“Hannaafi saamicha waldaalee hojii gamtaaf daranyoo ta’e kutuuf riifoormiirra jirra” -Obbo Usmaan Suruur

Waasihun Takileetiin

Finfinnee: Waldaan hojii gamtaa riqicha abdii jireenyaa lammiileetti horuufi  badhaadhinatti ceesisu ta’uu Daariktarri Waldaa Hojii Gamtaa Federaalaa Obbo Usmaan Suruur ibsan.

Obbo Usmaan marii rifoormii mana hojichaarratti gaggeeffamaa jirurratti argamuun haasaa taasisaniin hanniifi saamichi damicha caalaatti miidhaa jiraachuus kaasaniiru.

Kaayyoon hundeeffama waldichaa lammiileen laaqii hiyyumaa keessaa akka bahaniif qonna ammayyaa babal’isuutiin jireenyisaanii akka fooyya’u utubuufidhas jedhaniiru.

Qaamoleen miirri itti gaafatamummaa itti hindhagahamne garuu hojmaata badaa hannaafi saamicha keessatti babal’isuun ergama waldichaa booddeetti harkisaa akka jiran kaasaniiru. Hannaafi saamicha waldaalee hojii gamtaatti daranyoo ta’e kana matumaa furuuf rifoormiin haaraa hojiirra oolaa jiraachuus himaniiru.

Yuniyenoonni damicha cimsuuf hojjetanis miira itti gaafatamummaasaanii haalaan bahachuu dhabuun komiin  qonnaan bulaa akka hammaatu taasisaa jiras jedhan.

Akka ibsasaaniitti, guddina biyyoota Afrikaa garagaraaf wiirtuu ta’uun tajaajilaa kan jiru waldaalee hojii gamtaati. Biyyoonni Afrikaa kanneen akka Taanzaaniyaa, Ruwaandaafi Keeniyaas dinagdeesaanii fooyyeffachuuf rifoormii haaraa amma Itoophiyaatti eegalame kana hojiirra oolchaa akka jiran ibsaniiru.

Ta’us xiyyeeffannoon damichaaf kennamaa ture gadaanaa ta’uusaarraa kan ka’e Itooohiyaa keessatti akkaataa karoorfameen jijjiirama fiduu hindandeenye jedhan.

Badhaadhina yeroo ammaa Itoophiyaa keessatti lafa qabsiisuuf hojjetamaa jiru kanaaf waldaaleen hojii gamtaa murteessitoota ijoo ta’uu ibsaniiru. Kana milkeessuuf ammoo hudhaalee damicha sakaalanii jiran gurmaahina isaaniirraa diiganii ijaaruun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Rifoormii haaraa kanaan hojjetaan ga’umsaan bilchaate, hojmaata badaarraa fagaateefi barumsa ammayyaan ijaarame akka hammatamu ni taasifamas jedhaniiru.

Waldaaleen hojii gamtaa yeroo ammaa babal’achaa akka jiranis himanii, hedduunsaanii dadhabaa ta’uun kufaatii damichaaf sababa ta’aa akka jiran kaasaniiru.

Waldaaleen gaafa hunda’an hordoffiifi gamaggama dhabuun ergamasaanii dagachuun lammiileen hiyyummaa keessatti akka hafan taasisaa jirus jedhaniiru.

Jiruufi jireenya qotee bulaa jijjiiruu keessatti bakka guddaa kan qabu waldaan hojii gamtaa, ergamasaa sirriitti akka bahatuuf hordoffiifi deeggarsi rifoormicha keessatti hammatamuusaas eeraniiru. Ga’umsi hojjettootaas akka cimuuf misoomni ijaarsa dandeettiifi dhiyeessiileen murteessaa ta’an akka guutaman daariktarichi kaasaniiru.

Karoora waggaa kudhanii ejensichi baafatee hojiitti seene kun rifoormii sadarkaa karooraatti qorannoon qophaa’e hojiitti hiikuufi hiyyummaa seenaa taasisuun lammii waan hundaan badhaadhe horachuuf kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.

Bariisaa Mudde 24 Bara 2013

Recommended For You

3 Comments to ““Hannaafi saamicha waldaalee hojii gamtaaf daranyoo ta’e kutuuf riifoormiirra jirra” -Obbo Usmaan Suruur”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *