bariisaa: Miidiyaa ONN irra yeroo hammamiitiif hojjette, akkamittis achi seente?

Bareentuu: ONN irra gaazexeessummaadhaan waggoota shaniif qopheessaa olaanaa ta’ee hojjedheera. Erga biyya dhufees waggaa lama hojjedhee ammaan tana garuu waantonni sirraa’aniifi sirnaan socho’uu qaban danuun waan jiraniif dhiiseera. Tokkoffaa biyya kana keessatti oggaa hojjettu seeraafi sirna kabajuun barbaachisaaadha. Dhimma kanarratti waliigaluu dhabuudhaanin dhiise.

Bariisaa: Amma ABO keessatti qooda hojii kamiirra jirta?

Bareentuu: Addicha keessatti ittigaafatamaa ittaanaa sabqunnamtiifi ittigaafatamaa damee miidiyaaleeti.

Bariisaa: Bakki jirtu kun waan baay’ee hubachuuf mijataadhaatii haala biyya keessa jiru akkamitti hubatta?

Bareentuu: Egaa biyya kana keessa waantota danuutu jiru. Rooba ganna darbe tureefi nama miidhaa turerraa kaanee awaannisatti ceenee, booda ammoo gara rakkoo Itoophiyaa kaabaatti mudateetti ceene.

Kan duraa dhiisnee kan dhiyoo kanaa yoo kaafne biyyi tun rakkoolee heddu keessa darbaa jirti. Walumaagalatti rakkoon amma nu mudate kun kanaan dura biyya kana mudateera jedhee hinyaadu. Wanti ammaan tana biyya mudate cimaa ta’us injifattee keessa darbaa akka jirtun hubachaa jira.

Bariisaa: Tarkaanfii mootummaan murna ABUT irratti fudhateefi hojii naannicha deebisanii ijaaruurratti raawwatamaa jiru akkamitti ibsita?

Bareentuu: Beektaa, ani waggaa kudhan ta’eera ergan jiruufi jireenya biyya kanaa dhiisee deemee. Kan biyya koo dhiisee deemeefis mootummaa ADWUI/ABUTn geggeeffamu mormuufi. Kanas karaa danda’ame hundaan aangoorraa buusuufi. Ana duras waggoota 30 darbaniif namoonni qabsaa’anii keessatti wareegamaniifi miidhaman danuutu jiru.

Kanneen mana hidhaatti hiraarfamaafi achi buuteensaanii hinbeekamne daran baay’eedha. Kanaafuu tarkaanfiin amma mootummaa Paartii Badhaadhinaatiin hogganamuun fudhatame sirriidha. Nuti sana dura ibsoota adda addaa dhimma kanarratti baasaati kan turre.

Jarri kun dhiifama gaafatanii, namoota miidhaa turaniif beenyaa kanfalanii, kanneen miidhaa qaqqabsiisaa turan akka warra Afrikaa Kibbaa gadi bahanii badii qaqqabsiisan akka ibsaniif gaafachaa turre. Waanti gaafanne sun yeroo sanatti of tuulummaafi eenyutu na caalaa ABUTn fudhatama hinarganne. Nu qofa miti, mootummaanumti amma Doktar Abiyyi fa’iin hogganamu kun maqaa dhaaba kanaatiin dhiifama gaafatus jarri erga Maqaleetti dacha’anii booda dhiifamichayyuu akka keessaa hinqabneefi balleessa raawwatanitti hingaabbine miidiyaaleesaaniitiin dubbachaa turan. Kanaafuu maqaa qofa otoo hintaane gochaanis hojiidhuma juuntaa waan raawwataniif tarkaanfiin irratti fudhatame sirriii ta’uu nuti dursinee ibsineerra. Kanaaf tarkaanfichi akka nama dhuunfaattis ta’e dhaaba keenyaatti sirriidha jennee fudhanna.

Bariisaa: Waan jijjiirama kana dura ture yaadachaa haala ykn jalqabbii amma jiru haala kamiin eeguufi tikfachuu qabna jetta?

Bareentuu: Beektaa, namni dhimma Wayyaanee kanaan walqabatee waantota adda addaa haasa’aa ture. Biyya diigamteefi jeeqamte keessaa Oromoon bu’aa argata jedhee kan yaadu yoo jiraate takka inni maraataadha, takka ammoo diina Oromooti.

Nuti nama. Namni dhukkubsatee hospitaala jiru akkuma jirutti ta’ee kan fayyaan qaba jedhee bahee, hojjetee galu tokko waggaa gabaabduu, lama kana keessatti waan Wayyaaneen waggoota 30 darbaniif ummata Oromoofi saboota biyya kanaarratti raawwatte dagatee har’a maaliif Wayyaaneen tuqamti (muraasa ta’anis) jedhanii dubbachuun maraatummaadha ykn ammoo diina ummata Oromoofi sabootaafi sablammootaa ta’uudha.

Kanaafuu waggoonni 27 darban gaarii hinturre. Yeroo danuu diraamaawwan adda addaa dhiyeessuuf jennu akka hafu taasifamaa ture. Kun siyaasa qabafaa jedhamee nu harkaa darbatamaa ture.

Kanarratti waantotan yaadadhu keessaa tokko saamicha lafaa Finfinneefi naannawashii jiru waltajjii guddaa, qondaaltonni biyyattii marti irratti hirmaatanirratti Adaamaatti dhiyeesse. Diraamichi otoo hingulaalamiini kan dhiyaate. Diraamichi waan hamaa ykn faallaa kan of keessaa qabu hinturre. Garuu haalatti saamichi sun geggeeffamaa ture kan agarsiisuudha.

Kanaanis qoratamee akkan hojiirraa ari’amun taasifame. Kana dhoksee viidiyoodhaan waraabeera gaaf tokko nan dhiyeessa jechaan jira. Yeroo sana namoonni OPDO keessa turan walqoodanii turan, warra Wayyaanee wajjin hidhata qabaniifi ajaja qondaltota Wayyaaneetiin laficha gurguraa turan haa ari’amu, warri haa hidhamu, ajjeeffamu jedhanillee turaniiru. Warri kuun ammoo dhugaa lafarra jiru waan ta’eef maal balleesse kan jedhuun namoonni murtaa’oon Oromummaa qaban harka narra qaban, har’allee Badhaadhina ta’anii bahan yeroo sana na baraaraniiru. Dhugaa dubbachuuf waan guddaatu nurratti aggaamamee ture. Jireenya keenya dhiisnee biyyaa baane, sana keessa dabarree har’a geenye.

Walumaagalatti oggaa of duuba deebinee ilaallu nuti (Oromoon) nama awwaala diigee baheedha. Oromoo qofas miti saboonniifi sablammoonni biyya kanaa haaluma kana keessa turan. Kanaaf kanarratti dhimma dhumaatii, Gaambeellaa, Beenishaangul, Sidaamaa, akkasumas Oromoofi Somaalee walitti buusuudhaan shira xaxamaa turefaa kaasuun ni danda’ama.

Nama maraateefi matumtisaa diina (juuntaa sana) ta’e malee kana eenyumtuu quba qaba. Har’a yeroo itti Wayyaaneedhaaf boo’an otoo hintaane akkuma kan haati duuteefi gabaa dhaqxeef walqixa boo’uun fokkisaadha jedhamu san maaliif Wayyaaneen aangoorraa nu jalaa buute jedhee warri boo’uufi nuti, warri maatiin keenya mana hidhaafi bakkawwan adda addaatti, otoo baqatuu galaanaafi gammoojjiitti dhume walqixxee teenyee haasa’uu hindandeenyu.

Kanaaf haalli amma jiru akka nama dhuunfaattis ta’e dhaabaatti mootummaan akka irraa of eeggatu kan eegnu namni siviilii akka hinmiidhamne gochuu ture. Kanaa achi tarkaanfiin fudhatame dhibbaa dhibbatti rakkoo qaba jennee hinyaadnu.

Bariisaa: Keessumaa ayyaana Irreechaa gara jalqabaatti sirna Wayyaanee keessa Oromoo danuun maqaa ABOtiin gidiraa argeera. Dubartii xilanni uffata aadaashii alaabaa dhaaba kanaa qabu akka dirreetti irraa baafamu taasifamuu fa’iin hiraarsi kana hinjedhamne irra gahaa tureera. Gidiraa sanaafi haala har’a mul’atu akkamiin walbira qabdee ibsita?

Bareentuu: Dhugaa jette. Nan yaadadha. Akkuman irranatti sitti hime waltajjii ayyaana Irreechaa, Hora Harsadii natu geggeessaa ture; oggaan Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa keessa hojjedhu. Namni dhumaatii dhiyeenya kana bakka sanatti qaqqabe qofa ilaala.

Yeroo baay’ee garuu ijoolleen Oromoo garmalee hiraarfamaa turan. Kanumarraa kan ka’e kanneen otoo Irreecha hindhaqin deebi’an danuudha; uffata, callee, kophee akkanaa akkasii uffatte ykn keewwatte jedhamuun.

Namni qullaa hindeemuu halluu (kuula) uffataa ilaalanii kan karaatti deebisaa turanillee hedduudha. Kanaafuu kanneen hunda dabarree as geenye. Kunniin hundi darbee ummanni keenya kan dhumes dhumee, kan hidhames hidhamee, kaan bakka bu’e dhabamee erga injifannee har’a kan iyyu kun maalirraa ka’ee kan jedhuudha gaaffiin.

Beektaa, nama biyyaafi ummataaf dhaabbateefi nama garaasaatiif dhaabbatetu waliin mormaa jiraa. Namoonni garaasaaniitiif dhaabbatan daran muraasa. Ani akkuman jalqaba sitti hime rakkoo jireenyaa hinqabu. Mindaan argadhutti dabalee diraamaa hojjechaafi waltajjiilee adda addaa geggeessaa waanin tureef horii argachaan ture.

Garuu ummatichi miidhame jedheen qabsootti seene. Warri ammoo siyaasa bizinasii godhatan jiru. Warri kun yeroo qabsoorra turanirraa eegalanii biyya saaman. Warri qabeenya biyyaa saamaa ture kun horii sana facaasanii miseensa lammii kamiituu bitaa turan.

 Maqaan nama bitamu sanaa Oromoo ta’uu danda’a. Oromoorraa dhalachuus danda’a. Kan biraa dhiisii jarri kun Faranjiillee bitataniiru. Isuma ilma, abbaa, obboleessa jalaa ajjeesan deebisanii horiidhaan bitanii akka inni injifannoo ummata Oromoo kana dura dhaabatu gochaa turan. Garuu jarri sun injifannoo amma ummanni Oromoo argate kana duubatti deebisuu tasumaa hindanda’an.

Amma bakka jirrurraa gara fuulduraatti malee duubatti deebinee barri Wayyaanee ni dhufa jennee yoo yaadne, inni hindhufu. Garuu biyya jeeqamte, waraanni ‘UN’ keessa deemu, uumuuf tattaafatu. Akka Koongoo gochuuf yaalii gochaa turan. Dhugaa dubbachuuf warri Wayyaanee jala deemee waantota adda addaa haasa’aa ture yoo hubannaadhaan ilaalame warra peyrooliin Wayyaaneerraa qarshiin kanfalamaa tureedha.

Peyrooliinsaanii Wayyaanee bira ture. Odeeffannoo waan funaannuuf kana ni beekna. Raadiyoofi tv’n tokko ji’atti qarshii kuma 500 kaffala saatalaayitii qofaaf. Qarshii kana warra yuu tiyubii (you tube) irraa iyyaa turetu har’a namoota lamaa sadii ta’anii, kaampii baqataa keessa taa’anii tv dhaabbachuun haasa’an jira.

Qarshii kana eessaa fidan yoo jette horiidhuma ummata kanarraa saamamee Wayyaanerraa kennameefiidha. Warri kun fagoo hindeeman, yeroo gabaabaa keessatti dhaabatu.

Bariisaa: Akka dhalataa Oromoo tokkootti Oromoon hoggansa Oromoorratti (kunuu safuu ummatichaatiin ala) finciluu akkamitti ibsita?

Bareentuu: Kun qaanii guddaadha. Waan lafarra jiruufi ummanni arguufi dhaga’u, waan adiifi gurraacha ta’uunsaa halaalaa mul’atu tokko lakki jettee ummata kana akka waan homaa hinbeekneetti lakkooftee anatu sii beeka, bilisa hinbaane, ammallee rakkoo keessa jirta jedha.

Tokko tokko ammoo afaan guutee barri ammaa kun bara Wayyaanee caalaa bara rakkinaati jedhee dubbata. Kun amma daran nama qaanessa. “Lallaba gowwaa firatu naha”, jedha Oromoon. Yeroo warri gowwaan kun lallabu nuti ni naana. Kana namni maal nuun jedha jenna. Waan walirratti oofaa jirru namni biraa yoo dhaga’u namni ni maraatan moo nuun jedha.

Jijijiiramni kun akkamiin sirna Wayyaanee wajjin walbira qabama? Otoo akka barbaadanitti mootummaa qeeqaa jiranuu, waliin haasa’aa jirruu akkamitti madaalama? Nutimee Finfinneedhaa waajjira qabna bari? Warri sunimee warra huccuu halluu qabu namarraa baasaa tureedhaa.

Bara sana bira dabarree Finfinneetti waajjira banannee otoo hojjetaa jirruu, ministira muummees ta’e bulchitoota naannolee wajjin walmormaa, rakkoosaanii ittihimaa, rakkoo akkanaa qabdu jennuuniin akkamitti walbira qabama? Yeroo sana otoo waanti amma goonu kun ni raawwanna ta’ee maaliif qabsaa’uun barbaachise? Maaliif qabsaa’onni lakkoofnu dhuman? jennee yoo gaafannee deebii hinqaban.

Garuu horii Wayyaanerraa funaannataniin iyyuu, kijibuu danda’u. Ummanni garuu beekeera. Beekuusaammoo maaliin beekta? Tibba darbe oggaa raayyaan ittisaa juuntaarratti duulu aanaa tokko keessaa sangoonni 400, 500 darbees otoo buuphaafi hindaanqoon hinhafin fedhiisaatiin gammadee sirbaa kenne kanaaf ragaadha.

Har’a sangaa qarshii kuma 50 baasu tokko namni dirqisiisee si harkaa fuudhu hinjiru; yoo abbichi itti amanee kenne malee. Otuma ta’eellee nama tokkoo lama dirqisiisuu dandeessa ta’a. Aanaa tokkorraa sangoota 400/500 yoo fedhii malee akkamiin argachuun danda’ama? Kun keessumaa dhugaa kallattii Oromiyaa hundatti mul’ateedha. Dhimmichi waan raajiidhas.

Ummanni mee qabeenyasaa kennuu qofaan quufaa hinturree. Sirumayyuu duullee waan kana adaba itti goona jechaa turee. Kun waanti warri Wayyaanee wajjin dhaabatan fedhaniifi waanti ummanni irra jiru gara gara ta’uu ifatti kan agarsiisuudha.

Ummanni ololasaanii fudhataa akka hinjirre agarta. Ummanni injifannoosaa sirriitti dhandhamataa akka jirus sirriitti mul’ata. Kanaafuu warri sun warra fageenya deemu miti. Garuu yeroof ni iyyu. Iyyasaanii sanaaf akkuma barbaachisummaasaatti jala jalaa deebii kennaatuma deemuun gaariidha.

Bariisaa: Kanneen injifannoo argame walfaana qabamuu dhabuu hoggansa juuntichaatiin walqabsiisan jiruutii kanarratti maal jetta?

Bareentuu: Warri akkana jedhan eenyu akka ta’e beekuun gaariidha. Yoo garagalchitee ilaalte jarri kun horiidhaan of gurguraniiru, juuntaa Wayyaaneetiif. Ololuma juuntichi hoofaa ture hoofaa turan. Tarii maqaansaa Oromoo, Amaara ykn Guraagee ta’uu mala. Innuu isuma ykn juuntuma sana.

Kanaaf jara kanarraa waanti eegamu hinjiru. Saayinsiidhuma waraanaa ykn dhugaadhuma lafa jirutti yoo deebine garuu jarri kun Maqalee keessaa ari’amanii dhagaa wayii jala ruuqamanii jiraachuusaanii dhiisnee Maqaleedhuma jiru yaa jennu.

Jarri sun humna waraana isa marse cabsaniin hinqaban. Waraanni Itoophiyaa daangaa Sudaanirraa, Ertiraarraa, kibbaa ammoo Raayyaarraa ari’ee Maqaleetti galche. Kan ammaa dhiisnee kanuma duraa sana haafudhannu jedheeni. Erga ari’ee achi galchee waraana eessa jirutu duubaa dhufee hoomaa waraanaa kana cabsee jara kanatti lubbuu horaan gaaffiidha, otuma Maqalee jiraataniiyyuu jechuudha.

Kanaa achi jaarsi waggaa 70fi 80 kuun achi, as citee konkolaataallee dirreetti gatee baqate sochi bahee deebi’a jechuun abjuudha. Ekeraan ka’ee akka namaatti waa hojjeta jedhanii abjootuudha.

