Fedhiifi dhiyeessi sanyii filatamaafi xaa’oo walsimaa hinjiru

Oromiyaatti torban qamadii facaasuu dheengadda godina Arsii Lixaa aanaa Adaabbaafi Dodolaatti jalqabeera.

Waqtiin kun yeroo qamadiin ittifacaafamuu eegale ta’us qonnaan bultoonni aanaalee lamaanii hanqinni sanyii filatamaafi guddistuu callaa kan isaan mudate ta’uu dubbatu.

Obbo Magarsaa Raggaasaa qonnaan bulaa aanaa Adaabbaa ganda Washaati. Akka isaan jedhanitti, fedhiin guddistuu callaa, sanyii filatamaafi makanaayzeshinii qonnaan bultootaa yeroo gara yerootti dabalaa waan jiruuf dhiyeessa waliin walsimaa hinjiru.

Duraan lafa hektaara tokko irraa qamadii kuntaala 15 hanga 20 argachaa akka turan himanii, galteewwan qonnaa fayyadamuun kilaasteraan qotuu erga jalqabanii lafa hektaara tokkorraa qamadii hanga kuntaala 60 argachuuf karoorfatanii hojjechaa kan jiran ta’uu himu.

Hogganaa Ittaanaa Waajjira Qonnaafi Qabeenya Uumamaa aanaa Adaabbaa Obbo Girmaa Fayyisaa akka jedhanitti, aanichi barana guddistuu callaa kuntaala kuma 33fi 985 qonnaan bultootaaf dhiyeessuuf karoorfame keessaa kuntaalli kuma 30fi 500 qonnaan bultootaaf kan dhiyeessan ta’uufi aanichatti fedhiifi dhiyeessi sanyii filatamaafi guddistuu callaa kan walhinsimne ta’uu eeaniiru.

Dhiyeessi keemikaalota farra aramaafi ilbiisotaas yuniyenotaan utuu hintaane daldalootaan gatii olka’aadhaan qonnaan bultootaaf dhiyaachaa jiraachuu himanii, kemikaalotni kunneen yeroodhaan dafanii dhiyaachuu akka qaban gaafataniiru.

Bara darbe lafa hektaara tokko irraa giddugaleessaan qamadii kuntaala 33.4 argamuu himanii, omisha baranaatiin ammoo lafa hektaara tokkorraa qamadii kuntaala 38.5 argachuuf karoorfatanii hojjechaa kan jiran ta’uu himaniiru.

Barreessaa Ittaanaa Waajjira Godina Arsii Lixaa Obbo Abdallaa Ibraahiim akka jedhanitti, barana akka godinichaatti lafa hektaara kuma 349fi 948 sanyiiwwan adda addaatiin uwwisuuf karoorfame keessaa hanga dheengaddaatti lafti hektaarri kuma 111 sanyiidhaan uwwifameera. Lafa sanyiidhaan uwwifame keessaa heektaarri kuma 83 paakeejii qonnaa guutuu fayyadamuudhaan kan faca’e ta’uu himaniiru.

Barana lafti tokkoyyuu sooma hinbulu jedhamee kallattii taa’e milkeessuudhaaf lafa investimantiidhaan qabamee ture hawaasni akka qotu taasisuudhaan lafa qonnaa bara darbee irratti hektaara saddeet dabaluun danda’ameera jedhu.

Qonnaan bultoonni godinichaa kilaasteraan qotuu, sanyii filatamaafi guddistuu callaa fayyadamuu amaleeffataa waan dhufaniif galteewwan qonnaa dhiyeessuurratti hanqinni mul’achaa kan jiru ta’uu himaniiru.

Barana akka godinichaatti xaa’oo kuntaala kuma 433 qonnaan bultootaaf dhiyeessuuf karoorfame keessaa hanga dheengaddaatti xaa’oo kuntaalli 360 qonnaan bulaaf dhiyaateera.

Weerara vaayirasii koronaan walqabatee xaa’oon gara biyyatti galu akka harkifatu taasiseera jedhu. Hanqinni keemikaala farra aramaafi ilbisootaas gara fuulduraatti nu mudachuu waan danda’uuf dhiyeessa keemikaalota kanneenii irratti xiyyeeffannaan kennamuu akka qabu gaafataniiru.

Hogganaa Ittaanaan Biiroo Qonnaafi Qabeenya Umamaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu akka jedhaniitti, naannichatti bara kana lafa heektaara miliyoona lama kilaasteraan qotuuf karoorfamee hojjetamaa jira.

Kufaatii dinagdeefi hawaasummaa sababa weerara vaayirasii koronatiin qaqqabe dandamachuuf qonna irratti xiyyeeffannee hojjechuu qabna jedhaniiru.

Qonni keenya yoo kufe hundi keenya walqabannee kufna kan jedhan Obbo Geetuun, kanaafuu omishaafi omishtummaa qonna naannicha yeroo kamiyyuu caalaatti guddisuudhaaf galteewwan qonnaa haala fooyya’aa ta’een dhiyeessuuf hojjechaa jirra.

Barana qonnaan bultoota naannichaatiif xaa’oo kuntaala miliyoona 6.4 dhiyeessuuf karoorfame keessaa hanga dhengaddaatti kuntaalli miliyoona 5.9 dhiyaateera. Akkasuma sanyii filatamaa kuntaala kuma 728 dhiyeessuuf karoorfame keessaa kuntaalli kuma 400 qonnaan bultootaaf kan dhiyaate ta’uu himaniiru.

Naannichatti fedhiifi dhiyeessi sanyii filatamaafi xaa’oo walgitaa kan hinjirre ta’uu eeranii, hanqina keemikaalota farra aramaafi ilbiisotaa gara fuu’duraatti nu mudachuu danda’u ammarraa eegallee dhiyeessarratti xiyyeeffannee hojjechuu qabna jedhaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

Recommended For You

4 Comments to “Fedhiifi dhiyeessi sanyii filatamaafi xaa’oo walsimaa hinjiru”

  1. Pingback: lsm99
  2. Pingback: online chat

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *