Waasihun Takileetiin
Hundeeffama mootummaa haaromsaa Itoophiyaatiin walqabatee waggoota lamaa oliif rakkoon nageenyaa qaqqabaa ture kumaatama qe’eefi qabeenyarraa buqqiseera, kumaatamni wareegama lubbuu kaffalaniiru, kaanimmoo yaaddoo nageenyaatiin raafama hamaa keessa seenaniiru.
Rakkoo kanaan walqabatee gaaga’ama dinagdee qaqqabeen guddinni biyyaa booddeetti harkifateera, golli lammiilee murnoota hattuufi saamtuu Juuntaa ABUTn golgalaa’eera.
Ilmaan cunqurfamootaa sirna gadadoo ABUTtiin hiraarfamaa xoofoo rakkinaa wayita dhandhamanitti ilmaan Juuntoota ABUT immoo biyyoota Awurooppaa keessa eegduun ramadameefii jireenya addunyaa lafarraa uummatanii miira numalee calaqqisiisaa turaniiru.
“Barri goommaadha takkaa namaan baatti takkaa namaan deemti” akkuma jedhamu abjuu murni Juuntaa waggoota 60f lammiilee cunqurfamoo bituuf abjootee ture qabsoo hadhaa’aa qeerroowwaniifi qarreewwaniin maseenuu danda’eera.
Murni Juuntaa ABUT aangoorraa mulqame kun akka amalasaa hannaafi saamicha dur bare itti fufuu dadhabuusaan biyyattii dirree jeequmsaatti oofee fedhiifi alseerummaa kanaan dura bare galmaan gahachuuf boolla hinqonne hinqabu ture.
Maddi rakkoo Itoophiyaa hayyoota siyaasaan gaafa xiinxalamu murna Juuntaa ABUT aangoorraa mulqame ta’uu himama. Rakkoon nageenyaa kun yeroorraa yerootti hammaachaa deemuurraa kan ka’e sochii hawaas dinagdeerratti miidhaan qaqqabaa ture tokko lama miti.
Adeemsichi egeree biyyaaf yaaddoo ta’ee waan argameef mootummaan aangoorra jiru olaantummaa seeraa kabachiisuutti galuunsaan murnoonni muraasa kan to’ataman yoo ta’u warreen gaanfa ta’an yeroof lilmoo galaana seente of godhaniiru. Lubbuun Itoophiyaanotaa murnoota juuntaa ABUT amma of dhoksan kanaan hiraarfamaa ture akkasumas qe’eef qabeenyi lammiilee golgolaa’aa laaqii hiyyummaa keessatti dhidhime ammallee murnoota ABUT kana maqaa dhahaa jira.
Murnoota Juuntaa biyya saamaa turan kana to’achuun seeratti dhiheessuuf tarkaanfii mootummaan Federaalaa fudhate jajjabeessaa ta’uu qondaaltonni siyaasaa jajjabeessu. Kuni ta’us tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuuf duula maqaa seeraan baname dahoo godhachuun alseerummaan calaqqisaa jiru tokko tokko sirrii akka hintaanee kan komatan jiru.
Dhimma kana ilaalchisuun hayyuu Siyaas dinagdee Kan ta’an Doktar Diimaa Nagawoo ibsa Gaazexaa Bariisaaf addatti laataniin, golgaa seeraa dahoo godhachuun alseerummaan raawwatu egeree Itoophiyaaf balaa waan ta’eef dhaabachuu akka malu kaasu.
Kabachiisa olaantummaa seeraa murnoota Juuntaa ABUT irratti banameen miirri daangaafi dhaaltummaa naaf malaa babal’achaa kan jiru yoo ta’u, humnaan daangeffachuuf yaaliin taasifamu abidda dhaamuu hindandeenye kan qabsiisu akka ta’e himu.
Duulli murna Juuntaa ABUT irratti banamu kabachiisa olaantummaa seeraaf ta’ee osoo jiru gara dhaaltummaa deebisiisna jedhuutti naannessuuf yaaliin taasifamu hariiroo hawaasa waliin jiraachaa turee kan faallessu waan ta’eef komiin gama kanaan jiru ija seeraan madaalamaa murtee argachuu akka maludha kan kaasan.
Komiin daangaafi dhaaltummaan naaf malaa kun akka biyyaatti naannoolee gidduutti mudachaa kan jiru yoo ta’u, ija seeraafi heeraan madaalamee murtee seeraa yoo argateen alatti humnaan deebisuuf yaaluun dogoggoradha.
Dimokiraasii waggoota 27f murni Juuntaa ukkaamsaa ture har’a jijjiiruun misooma hunda hirmaachisaa ta’e lafa qabsiisuuf gargaara kan jedhan Doktar Diimaan, gaaffii mirgaa jiru kamuu seeraan dhiisnee humnaan deebisuuf yaaluun Juuntaarraa kan adda nama baasu miti. Miirri ofittummaa akkasii babal’achaa deemuun hariiroo waloo lammiilee kan daangessu, tokkummaa biyyaa kan diiguufi guddina biyyaa booddeetti kan harkisu akka ta’ellee kaasu.
Dirree dimokraasii bal’isuun Itoophiyaa haaraa ijaaruuf yaadameera taanaan dimokraatawaa ta’uufi daangaa heeraa keessatti socho’uun dirqamadha kan jedhan hayyuun kun, faallaa heeraa deemaa jijjiiramni dhufu kan hinjirre ta’uu dubbatanii jiru.
Qaamonni tokko tokko heerri mootummaa Itoophiyaa bakka nan bu’u, kaanimmoo ciramee haabadu, kaanimmoo haafooyya’u kan jedhan jiru yaanni akkasii kun mariin kan furamudha malee humnaan akka hintaane beekuun murteessaa ta’uu kaasu Doktar Diimaan.
Akka ibsasaaniitti, sirni federaalizimii sabdaneessaa biyyittiin waggoota 27f ittiin bulaa turte maqaaf haa barreeffamu malee hojiitti hiikamee hinargamne.
Isa kana fooyyessuun federaalizimii sabdaneessaa dhugaa sabaafi sablammiileen hundi walkabajuuniifi wal danda’uun itti jiraatan ijaaruuf sochii mootummaan federaalaa taasisaa jiru jajjabeessaa akka ta’e kaasanii, egeree Itoophiyaaf murteessaa akka ta’etti kaasu. Kun ta’us namoonni fedhii addaa qaban tokko tokko jechuunis sirna cunqursaa mootummaa tokkee ijaarra jechuun murni sochii taasisu akka hindhibnes kaasu.
Jaarraa 21fa amma keessa jirru kana keessa sirna federaalizimii sabdaneessaan alatti ijaarsi mootummaa tokkee deebi’a jedhanii yaaduun dogoggoradha. Sirni mootumma tokkee alseerummaa kanneen akka saamicha qabeenyaa, abbummaa dhabsiisuu, afaan sabaafi sablammiilee ukkaamsuun sirni mootummaa tokkee, amantii tokkee, aadaa tokkee akka lallabamu kan akeeku waan ta’eef deeggarsa waan qabu miti jedhu.
Duulli kabachiisa olaantummaa seeraa murna Juuntaa ABUTirratti baname sirriifi yeroosaa kan eeggate ta’uu kan kaasan Doktar Diimaan golgaa seeraan alseerummaan qaqqabaa jiru kun seeraan dhaabachuu qaba. Fedhiifi ilaalcha siyaasaa addaddaa qabaannes dimokraatawaa ta’uufi olaantummaa seeraa kabajuun dirqamadhas jedhanii, miirri humnaan dhaala deebisiisna jechuun raawwatu tokkummaa biyyaaf yaddoo nageenyaafi kufaatii dinagdee kan qaqqabsiisuudha.
Mootummaan aangoorra jirus alseerummaa dahoo seeraan raawwatu kana seeraan daangessuudha yoo baate isa kaleessaarraa adda kan isa taasisu waan hintaaneef darbees amantaa lammiileen mootummaarraa qaban kan laaffisu waan ta’eef dhimma irratti hojjetamuu malu ta’uu hubachiisu.
ABUT sirna saamtotaafi hattuu jajjabeessaa tureefi qabsoo hadhaafi wareegama qaaliin hundeedhaa dhabamsiifame waan ta’eef seenaa Itoophiyaa keessatti kan irraa baratamu ta’ee akka tajaajilu Doktar Diimaan ni himu.
Faallaa seeraa deemaa seerri kabajamu hinjirus jedhanii duulli kabachiisa olaantummaa seeraa murna ABUT irratti gaggeeffamu erga xumurameen booda komiileen jiran daangaa seeraafi ija seeraan furamuun barbaachisaa ta’uu kaasu. Kanamalees sochii hawaasdinagdee naannoo Tigraay sodaa nageenyaan ugguramee ture bakkatti deebisuuf mootummaan cichee hojjechuu akka qabus dubbataniiru. Juuntaan murna hattuufi saamtuu bicuudha kan jedhan Doktar Diimaan uummata Tigraayitti fakkeeffamuufi bakka bu’uu akka hinqabnes himu.
Akka ibsasaaniitti, kun ta’us namoota raacitii murna juuntaa ABUTtiin hojjetan hawaasa keessaa waan hindhibneef seecca’anii seeratti butaa ilaalchasaanii haaromsaa naannittii ijaaruun barbaachisaadha. Sababnisaas murna Juuntaa dhabamsiisuu qofti gahaa waan hintaaneef jaleewwansaanii raacitii juuntaan socho’anillee bakkatti gochuu dhabuun egeree biyyaaf madaa bulee ka’u ta’uus dubbatu.
Paartiin Badhaadhinaa Itoophiyaas gamasaan dimokiraasii dhugaa akkasumas federaalizimii sabdaneessaa ijaaruuf tattafachaa jiraachuu ibsaa kan jiru yoo ta’u faallaa heera mootummaa deemuun Juuntaa xixiqqaa kan nama taasisu ta’uu Ministirri Muummee Itoophiyaa kaasaniiru.
Sirni kana booda Itoophiyaa keessatti ijaaramu sirna hunda keessummeessufi eenyummaa sabaafi sablammiilee kan hubu akka hintaane Doktar Abiyyi ibsa miseensota mana mareef yeroo darbe laatanirratti himaniiru.
Faallaa heeraa deemuun humna, miira ofiin oofamanii ilaalchaafi fedhii ofii nama biraatti fe’uuf yaaluun juuntaarraa adda kan nama hinbaasnedhas jedhaniiru. Isa nagaa barbaaduufis ta’e isa faallaa seeraa deemuuf kabajamuun Olaantummaan seeraa riqicha jijjiiramaafi murteessaadha.
Jiraachuu lammiileef wabii nageenyaafi madda dimokiraasii kan ta’e kabajamuun olaantummaa seeraa murnoota ilaalcha balaafamaafi biyya diigu qabatanii deemaniin akka hinsakaalamne eeguun barbaachisaadha.
Walumaagalatti biyya federaalizimii sabdaneessaan bultu keessatti ilaalcha siyaasaa fedhan qabaachuun kan danda’amu yoo ta’u, humnaan namatti fe’uuf yaaluun alseerummaadha.
Kana malees qaamoleen gaaffii mirgaa qaban kamiyyuu daangaa seeraafi heera biyyaa keessa socho’uun argachuuf carraaquun osoo jiruu humnaan dhuunfachuuf sochiin taasifamu rakkoo nageenyaa kan uumuufi juuntota xixiqqaa waan nama taasisuuf alseerummaan dahoo kabachiisa olaantummaa seeraan qaqqabaa jiru heeraan haa dhaabatu.
Gaazexaa Bariisaa Mudde 17/2013
7 Comments to “Alseerummaan golgaa seeraatiin raawwatamu heeraan haadhaabatu”