Warri abjootaa turan kunniin waan torban jalqabaatti haasa’aa turan torban lammaffaatti waan harkaa badeef waan biraatti jijjiiranii turan. Dhumarratti akka juuntichi awwaalamaa jiru waan beekaniif gara qaamolee mirga namoomaattis watwaataa turan. Kana kan godhan dubbiin akka hurrii Sadaasaa harkaa bittinnaa’aa wan deemeefi.

Waa’ee mirgaarrattis namni akka juuntichi ololetti miidhame tokkollee akka hinjirre ibsaa ture. Haala tures miidiyaaleen ifaan bakkasii gabaasaa turaniiru. Ta’us waraana keessa kan darbatamu burtukaana waan hintaaneef juuntichi ummata keessa taa’ee dhukaasaa tureera.

Kanaanis akkuma Maayikaadiraatti gochaa turan ofumaa badii raawwatanii mootummaa maqaa balleessuuf, hattoonnis uffata waraanaa uffatanii aadaasaanii waan ta’eef nama saamaafi ajjeesaa turan, maqaa balleessuuf. Bu’aa miidhaa adeemsa kanaan qaqqabee mootummaan nan qoradha waan jedheef isumarraa eegna.

Bariisaa: Qe’een Oromoo caalaatti nagaa akka ta’uuf maaltu ta’uu qaba jetta? Oromoon biyya ofii bulchaa jiru kana hoo akkamiin eeguu qaba?

Bareentuu: Dhugaadha ammaan tana aangoon biyya bulchuu Oromoo harka jira. Eenyutus harkaa fudhata? Asirratti sodaa nama keenya gadi hindhiisin tokko jira. Yoo Wayyaaneen jiraatte malee namni ta’e wayii aangoo nurraa fudhata kan jedhu wayii waanti fakkaatu jira.

Ummanni guddaan, sabni guddaan qabsaa’ee Wayyaanee injifatee boollatti galche eenyutu injifata? Kun gaaffii guddaadha. Wayyaaneetti hirkannu malee aangoo hinargannu ykn ammoo Oromoon biyya bulchuu hindanda’u kan jedhu yoo jiraate duraan maaliif Wayyaanerratti qabsaa’aa turreree? Aktivistoonni Ameerikaafi Awurooppaa taa’anii, maqaafi alaabaa Oromoo qabatanii iyyan kunniin kaleessa warra ummata Oromoo balleessaa turaniidha.

Warra kaleessa qeerroo Oromoo arrabsaafi ajjeechisaa turaniidha. Jara sana eenyummaasaanii ni beekna. Amma mee Oromootu aangoo hiraa jira malee kan isaaf aangoo qoodaa jiru hinjiru. Namni kamuu kana sirriitti hubachuu qaba.

Duraan Wayyaaneetu jiddugaleessa aangoo qabatee abbaa barbaadeef paappeetii wayii uumee kennaa ture. Amma waanti akkasii hinjiru. Natti fakkaataa kan amma isaan aarse Badhaadhina keessaa jalqabumarraa kan bahaniif maaliif paarticha keessatti Gaambeellaa, Beenishaangul, Affaar, Somaaleefi Hararii agarra jechuuni.

Sababiinsaas isaan nuun qixxee miti, madaallii ADWUI hinguutan jechuurraa kan maddeedha. Har’ammoo deebi’anii humnoota federaalistii jedhanii dhimma federaalaaf dhimmu fakkaatanii mul’achuu yoo yaalan kun waan kolfaati.

Wayyaaneen otoo waraqaarra jiruu warra federaalizimii balleesseedha. Kanaaf Oromoon aangoo of harkaa qabus haa ta’uu kan dabalataallee yoo jiraate tikfachuuf ololaafi jette jettee mandaraa keessaa bahuu qaba. Jette jetteen faayidaa hinqabu. Juuntichi dhugaa lafa jiru jette jetteedhaan beekama. Hanga dhumaatti faallaa dhugaa lafarra jiruutii kan ololaa turan.

Ani kan na gaddisiisu isaanirra warra jette jetticha irraa fuudhee ololuudha. Ta’us hunduu oolee bulee mul’ataa jira waan ta’eef ummanni keenya aangoo harkasaa jiru xiyyeeffannaan eeggachuu qaba. Dimokraasiin taatee guyyaatti dhufu waan hintaaneef waan harkasaa jiru sirnaan eeggachuu qaba.

Abbaa biyyummaasaas caalaatti mirkaneeffatee ittifufuufi jabaatee waljabeessuu qaba. Hammatummaasaa sana dhugaadhaan agarsiisaa sabootaafi sablammoota wajjin walqixxummaadhaan jiraachuu qaba.

Bariisaa: Mormituu jechuun nama waa arrabsaafi xureessaa ooluudhaa? Kanarratti maal jetta mee?

Bareentuu: Dhuguma dubbachuuf amala kanas juuntuma kanatu nutti fide. Yeroo tokko tokko oggaa rakkattu waan hin yaadamne tokkotti seenta. Kunis akkuma mammaaksa, “Gadi daakanii dadhaban ol daakan” jedhamu san ummanni kun rakkatee miidhamnaan gara barsiifata hintaaneefi isa hinibsineetti seene.

Keessummaa ummanni keenya arrabsoo fa’irratti safuu guddaa qaba ture. Murni kun akka duudhaafi aadaan ummata kanaa diigamu, cabu godheera. Miidhaan murnichaa olaantummaa siyaasaafi saamicha dinagdee qofaan kan ibsamu miti. Murnichi aadaafi tokkummaa ummatootaallee balleesseera. Ummanni Oromoo waliisaa dhiisii saba/ ummata kaanillee kabajee, fuudhee ittiheerumee waliin jiraataa tureefi jiruudha.

Amma safuun badee kan abbootii amantii, abbaa Gadaa, jaarsa biyyaa, hoggansa biyyaa arrabsu agarta. Kana murnichumatu fide. Murni kun gama tokkoon sabootaafi sablammootaaf dhaabadhee jechaa akka dhalli namaa tokko hintaane halkanii guyyaa lallabuun aadaafi duudhaasaanii balleesseera.

Gochasaanii kanaan duudhaan hangafti quxisuu kabajuu, maanguddummaa diigamaa akka dhufu ta’eera. Hojii madaaluuf qeequun akkuma jirutti ta’ee waajjira keessatti maqaa qorannoo jedhuun akka namni hangafasaa, ittigaafatamaasaa, gitasaa hinkabajne waldiigu, walarrabsiisaafi waltuuffatu gochaa ture. Sababiinsaas yoo akkas godhanii gargar baasan malee jiraachuu akka hindandeenye waan hubataniif. Kun amaluma warra maayinoritiitiiti. Koloneeffattoonni Awurooppaa oggaa biyyoota Afrikaa weeraran tooftaadhuma walcabsuu kana fayyadaman. Warri kunis kanuma raawwachaa turan.

Ani Wayyaanneen mootummaa Itoophiyaa turte jedhee hinamanu. Jarri mootummaa Itoophiyaa otoo hintaane weerartoota turan. Ani jara kana qaamolee Afrikaatti sirna appaartaayidii geggeessaa turaniidha adda godhee hinilaalu.

Waannummaan Wayyaaneen biyya kana keessatti hojjette kunoo kana jedhee namni himu ykn agarsiisu haa dhufu. Gama dinagdeetiin waan alaa galuufi biyyi omishte keessaa harka olaanaa saamaniiru.

Akkuma yeroo sarbe ministirri muummeen ibsan waraanarraa kaasee hanga tikaatti darbees aangoo mara harkatti galfatanii turan. Keessumaa tikni kan maatiifi firaa ture. Kan iyyamaafi qabsaa’amaa ture kunniinfaan akka sirraa’aniifi. Baay’een keenyas kanumaaf biyyaa baane. Namni biyyaaf yaadu saamicha hinraawwatu ture. Kana kan godhu koloneeffattoota. Juuntichi yaadrimee koloneeffattootaatiin biyya kana geggeessaa ture.

Dhumarratti oggaa ari’aman, qabeenya saammatanii bahanis hin nyaanne; gatanii hallayyaa seenan malee. Kanaaf isaanumatu aadaafi safuu biyyattii akka hintaane godhee hunkuteesse, cabse.

Bariisaa: Hawaasni keessumaa dargaggoonni sababarratti hundaa’anii kan morman mormaa, kan balaaleffatan akka balaaleffataniif maal gorsita?

Bareentuu: Ani miseensa ABOti. Ittigaafatamaa ittaanaa sabqunnamtiifi hogganaa dhimma miidiyaaleeti siin jedheera. Deggaraa paartii amma biyya bulchaa jiruus miti. Garuu kanin deggaree dubbadhu ummata kiyyaafi mootummaa dhugaan jiruufi.  

Ittifufa…

Suurri Tsahaay Niguseetiin

Bariisaa Amajjii 1 Bara 2013

Recommended For You

479 Comments to ““Biyya diigamteefi jeeqamte keessaa Oromoon bu’aa argata jedhee kan yaadu yoo jiraate inni diina Oromooti” -Bareentuu (Sintaayyoo) Gadaa”

  1. Pingback: additional hints
  2. Pingback: go88
  3. пин ап официальный сайт [url=https://1winci.icu/#]пин ап вход[/url] пин ап официальный сайт

  4. 1хставка [url=http://1winrussia.online/#]1xbet зеркало[/url] 1xbet официальный сайт

  5. пин ап зеркало [url=http://1winci.icu/#]пин ап официальный сайт[/url] пин ап

  6. 1xbet скачать [url=https://1winrussia.online/#]1xbet скачать[/url] 1xbet скачать

  7. pharmacies in mexico that ship to usa [url=https://mexicanpharm1st.com/#]best online pharmacies in mexico[/url] п»їbest mexican online pharmacies

  8. mexican drugstore online [url=http://mexicanpharm1st.com/#]mexican online pharmacies prescription drugs[/url] mexican border pharmacies shipping to usa

  9. ed pharmacy [url=http://drugs1st.store/#]ed treatments that really work[/url] cheap medications online

  10. mexican mail order pharmacies [url=https://mexicanpharm1st.com/#]mexican border pharmacies shipping to usa[/url] buying prescription drugs in mexico

  11. пин ап зеркало [url=http://pinupzerkalo.fun/#]пин ап казино[/url] пинап казино

  12. пин ап [url=https://pinupzerkalo.fun/#]пин ап казино[/url] пин ап казино

  13. real cialis without a doctor’s prescription [url=http://pharm24.pro/#]cheap drugs[/url] prescription drugs online without doctor

  14. india pharmacy [url=http://indianpharm24.pro/#]Indian pharmacy worldwide delivery[/url] buy prescription drugs from india

  15. mexican border pharmacies shipping to usa [url=https://mexicanpharm24.cheap/#]Mexican pharmacy ship US[/url] buying prescription drugs in mexico

  16. Online medicine home delivery [url=http://indianpharm24.pro/#]India pharmacy international[/url] top online pharmacy india

  17. india online pharmacy [url=http://indianpharm24.pro/#]Indian pharmacy online[/url] indian pharmacy paypal

  18. Casino Siteleri [url=http://casinositeleri.win/#]Deneme Bonusu Veren Siteler[/url] guvenilir casino siteleri

  19. Canl? Casino Siteleri [url=http://casinositeleri.win/#]casino siteleri win[/url] Canl? Casino Siteleri

  20. Casino Siteleri [url=http://casinositeleri.win/#]guvenilir casino siteleri[/url] guvenilir casino siteleri

  21. guvenilir casino siteleri [url=https://casinositeleri.win/#]Casino Siteleri[/url] guvenilir casino siteleri

  22. cheapest Kamagra Kam Pharm [url=http://kampharm.shop/#]kam pharm shop[/url] cheapest Kamagra Kam Pharm

  23. buy gabapentin india [url=https://gabapharm.com/#]GabaPharm Gabapentin[/url] cheapest Gabapentin GabaPharm

  24. cheapest ed pills ere pharm [url=http://erepharm.com/#]ED pills non prescription[/url] ED meds online

  25. Online medicine home delivery [url=https://indianpharmacyeasy.com/#]indian pharmacy[/url] indian pharmacies safe

  26. п»їlegitimate online pharmacies india [url=http://indianpharmacyeasy.com/#]Online medicine home delivery[/url] reputable indian pharmacies

  27. canadian pharmacy online [url=https://canadiandrugsgate.com/#]canadian pharmacy[/url] pet antibiotics without vet prescription

  28. best online pharmacy india [url=http://indianpharmacyeasy.com/#]Online Indian pharmacy[/url] world pharmacy india

  29. can i get generic clomid price [url=https://clomidrexpharm.com/#]cheap clomid[/url] where to get clomid now

  30. amoxicillin 500mg buy online uk [url=http://amoxilcompharm.com/#]amoxil[/url] how to get amoxicillin over the counter

  31. price for amoxicillin 875 mg [url=https://amoxilcompharm.com/#]Amoxicillin Com Pharm[/url] amoxicillin 500 mg without a prescription

  32. clopidogrel bisulfate 75 mg [url=http://plavixclo.com/#]clopidogrel bisulfate 75 mg[/url] п»їplavix generic

  33. lisinopril1st [url=http://lisinopril1st.com/#]buy Lisinopril 1st[/url] lisinopril 5 mg tablet price

  34. cytotec abortion pill [url=https://cytpremium.com/#]cyt premium[/url] Misoprostol 200 mg buy online

  35. пин ап казино [url=https://pinup-kazi.kz/#]пин ап казино[/url] пинап казино

  36. world pharmacy india [url=https://indianpharmstar.com/#]indian pharm[/url] indian pharmacies safe

  37. zithromax 250mg [url=http://azithromycinus.com/#]zithromax prescription online[/url] purchase zithromax z-pak

  38. semaglutide tablets store [url=https://semaglutidetablets.store/#]cheap semaglutide pills[/url] generic rybelsus tabs

  39. casino kumar oyunlarД± [url=https://casinositeleri2025.pro/#]spor siteleri listesi[/url] betboo giriЕџ

  40. casinox [url=http://casinositeleri2025.pro/#]casino gГјncel giriЕџ[/url] vidobet giriЕџ 2025

  41. пинап казино [url=https://pinup2025.com/#]пин ап вход[/url] пин ап

  42. slot oyunlar? puf noktalar? [url=http://slottr.top/#]az parayla cok kazandiran slot oyunlar?[/url] slot oyunlar? puf noktalar?

  43. pinup 2025 [url=https://pinup2025.com/#]пин ап вход[/url] пин ап казино зеркало

  44. пин ап казино зеркало [url=https://pinup2025.com/#]пин ап вход[/url] pinup2025.com

  45. пин ап казино зеркало [url=https://pinup2025.com/#]пин ап казино зеркало[/url] пин ап казино

  46. slot siteleri [url=http://slottr.top/#]en kazancl? slot oyunlar?[/url] en kazancl? slot oyunlar?

  47. canadian drug [url=http://canadianpharmi.com/#]Cheapest drug prices Canada[/url] buying pills online

  48. online pharmacy india [url=https://indiapharmi.com/#]Indian pharmacy international shipping[/url] Online medicine order

  49. medication from mexico pharmacy [url=http://mexicanpharmi.com/#]Mexican pharmacy ship to usa[/url] buying prescription drugs in mexico

  50. medication from mexico pharmacy [url=https://mexicanpharmi.com/#]Legit online Mexican pharmacy[/url] mexico drug stores pharmacies

  51. mexico drug stores pharmacies [url=http://mexicanpharmi.com/#]Mexican pharmacy ship to usa[/url] buying prescription drugs in mexico

  52. india pharmacy [url=http://indiapharmi.com/#]Indian online pharmacy ship to USA[/url] india online pharmacy

  53. new ed treatments [url=https://canadianpharmi.com/#]Canada Pharmacy[/url] natural drugs for ed

  54. п»їcipro generic [url=https://cipharmdelivery.com/#]ci pharm delivery[/url] buy ciprofloxacin

  55. cipro ciprofloxacin [url=https://cipharmdelivery.com/#]ci pharm delivery[/url] ciprofloxacin generic

  56. cost of clomid online [url=https://clomidonpharm.com/#]clomidonpharm[/url] cost of clomid without dr prescription

  57. amoxicillin online purchase [url=http://amoxstar.com/#]AmoxStar[/url] amoxicillin 500mg price in canada

  58. can i order clomid online [url=http://clomidonpharm.com/#]clomid on pharm[/url] where to get generic clomid

  59. get generic clomid price [url=http://clomidonpharm.com/#]clomidonpharm[/url] can i order generic clomid without rx

  60. generic amoxicillin online [url=http://amoxstar.com/#]buying amoxicillin in mexico[/url] amoxicillin online purchase

  61. 20 mg of prednisone [url=http://prednibest.com/#]prednisone 5 mg tablet without a prescription[/url] prednisone cost 10mg

  62. ciprofloxacin over the counter [url=https://cipharmdelivery.com/#]ciprofloxacin 500mg buy online[/url] buy generic ciprofloxacin

  63. amoxicillin online pharmacy [url=http://amoxstar.com/#]amoxicillin 500 mg price[/url] how to get amoxicillin over the counter

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *