“Haqni ummatootaa dawoo juuntichi ijaarrachaa ture diiguu danda’eera” – Gaazexeessaa Iyyaasuu Massalaa

Takkaaliny Gabayyootiin

Finfinnee: Gaazexeessitoota Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa tarkaanfii murna ABUTrratti fudhatame gabaasaa turan shan keessaa gaazexeessaa Iyyaasuu Massalaa tokkodha. Innis yaadannoosaa guyyoota afurtamaa ilaalchisee tibbana Gaazexaa Bariisaa waliin turtii kan taasise yoo ta’u, akka ittaanuti dhiyaateera.

Maqaankoo Iyyaasuu Massalaa jedhama. Ergan gara ogummaa kanaatti dhufee waggoota sadii ta’eera. Asiin dura garuu waggoota hedduudhaaf barsiisummaadhaan hojjechaan ture.

Walumaagalatti muuxannoo waggoota 25n qaba. Ogummaa gaazexeessummaa duriirraa kaasee hawwaa kanan ture yoo ta’u, garuu ammoo iddoowwan baay’ee fagoo ta’anirratti, fakkeenyaaf, naannawa Booranaarra waanan tureef gara giddugalaatti dhufee dorgomuuf haalotni mijataa hinturre. Boodarras ta’u ogummaan dur hawwaa ture argachuunkoo hedduu na gammachiisa. Keessumaa ammoo miidiyaa maxxansaa caalaatti nan jaaladha; ittis nan gammada.

Hariiroon murna ABUTfi mootummaa federaalaa yeroodhaa yerootti laaffachaa kan deeme yoo ta’u, kun ammoo akka dhuunfaakootti baay’isee na quuqaa ture. Odeeffannoowwan dharaa tamsaasuurraa jalqabee sochiin murnichi taasisaa ture waliigalaan walitti dhufeenya sabootaafi sablammoota biyyattii gaaffii keessa kan galche ta’uusaatti hedduun jibbaa ture.

Obsi mootummaa federaalaas daangaa kan darbe waan tureef, nagaafi tasgabbii biyyaarratti dhiibbaa guddaa uumuunsaa ammoo gaddisiisaa ture. Boodarra ta’us tarkaanfiin seeraa fudhatamuunsaa kan nama gammachiisudha.

Wayita gara sana deemta jedhamee natti himamu duras hawwaan ture waan ta’eef baay’een itti gammade. Durumayyuu tarkaanfii mootummaan federaalaa olaantummaa seeraa kabachiisuuf fudhaturratti addadurummaan hirmaadhee qooda narraa eegamu nan bahadha jedhee hawwaan ture.

Akkuma carraa ta’ee ammoo miidhaa guddaa geessisus carraa san argachuukootti hedduun gammada. Sababiinsaa ergamni  duulichaa inni guddaan olaantummaa seeraa mirkaneessuutiin biyyattii diigumsarraa oolchuu ture. Akka gaazexeessaatti gochawwan badii juuntichi raawwachaa ture gurra ummataa akka gahu gochuunkoo carraa guddaadha. Kanaaf osuman du’eera ta’eeyyuu homaa tokko natti hinfakkaatu.

Onkoloolessa 29 bara 2013 jalqaba kallattii adda qabsoo Raayyaan bobbaane. Finfinneerraa kaanee yoo deemnus ogeessotni miidiyaa ‘EBC’ muraasni achi gahanii ture. Guyyoota muraasa boodas gaazexeessitootni ‘OBN’fi miidiyaalee biroo achi gahuun hojii kan jalqaban yoo ta’u, sana boodas qindoominaan hojjechaa turre.

Akkuma achi geenyeen opireeshiniin kan jalqabe yoo ta’u, qajeelfamni gabaasaas ogeessota miidiyaa maraaf kenname. Anis haala sochii waliigalaa ummata Tigiraayi sirriittan hordofaa ture.

Haalli nageenyaa naannicha keessa ture kan giddugala biyyattiirraa baay’isee adda ture. Keessumaa wayita magaalaa Qobboo geenyu irra caalaan dargaggootaafi kutaaleen hawaasaa gariin meeshaa waraanaa ofharkaa qabaachuu isaaniis ijaan argeen ture. Miirri Raayyaafi naannawaashee tures hidhannootiin raayyaa ittisa biyyaarratti dabalataan haleellaa raawwachuuf kan akeeku ture. Milishootni iddoowwan addaddaatti walitti qabamuun sirboota qabsoo dhageessisuun dhaadachaa turan. Yeroos sodaan tokko tokko turuyyuu ciminaafi qindoomina raayyaa ittisa biyyaatiin mo’achuu dandeenyeerra.

Akkuma waanti nama gammachiisu tures kanneen nama gaddisiisan hedduunis turaniiru. Keessumaa ammoo osoo lammiileen jireenyasaanii guyyuu gaggeeffachuu hindandeenye jiranii juuntichi waraana banuunsaa gaddisiisaadha. Otoo hawaasni waan nyaatuufi dhugu dhabee rakkachaa jiruu meeshaalee waraanaa kuufachuutiin biyyattii diiguuf yaaluunis siyaasa jaarraa 21fa kan bakka bu’u miti. Kunis garaajabummaa murnichaa kan agarsiisudha.

Kanarra darbee ammoo murnichi jireenya hawaasummaa ummata Tigiraayi lafarraa balleessuuf meeshaalee waraanaa guguddoo ta’an manneen amantii keessatti akka kuufamu gochaa tureera; kanas ijakootiin argeera.

Dimshaashumatti, dawoon juuntichi waggoota lamaaf ijaarrachaa ture biyyattii diiguutiin seenaa waliin jireenya ummattootaa balleessuu ture. Garuu ammoo yeroo gabaabaa keessatti haqni ummata bal’aa injifachuun seenaan boonsaan galmee seenaarratti barreeffamee bara baraan akka yaadatamu godheera. Kanarratti hirmaachuunkoo ammoo carraa qabeessa na taasiseera.

Bariisaa Mudde 24 Bara 2013

Recommended For You

2 Comments to ““Haqni ummatootaa dawoo juuntichi ijaarrachaa ture diiguu danda’eera” – Gaazexeessaa Iyyaasuu Massalaa”

  1. Pingback: แผ่น HPMC

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *