Kutaa 5fa
Oromduroofi Gabaroo kan jedhaman garuu irra caalaa Oromoo heeraan malee Seeraan yookaan murtii hin feenu jedhanii mormaa turan kan ibsudha jedhu. Saglan Booranaa boodas maqaa Oromoon Maccaafi Tuulamaa ittiin beekamu ta’e. Milkaa’ina sochii Oromoo (1522-1618) barreessitoonni tokko tokko dandeettii guddifachaafi moggaasaati jedhu. Mahammad Hassan akka ibsetti, jaarraa 17fa keessa walakkaan Itoophiyaa gara Kibbaa Oromootiin jijjiirameera.
Jijjiiramni kunis karaa caasaa bulchiinsaa, hariiroo sirnoota bulchiinsaafi hariiroo Oromoon ummattoota biroo waliin qabudha. Garuu dandeettiin humna waraanaafi bakki itti Oromoon babal’ate duraanuu sabni Oromoo Orom Duroo akka ture dagataniiru. Oromoon nageenya mirkaneeffachuuf tooftaa addda addaa fayyadameeera. Tooftaawwan kanneen keessaa inni guddaan walitti dhufeenya hawaasaa cimsuudha.
Kanaaf immoo Moggaasaafi Guddifachaa Sirna Gadaa keessatti hammachuun dhimma itti ba’aniiru. Haalli kun immoo gosa Oromoo ala kan ta’an waliin hariiroo nageenya qabu akka uuman isaan taasiseera. Qorattoonni sirna moggaasaafi Oroomsuu kunis booda keessa Oromoo Maccaa keessatti bu’uura uumama garaagarummaa hawaasummaa akka uume ibsu. Asirratti kan hubatamuu qabu Oromoon jaarraa 16fa dura irraa eegalee aadaa ittiin orma simatu, simatees walqixxummaan waliin jiraatu qabaachuusaati.
Aadaa guddifachaafi moggaasaa yeroo sanatti Oroomsuuf tooftaa addaa haa ta’an malee har’a sadarkaa addunyaa irratti maloota mirgoonni namummaa ittiin kabajamanidha. Kunis bu’aa Oromooti yoo jechuu dadhabnellee Oromoon jaarraa hedduu dura mirga namummaa bulchiinsa ofii keessatti hojiirra oolchuu isaa ibsuu hindadhabnu.
Seenaan walitti dhufeenya Oromoofi saboota Afrikaa Bahaa bifa kan biroo yoo ilaalamus walitti bui’insa bifa garaagaraati. Walitti dhufeenyi hawaasaa kamiyyuu seenaa wolmorkii qabeenyaa, olaantummaa hawaasummaafi siyaasaatiin calaqqisa. Humni ummattoota walitti buusu inni guddaan fedhii olaantummaa qabaachuu yoo ta’u, gareen tokko yoo weerara kaase gareen kan biroon immoo qabsoo diddaa gabrummaa gaggeessa.
Kallattii biraatiin yoo ilaalamus seenaa qubsumaafi walitti dhufeenya saboota Afrikaa Bahaa keessattis qabeenya uumamaa kan akka lafaafi bishaanii iddoo olaanaa qaba. Hundeeffamniifi sochiin konfedereeshinii Booranaafi Bareentuu jaarraa 16fas bu’aa hariiroo saboota Afrikaa Bahaa ta’uun isaa nama hin shakkisiisu. Jaarraa 16fa dura waggoota dheeraaf waldorgommiin giddugaleessa Itoophiyaa qabachuu mootummoota Kiristaanaa, Islaamaafi Kuushota gidduu akka ture seenaan ragaa baha.
Amaloota humnoota yeroo sanatti waldorgomaa turan keessaa tokko teessoo bulchiinsaa dhaabbataa dhabuu ture. Teessoon bulchiinsaa yeroo yerootti sababa walitti bu’insaan jijjiiramaa ture. Hundeeffamni wiirtuu Gadaa Madda Walaabuufi haaromsi Sirna Gadaa jaarraa 15fa bu’aa walitti bu’insa yeroo dheeraa Oromoon humnoota Kaaba Baha Afrikaatti walmorkataniiti. Kanaafuu, konfedereeshiniin Booranaafi Bareentuu Gadaa kan haaromsatan dhiibbaa gama kamiinuu irratti gaggeessamaa ture ofirraa ittisuuf ture.
1.4 Walitti Bu’insaafi Qabsoo Oromoo Jaarraa16fa
Akkuma kutaa olaanu keessatti ibsuuf yaalle waraanni Giraanyis ta’e sochiin konfedereesii Booranaafi Bareentuu bu’aa walitti dhufeenya hariiroo ummattoota Afrikaa Bahaa keessatti fedhii olaantummaa qabaachuuti. Walitti bu’insi Oromoofi bulchiinsi sanyii Salamoonawaa jedhus baruma hundeeffama bulchiinsa gonfoo sana ta’uu akka hinoolle ragaalee tokko tokkorraa hubachuun ni danda’ama.
Sababni isaas imaammanni mootummaan Kiristaanaa gurguddoon sadan isaanis hortee Kuush kan akka Agawu, Beejjaa, Oromoofi kan biroo aangoo dhabsiisuu, daangaa babal’ifannaafi Amantii Kiristaanaa babal’isuun imaammata faallaa fedhii Oromooti. Beejjaan fincilee kufaatii Mootummaa Aksumiif sababa waan tureef akka diina mootummaa Kiristaanaatti ilaalama.
Agawu immoo kufaatii Aksum booda aangoo safuu dhaala aangoo cabsee fudhate waan ta’eef akka diinaatti ilaalame. Humnoonni gara Kibbaa yookaan giddugaleessa Itoophiyaa har’aa turan keessattuu biyya Mootittii Guddittii jedhamee shakkamu barbadaa’uu Aksumiif sababa waan tureef humna hatattamaan to’annoo isaanii jala ooluu qabu ta’uusaa beekamaadha. Karaa Bahaa immoo xiyyeeffannoon mootummaa Kirstaanaa mootummaa Islaamaa barbadeessuufi hariiroo biyya alaaf hulaa argachuu ture.
Akka dokumentiin Kibre Nagast ibsutti, mootummaa Abisiiniyaa kan aangoo dhaaluu danda’u nama sanyii Mootii Jiwuush Salamoon qabu qofa. Kanaafis Mootonni Abisiiniyaa “Nuti mootii Mootota Itoophiyaati” ofiin jedhu. Akka aadaa sanaatti mootiin tokkuma. Innis Mootii Mootota Itoophiyaa (biyya gurraachotaa daangaan isaa bal’aa ta’eefi biyya Misiraa hanga Galaana Hindiitti bal’atudha.) Sababa mootummaan Abisiiniyaa eenyummaa ergifatee saboota humnaan qabaterratti fe’uuf mootummaa ijaaramu keessatti imaammata kana kan simatu hin turre.
Kanaaf egaa Oromoon waraana daangaafi amantii babal’ifannaa irraa kan ka’e wiirtuu bulchiinsa Gadaa giddugaleessa Itoophiyaarraa suuta suutaan gara Madda Walaabuutti kan jijjiirratan. Akka ragaan seenaa ibsutti, jaarraa 13fa keessa bara 1215-1312tti Abuna Takla Haymaanot Yaayyaafi Galaan irratti duula amantii babal’isuun akka milkaa’e himama.Yeroo sanatti Yaayyaafi Galaan ayyaana Qorkee jedhamuuf muka jalatti akka faarsatan ibseera.
Qorkee jechuun maqaa ayyaana mukaa gurguddaa, tulluuwwaniifi lageen keessa qubata jedhamee amanamudha. Akka ragaa kanaatti, gara Lixaafi Bahaatti ummata aadaa walfakkaatu akka isaan mudate warri amantii babal’isaa turan ibsaniiru.Yeroo sanatti egaa Oromoon Yaayyaafi Galaan kun Odaa Nabee akka wiirtuu Gadaatti tajaajilamuun isaanii akka hinoolle shakkama.
Wanti asirrati dagatamu hin qabne Abbaa Takleen utuu hindhaltin duran naannoo Kaaba shawaa yeroo ammaa salaale jedhamu kana mootummaan Daamoot akka tureefi Abba Libaanoosee nama Horaa jedhamuun achii akka ari’aman qorannoo seenaa Oromoo jaarraa 16fa keessati ifa ta’eera. Akka Baahireen barreessetti, Galaan akka gosa hangaftuutti ilaalama; Sirna Gadaafi amantii Oromoo keessatti iddoo olaanaa qaba.
Yaayyaanis Oboo ta’e akkasuma Salaaleefi Oromoo karrayyuu keessatti gosa beekamaadha. Kanaaf Galaaniifi Yaayyaan gosoota Oromoo yeroo sanattis ta’e amma giddugaleessa Itoophiyaa har’aa keessa jireenya dhaabbataa qonnaan bulaanfi horsiisee bulaa ta’e jiru Oromoon jaarraa 16fa akka biyya kana seenee barsiisa. Kan biraa yeroodhuma kana sochii amantaa kiristaanaa lallabu kan morman gaggeessan seera gadaa Abbaan Muudaa waan isaan rakkiseef tarkaanfiin irratti fudhatame.
Dhiibbaa kanarraa kan ka’e Abbaan Muudaa Odituu kan warra Marii Galaan akka ajjeefameedha, Sana boodas wiirtuun Gadaa Odaa Roobaa tilmaamaan bara 1316 akka hundeeffame himama. Dhiibbaan kallattii lamaan mootummaa Kiristaanaafi Islaamaa irraan gahe Oromoon wiirtuu Gadaa Odaa Nabee irraa gara Odaa Roobaa darbees waggoota dhibba boodas rakkinuma walfakkaatuun gara Madda Walaabuutti akka jijjiirratu dirqisiiseera.
Akka Christophor Ehret,jaarraa 13fa n yeroo raakama siyaasaafi itti walmorkiin aangoo gidduugaleessa Itoophiyaatti keessattuu Kaaba sulula Awaashitti garee sadii gidduutti cimedha.Walmorkiin kunis irra caalaa daangaa babal’fachuufi daandii daldalaa to’achuu ture. Akka Nagaasoon eeretti, dhiibbaan kun bara bulchiinsa Amdatsiyoon cimeera. Innis seenaa yeroo sanaa akkasitti ibseera.
The religio-political center of the Oromo during the reign of Amdetsion (1314-1344) is given as Katata. It was then transferred to Dawwaro during the same period; from Dawwaro the center moved to Odaa Nabee and remained there for a longer time.
Dawwaaroon Kaaba Baha Shawaa akka ta’eefi biyya gosa Oromoo Laaloo ta’uun beekama. Taaddasee Taammiraat seenaa waraana mootummaa Kiristaanaafi Ifaat gidduu jaarraa 14fa keessa ture yeroo ibsu yaada armaan gadii kaa’eera. “In the Adaal region, the hot lowland plains were largely inhabited, it appears, by-the eastern Kushitic group of people represented today by the Soho, Afar, Somali, and {Oromo}.”
Kunis Kaaba Baha Shawaatii eegalee sululli Awaash biyya hortee Kuush isaanis Sahoo, Affaar, Somaaleefi Oromooti jechuu isaati. Sababa waraanni hammaateef mootich Ifaat Haqaddiin II (I363/4-I373/4) teessoo bulchiinsaa Ifaat irraa gara Kibba Bahaa Wahalitti akka jijjiire Taaddaseen dabalataan ibseera. Haaluma walfakkaatuun Nagaasoon qorannoo isaa keessatti dhiibbaan bara bulchiinsa Amdatsiyoon akka wiirtuu Gadaa Oromoo Dawwaaroo irraa gara Kibbaatti jijjiiramu sababa ta’eera.
Sababa kanaanis ijoolleen Laaloo torban wiirtuu Gadaa Kattaafi Dawwaaroo irraa akka buqqisan darbees akka baay’een isaanii booji’aman yookaan godaanan taasisameera. Karaa biraatiin jaarraa 13ffaa keessa mootummaa Kiristaanaa dhiibbaa geessisuu danda’u uumamuun isaa sochii ummataa Bahaa gara Lixaafi kibbaa gara Kaabaa ittisuu danda’eera. Darbees walitti- bu’iinsi Allaabduu (Gujii) loltoota Zaaraa Yaa’iqoob waliin walakkeessa jaarraa 15fakeessa naannoo haroo Laangaanootti taasisan fakkeenya guddaadha.
Egaa jaarraa 15fa keessa sababoonni haaromsa Sirna Gadaafi tokkummaa Oromoo barbaachise dhiibbaa jaarraa hedduuf Oromoo irratti aggaamame ta’uusaati. Kanaaf egaa waraanni qabsoo Madda Walaabuu irraa buttaa buttaan kan gaggeeffame darbees Oromoon mootummaa Habashaa “Sidaama” (diina hamaa) jedhee kan itti moggaase. Kunis saba Sidaamaa otoo hinta’iin waraana waggoota hedduuf isaan falmeedha.
Alamaayyoo Hayileetiin (Hayyuu Seenaa)
12 Comments to “qubsuma Oromoo”