Natsaannat Taaddasaatiin
Finfinnee: Sirni Gadaa bu’uura sirna dimokraasii ammayyaa, duudhaa ittiin bulmaataa akkasumas bu’uura seenaafi eenyummaa Oromooti. Sirni Gadaa calaqqee qaroominaafi agarsiistuu cimina xiinsammuu ummata Oromoofi mallattoo nageenyaati. Gadaan leecalloo (qabeenya) Oromoo qofa osoo hintaane kan biyyaa, Afrikaafi kan addunyaati.
Sirna Gadaa iddoowwan garagaraatti laafee jiru deebisanii ijaaruu keessatti gaheen Abbootii Gadaa olaanaadha. Namni Abbaa Gadaa ta’u ammoo ulaagaalee akkamii guutuu qaba gaaffii jedhu sirriitti beekuun barbaachisaadha.
Namni tokko Abbaa Gadaa guutuu ta’uu kan danda’u yoo akaakileefi abaabileesaarraa Sirna Gadaa ofkaleedha. Dhalootnisaa Sirna Gadaa yoo ofkalee, umuriinsaa utuu addaan hincitiniifi hinhanqatin seera guutee Gadaasaa yoo ofkaleedha.Waan ofkale qofaafis Abbaa Gadaa hinta’u. Abbaansaa hanqatee yoo du’eefi inni ammoo qaqqabee Gadaasaa yoo qabate Gooftaa (ofkalaa) ta’a malee Abbaa Gadaa hinta’u jedhu Abbaan Gadaa Maccaafi Miseensa Gamtaa Abbootii Gadaa Warqinaa Tarreessaa.
Abbaa Gadaa Warqinaan ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, akka Maccaatti namni tokko Abbaa Gadaa kan ta’u dhalootnisaa utuu addaan hincitiniifi Gadaa hinhanqatin yoo xiqqaate abbaa torba yoo Sirna Gadaa ofkaleedha. Hiddi dhalootasaa abbaa torba afurtama afurtamaan Gadaa ofkaluu qaba. Waggaa saddeet saddeetiin bakka jilli Gadaa itti adeemsifamutti kan godaanu ta’uu qaba.
Bakka yaa’iifi Caffeen taa’eetti waa murteessuufi bakka bokkuun qubachaa deemutti kan godaane ta’uu qaba. Alangee kan cuuphate, kenna kan bule, kenna waraabbatee Gadaa bulchuu kan danda’uudha. Gadaa kan bulchu nama ofkale, aadaa, safuufi duudhaa Sirna Gadaafi Oromoo sirriitti kan beeku ta’uu qaba. Gosa Sirna Gadaa bulchuu danda’u ta’uus qaba. Gosti hundinuu Sirna Gadaa bulchuu hindanda’u.
Yeroo ammaa dubbii siyaasaa ta’ee namni ofkale hundinuu mandara, aanaafi magaalaa irraa “Ani Abbaa Gadaati” ofiin jechuun ni mul’ata kan jedhan Abbaa Gadaa Warqinaan, Abbaa Gadaa ta’uu kan qabu garuu nama kenna bulee, kenna bulche, kumbii ciniinee, farda kan yaabeefi miseensisaa nu bulcha jedhee itti amaneefi mirkaneesseedha. Abbaan Gadaa tokko utuu ulaagaawwan kanneen hinguutin Abbaa Gadaa ta’uu hindanda’u jedhu.
Utuu ulaagaawwan barbaachisan hinguutiin uffata Abbaa Gadaa uffatanii “Ani Abbaa Gadaati” ofiin jechuun safuu ummata Oromoofi duudhaa Sirna Gadaa cabsuudha kan jedhan Abbaan Gadaa kun, bakka tokko tokkotti ammoo foolleefi qeerroo walfakkeessanii ilaaluunis ni mul’ata. Safuufi duudhaa Gadaa bakkatti deebisuudhaaf Abbootiin Gadaa, ummatni Oromoo, hayyootniifi miidiyaaleen waliin irratti hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru.
Safuufi duudhaa ummata Oromoofi Sirna Gadaa bakkatti deebisuuf Gadaa kan bulchu Abbaa Gadaa dhugaafi baallii of harkaa kan qabu ta’uu qaba kan jedhan Abbaa Gadaa Warqinaan, ummatni waa’ee Sirna Gadaa sirriitti akka baratuufis barsiisaa jiraachuu himu. Muddee 24 bara 2013 ammoo Abbaa Gadaa Tuulamaa, hayyoota, ayyaantuuwwan, jaarsolii biyyaa ofitti dabaluudhaan Sirna Gadaa Maccaa sirreessuudhaaf hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Egeree biyya kanaa ijaaruufi ummata Oromoo walitti fiduudhaaf duudhaafi safuu ummata Oromoofi Sirna Gadaa lafa qabsiisuun dhimma xiyyeeffannaa olaanaadhaan irratti hojjetamuu qabuudha kan jedhan Abbaa Gadaa Warqinaan, Sirna Gadaa dimokiraasii dhugaa ta’e kana deebisanii ijaaruuf Abbootiin Gadaa, hayyoonniifi foolleen Gadaa, jaarsoliin biyyaafi ummanni gahee isaan irraa eegamu akka bahataniif waamicha dhiyeessaniiru.
Hogganaan Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Obbo Kabbadaa Deessisaa akka jedhanitti, namni kamuu gad ba’ee “Ani Abbaa Gadaati ofiin jechuun duudhaa Sirna Gadaa keessaa ba’uufi safuu Oromoo cabsuudha.” Iddoo tokko tokkootti ammoo Abbaan Gadaa waggaa saddeet caalaa aangoorra turuu barbaadan ni jiru. Kun Sirna Gadaa xiqqeessuu waan ta’eef dogoggora akkasii uumuun barbaachisaa miti. Abbootiin Gadaa duudhaa Gadaa eeguufi eegsisuutu isaanirraa eegama. Sirni Gadaa dorgommii siyaasaafi dinagdeerraa bilisa ta’uu qaba jedhu.
Abbaan Gadaa walhimachuun duudhaa Gadaafi safuu Oromoo waliin akka hindeemne kaasanii, Abbootiin Gadaa maxxantummaa siyaasaa, abbootii qabeenyaa, mootummaafi qaamolee gara garaa irraa bilisa ta’uu qabu. Abbootiin Gadaa qaamolee isaanitti fayyadamuu barbaadaniif ni bitamu yoo ta’e, Sirni Gadaa eessayyuu ga’uu hindanda’u. Sirni Gadaa duudhaa isaa eeggatee deemuu qaba. Abbootiin Gadaas Sirni Gadaa safuufi duudhaasaa eeggatee akka deemuufi Abbaa Gadaa kamirraayyuu waan Sirna Gadaa xureessu hojjechuurraa of qusatee walaba ta’ee hojjechuu akka qaburratti walii galaniiru. Mootummaan namoota duudhaa Sirna Gadaatiin ala “Ani Abbaa Gadaati” ofiin jedhan akka isaan irraa dhaabuus gaafataniiru jedhu.
Hayyuu Seenaa Obbo Alamaayyoo Haayilee ibsa Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, Oromoon sirna ittiin hawaasa isaa bulchu Sirna Gadaa qaba. Gaggeessan sirna kanaa Abbaa Gadaa jedhama. Abbaan Gadaa tokko kan filatamu adeemsa seeraan beekame keessa darbuu qaba. Seerri filannoo Abbaa Gadaa kunis, dhaloota Oromoo tokkorraa kaasee hanga sadarkaalee guddina waggoota afurtamaa dheerata. Kana malees miseensotasaa kan itti beeku, keessatti hirmaatuufi ciminnisaa gosaafi miseensotasaan kan mirkana’e ta’uu qaba jedhu.
Gaggeesitoonni Gadaa waggaa saddeet saddeetiin jijjiramu kan jedhan hayyuun kun, yeroo tokkotti abbootiin Gadaa baay’een jiraachuu ni danda’u. Kunis kan ta’u Abbootiin Gadaa gosa gosaan waan jiraniifi. Akka fakkeenyatti Abbootii Gadaa Maccaa, Tuulamaa, Booranaa, Gujii, Arsii, Karrayyuu, Ituu, Arfan Qalloo, Humbanafi Walloo fudhachuun ni danda’ama. Abbootiin Gadaa kunneen ijaarsa Sirna Gadaa jalatti bulu. Sirni Gadaa ummata Oromoo mara seera Gadaa tokko jalatti kan walitti qabu ta’uu himaniiru.
Namni seera Gadaafi safuu Oromoo hinbeekne tokko lafumaa ka’ee “Ani Abbaa Gadaati” ofiin jedhu dogoggora guddaa uumuurra darbee safuu Gadaa daandiirraa kan maqsuudha kan jedhan Obbo Haayileen, kanaafuu Abbaa Gadaa kan jedhamu nama aadaa sirna Gadaa keessatti baratee guddate, seeraafi heera beekee jila buttaa raawwateefi safuu Gadaan lallabe caqase qofa ta’uu akka qabu seerri Gadaa ni hima jedhu.
Bariisaa Mudde 24 Bara 2013
4 Comments to “Abbaan Gadaa eenyu?”