Federaalizimii sabdaneessaan ala sirni mootummaa tokkee amala fafeeti

Waasihun Takileetiin

Amaloonni fafee kanneen akka tamboo xuuxuu, jimaa qama’uu, gaanjaafi shiishaa xuuxuu, hanna, saamichaafi waliindhahuufaa yoo ta’an, sirna hirkattummaa fiwudaalizimiifi sooshaalizimii Itoophiyaa golgoleessaa tures kan hammatuudha.

Amaloonni fafee hirkattummaa babal’isuu, olaantummaa saba tokkoo, amantaa tokkoo, afaan tokkoofi aadaa tokkoo leellisu yoo ta’u, maqaa Itoophiyaatiin boquu sabootaafi sablammootaarratti fe’amuun bara lakkaa’uu barbaadu. Maqaa Itoophiyaa jedhuun daldaluun alatti jaalala biyyaa hinqaban, aantummaa ummataaf gadi bahanii  yeroo qabsaa’anis hin mul’atan.

Gaafa qabsaa’onni ilmaan sabootaafi sablammootaa aarsaa dhiigaa hanga lubbuu kaffalan golatti sirbaan onnachiisuufi maqaa kiristinnaa itti moggaasuun alatti  goota dirree lolaaf kutannoo qabu maqaa dhahachuu hin danda’an. Shira afaaniifi dhoksaan xaxaniinis of gootomsaa haqa sabootaa dhoksaa biyya duubaan gurguraa warreen garaasaaniif jiraataa turanidha. Kanaaf ammoo kitaabileen seenaa ragaadha. 

Sirnoonni kun Itoophiyaa keessatti hundeesaanii gadi fageeffachuun wayita dabareen biyyattii bulchaa turanitti olaantummaa saba tokkoo olkaasuun qorqalbii  sabootaafi sablammootaa jaamsuun Itoophiyaa saba tokkoon waamamtu ijaaruuf kufaa ka’aa turan.

Barri bara fidaatii qabsoofi wareegama hadhaa’aa ilmaan cunqurfamoon sirnoonni kun dabareesaanii eeganii hundeedhaa yoo buqqa’an sirni federaalizimii saboota hunda humneessu dhalachuu danda’eera.

Sirnichi hojiirra akka oolu ta’us akkaataa heerri mootummaa ajajuun hojiitti hiikamuu dhabuusaan waggoota 27 guutuu komiin dabalataa akka dhalatu taasiseera.

Naannoleen qabeenyasaaniirratti abbummaa dhabuu, murni aangootti bahes aangoo dahoo godhachuun saamicha, hannaafi alseerummaa babal’isaa tureera. Haalichi daran hammaachaa deemuusaan warraaqsa qabsoo dhoheen erga aarsaan dhiigaafi lubbuu qeerroofi qarree itti baheen booda murni saamtuufi hattuu akka diigamu ta’eera.

Siyaasa biyyattii warraaqsa qabsoo siyaasaa kanaan diigame deebisanii ijaaruuf sochii taasifamuufi tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuuf fudhatamaa jiru keessa gugachuun sirna doofaa barootaaf awwaalame kaasuuf kan gigigsanis bakka jiranii mumul’achaa jiru. Tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuuf mootummaan federaalaa murnoota juuntaarratti fudhataa jiru keessatti qabsaa’ota fakkaachuun raacitii sirna gabroomfataa duraa ijaaruuf kan wixxirfatan calaqqisaa jiru.

Isaan kunneen kachachaltoota miira oftuulummaan riphanii socho’an yoo ta’an, alaabaa sirna gabroomfataa mootummaa tokkee qabachuuniifi yaalii dhaala lafaa humnaan deeffanna jedhu gaggeessaa kallattii qabsoo kan jijjiiran fakkaatu.

Siyaasni, “Keenyaafi nu malee” kaabatti biqilaa jirtu federaalizimii sabdaneessaa dhiigaaf aarsaa lubbuu ilmaan cunqurfamoo saboota Itoophiyaan dhufteefi  wabii taate afanfajeessaan dhiituuf  kan luka fuute fakkaatti.

Akkuma, “Baaqelaan kun yoo bulte hin alanfatamtu” jedhamu ilaalchi doofaafi moofaa harcaatota raacitii sirna maxxantuu oftuultotaan biqilaa jiru tokko tokko kichuutti yoo kolaafameen alatti boruuf balaa, akkasumas alaa’aa ta’ee kan mul’atu ta’e beekuun nama hinrakkisu.

Maqaa tokkummaa jedhuun sirna doofaafi moofaa faarsaa Itoophiyaan hunda hammatu ijaarra jedhanii yaaduun fafummaadha. Ilaalchaafi yaada barbaadan qabaatanis yeroo ammaatti Itoophiyaan sirna federaalizimii sabdaneessaan gaggeeffamaa waan jirtuuf hadhaahes mi’aahes liqimsanii jiraachuun dirqama.

Yaada faallaa sirna biraa ijaaruuf yoo qabaatan immoo akkaataa heerriifi seerri biyyattii hayyamuun warraaqsa dimokiraatawaa ta’een yaada bishaan kaasu gurgurachuutiin caalanii argamuun mirga ta’ee osoo jiru waliin dhahuuf yaaliin taasifamu dhimma daangaa godhachuu qabuudha.

Oromoon yoo mammaaku, “Soogidda seetee mimmixa cuubatta” jedha. Jaarraa 21fa bara teknoloojiin fagaateefi sabootniifi  sablammootni mirga hiree murteeffannaasaanii mirkaneeffachuuf warraaqanitti olaantummaa saba tokkoo yaaduun fafummaadha.

Eenyumtuu gaaffii qabeenyi tokko naaf mala jedhu qabaachuu kan danda’u yoo ta’u, daangaa seeraafi heera mootummaa keessa ta’uun warraaquun murteessaa ta’ee osoo jiruu fafakkeessanii siyaasa dhokataafi summaawaa ta’e namatti fe’uuf yaaluun alseerummaa akka ta’es beekamuu qaba.

Sirni fiwudaalizimii Itoophiyaa mootota doofaan gaggeeffamaa ture ilmaan cunqurfamoo sabootaafi sablammootaa hedduutti harqoota gabrummaa fe’uun ofii ‘baalabbaata’ qotee bulaa ammoo ‘ciisanyaa’  maqaa jedhuun saamaa turuunsaa kan yaadatamuudha.

Sirni golgoleessaafi maxxantuu fiwudaalizimiin olaantummaa saba tokkoo labsuun sabootaafi sablammoota eenyummaasaaniitti akka hinboonne, aadaan, afaan, duudhaansaanii akka hin guddanne quucarsuun qorqalbiinsaanii akka jaamu taasisaa turuu seenaatu ragaa baha.

Sirni Dargii ulee abaarsaa sirnoota doofaa kanarraa dhaales sirbaa teessumatti bahee sabootaafi sablammoota Itoophiyaa boquusaanii akka ol hinqabanneef waaroo gaddaa  itti golguun daranyoo itti ta’aa tureera. Mirga dimokiraasii jechuun immoo akka daa’imaa kan namaatti  boohuu osoo hintaane haqarra dhaabatanii haqa dabe deebifachuuf carraaquudha.

Kun ta’ee osoo jiruu  akkuma, “Girri girrii keessa buddeen caabitaa lama bade” jedhamu tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuuf fudhatamaa jiru dahoo godhachuun saamuufi sirna saamtuu fiiwudaalizimiifi sooshaalizimii sirna duraaniin walfakkaatu calaqqisiisuun darbee darbee ni mul’ata.

Itoophiyaa keessatti sirna mootummaa tokkee ijaaruuf sochiin taasifamu kun callisaan kan bira darbamu osoo hintaane gocha kutannoo siyaasaa mootummaa barbaaduudha.

Biyya alaabaan mootummaa federaalaa sabootaafi sablammootaa bakka bu’u jiru keessatti alaabaa jijjiiruun, qabeenya abbaa qabuufi heeraan daangahetti humnaan abbaa ta’uun mootummaa aangoorra jiruufi seera qabeessa ta’e gatii dhabsiisuu waan ta’eef sirreeffamuu qaba.

Murnoonni maxxantuufi oftuultotaa kun tokkummaa biyyaaf kan yaadan fakkaatanii maqaa Itoophiyaan waaroo gabrummaa deebisuuf warreen kaka’anidha. Tibbanas ilaalcha summaa’aafi dhaqna hinqabamne qondaaltota siyaasaa Oromoorratti tatamsaasuun kaayyoofi ergamasaanii calaqqisiisuuf bakka jiranirraa sagaleesaanii dhageessisaa jiru. Ummatni Oromoo bal’aanis sabootaafi sablammoota biroo waliin ta’uun murna maxxantuu sirna doofaa awwaalame faarsuufi leellisuu jalqabe kana ammumaan qabee dura ofirraa ittisuu danda’uu qaba. Sirna federaalizimii sabdaneessaa ta’e ijaaruuf caalaatti tokkummaatiin ka’uufi egeree biyyattii murteessuufis yeroon amma ta’uusaa hubachuun murteessaadha.

Gaazexaa Bariisaa Mudde 10/2013  

Recommended For You

6 Comments to “Federaalizimii sabdaneessaan ala sirni mootummaa tokkee amala fafeeti”

  1. Pingback: incestuous sex
  2. Pingback: free webcams

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *