‘Kudaadee’: Ji’a hordoftoota amantichaatiif eebbifamaa, sanyii qurxummiif immoo hamaa

 Bayyanaa Ibraahimiin

Finfinnee: Akaakuuwwan nyaataa fayyaa dhala namaatiif daran barbaachisaniifi filataman keessaa tokko qurxummiidha. Omishni qurxummii garuu sababoota garaa garaatiin daran hir’achaa jiraachuutu himama.

Jiinni sooma Kiristaanaa ‘Kudaadeen’ waqtii qurxummiiwwan baay’inaan itti kiyyeeffamaniidha. Jiinni kun keessumaa hordoftoota amantiii Ortodoksiif ji’a araaraaf milkii ta’us sanyiiwwan qurxummiitiif garuu akka ji’a hamaatti ilaallama.

Yeroo ammaa faalamuufi hir’achaa adeemuu haroowwan biyyattiin walqabatee sanyiiwwan qurxummii garmalee hir’achaa jiraachuufi irra jireessi haroowwan biyyattii daangaa magaalotaatti waan argamaniif salphaatti kan faalaman ta’uu Ministeerri Qonnaa ibseera.

Ministerichatti Daariktarri Misooma Qurxummii Obbo Huseen Abagaaz ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaaf kennaniin, haalli yeroo ammaa qurxummiiwwan ittii kiyyeeffamaa jiran sirna mataasaa dhabuufi faalamni naannawaa omisha qurxummiirratti dhiibbaa guddaa geessisaa jiru. Iddoowwan tokko tokkotti ammoo qurxummiiwwan nyaataaf hingeenye kiyyeessuun baratamaa dhufeera. Dhimma kana irratti tarkaanfiin sirreessaa dafee fudhatamuu baannaan  omishaafi sanyii qurxummii daran kan miidhuufi hir’isu ta’uu himaniiru.

Akka ibsa Obbo Huseenitti; keessattuu jiinni ‘kudaadee’ fuul dura keenya jiru qurxummiileef ji’a abaaramaadha. Yeroon kun kan hordoftootni amantii kiristaanaa keessumaa hordoftoonni amantiin Ortodoksii  itti sooman waan ta’eef, foon dhiisanii qurxummii waan nyaataniif ji’a qurxummiiwwan baay’inaan itti kiyyeeffamaniidha. Omishni qurxxummii sababa garaa garaatiin xiqqaachaa jiru yeroo soomaa kanatti ammoo daran hammaata. Kanaafuu haadholii hanga qurxummii xixiqqootti guuramanii mishniifi sanyiin qurxummii balaa kana caaluuf akka hinsaaxilamneef eeggumsi qindaa’aan taasifamuufii qaba.

Haroowwan qurxummiin keessaa kiyyeeffaman boqochiisuufi hojmaata ittiin kiyyeeffaman hojirra oolchuun rakkoo kana hir’isuu keessatti shoora guddaa qabaachuu himanii, lagni Takazzee ji’oota sadiif boqonnaa argateen qurxummiiwwan hedduu bayyanachiisuun waan danda’ameef haroowwan birootiif fakkeenya gaarii ta’uu akka qabu ni ibsu.

Wiirtuun Qorannoo Qonnaa Oromiyaa akka ibsutti, hir’ina qurxummiiwwan qaamota bishaan garaagaraa keessatti mul’achaa jiranii furuuf hojiin qorannoo irratti xiyyeeffate raawwatamaa jira. Hojiin qurxummiiwwan baay’inaan horsiisanii gara haroowwaniitti gadi lakkisuus raawwatamaa jira. Keessattuu Giddugalli Qorannoo Qurxummiifi Lubbu Qabeeyyii Bishaan keessaa dhimma kanarratti xiyyeeffannoon hojjachaa jira.  Akka Oromiyaatti waggaa waggaan qurxummiiwwan miliyoona tokko ta’an horsiifamanii gara qaama bishaaniitti naquuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuus wiirtuchi ibseera.

Gaazexaa Bariisaa Mudde 17/2013

Recommended For You

7 Comments to “‘Kudaadee’: Ji’a hordoftoota amantichaatiif eebbifamaa, sanyii qurxummiif immoo hamaa”

  1. Pingback: jarisakti
  2. Pingback: Jaxx Liberty
  3. Pingback: home gym equipment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *