Charinnat Hundeessaatiin
Finfinnee: Qaamoleen karaa seeraan alaa meeshaalee waraanaa hidhatanii socho’an kamuu isa dhiisanii osoo karaa nagaa filatanii gaariidha jechuun Waajjira ABOtti ittigaafatamaa ittaanaan sabqunnamtiifi ittigaafatamaan damee miidiyaalee ibsan.
Ittigaafatamtichi, Obbo Bareentuu Gadaa gaafdeebii tibbana Gaazexaa Bariisaa wajjin taasisaniin, karaa malee deemanii lubbuufi qabeenya miidhuun waan hinbarbaachisneef qaamoleen karaa seeraan alaa meeshaa waraanaa hidhatanii ummataaf qabsoofna jedhan qabsoo karaa nagaatti deebi’uu qabu jedhan.
“Oromiyaa lixaafi kibbaa yoo ilaalle namni sirnaan qotataa hinturre, bakka nagaan hinjirreetti loonillee seeraan marga hindheedan” kan jedhan ittigaafatamtichi, ummanni yaaddoo tokko malee bahee akka galuuf qaamni karaa seeraan alaatiin hidhatee socho’u kamuu hatattamaan gara mariitti deebi’uu akka qabu gaafataniiru.
“Dhaamsa abbootii Gadaa Booranaafi Gujiifaa dhagaheera. Ani isaan caalaas hinbeeku. Jarri kun (abbootiin Gadaa) abbaa qe’eefi warra lafa sanaati. Firaafi gosaan, ‘Dhiisaa miidhaan nurra gahaa jiraa koottaa galaa’ jechaa waan jiraniif qaamoleen kunniin waamicha kana fudhachuu qabu” jedhan.
Eenyuyyuu waan warri aadaa jedhan fudhachuu qaba kan jedhan Obbo Bareentuun, Oromoon akkuma aadaasaatti walkabajuu, waljaalachuufi tokkummaasaa eeggachuu akka qabus ibsaniiru.
“Oromoon waan amma harkasaarra jirutti gammaduu, qabsoon waan akka qabuuf kanneen maqaasaatiin bobba’anitti dammaquu, hojii hunda keessa galuufi fuulasaa gara dinagdeetti garagalchuufi barattootnis barnootasaarratti cimuu qabu” jedhan.
Biyya diigamteefi jeeqamte keessaa Oromoon bu’aa argata jedhee kan yaadu yoo jiraate takka inni maraataadha, takka ammoo diina Oromooti jechuunis ibsan.
Tarkaanfiin mootummaa Paartii Badhaadhinaatiin hogganamu murna ABUT irratti fudhate sirriidha kan jedhan ittigaafatamtichi, isaanis kun akka ta’uuf dubbachaa turuu beeksisaniiru.
Kan kaleessa ofii fixetti dabalee kaan qawweefi boombii hidhachiisee, horii kennee, biyya goolaa ture murnichi, dhumnisaa qileetti ta’uufi xumurri qaama karaa nagaa hinbarbaadu jedhee kanuma ta’uu agarsiisa jedhan.
Waan Wayyaaneen waggoota 30 darbaniif ummata Oromoofi saboota biyya kanaarratti raawwatte dagatee har’a maaliif Wayyaaneen tuqamti jedhanii dubbachuun maraatummaadha ykn ammoo diina ummata Oromoofi sabootaafi sablammootaa ta’uu agarsiisa jechuunis ibsan.
“Walumaagalatti oggaa ofduuba deebinee ilaallu nuti (Oromoon) nama awwaala diigee baheedha. Oromoo qofas miti saboonniifi sablammoonni biyya kanaa haaluma kana keessa turan. Kanaafis dhimma dhumaatii, Gaambeellaa, Beenishaangul, Sidaamaa, akkasumas Oromoofi Somaalee walitti buusuudhaan shira xaxamaa turefaa kaasuun ni danda’ama” jedhan.
Miidiyaaleen biyya kanaa seeraafi qajeelfamarratti hundaa’anii hojjetaa akka hinjirre argaa jirra kan jedhan Obbo Bareentuun, miidiyaaleen rakkoo dur ture hafarsan, kanneen halkanii guyyaa mootummaa faarsuu malee dhimma biyyaarratti homaa hinjenne, mootummmaattis rakkoo jiru hinagarsiisne akka jiran taajjabuu eeraniiru.
Guutummaa gaafdeebii Obbo Bareentuu Gadaa wajjin taasisnee maxxansa keenya torbee dhufuurratti isin dubbisiisna.
Bariisaa Mudde 24 Bara 2013
6 Comments to ““Biyya jeeqamte keessaa Oromoon bu’aa argata kan jedhu diina” -Bareentuu (Sintaayyoo) Gadaa”