“Itoophiyaa nagaa dhorkaa kan tureefi jiru murna ABUT” – Pirofesara Gargaaraa Buzaayyoo Daggafaa

Natsaannat Taaddasaatiin

Finfinnee: Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad Wixata darbe gaaffiilee miseensotni Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataa dhimma yeroorratti dhiyeessaniif deebii bal’aa kennaniiru.

Deebii kennaniinis erga ministira muummee ta’anii muudamanii booda gaaffiilee ummataa deebisuufi jijjiirama barbaachisu fiduuf danqaa humni tikaafi murni ABUT irraan gahaa turan ummataafi miseensota mana marichaatiif ibsaniiru. Hojiilee murnichi iccitiidhaan raawwachaa tures ifa taasisaniiru.

Obbo Kabbadaa Deessisaa Yunivarsitii Finfinneerraa Saayinsii Siyaasaafi Hariiroo Biyyoolessaa akkasumas Seeraan digrii tokkoffaa darbees Mirga Namoomaatiin digrii lammaffaa kan baratan yoo ta’u, yeroo ammaa Hogganaa Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaati.

Hayyuun siyaasaafi seeraa kun ibsa haala yeroorratti dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, akkaataa ABUT olaantummaa siyaasaa, waraanaa, dinagdeefi teknolojii biyyattii harka keessa galfatee itti hojjechaa ture diigameefi injifatamee arguu caalaa waanti nama gammachiisu hinjiru.

Injifannoo kana akka waanin lammaffaa dhaladheettan ilaala jedhanii, murni ABUT jijjiiramaa as Maqaleetti walgurmeessee nageenya ummataafi biyyattii booressaa tureefi dhiyeenya kana ammoo Raayyaa Ittisa Biyyaa ajaja Kaabaarratti miidhaa hamaa geessise yeroo gabaabaa keessatti injifatamuunsaa ummata biyyatiif injifannoo olaanaa ta’uu eeran.

Murna meeshaalee waraanaa guguddoofi qabeenya biyyattii saamee miidhaa guddaa geessisaa ture injifachuu jechuun nageenya biyyattii qofa osoo hintaane kan gaanfa Afrikaallee kan mirkaneessuudha jedhu.

Murnichi Itoophiyaafi biyyootni ollaashii akka walitti gochaa turuus eeranii, injifatamuunsaa boqonnaa guddaa ta’uu eeran.

Murnichi Oromoo daran miidhaa turuus yaadachiisanii, “Yeroo Oromoon biyya hogganaa jirutti injifatamuunsaa waan guddaadha. Akka biyyaa qofatti utuu hintaane akkuma gaanfa Afrikaattuu humni isa injifatu ni jira jedhamee yaadamaa hinturre” jechuun ibsan.

Utuu biyyattiin geggeessummaa ABUTn hanga ammaatti ittifuftee biyyattii qofa osoo hintaane biyyootni gaanfa Afrikaayyuu ni badu turan kan jedhan Obbo Kabbadaan, murna ABUT meeshaalee waraanaa guguddoodhaan of ijaare guyyoota 17 keessatti to’achuun injifannoo olaanaa seenaa keessatti yoomillee hindagatamneefi ummata biyyattiif boqonnaa kan kennu ta’uu himu. Murnicha utuu Doktar Abiyyi ta’uu baatee diiguun daran rakkisaa ture jechuunis eeran.

Oromoon murna ABUT balaaleffachaa ture cinaa hiriiruun sirrii miti. Oromoorraa cittanii Oromoo waraanuun salphina. Injifannicha milkeessuuf hojii baay’eetu nu hafa. Rakkoofi hanqinni jiraachuu danda’a jedhan.

Hayyuun siyaasaa Pirofeesara Gargaaraa Buzaayyoo Daggaffaa gamasaaniin akka jedhanitti, dhimmi olaantummaa seeraa murna ABUTirratti kabachiisuu akkamitti akka eegaleefi adeemsa akkamii keessa darbee akka as gahe beekuun barbaachisaadha.

Murnichi qabsoo Oromoon saboota biroo of cinaa hiriirsee taasiseen injifatamee aangoorraa bu’e. Injifannoo argames gama siyaasaa, dinagdee, hawaasummaafi dippilomaasiitiin bu’aalee guguddoon akka galmaa’an taasiseera jedhu.

Dubbiin ministira muummee gocha murni ABUT iccitiidhaan raawwachaa ture ifatti baasuun ummatniifi miseensotni mana marii bakka bu’oota ummataa dhugaa jiruufi obsaafi dandeettii isaan rakkooleefi danqaalee mudatan keessa ittiin darban akka hubatamu taasiseera jedhu. Kunis Ministirri muummee haadha warraafi ijoolleesaanii alatti erganii hanga aarsaa lubbuutti of qopheessanii hojjechaa kan jiran ta’uu kan agarsiisu ta’uus ibsaniiru.

Ministirri muummee ga’umsaafi dandeettii siyaasaa, hoggansa, teknolojii, kompiyutaraa ga’aafi obsa guddaa kan qaban ta’uus dubbiisaaniirraa hubanneerra kan jedhan hayyuun kun, dandeettiifi ga’umsa qabaniin humna waggoota 27f ummata gidirsaa, walittibuusaafi buqqisaa tureefi erga aangoorraa bu’ees jeequmsa uumaa ture yeroo gabaabaa keessatti to’annoo jala akka oolfamu taasisuunsaanii injifannoo guddaadha jedhu.

Murna ABUT to’annaa jala oolchuun olaantummaa seeraa kabachiisuudha kan jedhan hayyichi, injifannoofi jijjiiramni kun kan gaanfa Afrikaas ta’uu eeru.

Kaleessas har’as biyyattii nagaa dhorkaa kan tureefi jiru murna ABUT waan ta’eef qaamni isa maddii hiriiru kamuu diina Oromoofi saboota biyyattiiti jedhu.

Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 26/2013

Recommended For You

4 Comments to ““Itoophiyaa nagaa dhorkaa kan tureefi jiru murna ABUT” – Pirofesara Gargaaraa Buzaayyoo Daggafaa”

  1. Pingback: live shows

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *