Bayyanaa Ibraahimiin
Mooyyalee: Guyyaa walakkaan yemmuu magaalattii keessa seennu wanti tokko hinsocho’u. Hunduu bakka jirutti akka dhaabbatu waan ajajame fakkaata. Warri mana ture immoo gara alaatti akka hinbaaneef meeshaa waraanaatiin waan ittifame fakkaata.
Iddoon sun magaalaa dhiisii baadiyyaa shimbirri keessaa waccus hanqatee guyyaa walakkaan ofirratti muguu eegalte. Magaalaa giddugala daldalaa, kan biyyoota lamaa daangeessituufi ho’ituu taate Mooyyalee dhiisii magaalaan birootuu akkanatti yemmuu qabbanooftu argee hinbeeku ture.
Nu keessaa namni dur magaalattii sana sirritti keessa beeku tokko haalli argaa jiru sodaachisaa ta’uusaatiin dafnee siree akka qabannu nutti himuun siree barbaachuu eeggalle.
Namtichis siree dur ofii beeku sana nutti agarsiisee achumatti siree qabachuuf erga murteeffanneen booda, haala jiru adda baafachuudhaaf hiriyaakoo isa achi jiru tokkotti bilbile. Iddoo siree itti qabannes dabalee itti hime.
Hiriyaan koo garuu magaalattiin rakkoo nageenyaa hamaa keessa akka jirtuufi keessattuu iddoon itti siree qabanne sun hamaa waan ta’eef, hatattamaan gadi lakkifnee akka baanu nutti himee “Gara qarqara magaalattiitti koottaa” nuun jedhe.
Nutis siree maallaqa kanfalle dhiifnee ariitiidhaan gara mucaan magaalattii keessa beekuu nu waameetti imallee siree mana ofii beekuu kan guyyaa walakkaan ulaa cufatanii taa’an kadhaa meeqaan bansiisee nu qubachiise.
Kun waan waggaa lama dura magaalaa Mooyyalee keessatti nu qunname yemmuu ta’u, har’a immoo Mooyyaleen iddoo dur itti beekkamtu, wacaafi waldhiibuu ummataa, daldala ho’aafi baay’ina konkolaataa gaafa argu hedduu na gammachiise.
Manneen jeequmsa tureen gubatanii turan ijaaramanii halluu adda addaa dibamanii daldala dur ittiin beekaman si’eessaa, ummanni dur walqoodee walitti duulaa ture yeroo walkeessa yaa’ee daldalaa jirun arge.
Magaalattiin nageenya amansiisaa dur ittiin beekamtuufi daldala ho’aatti deebi’uunshee mo’amuu murna ABUTtiin kan walqabatu ta’uu immoo Bulchaan Aanaa Moyyaalee Obbo Turaa Mallichaa ni dubbatu.
Jeequmsa magaalattii keessatti ka’ee qabeenya hedduu barbadeesseefi lubbuu namaa baase hunda duuba kan tures qaamuma kana akka ta’e himu. Yeroo ammaatti ummanni gaafas wal foo’ee walitti duulaa ture tapha michoomaa kubbaa miilaa waliin taphachaa jira.
Nageenyi amma argame akka ittifufuufi duulli juunticharratti taasifamaa jiru akka mirkanaa’uuf Maqalee qofa osoo hintaane magaalota akka Mooyyalee naannoo daangaatti argamanirratti xiyyeeffatamuu akka qabus ni hubachiisu.
Yeroowwan darban rakkoon nageenyaa magaalattii keessatti balaa adda addaa qaqqabsiisaa turanitti hordofnee gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.
Gaazexaa Bariisaa Mudde 10/2013
7 Comments to ““Nageenyi Mooyyaleetti uumame mo’amuu juuntichaatiin walqabata” -Obbo Turaa Mallichaa Bulchaa Aanaa Mooyyalee”