Kutaa afraffaa
Haata’u malee seenaa Oromoo jaarraa 16fa seenaa ummattoota Kaaba Baha Afrikaarraa gargar baasnee ilaaluu hindandeenyu. Sochiin Booranaafi Bareentuu jalqaba jaarraa sana keessa eegale bu’aa hariiroo ummattoota jaarraa sana dura tureeti. Keessattuu hundeeffamni mootummaa Kiristaanaafi duulli daangaa babal’ifannaa jaarraa sadiif (13fa hanga 16fa) gaggeessame addatti hortee Kuush irratti dhiibbaa olaanaa geessiseera.
Dhiibbaan sunis hortee Kuush addatti immoo Oromoo, kaabaa biyaa kanaa irra fageessu Hadiyyaafi Sidaamaa giddugaleessaafi Kibba Bahaa Itoophiyaarraa gara Kibbaatti dhiibeera. Ummata Oromoo jaarraa 16fa dura wiirtuulee siyaasaafi hawaasummaa Mormor, Katataa, Fugugiifi Odaa Nabee taasifatee Sirna Gadaan bulaa ture irratti sababa dhiibbaa siyaasaafi amantii irraan gaheef wiirtuu Gadaa Tuulamaarraa gara Kibbaatti akka jijjiirratan dirqisiiseera.
Dhiibbaan kun bara Oromoonni Warjii 896/7 amantii isilaamaa achitti babalisanii eegalee hanga bulchiinsa Mooticha Zaaraa Yaa’iqoob (1434-1468) waan itti jabaateef Oromoon bara 1449 Madda Walaabuutti Sirna Gadaa haaromsatee diina cabsuun walabummaa gaggeesseera.
Baruma kana waraanni mootichaa Oromoota sirna Gadaan bulaniifi mootummaa Ifaat, Sidaamaafi Hadiyyaa irratti waan cimeef Ifaat mootii isaa Ahmad Badley yeroo dhabu Oromoon kiristinaatti makaman, Sidaamaafi Hadiyyaan mootichaaf gabbaruuf dirqamaniiru.
Seenaan sochii ummata Baha Afrikaa yoo xiinxalamu keessattuu Itoophiyaa keessatti sochiin ummataa irra caalaa jaarraa 16fa dura Kaabarraa gara Kibbaatti yoo ta’e jaarraa 16fa tii eegalee garuu Kibbarraa gara Kaabaatti yookaan Baharraa gara Lixaatti ture. Kunis jaarraa 19fairraa eegalee hanga har’aatti sochiin ummataa Kaabarraa gara Kibbaatti raawwatame.
Ethiopian history has a particular tendency to repeat itself. The military exploits of King Amdii-Siyon strongly remind one of the great achievements of the Aksumite kings Ezana and Kaleb on whom he seems to have modeled himself. More recently, in the nineteenth century.
The extensive conquests and expansion of Amdii-Siyon were dramatically re-enacted by Emperor Minilik who, just like his fourteenth century predecessor, had the Shewan plateau as the center of his military activities. It remains to be seen, however, whether Minilik and his successors have been more successful than their medieval counterparts in the essential task of building an Ethiopian nation.
Kana jechuun duulli daangaa babal’ifannaa jaarraa 16ffaa duraafi jaarraa 19ffaa boodaa akka walfakkaatu ibsa. Kunis hortee Kuushiif mootummoota Afrikaa Bahaarratti dhiibbaa akka irraan geessise xiinxaluun hin ulfaatu.
Adeemsa kana keessatti ta’a egaa wiirtuun Gadaa Oromoo Odaa Nabeerraa gara Odaa Roobaa sanarraas gara Madda Walaabuutti kan jijjiirame. Kana jechuun immoo ummata Oromoo hundatu wiirtuulee Gadaa waliin godaane jechuu miti.
Fakkeenyaaf teessoon mootolee Mootummaa Kiristaanaa yoo xiqqaate waggoota dhibba sadiifi walakkaaf dhaabbataa hin turre. Bara hundeeffama bulchiinsa dhaalaa Salamoonawaa (1270) eegalee hanga hundeeffama Gondoritti (1636)tti wiirtuun bulchiinsa mootummichaa iddoo tokkorraa gara iddoo birootti socho’aa ture. Kun immoo sababa bulchiinsa tasgabbaa’e hundeessuu dadhabaniifi fedhii daangaa babal’ifannaa waliin walqabateeti.
Sababni inni tokkoffaan akkuma Baahireen ragaa bahe bulchiinsa cimaa akka hin ijaarre gufuu isaanitti ta’eera. Sababni inni lammaffaan immoo mootummaan Kiristaanaa abboomuu waan barbaaduuf ummata olloottan isaa waliin diina yeroo dheeraa akka ta’u taasiseera.
Seenaa kana waliin walqabatee wiirtuuleen Gadaa sababoota uumamaafi namtolcheetiin iddoodhaa iddootti yoo socho’e taatee seenaa Oromoo keessatti qofa raawwate miti.
Akka ragaaleen tokko tokko ibsanitti, Oromoon jaarraa 16fa naannoo lageen gurguddoo kanneen akka Mormor, Awaash, Gibeefi Gannaalee akka jiraachaa ture himama. Kun immoo daangaan yoo xinnaate Kaabaan Laga Abbayyaa gara Kibbaafi Bahaatti, karaa Bahaa naannoon Awaash, karaa Kibbaa naannoon laga Gannaaleefi Lixaan naannoon Gibee biyya Oromoo akka ta’e tilmaamuun hin ulfaatu.
Qubsumniifi qabiyyeen lafa Oromoo yeroo ammaa mul’atu seenaa haaromsaa Sirna Gadaa jaarraa 15fafi sochii konfedereshinii Booranaafi Bareentuu waliin wal haa qabatu malee sochii Booranaafi Bareentuu dura Oromoon dachee Oromoo daangaalee eeraman kanneen irra hinjiru jechuu miti.
Qubsumni gosoota Oromoo gurguddoon keessattuu haala teessuma lafaafi lageen gurguddoo Oromiyaa kan akka Gooliina Mille, Awaash, Gibee, Gudar, Gannaalee, Dawwaa, Dhidheessa, Daabus Lagaa Xaanaa akkasumas Mormor waliin ta’uunsaa beekumsa Oromoon iddoowwan kanneeniif qabu mul’isa. Oromoon ummata yeroo dheeraaf beellada horsiisuufi midhaan oomishuun jiraataa ture waan ta’eef iddoon biyyee lafa bishaaniin badhaadhe daran barbaachisaa ture.
Qubsuma Oromoo Itoophiyaafi Keeniyaa keessa jiru
Maddi: Asmaroom Laggasaa (2000)
Oromoo qubata duraa Afriikaafi tamsa’ini isaas Kaabaa hanga Bahaa akkasumas hanga Kibbaati kan faca’eedha. Kaartaan asirratti mula’atu kunis yeroo ammaa qabiyyee Oromoon irra jiruufi iddoo afaaniifi aadaansaa itti mul’atuudha.
1.3 Hariiroo Oromoofi Saboota Afrikaa Bahaa
Ardii Afrikaa keessatti hundeeffama mootummaa waliin walqabatee hariiroon saboota gidduu ture haala jijjiirrachaa deemuu isaa qorattoonni seenaa ni ibsu. Hariiroon saboota gidduu bara hundeeffama mootummootaa duraa ture amala jijjiirrachuun gareen gurmaa’inaafi humna qabu garee laafaafi gurmaa’ina hinqabne qabeenya irraa saamuuf sirna gabroomsuutti cehe. Kunis haalaafi iddoo adda addaatti amala garaagaraa haa qabaatu malee ardii Afrikaa guutuu keessatti mul’ateera.
Mootoleen Afrikaa keessatti hundeeffamuun hariiroo Awurooppaanotaa argataniifi meeshaa waraanaa harka galfatan garee laafaafi gurmaa’ina siyaasaa hinqabne salphaatti to’achuu danda’aniiru. Seenaa Afrikaa Bahaa bara giddugaleessaa yoo ilaallu, seenaa waldorgommii daangaa babal’ifachuufi hariiroo biyya alaa qabaachuu ture. Afrikaa Bahaa bara giddugaleessaa kan adda taasisu bulchiinsaafi ijaarsa mootummaa keessatti amantiin qooda guddaa qabaachuu isaati.
Amantiin Kiristaanaa qaama mootummaa Abisiiniyaa yoo ta’u, Amantiin Islaamaa bulchiinsa mootummoota Islaamaa Amiirota keessatti ulaagaa tokkummaafi daangaa babal’ifannaa ture. Yeroo sanatti hawaasni sirni walfakkaatuufi bulchiinsa tokkummaawaa hinqabaanne weerara garee amantiin qindaa’eef saaxilamaniiru. Kutaa kana keessatti hariiroo saboota Afrikaa Bahaa toora seenaa kana keessatti ilaalla.
Afrikaa Bahaa keessatti walitti dhufeenya Oromoon saboota kan biroo waliin qabaataa ture bifa lamaan ilaaluun ni danda’ama. Kunis walitti dhufeenya nageenyaafi walitti bu’iinsa irratti hundaa’e. Aadaan ummata tokkoo akkaataa walitti dhufeenya ummanni sun ummata kan biroo waliin qabu murteessa. Haalli jireenya saba sanaa, qabeenyi, fedhiifi ijaarama hawaasummaa, seenaafi kan kana fakkaatan sabni tokko hariiroo nageenyaa yookaan diinummaa saboota ollaa waliin akka qabaatu taasisuu danda’u.
Kutaa kana keessatti walitti dhufeenya Oromoon saboota Afrikaa Bahaa keessatti jala bultii waraana buttaa jaarraa 16fafi isa booda qabaataa ture ilaalla. Hariiroo yeroo adda addaafi haala adda addaa keessatti diinummaafi michummaa uumamuu hinoolu. Walitti dhufeenyi kunis seenaa siyaasa Afrikaa Bahaa keessatti iddoo olaanaa qaba.
Bu’aa aadaan Oromoo ijaarama biyya Itoophiyaa ammayyaa keessatti qabu barreeffama kan biroo keessatti ilaalla. Kutaa kana keessatti garuu baroota waraana buttaa jaarraa 16fa duraafi sanaan boodaa keessatti qabsoo Oromoon gaggeesseefi adeemsa haaromsuu irratti xiyyeeffanna.
Garee Oromoo Sirna Gadaa Madda Walaabuutti haaromsate darbees gurmuu yookaan konfedereesii Booranaafi Bareentuutti wal ijaaree duula walabummaa eegale yeroo sanarraa eegalee Sirna Gadaa keessatti olaantummaa bulchiinsaafi aadaa akka qaban himama. Olaantummaa aadaafi siyaasaa ilmaan konfedereesii Booranaafi Bareentuus bulchiinsa Sirna Gadaa jaarraa 16fa boodaa keessatti akka calaqqisaa ture ragaan seenaa ni ibsa.
Booranni akka qulqulluuttiifi hangafaatti yoo ilaalamu kan Boorana hin ta’iin sadarkaan lammummaa isaafi gaheen Sirna Gadaa keessatti qabu gadi aanaadha. Kun immoo Barreentuma keessatis kan raawwachaa ture yoo ta’u, caalmaatti konfedereesii Booranaa keessatti hanga yeroo dhiyootti ni mul’ata. Akka qorannoon tokko tokko ibsutti, Saglan Booranaafi Torbban Bareentummaa naannoo Madda Walaabuutti tokkummaa qabaachuu irraa kan ka’e dandeettii waraanaan baay’ee cimoo turan.
Kanaafis yeroo gabaabaa keessatti sirna Guddifachaafi Moggaasaan kooluufi Meedhachaa akkasumas Hirkifataafi kooluu miseensa baay’ee akka itti horatan dubbatama. Dandeettii kanaan immoo ummattoota naannoo isaanii yeroo gabaabaa keessatti to’achuufi gabbarsiisuu danda’an. Ummattoota ofitti dabalanis Boorana qulqulluu ykn warra seeraafi heera qaban irraa addaan baasuuf maqaa Gabra jedhu itti moggaasan jedhama.
Gabra yookaan Gabaroon baay’ina akka qabu himama. Kanaaf ilmaan Maccaafi Tuulamaa biratti Saglan Booranaa, torban Baarentummaa, Sagaltama Garbaa yoo jedhamu Boorana Kibbaa biratti baayye hin beekamu. Saglaan Booranaa kun garuu bu’uura waraanaa akka ta’e himama. Kunis baay’ina namoota Oroomsanii (Moggaasanii) ibsuu akka hinoolle dubbatama. Kunis adeemsa Oroomsuufi hariiroo ilmaan Booranaa Orom Duroo waliinis ta’e ummattoota kan biroo waliin qaban irratti dhiibbaa guddaa qaba.
Sirni kunis hawaasa Oromoo keessatti hariiroo hawaasummaaf bu’uura ta’eera. Haata’u malee, ilmaan Gabraa (Gabaroo) hangafummaa dhabuurraa kan hafe akkuma ilmaan Booranaa mirga kamuu qabu. Adeemsa Oromoomsuu keessatti guddifachaa ykn moggaasaan sirna tokko gooftaa kaan immoo garba taasisu miti.
Miseensi guddifachaan hawaasa Oromootti makame mirgoota miseensummaa guutuu qaba. Gaheen Saglan Booranaa bulchiinsaafi aadaa hogganuu yoo ta’u, ilmaan Gabraa miseensummaa Gadaa keessatti qooda wal qixaa qabaatu. Gama biraan Oromoon Gabraa Gadaa ofiis akka qabu amma ifa ta’aa dhufeera. Kunis qorannoof banaa ta’uu qaba jenna.
Alamaayyoo Hayilee (Hayyuu Seenaa)
4 Comments to “Maddaafi Qubsuma Oromoo”