Waasihun Takileetiin
Finfinnee: Komishiniin Karooraafi Misooma Dinagdee Itoophiyaa gaaffiilee siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa lammiileerratti karoorfachuun jijjiiramaaf kan hojjetu yoo ta’u, karoorri kanaan dura bahaa ture hordoffii dhabuun haala qabameen milkaa’uu hindandeenye.
Karoorri mootummaa haaromsaan dura waggoota shaniif bahaa ture gaaffii ummataatiif xiyyeeffannoo kennuu dhabuun fedhiifi dhiyeessiin walsimachuu dhabuun komii kaasaa tureera.
Pirojektoonni misoomaa hedduun karoorfamanii dagatamuufi jalqabamanii karaatti hafuurraa kan ka’e amantaa ummanni mootummaarraa qabu gadibuuseera.
Hundeeffama mootummaa haaromsaa booda garuu Itoophiyaa badhaate dhaloota dhaalchisuuf gaaffii siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa lammiileen kaasan deebisuuf humna guutuun hojjechaa jiraachuu Komishiniin Karooraafi Misooma Dinagdee RFDI, beeksiseera.
Komishinarri Ittaanaan Komishinichaa Doktar Namarraa Gabayyoo ibsa addatti Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin amantaan ummanni mootummaarraa qabu akka dhugoomuuf hojjetaa jiraachuu dubbatu.
Kanaan dura pirojektoonni misoomaa dheebuu hawaasaatiif waggaa shan keessatti milkeessuuf karoorfaman maqaaf qofa waraqaarra qubachuun ala hojiitti hiikamuu kan hindandeenye ta’uu ibsu.
Gochichi sirrii akka hintaane kan himan Doktar Namarraan, karoora waggaa kudhanii 2013-2022 kana keessatti komii ummataa furuun badhaadhina dhugoomsuuf kan hojjetan ta’uu dubbatu.
Karoorri waggaa 10 komishinichi akka biyyaatti baafate kun gaaffii siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa lammiilee deebisuuf kutannoon socho’aa jiras jedhan.
Akka ibsasaaniitti; gaaffiileen siyaasaa abbummaa, eenyummaafi daangaa walqabatanii ka’aa turanis deebii akka argatan karooricha keessatti hammatamaniiru.
Karoorri waggaa kudhanii amma bahe kun erga Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatiin ragga’ee booda hojiitti akka hiikamu eeranii, caalaatti komii lammiileen barootaaf kaasan deebisuun Itoophiyaa badhaate ijaaruuf akka hojjetan beeksisaniiru.
Kana booda pirojektoonni eegalamanii addaan citan hinjirreefi dheebuu ummataa furuuf humna qabaniin akka hojjetan ibsaniiru.
Kutannoo gama kanaan mootummaan qabus olaanaa ta’uu ibsuun karoorri bahe kun milkaa’ina akka qabaatuuf hordoffiifi deeggarsi akkasumas madaalliin yeroorraa yerootti gaggeeffamaa akka deemu eeraniiru.
Gaffiin daangaa, abbummaafi mirgaa yeroo dheeraaf mataa dhukkubbii naannolee ta’aa turan karaa qulqullina qabuufi saayinsaawaa ta’een deebii akka argatuuf xiyyeeffannaan kan hojjetamu ta’uus mirkaneessaniiru.
Rakkoo hojidhabdummaa dargaggootaa hir’isuufis gamanumaa kutannoon akka jiru eeranii, hiyyummaa seenaa gochuun Itoophiyaa badhaate ijaaruuf tattafataa akka jiran ibsaniiru.
Rakkoowwan nageenyaa yeroorraa yerootti ka’aa turan furuu keessattis xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu himuun, karoora baranaa keessattis hudhaalee ijoo gama kanaan jiran furuun omishaafi omishtummaa lammiilee dabaluuf hojjetaa akka jiran ibsaniiru.
Gaazexaa Bariisaa Mudde 10/2013
4 Comments to ““Karoorri misoomaa kanaan dura bahaa ture maqaaf malee hojiitti hiikamaa hinturre” -Doktar Namarraa Gabayyoo”