Finfinnee: Yunivarsitiin Maqalee barattoota marsaa 28faf barsiisaa ture kuma sadiifi 291 Kamisa darbe eebbisiise. Barattoota eebbifaman keessaa kumni sadiifi 390 digirii jalqabaatiin, tokko ammoo digirii sadaffaa (PhD)n eebbisiiseera.
Sirnacharratti kan argaman raawwachiisaa hojii olaanaa bulchiinsa yeroo naannoo Tigiraay Doktar Muluu Naggaa akka jedhanitti, eebbifamtoonni yunivarsitichaa ogummaa horataniin ummata tajaajiluufi nageenyaafi misooma Itoophiyaa mirkaneessuurratti xiyyeeffatanii hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru.
Yeroo duulli olaantummaa seeraa kabajchiisuu fudhatamaa turetti barattoonni akka hinmiidhamneef gumaacha jiraattotni magaalattii taasisaniifis galata dhiyeessuun, gara fuulduraattis bulchiinsa naannichaa yeroo maddii dhaabbachuudhaan misooma magaalattii akka mirkaneessaniif waamicha dhiyeessaniiru. Barattoota eebbifaman keessaa %38 dubbartoota. Barattoota eebbifaman keessaa lammiileen biyya alaa jiraachuufi yunivarsitichi yeroo ammaa sagantaalee barnootaa hundaan barattoota kuma 30 ol simatee barsiisaa jira jechuun TOIn gabaaseera.
Gaazexaa Bariisaa Mudde 10/2013
2 Comments to “Yunivarsitiin Maqalee barattoota kuma sadii ol eebbisiise”