Natsaannat Taaddasaatiin
Oromiyaan haala teessuma lafaafi qilleensaa mijataa waan qabduuf hojiilee invastimantii kamiifiyyuu filatamtuudha. Haata’u malee sababoota garaa garaatiin carraa kanatti guutummaatti waan hinfayyadamneef bu’aa barbaachisu damee hojii kana irraa argachaa hinture; argachaas hinjirtu. Kanarraa ka’uun Komishiniin Invastimantii Oromiyaa, Korporeeshiniin Misooma Paarkota Industirii Oromiyaafi abbootiin qabeenyaa naannichaa torban darbe haala ittiwaliin hojjechuu danda’anirratti mari’ataniiru.
Komishinarri Ittaanaa Komishiniin Invastimantii Oromiyaa Obbo Huseen Ushuu akka jedhanitti, guddinaafi misooma si’ataafi itti fufiinsa qabu naannichaas ta’e biyyattii keessatti akka mirkanaa’u taasisuu keessatti gaheen abbootii qabeenyaa olaanaadha. Akkasumas abbootiin qabeenyaa damee hojii invastmantii garaa garaa irratti bobba’an carraa hojii bal’aa uumuu galii ofiisaaniifi nama dhuufaa guddisuudhaan biyya badhaate uumuu keessatti gumaacha olaanaa kan taasisan ta’uu himu.
Misoomni kamiyyuu hirmaannaa abbootii qabeenyaatiin ala manii rukutuu hindanda’u kan jedhan Obbo Huseen, kanarraa ka’uun komishinichi keessumaa waggoota lamaa as hirmaannaa abbootiin qabeenyaa misooma keessatti qaban guddisuufi bal’inaan hojiilee invastimantii garaa garaa irratti akka hirmaatan taasisuuf hojjechaa jiraachuu himu.
Oromiyaan naannolee biyyattii hunda keessaa lafa gabbataa, haala qilleensaa hojiidhaaf mijataafi humna namaa gahaa waan qabduuf hojii invastimantiif mijattuufi filatamtuudha kan jedhan komiishinarichi, carraa kanatti fayyadamuun dameen hojii invastimantii guddina naannichaas ta’e biyyattii mirkaneessuu keessatti gahee irraa eegamu akka gumaachuuf hojiileen garaa garaa raawwatamaa jiru. Abbootiin qabeenyaa biyya keessaafi biyya alaa damee hojii invastimantii garaa garaa irratti hirmaachuu barbaadan simachuudhaafis qophii ta’uu dubbatu.
Oromiyaa naannolee biyyattii biroo waliin walbira qabnee yoo ilaallu bu’uuraalee misoomaa gaarii qabdi. Bu’uuraaleen misoomaa biyyattii harki caalaan Oromiyaa keessa jiru; Oromiyaa keessas darbu. Kun ammoo abbootii qabeenyaa damee hojii invastimantii garaa garaa irratti hirmaachuu barbaadaniif carraa gaarii kan uumuufi dameen hojii invastimantii naannicha keessatti akka babal’atuuf kan gargaaru ta’uu eeru.
Mootummaan naannichaa paarkota industirii ijaaruudhaan abbootii qabeenyaa biyya keessaafi biyya alaa hojii invastimantii garaa garaa irratti hirmaachuu barbaadan simachuudhaafis qophii ta’uu himanii, abbootiin qabeenyaas carraa kanatti fayyadamuun damee hojii invasimantii garaa garaa irratti bal’inaan hirmaachuudhaan carraa hojii bal’aa uumuun galii dhuunfaa, maatiifi biyyaa guddisuu keessatti gumaacha isaanirraa eegamu akka bahataniif waamicha dhiyeessaniiru.
Hojiin invastimantii waraaqsa dinagdee akka naannichaattis ta’e biyyaatti geggeeffamaa jiru milkeessuun misoomaafi guddina dinagdee si’eessuu keessatti gumaacha olaanaa kan qabu ta’uu himanii, magaalaattis ta’e baadiyyaatti lafti invastimantii qophaa’eera. Humni namaa leenjiwwan gaggabaaboo fudhatanii carraa hojii eeggachaa jiraniis hedduudha. Invastaroonni tajaajila qarshii liqii dafanii akka argatan taasisuun dafanii gara hojiitti akka galaniif kan jajjabeessan ta’uu himaniiru.
Qonnaan bulaafi Horsiisee bulaan gara hojii invastimantiitti akka ce’uufis hojjetamaa jira kan jedhan Obbo Huseen, seerota hin hojjisiifnes fooyyessaa jiraachuufi invastaroonni tajaajila ‘Online’ akka argataniif hojjetamaa jira. Mootummaan naannichaas invastarootaaf haala mijataa uumee abbootii qabeenyaa biyya keessaafi alaa simachuudhaaf xiyyeeffannaadhaan hojjechaa jira jedhu.
Omisha qonnaa keenya dheedhii biyya alaatti erguu utuu hintaane galteewwan adda addaa itti dabaluudhaan galii alergii irraa argannu guddisuuf hojjetamaa jiraachuu himanii, pirojektoonni invastimantii kamiyyuu galii nama dhuunfaafi biyyaa akka guddisan taasisuurratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jiru. Pirojektoonni invastimantii hojjetamaa jiran namoota baratanii hojii dhaban hedduuf carraa hojii bal’aa kan uumaniifi omishaalee qulqullina qaban baay’inaan omishanii gabaa biyya keessaafi alaatiif kan dhiyeessan ta’uu himu.
Shukkaaraafi zayita nyaataa biyya alaatii galchuu dhaabuu qabna kan jedhan Obbo Huseen, mootummaan keessumaa abbootii qabeenyaa industirii qonnaarratti hirmaataniif dursa kan kennuun deggersa barbaachisu nitaasisaaf. Mootummaan naannichaa kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuun, tajaajila qarshii liqii mijeessuufi to’annoofi hordoffii barbaachisu taasisuun qaamoleen misoomaa qindoominaan akka hojjetan taasisuudhaan damee invastimantii guddisuu irratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Abbootiin qabeenyaas lafa invastimantiif fudhatan dafanii misoomsanii bu’aa barbaadameef oolchuu qabu. Ummatnis invastimantii naannawaasaatti hojjetamu isa jiruufi jireenya isaa akka jijjiiruuf akka dhufetti fudhachuu akka qabu yaadachiisaniiru. Abbootiin qabeenyaas ce’umsa teknolojii dabarsuu irratti gahee isaan irraa eegamu ba’achuun Oromiyaa misoomteefi guddatte ijaaruuf waliin haa hojjennu jedhaniiru.
Akka naannoo Oromiyaatti pirojektoonni industirii waggoota darban galmaa’an kuma 12 ta’uu himanii, carraa investimantii naannichi qabutti haalaan utuu fayyadamnee pirojektoota kumaatama hedduu qabaachuutu nurra ture.
Pirojektii invastimantii manifaakchariingiifi qonnaarratti xiyyeeffatamee hojjetamuu qaba. invastarootnis damee hojii invetimantii kunneen irratti akka xiyyeeffataniif gaafataniiru.
Waliin hojjennee misooma ariifachiisaa fiduu qabna kan jedhan Obbo Huseen, mootummaanis rakkoolee gama invastimantiitiin mudachaa turan qoratee hiikuun haala mijataa uumaafi abbootii qabeenyaa waliin hariiroo gaarii uumee waliin mari’atee hojjechaa jira. Abbootiin qabeenyaas gahee isaan irraa eegamu bahachuu akka qabaniifi ummatnis pirojektii invastimantii gara isaa dhufe simatee irraa fayyadamaa guddina biyyaafis gumaacha barbaachisu akka taasisuuf hojjechuu akka qabu yaadachiisaniiru.
Daarektarri Korporeeshinii Misooma Paarkota Industirii Oromiyaa Obbo Siisaay Gammachuu akka jedhanitti, ijaarsi Paarkiin Industirii Qonna Qindaa’aa Bulbulaa qarshii biliyoona 10 oliin ijaaramaa jiru barana xumuramee hojii ni eegala. Paarkichi Finfinneerraa kiiloo meetira 180 fagaatee Godina Shawaa Bahaa, naannawa Magaalaa Baatuutti kan argamuufi yeroo hojii eegalu lammiilee kuma 70 hanga 100f carraa hojii kan uumu ta’uu himaniiru.
Paarkichi galteewwan isa barbaachisan kallattiin qonnaan bulaarraa waan fudhatuuf lammiileefi qonnaan bultoota naannawichaa fayyadamoo ni taasisa kan jedhan Obbo Sisaay, omishaaleen paarkichaas gabaa biyya keessaafi alaatiif kan dhiyaatan ta’uu himaniiru.
Hojii manifaakcheringii irratti bobba’anii hojjechaa kan jiran abbaan qabeenyaa Doktar Mangistuu Guddisaa akka jedhanitti, mariin komishinichiifi korporeeshinichi abbootii qabeenyaa waliin taasise carraan invasimantii naannichaa maal akka fakkaatu ifa taasiseera. Mootummaanis abbootii qabeenyaa damee invastimantii adda addaa irratti hirmaachuu barbaadan haala qindaa’aa ta’een simachuuf qophiirra akka jiru kan agarsiisuudha. Kun ifaajii invastaroota mudachaa ture salphisuudhaan dafanii gara hojiitti akka galan kan taasisuudha.
Dhiyeessi lafaafi birokiraasiin rakkoolee gurguddoo kanaan dura abbootii qabeenyaa naannicha keessatti hojiilee invastimantii garaa garaa irratti bobba’an mudachaa turan ta’uu himanii, abbootiin qabeenyaa waajjira adda addaarra naanna’uudhaan dhamaatii guddaaf saaxilamaa turan. Hanqinni bu’uuraalee misoomaa, humna ibsaafi rakkoon nageenyaa darbee darbee uumamaa ture rakkoolee gurguddoo hojii invastimantii naannichaarratti dhiibbaa uumaa turaniiru. Sababa rakkoo nageenyaa darbee darbee mudachaa tureen invastarootni tasgabbaa’anii hojiisaanii hojjechaa kan hinturre ta’uus himaniiru.
Oromiyaan hojiilee invastimantii gara garaatiif haala mijaa’aa utuu qabdu damecharraa bu’aa barbaachisu argachaa hinturre kan jedhan abbaan qabeenyaa kun, haala amma yaadame kanaan yoo rakkooleen dhiyeessa lafaa, bu’uraalee misoomaa, humni ibsaafi tajaajila qarshii liqii kan hiikaman ta’e hojiileen invastimantii hedduun ummata naannichas ta’e biyyattii fayyadan kan hojjetaman ta’uu dubbatu.
Mootummaan Paarkii industirii ijaaree qopheessuun invastarootaaf daran haala mijataa uuma kan jedhan Doktar Mangistuun, paarkii industirii ijaaruu qofa utuu hintaane hojmaatasaa sirreessuun invastaroonni dafanii gara hojiitti akka galan taasisuun barbaachisaadha. Mootummaan invastaroota biyya keessaas jajjabeessuu akka qabus gaafataniiru.
Mootummaan haalota jiran hundumaa mijeessee abbootiin qabeenyaa dafanii gara hojiitti akka galan taasisuudhaafi rakkooleefi dadhabbii invastaroota mudachaa turanis hiikuu akka qabu kan yaadachiisan Doktar Mangistuun, abbootiin qabeenyaas hojii isaanirraa eegamu ga’umsaan ba’achuufi misoomaafi guddina naannichaafi biyyattii mirkaneessuu keessatti gahee isaanirraa eegamu bahachuu akka qaban yaadachiisaniiru.
Gaazexaa Bariisaa Mudde 17/2013
7 Comments to “Carraawwan invastimantii Oromiyaafi qophiilee abbootii qabeenyaa simachuuf taasifamaa jiran”