Kutaa 2fa
Morkiin aangoo irratti Shuumiifi Gamaa Mooraa gidduu ture qabbaneessuuf jaarsummaan Luboota Kaatolikii gahee guddaa qaba. Isaanis morkattoota lamaan gaa’elaan walitti hidhuun araara buusan. Waliigalteen gaa’elaa kan raawwate akka amantii Kaatolikiitti utuu hinta’iin akka aadaa Oromootti gaa’ela Seera Rakootiin raawwatame ta’uusaa Lubichi dabalataan ibseera.
Lallabni amantii Luba Maasiyaasiin ta’es walshakkii garee mootolee lamaan gidduu jiru gaa’elaan qabbaneesseera. Ijoolleen mootolee lamaanii Awweetuufi Morkaanis amantii Kaatolikii kanaan waan cuuphamaniifi araarri maatii lamaanii kun akka fiixaan ba’u godheera.
Adeemsa keessa dhimmi waraanaafi ijaarsa raayyaa Gamaa Mooraa qofaan akka raawwatu taasifame. Mootummaan Gamaa Mooraa garuu naannoo Asandaaboo qofatti daangeffame. Sababni isaas Torban Guduruu irri caalaan Abbaa Bokkuu ofiitiin buluuf itti cichanii mootummaa Gamaa Mooraa morman. Gamaa Mooraan humnaafi deeggarsa Luboota Kaatolikii argateen garuu Torban Guduruu to’atee Sirna Gadaa maqsuun mootummaa ijaareera.
Akkuma iddoowwan kan birootti Torban Guduruu keessatti laafina sirna Gadaafi hundeeffama mootummaaf amantiin Kaatolikii qooda olaanaa qaba. Gamaa Mooraa yeroo lubbuun jiru manni sagadaa Kaatolikii (Mikaa’ila kan jedhamu) tokko akka hojjatamu taasiseera. Awweetuun maqaa Kiristinnaa ‘Antoniyoo’ jedhamu yoo kennamuuf innis gorsaasaa isa cuuphee dhukkubarraa isa bayyanachiise ‘Antonio D’Abbadie’ yaadachuuf ture. Awweetuu bara jireenyasaatti wiirtuu Kaatolikii bakka Qobboo jedhamutti garee Luboota Kaatolikii waliin hojii amantii hojjachaa ture.
Haata’u malee, sirni bulchiinsa Gamaa Mooraa aadaa Sirna Gadaa irraa bilisa hintaane. Gorsitoota Abbootii Gadaa ofduukaa hiriirsisuu qofa utuu hinta’iin Gamaa Mooraa faallaa amantii Kaatolikiitiin haadha warraa afur akka qabu himama. Kunis guutummaatti haala jireenya hawaasaa jijjiiruun rakkoo akka fiduu danda’u hubateeti jedhama. Gamaa Mooraa deeggarsa ummataa argatee bulchiinsa dhaalaa kan hundeesses sababa kanaaf ta’uu akka hinoolle tilmaamama.
Aangoon bulchiinsa Gamaa Mooraa ilma isaa Goshuudhaan dhaalame. Goshuun ijoollummaa isaatti abbaan duunaan aangoo qabate. Faallaa abbaa isaa ofeeggannaa malee amantiin Kaatolikii akka amantii hawaasaa Torban Guduruu ta’u labseera. Kunis gama Kibbaan Musiliimota irraa akkasumas hawaasa Guduruu irraas mormii guddaa kan kaasedha. Ta’ullee Goshuun dhibamee daa’imummaatti du’e. Egaa bara 1850moota keessa haala mijataa kan argate mootummaan Goojjam Guduru irratti weerara bane.
Qaccee Mootii Guduruu
Mooraa
Gamaa
Goshuu
Awweetuu
Goshuu
Bara 1950moota keessa weerarri Musiliimotaafi Goojjamootaa kallattii lamaan Guduruu irratti gaggeeffamee mootummaa Guduruu qormaata guddaa keessa galcheera. Mootummaan Guduruus gara Kibbaatiin Musiliimoota isaan mormaniin weeraraman. Weerarri Goojjamootaa tooftaafi humnaan itti caalaa deeme. Haata’u malee abbootiin waraanaa Torban Guduruu gurmaa’uun qabsoo itti fufan. Keessattuu aangootti dhufuufi injifannoon Abiishee Garbaa hamilee loltoota Torban Guduruu cimseera jedhama.
Jalqaba bara 1870moota keessa karaa Mootolee Yohaannis 4fafi Minilik II Mootummaa Goojjam irraa beekamtii argachuun isaa caalmaatti weerara isaa akka baba’ilsu taasiseera. Kunis suuta suutaan Mootichi Adaal Tasammaa (Nigus Takla Haymaanot) humnaafi meeshaa waraanaa cimsatee Mootolee Maccaa gama Kibba laga Abbayyaa jiran akka injifatu isa gargaareera. Mootichi Tigree Yohaannis 4famorkii Minilikirraa qabuuf jecha Raas Adaaliif beekamtii qofa utuu hinta’in humna waraanaa gargaareera.
Yohaannis Mootiin Shawaa Kaaba irraa kan hafe kallattii barbaadeen Minilik akka daangaa isaafi amantii Ortodoksii babal’isu hayyamuun isaas ni yaadatama. Waliigalteen mootoota sadanii kun humna Oromoo cabsuun biyya tokkoofi amantii tokko uumuuf siyaasa isaan hordofan keessatti Oromoofi ummanni Amantii Islaamaa hordofan akka iddoo hinqabaanne taasisaniiru.
Duula yeroo baay’ee Raas Darasuudhaan Horrotti gaggeessameen loltoonni Goojjam hinmilkoofne. Kunis sababa gootummaa Abiishee Garbaafi fincila Oromoo Guduruuti. Kanaaf daangaa babal’ifannaan Takla Haymaanotiifi kufaatiin mootummaa Guduruu seenaa kufaatii mootummaa Abiishee waliin walqabata.
Abiishee Garbaa (1855-76):Giddugaleessi jaarraa 19faOromoo Jaawwii birattis bara cehumsaati jechuun ni danda’ama. Barri 1854/55 yeroo itti Caffeen Bulluq rakkooleen lama isa mudatedha. Isaanis rakkina keessaa (du’a qondaala waraanaa Garbaa Hurruubaafi (Abbaa Abiishee) rakkina alaa (weerara Goojjamootaa)ti. Garbaa Hurruubaa hanga 1855tti tajaajilee osoo bara aangoo Abbaa Duulummaa isaa hinxumuriin dhukkubaan du’e.
Qaawwa baname kana fayyadamuun weerartoonni laga Mormor cehuudhaan saamicha Amuruu, Guduruufi Horro irraan gahaa turan Caffee Bulluqitti dhiphina guddaa fideera. Rakkina kana furuuf yaa’iin Caffee akka walgahuufi qondaala waraana gaggeessu, akkasumas dirqama kana bahuu kan danda’u hatattammaan bakka buufachuun dhimma filannoo hinqabne ta’eera.
Abiishee Garbaa ennaa sana aangoon abbaa isaa dabarfamee akka isaaf kennamu gaaffii Caffeetti dhiyeessee ture. Garuu gaaffichi yaa’ii sanaaf keessummaa ture. Aangoo dhaaluun kana dura kan baratame waan hintaanef hoggantoota Gadaa biratti rifannaa guddaa uumeera. Akka afoolaatti garuu Abiisheen isa Caffeen Bulluq hidda dhaloota warra hangafa keessaa hoggantoota Gadaa filuu aadeeffachaa dhufe quba qabaachuu hinoolu jedhu.
Ciminaafi gootummaa qofa utuu hinta’in hangafoomni ulaagaalee filannoo Gadaa Maccaa isa ijoo ta’aa dhufe jedhama. Kun immoo suuta suutaan bara Gadaa dhufee darbutti irra caalaa warra hangafa abbaa aangoo taasiseera. Akka fakkeenyaatti, aangoon Abbaa Bokkuu Kudha Afran Horroo Gadaa hedduuf harka warra Gutaa yoo turu aangoon Abbaa Duulaa harka warra Gobayyaa ture.
Bara 1850moota keessa yeroo yaa’iin Caffee Bulluq du’a qondaaltichaafi weerara alaan jeeqaman, Abbaan Bokkuu Tooboo Maandiyaa ture. Haala kanaan Abiisheen dhalataa Gobayyaa waan tureef aangoon Abbaa Duulaa naaf ta’a jedhee gaafachuun isaa waan danbii yookaan seera cabse hinfakkaatu.
Qormaata karaa keessaafi alaa itti dhufeef furmaata osoo barbaachaa jiranii gaaffiin Abiishee yaaddoo aadaa cabsuu itti fide. Akka odeeffannoo afaaniitti, dhimma gaaffii aangoo dhaaluu Abiishee irratti yaa’iin taa’ame lamatti qoodamee; kan deeggaruun sagalee kennaniifi kan gaaffichi safuu Sirna Gadaa cabsedha jedhanii balaaleffatan.
Gareen dhaala aangoo morman beellamni qabamee akka duudhaa Gadaatti filannoon akka gaggeessamu yaada dhiheessan. Gareen aangoo dhaaluu Abiishee deeggaran immoo sababa mormisiisaa hinqabaanne innis diina biyya weerare ofirraa qolachuuf barbaachisummaan Abbaa Duulaa dirqama ta’uusaa ibsan. Du’a Garbaa Hurruubaa booda diina ofirraa deebisuuf qondaalli humna waraanaa qindeessuufi lolee lolchisiisu qabaachuun gaaffii filannoo hinqabne ta’e.
Abiisheen dandeettii fardaan loluu Abbaa isaa jalatti barate. Itti dabalees gootummaa qaba. Caffeen Bulluq gaafficha fudhatees, dhisees Abiisheen sababa weerara diinaafi dhiphina murtee kennuu Cafficha mudate fayyadamuun qondaala loltootaa hogganuu qofa utuu hinta’iin mootummaa ofii labse. Yeroo gabaabaa keessatti weerartootatti duulee injifachuu danda’eera. Milkaa’inni kunis miseensota yaa’ii Caffee aangoo dhaaluu isaa morman amansiisuun isaa hinoolle jedhama.
Akkasumas Jimmaa Raareettiifi Jimmaa Gannatiitti Soorii Gelaa, Qadiidaa Wannabee, Jibaati Bushoo Guduruutti, Amuuruutti Kitil Goosuu, Abeetuu Garbaa Kiiramutti, Odaa Jimmaa Giddaatti, Baatii Nigus Limmuutti mootummaa mataasaanii kan sanyiin dhaalamu hundeessanii olaantummaa isaanii mirkneessuuf yaalii godhaa turan.
Kana bira darbaniis walii waliin walitti bu’uun aangoo walirraa fudhachuuf yaalaniiru. Kanaafuu, jaarraa 19fa irraa jalqabee aangoon Sirna Gadaa suuta suuta guutummaa guutuutti harka namoota dhuunfaa seeneera. Ciminniifi gamtaan Oromoo Guduruu Jaawwii du’a Abiishee booda Gojjamootan qabame hanga duulaa Imbabooti hoggansi warra guduruu akka addaan citu ta’e. Alamaayyoo Hayileetiin (Hayyu
9 Comments to “Jijjirama hawaas dinagdeefi Hundeeffama Mootummoota Oromoo Maccaa”