Jijjiirama hawaas dinagdeefi hundeeffama mootummoota Oromoo Maccaa

Kutaa 1fa

Guddinni dinagdeefi jijjiiramni omishaa guddachaa yoo deemu jijjiirama hawaas dinagdee fiduun hinoolu. Haaluma kanaan hawaasa Oromoo keessattis yeroodhaa gara yerootti jijjiiramni mootummaa abbaa irree mul’achaa dhufee ture.

Bulchiinsi sirna Gadaa iddoowwan adda addaafi yeroo gara garaatti kufaafi ka’aa turuun boodarra iddoowwan baay’eetti gara mootumma namtokkeetti guddachaa dhufe.

Kunis yeroo duraatiif Oromoo gara Giddugalaa/Tuulamaa keessatti “Yeeshawaa Sulxaaneet” jedhamuun kan of ijaare yoo ta’u, kunis wiirtuusaanii Willeellee (Shawaa Kaabaa) kan godhatan Oromoota Warjiitiin kan durfamuufi seeraa Gadaa dhiisuun seeraa Shariyaatiin buluun yerootti eegalameedha.

Gareen Oromoota Warjii barsiisaasaanii Makzumiin hogganamu kun bara 896/7-1270 waggoota 390 caalaaf turuunsaa ni beekama. Achuma Tuulamaa gara kaabaatti gareen Oromoo Karrayyuufi Jiillee Argobbaa jedhamuun (Araba gubbaa) Mootummaa Ifaat hundeessee ture. Kufaatii mootummaa warra Musliimaa kana boodas gareen Kiristaanaas iddoosaanii fudhachuun lafa Oromoofi ummata Oromoo keessatti of gurmmeessuun sirna Gadaa laaffisuun mootummaa namtokkee ijaaruu ittifufe.

Oromoon Gadaan jiraatus iddoowwan baay’eetti sirni Gadaa ciccituun otoo jiraatu dhuma jaarraa 18fa keessa mootummaan namtokkee Shanan Gibeefi mootummoonni Leeqaafi Horroo Guduruu Maccaa keessatti cimanii ba’uu qaban.

Mootummaan Sirna Gadaa dadhabaa deemnaan mootummaan namtokkee ykn Fiwudaalotaa jabaachaa dhufe. Kunis jijjiirama hawaas dinagdee Oromoo jijjiiraa dhufe keessatti gareen aangoo ummataa of harkatti qabatee naannoosaa bulchu mul’achaa dhufe. Jarreen kunis Qoroo, abbootii Malkaa, abbootii Biyyaafi kkf jedhamuun beekamu.

Maccaa gara dhiyaa keessattis akkuma mootummaa Shanan Gibeefi Iluu san mootummoonni Guduruu, Leeqaa Qeellemiifi Leeqaa Naqamtee hundeeffamuu qaban. Hundeeffama mootummaa Oromoo Maccaa jaarraa 19fa keessa turanitti otuu hinseeniin dura mootota bara giddugalaa yoo ilaallu seenaa Daamotaa baroota giddugaleessaa hubachuufi sirna konfedereeshinii bulchiinsa Gadaa xiinxaluun dirqama.

Seenaa Oromoo Daamotaa keessatti Mootoleen beekamoo turan Mootii Morkaa Kittaafi (Ca.1296-1392) Mootii Lammiidha. Mootoleen kunniinis biyya Oromoo Maccaafi Tuulamaa malkaa Abbayyaa gamaafi gamanaa kaasee hanga malkaa Awaash gahutti bulchaniiru jedhama. Akka barreeffama Tirimingihamiifi Taaddasaa Taammiraatitti Daamotaan mootummaa bara giddugaleessaa amantiilee Kiristaanaafi Islaamaa kan mormaa tureedha.

Garuu barreessitoonni kunniin Daamotaan gosa Oromoo ta’uusaa hinibsine. Gosni Oromoo Daamotaa Shawaa Kaabaafi Shawaa Lixaa, Wallaggaafi Goojjam keessa jiraachuusaanii ragaaleen ni ibsu.

Kanaaf Oromoo Maccaaf aadaan yookaan sirni mootummaa waan haaraa miti. Sirna Mootummaa itti jiraatee hubate gara Sirna Gadaatti aadaa bulchiinsaa waan guddiseedha malee jaarraa 19fa keessa kan jijjiiramee Sirna Gadaarraa gara bulchiinsa Mootiitti ce’e miti.

Armaan dura gosoonni Oromoo hedduun bulchiinsa konfedereeshiniitiin akka of bulchaa turan ibsineerra. Adeemsa guddina ummataa keessatti konfedereeshiniin baay’achaa deemuun immoo walitti dhufeenya Oromoorratti dhiibbaa akka fide himama.

Haaluma kanaan konfedereeshinoota keessatti suuta suutaan sirni mootummaa bulchiinsa Sirna Gadaa  bakka bu’eera. Kunis Macca keessatti mootoleen hedduun akka uumamaniif sababa ta’eera. Oromoo Maccaa keessatti keessattuu Jaawwii, Leeqaa, Gibeefi Iluu Abbaa Boor keessatti mootolee hedduutu sirna Gadaa cabsee aangoo bulchiinsa namtokkee dhuunfate. Kutaa kana keessatti mootolee kanneen akka fakkeenyaatti seenaa siyaasa Oromoo jaarraa 19fa waliin sakatta’uun kan ilaallu ta’a.

Jaawwii: Oromoon Jaawwii dameee Oromoo Maccaa sulula Mormor Kibbaafi Kaabaa jiraatuudha. Teessumni lafa Oromoo Jaawwii  jireenya namaafi hojii qonnaaf daran mijataadha. Haalli qubsuma Oromoo Jaawwii kallattii hedduun humnoota adda addaatiif saaxilamaa ture.

Kanaafuu diinarraa of tiksuufis ta’e fedhii dhuunfaaf sirni mootii akka hundaa’u haala mijeesseera. Mootummoota uumaman keessaa kan akka Mootummaa Guduruu, Abiishee Garbaa, Odaa Jimmaafi kanneen biroo eeruun ni danda’ama.

Guduruu: Naannoon laga Mormor (Abbayyaa) Kaabaafi Kibbi bakka Oromoon yeroo dheeraaf jiraachaa tureedha jedhama. Isaanis gosa Oromoo Maccaa ta’anii maqaa Jaawwiitii jedhamuun beekamu.

Jireenya  hawaasummaafi dinagdee keessatti hariiroo Oromoon Maccaa hortee Kuush keessattuu Agawu waliin Goojjam keessatti qabu hawaasa eenyummaansaa walxaxaa ta’e uumeera. Kunis gaaffii Goojjameen Amaara moo makaa Oromoofi Agawu isa jedhu deebisuuf rakkisaa taasiseera.

Hiddi dhaloota Walloofi Goojjamee yoo lakkaa’ame Oromoo of keessaa qaba. Garuu dhimma siyaasaatiif eenyummaansaanii Amaara taasifame. Dhimmi ka’umsa barreeffama kanaa hidda dhaloota Goojjamee qorachuu utuu hinta’iin hariiroo ummattoota Mormor kaabaafi kibbaa  keessatti akkaataa ittiin bulchiinsi Sirni Gadaa sirna mootummaatiin bakka bu’e sakatta’uufi.

Kunis bu’aa seenaa mootummaa Daamot, hariiroo Oromoon Maccaa Mootolee Gondor waliin qabu keessatti ilaalama. Akkuma armaan dura ilaalle sirni mootummaa aadaa siyaasa Oromoo keessatti haaraa miti. Seenaa keessatti sirni mootummaafi sirni dimokraasii waljijjiiraa akka turan hubanna.

Naannoo laga Abbayyaa kaabaafi kibbattis jaarraa 16fa duraafi booda kan raawwatane seenaadhuma walfakkaatuudha. Kunis seenaa mootummaa Daamotaa, mootummaa Guduruu, mootummaa Goojjam, Gamaa Mooraa (Guduru), Abiishee Garbaa, Odaa Jimmaafi kan biroo nu yaadachiisa.

Mootummaa Guduruu ilaalchisee gabaasa jalqabaa kan kennan Luba Abbaa Maasiyaas jedhamu. Isaanis Luba Amantii Kiristaanaa Kaatolikii yoo ta’an, bara bulchiinsa Mootii Susiniyoos booda Kaatolikoonni Gondor keessaa gara Tigraayiifi Mitsuwaatti yoo baqatan Lubni kun gara Guduruutti baqateera.

Guduruttis simannaan waan taasifameef lubni kun hojii wangeelaa yeroo dheeraaf hojjateera.  Jalqaba bara 1840 keessa yeroo Abuna Maasiyaasiifi maamiltoonni isaan waliin Guduruutti cehan Oromoon Guduruu sirna Gadaan bulaa ture. Yeroo sana Torban Guduruu keessaa sooressa qabeenya midhaaniifi horii baay’ee qabu Gultii Shuumii jedhamu tokkutu ture. 

Innis qabeenya waan qabuuf sirna Gadaa guutummaatti hincabsiin malee toora sirna mootii gaggeessaa ture. Qabeenyi inni qabu qofti mootii isa taasiseera.  Ilmi nama kanaa Awweetu jedhamu yeroo Lubni kun dhufu dhukkubsataa ture. Haala kana keessatti sooressichi gorsa Luba Maasiyaasiifi D’Abbaadi’e argate. Ilmisaas amantii Kaatolikii fudhatee du’a jalaa akka oole himama.

Torban Guduruu keessatti yeroo Mootii Gultii Shuumii morkataa kan ture immoo ilma guddifataan gara Torban Guduruutti dhufe Gamaa Mooraa nama ture. Haata’u malee, guddisni kun kan gaggeessame eenyuun akka ta’e wanti ifa ta’e hinjiru. Walmorkiin mootii Gamaa Mooraafi Shuumii gidduutti ture nagaan kan xumurame fakkaata malee suuta suutaan olaantummaan Gamaa Mooraa calaqqisaa deeme.

Sababni isaas Gamaa Mooraan ummataafi humna waraanaa isaa biratti fudhatama guddaa argateera. Haala kanaan Gamaa Mooraas Mootii Guduruu beekaafi jaalatamaa turedha.

Innis qawwee hedduu daldaltootaafi namoota biyya ollaa irraa dhufan waan walitti qabateef Guduru keessatti tuuta waraanaa amantii Kaatolikiif waardiyyaa ta’e tokko gurmeessuu danda’era. Kanaafis aangoon Gamaa Mooraa irra cimaa dhufee Torban Guduruu akka tokko ta’an yeroodhaaf haala mijeessee ture.

Ittifufa….

Alamaayyoo Hayileetiin (Hayyuu seenaa)

Recommended For You

5 Comments to “Jijjiirama hawaas dinagdeefi hundeeffama mootummoota Oromoo Maccaa”

  1. Pingback: BAU
  2. Pingback: free cams

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *