Addooyyee

Addooyyeen hiriyummaa  shamarran  qarreeti. Qarree, dubara reefu geessu, tan rifeensa guduruu haadhatte; tan hinheerumin  ykn walqunnamtii hineegaliini. Hiriyummaan addooyyee kun ummata Oromoo biratti  aadaa kabaja guddaa qabu yoo ta’u, iddoowwan adda addaatti moggaasawwan gara garaa kanneen akka addaarroo, goshoo, daraboo, miiltoofi marii jedhamus qaba.

Addooyyeen aadaa shamarran Oromoo jaalala dhugaa, kabajaafi maalummaa hiriyummaa ittiin agarsiisaniidha. Hiriyummaan kunis dubarri umriin ykn naannawa jireenyaatiin walitti dhihaatan  lama hanga  lubbuun jiranitti  waljaalachuufi waliin dhaabbachuuf waadaadhaan ittiseenamuudha.

Addooyyeen waadaadhaan wixinama. Waadaaan kunis kakuu kan qabaatu yoo ta’u, haalli kakuun kun itti  raawwatamu  sirna mataasaa qaba. Migira luqqisanii gidduusaaniitti qabuun “ Yoon  si gane akkasitti na haa kutu”, jechuun migiricha kutanii walii kakatu; waadaas waliigalu.

   Dubara isii duraa:  Addooyyee, addooyyee

   Dubara isii lammataa: Oo koo( yee)

   Dubara isii duraa: Yoon lammata maqaa kee dhahe, maqaa              koo duuti haa dhooftu.

   Dubara isii lammataa: Koollee duuti haa dhooftu.

                                 “ Gabaa Roobii dhaqii lilmoo adii bitii

                                 “ Lammata yoo maqaan na waamte,

                                   Kiyyoo Rabbii lixii!”

Irbuudha, kakuu kana booda addooyyeen maqaadhaan walhinwaaaman; addooyyee  jedhanii walwaamu malee.  Iddoowwan tokko tokkottimmoo maqaa biraa walii moggaasu; Kumudee, Hanguggee, Bililleefi Marii jedhanii walwaamu.

Addooyyeen erga waadaa walii seenanii maqaa walii mitii kan nama maqaa addooyyeesaanii qabuu hinwaaman.  Yeroo waa’ee nama maqaa addooyyeesaanii qabuu haasa’anillee  ‘Moggoo addooyyee tiyyaa’ jechaa haasa’u.

Addooyyeen  hiriyummaa dhugaati.  Waliin bishaan waraabu, qoraan guuru (cabsu), gabaas bahu. Iddoowwan dhaqan hundatti walbiraa hindhabaman;  hiriyaa kakuutikaa!

– Kan  rakkoo walii qooddatan

– Kan icciittii walii eegan

– Kan sinsinniifi nuffii hinqabne.

– Haalaafi yeroon kan hinjijjiirre

Guyyaa gammachuufi gaddaas waliin dhaabbatu. Addooyyeen yeoo boqonnaasaanii waliin dabarsu. Dhimmoota qaban hundarratti waliin mari’atu.

Gaa’elaaf gahanii yoo kaadhimaman, waa’ee gurbaa fuudhaaf gaafatee iyyaafatanii irratti mari’atu. Mariinsaanii  waa’ee hojiisaa, amala gaarii qabaachuusaa, haala dinagdeefi waa’ee maatiisaa ta’uu danda’a.

Haaluma  kanaan kaadhimummaa guutuufi guutuu dhabuusaa mirkaneessu. Kana malees gammachuufi gadda maatii waliisaaniirratti waliin hirmaatu.  Hunda caalaammoo cidha  waliirraa hinhafan.

Addooyyeen heerumaaf qophooftu maal gochuu akka qabdu  gorsu. Akka isiin haala gaariin bultiisii horattu yaadaan gargaaru. Kana malees waan misirroon fudhattee heerumtu  dhaleefi kennaa meeshaalee manaafi uffatas bitaanii waliif kennu.

Fakkeenyaaf, gundoo, qunnaa, kooboo, qabee annaniifi, sabaree hodhanii walii kennu. Gaafa cidhi dubara heerumtuu san dhihaatummoo waarisiisa waliif sirbu. Heexoo dubarri heerumtu dhuguuf kaates waliin dhugu.

Gaafa cidhichaas, dubara heerumtuuf baye-bayee,tar-tarii, obbee, mararoo, heelleefi kanneen biroo walii sirbanii  boohanii firas boochisu. Mararoo addooyeewwan gaafa heeruma addooyyeesaanii sirban keessaa,

                                   “Simbirree Alamuu  Deeddee

                                       Dalasaa Hoomii

                                   Hiriyee heerumni geessee

                                   Walargaan yoomii?

                                    Walargaa isa guyyaa Waaqii

                                    Hiriyee koo nagaa ta’ii

                                    Yaa quncee baala daannisaa

                                     Misirroo nyaara gaaddisaa

                                     Bor iftaan gaabbinaa

                                     Koottaa hingaggeessinaa”

Mararoon kun Oromiyaa lixaa (Wallaggaatti) beekama. Tartarii isaan gaafa hiriyaansaanii heerumtu jedhan keessaammoo,

                           “Anilee qunnaan sii hodhaa

                            Qunnaa naa hodhii

                            Anis san ilaaleen obsaa

                            San ilaalii obsii

                          Ganama subii gadi bahee

                             Na dhoofte gufuun

                             Mana Kuulliyyoon hin jirre

                            Anuu hindhufuu, na nyaatti mukuun

                          Mana kee citaa kabanii

                              Olgoree manaa si dhabee

                                Ana haa dhabanii

                                Baale hoo, karaan Baale hoo

                                Goshiyyaa baane hoo, addaan baane hoo”

 Jechaa sirbaa , boohanii, warra cidha dhaqes boochisu.  Tar-tariin  Arsiifi Baaletti beekama.  Addooyyeen kunneen kennaa walii kennaniif kajaba qabu. Ija addooyyeesaaniitiin waan ilaalaniif itti hinfayyadaman. Iddoo xuxxuqqiin hinjirreefi qulqulluu ta’e olkaa’u. Yaadannoo bara baraatisi. Kennaa sanitti yaaddoo addooyyeesaanii obsu. Cidha boodas iddoon itti addooyyeensaanii heerumte dhihoo yoo ta’e dhaqanii gaafatu.

Adooyyeen erga heerumanii boodas naannoo tokko jiraatu yoo ta’es hiriyummaan isaanii itti fufa. Hiriyummaa addooyyee kana keessatti gaafa waahilummaan isaanii cimaa deemu  saakumee jedhama.  Saakumeen sadarkaan hiriyummaa  addooyyee cimuu agarsiisa.

Addooyyeewwan hiriyummaansaanii cimee saakumee walii ta’anis, Saakumee ykn Saakuu jedhanii walwaamu.  Addooyyeen jireenya waliiniitiif bu’uuradha. Oromoon sirna Gadaatiin  jireenya hawaasummaa gaammeerraa kaasee hamma gadaamojjiitti  umriidhaan qoodee, namoonni umriidhaan walitti dhihaatan  akka hiriyummaa waliin qabaataniif haala mijeessee jira.  

Hiriyummaasaanii kana keessattis bu’aa bayii jireenyaa qooddachaa, rakkoo waliin dabarsaa, gammachuus waliin hirachaa jireenyasaanii geggeessu.

Namni, nama amanu, icciitii garaa ittihimatu yoo qabaate jireenyi ittihinulfaatu; hamtuus waliin dabarsa. Har’a garuu sun hundi hafeera. Addooyyeenis, saakumeen hinjiru. Addooyyee waliin garuu jireenyi salphaadha.

                          Addooyyee

       Addaar addaarroo

         Geelee geeloo

         Maroo mararoo

        Goshoo garoo

        Leelloo misha too

       Obbolii obboleettoo

      Qaree shamaree

      Daraboo hiree

     Si yaa tirittii

    Hambaa ateetittii

  Tirsa diinqa sadaa

  Kukula raaka madaa

  Marii mararoo

   Dhiba koo furoo

  Koo, yaa hiriyee

  Kudhaama baraa

 Addoo, addooyyee

Maartaa Kabbiteetiin

Recommended For You

75 Comments to “Addooyyee”

  1. Pingback: poker online
  2. Pingback: Chicken Road
  3. Norma ISO 10816
    Aparatos de equilibrado: clave para el rendimiento suave y eficiente de las dispositivos.

    En el campo de la avances actual, donde la rendimiento y la estabilidad del aparato son de suma significancia, los sistemas de calibración juegan un rol crucial. Estos aparatos especializados están desarrollados para equilibrar y estabilizar piezas móviles, ya sea en herramientas industrial, medios de transporte de desplazamiento o incluso en equipos de uso diario.

    Para los especialistas en mantenimiento de equipos y los técnicos, utilizar con dispositivos de calibración es importante para garantizar el funcionamiento suave y seguro de cualquier mecanismo móvil. Gracias a estas herramientas avanzadas innovadoras, es posible minimizar considerablemente las vibraciones, el zumbido y la presión sobre los rodamientos, mejorando la longevidad de elementos importantes.

    También relevante es el tarea que juegan los dispositivos de ajuste en la servicio al consumidor. El apoyo técnico y el mantenimiento regular aplicando estos dispositivos habilitan ofrecer servicios de excelente excelencia, aumentando la bienestar de los clientes.

    Para los propietarios de emprendimientos, la contribución en estaciones de calibración y medidores puede ser esencial para aumentar la productividad y rendimiento de sus dispositivos. Esto es sobre todo trascendental para los empresarios que manejan pequeñas y pequeñas negocios, donde cada punto es relevante.

    Además, los dispositivos de calibración tienen una gran implementación en el sector de la seguridad y el gestión de estándar. Facilitan encontrar posibles defectos, reduciendo arreglos costosas y problemas a los aparatos. Más aún, los resultados obtenidos de estos aparatos pueden usarse para optimizar métodos y potenciar la presencia en buscadores de exploración.

    Las campos de uso de los dispositivos de ajuste cubren múltiples ramas, desde la producción de ciclos hasta el control ambiental. No importa si se considera de grandes fabricaciones de fábrica o modestos espacios hogareños, los dispositivos de calibración son fundamentales para asegurar un funcionamiento óptimo y sin detenciones.

  4. We are looking for some people that might be interested in from working their home on a part-time basis. If you want to earn $500 a day, and you don’t mind developing some short opinions up, this might be perfect opportunity for you!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *