“Adeemsa boqonnaa murna juuntaa cufuu keessatti hirmaachuun carroomuudha” -Ogeessa kaameraa suuraa, Iyyoob Tafarii

Gaazexeessitoota  Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa tarkaanfii seera abachisiisuu mootummaan federaalaa murna ABUT (juuntaa) irratti fudhachaa turerratti hirmaachuun gabaasaa turan shan keessaa ogeessi kaameraa suuraa Iyyoob Tafarii tokko yoo ta’u, turtiisaa guyyoota afurtamaa ilaalchisee tibbana Gaazexaa Bariisaaf  ibseera.

Ogummaa kaameraa suuraatiin waggoota 12f hojjedheera kan jedhu Iyyoob, Indastirii Pilaastikii Itiyoo jedhamutti waggoota sagaliif, Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa RFDItti ji’oota ja’aaf, wayita ammaa ammoo Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatti ogeessa suuraa ta’ee hojjechaa jira. Kanaanis muuxannoo waraabbii sagalee, editiingiifi awutogiraafii gonfachuu danda’eera jedha.

Waggoota lamaan darban keessa obsi mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisuurratti qabaachaa ture ummata bal’aa gara mufachiisuutti geessee ture. Erga murni ABUT Kaampii Raayyaa Ittisaa Kaabaarratti haleellaa raawwatee booda  tarkaanfii mootummaan olaantummaa seeraa kabajchiisuuf raawwachaa jirutti  gammachuu guddaatu natti dhaga’ame. Yerichis sa’aatii mijataafi olaantummaa seeraa kabachiisuuf boqonnaa murteessaarra gahameera jedheen fudhadhe. Haleellaan raawwatame garuu hedduu na gaddisiisee ture jedha Iyyoob.

Jalqaba wayita ni deemta jedhamee natti himamu haalota ulfaataa namudachuu malan tilmaama keessa galcheen ture kan jedhu Iyyoob, garuu ammoo addichatti akkan hirmaadhuuf carraa argachuu koof gammachuu guddaatu natti dhagahame.  Adeemsa boqonnaa murna juuntaa cufuu keessatti hirmaachuun carroomuu yoo ta’u, jiruufi jireenya keessattis gammadaa akkan ta’u na taasisa jedheen abdadha. Kanaan booda boqonnaan seenaa murna juuntichaa guutummaatti cufameera waan ta’eef, lammiileen biyyattii marti nagaa ittifufiinsa qabu  akka argatan abdii guutuun qaba.

Gaaffii, “Turtiikee guyyoota afurtamaa keessatti maaltu si gammachiise?” jedhuuf deebii kenneen, “Irra caalaan ummata Tigiraayi murni juuntichaa yeroo dhumaatiif kufuunsaa kan isaan gammachiise waan ta’eef hiriira ba’uun miirasaanii  ibsachaa turuusaaniiti.”  “Kunimmoo ummatichi murnicha jalatti hangam hacuucamaa akka ture kan mul’isudha. Qindoominniifi jaalalli Raayyaan Ittisa Biyyaa walii waliisaaniif, akkasumas ummata Tigiraayiif qaban hedduu na gammachiiseera; irra aanuun keenyas akkasuma” jechuun ibseera.

Adeemsa mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisuuf fudhatu gabaasuun ofeeggannoo guddaa kan barbaadu yoo ta’u, aniifi waahillan koos xiyyeeffannoon hojjechaa turre; ittis milkoofneerra jedha. Ogummaa qabuttis fayyadamee sanada seenaa biyyattii galmeessisee deebi’uusaattis Waaqayyoon nan galateeffadha jedha.

Gaazexaa Bariisaa Mudde 17/2013

Recommended For You

3 Comments to ““Adeemsa boqonnaa murna juuntaa cufuu keessatti hirmaachuun carroomuudha” -Ogeessa kaameraa suuraa, Iyyoob Tafarii”

  1. Pingback: jarisakti
  2. 爆乳 ダッチワイフ こんにちは、私はあなたの投稿をすべて読むのを楽しんでいます。私はあなたをサポートするために少しコメントを書きたいと思いました。本当にホットなミスをしているような気分にさせることができる超セクシーなラブドール(セックスドール)があります。

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *