Teknolojii ‘GPS’ umrii finxaaleyyii shanee gabaabsu fayyadamaa jirra – Komaandara Ittaanaa Indaalaa Qumillaachoo

Waasihun Takileetiin

Finfinnee: Oromiyaa keessatti rakkoo nageenyaa yeroo yeroon mudachaa jiruufi ajjeechaa lammiilee nagaatiif sababa guddaa kan ta’an murnoota bicuu juuntaafi jaleewwansaanii shanee ta’uu Qajeelchi Indoktirineshinii Komishinii Poolisii Humna Addaa Oromiyaa beeksise.

Ittigaafatamaa qajeelchichaa Komaandara Ittaanaa Indaalaa Qumillaachoo ibsa Roobii darbe Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin rakkoo nageenya Oromiyaatiif sababiin murnoota bicuu juuntaafi ABO Shanee haxaahuuf teknolojiin GPS hojiirra ooluu eeraniiru.

Murnoonni kunniin kaayyoo maaliitiif lammiileesaanii akka ajjeesan hinbeekan jedhanii, warreen ergama juuntaan kenneef fudhachuun lammiilee nagaa ajjeesaa jiran to’annoo jala oolchuuf teknolojicha fayyadamuu akka eegalan dubbatu.

Teknolojichi qunnamtii finxaaleyyiin walwaliisaanii waliin taasisan karaa dijitaalaatiin hordofuun yeroo gabaabaafi bakka jiranitti to’achuuf kan gargaaru ta’uus himaniiru.

Hordoffii teknolojii kanaan taasisaa turaniin murnoota finxaaleyyii ABO Shanee to’achaa jiraachuu kan ibsan ittigaafatamaan, warreen harka kennachuu didanii dhukaasa bananirrattimmoo tarkaanfiin fudhatamuu himaniiru.

Humnoonni kunniin maqaa abbaa torbee jedhu moggaafachuun lammiilee nagaa dhama’anii jireenyasaanii mo’achuuf socho’an ajjeesaa Oromiyaa dirree jeequmsaa taasisuuf kufanii ka’aa jiru jedhan.

Eenyumtuu ilaalcha siyaasaa barbaade qabaatus karaa dimokraatawaan qabsaa’uu qaba kan jedhan Komaandara Indaalaan, nageenya booressaa, ummata nagaa ajjeesaa ergamni milkaahu tokkollee akka hinjirre hubachiisaniiru.

Humni Addaa Oromiyaa nageenya lammiilee tiksuuf kan dhaabateefi gartummaa siyaasaarraa bilisa jedhanii, wayita murnichi nageenya lammiilee booressu callisee akka hinilaalle ibsaniiru.

Murnoota rakkoo nageenya lammiileef sababa ta’an kanneen akka juuntaa ABUT, ABO Shaneefi abbaa torbee sakatta’uun seeratti dhiyeessuuf yoomiyyuu caalaa hojjetaa jiraachuu himaniiru.

Kanaan dura karaa nagaa harkasaanii kennanii seera biratti akka madaalaman taasisuuf yaaliiwwan hedduu taasifamanis murnoonni kunniin ajjeechaa gara jabummaa lammiileerratti rawwachuu ittifufuu himuun, teknolojii GPSn hordoffii taasifameen hedduunsaanii haxaa’amaa jiru jedhan.

Akka ibsasaaniitti murna maqaa abbaa torbeen socho’uun ajjeechaa lammiilee nagaarratti qaqqabsiisaa ture tokko lamaan funaanamaa jiru. Hordoffii teknolojii GPSn taasifameen Naqamteetti murnoota abbaa torbeerratti tarkaanfiin fudhatmuu yaadachiisaniiru. Teknolojichatti fayyadamuun juuntota Oromiyaa keessa riphan haxaahuuf hojiitti seenuu dubbataniiru.

Teknolojichi tokkoo tokkoon riphee lolaa eessa akka jiru hariiroo waloo ergamtootasaanii waliin qaban duukaa bu’uun salphaatti to’annoo jala oolchuuf ciminaan hojjetaa jiraachuus himanii, warreen diddaa agarsiisanirrattimmoo tarkaanfii keessa deebii hinqabne akka fudhatan beeksisaniiru.

Humnoonni kunniin ajjeechaa lammiilee qaqqabsiisuun alatti sochii dinagdeefi hawaasaa ugguruun ergama shororkeessummaa qaqqabsiisuufillee tattaafataa akka jiran eeranii, yeroo umriinsaanii itti gabaabbatu amma jedhan.

Hawaasnis sochii poolisiifi humni addaa Oromiyaa nageenyasaa eegsisuuf taasisaa jiru cinaa dhaabachuun deeggaru kan gaafatan komaandarichi, humnoota badii Oromiyaa keessaa dhabamsiisuuf kutannoofi xiyeeffannaan hojjetaa jiraachuu ibsaniiru

Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 26/2013

Recommended For You

3 Comments to “Teknolojii ‘GPS’ umrii finxaaleyyii shanee gabaabsu fayyadamaa jirra – Komaandara Ittaanaa Indaalaa Qumillaachoo”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *