Lafa fardeen irra garmaamaa turanitti omisha garbuu kilaastaraan misoome
Yeroo ammaa ummatni Oromoo seenaa qabsoo siyaasaa gaggeessaa ture injifatee warraaqsa misooma dinagdee keessa seenuun tattaaffii olaanaa taasisaa jirudha. Keessamattuu ummatichi wabii midhaan nyaataatiin akka ofdanda’uuf qabeenya lafaafi bishaanii qabutti fayyadamuudhaan akkaataa itti kilaastaraan itti omishuun danda’amuufi omishaalee galteewwan indastirii ta’anirratti xiyyeeffatamee hojjetaa jira.
Naannoon Oromiyaa misooma qonnaatiin lafee dugdaa biyyattii taatee tajaajilaa kan jirtu yoo ta’u, keessumaa ammoo Arsiifi Baaleen kilaastara misooma jallisiitiin midhaanota kanneen akka qamadiifi garbuu, akkasumas kuduraafi muduraa omishee gabaa giddugaleessaaf dhiyeessuutiin beekamu. Muuxannoo godinaalee lameen kana keessatti argamuun bu’aa qabeessa ta’e barana gara godinaalee Oromiyaa saddeetitti babal’isuun danda’amuusaas beekameera.
Haala kanaan kilaastara misooma jallisiitiin godinni Shawaa Kaabaas omisha garbuu nyaataafi biiraa ji’oota afur keessatti lafa hektaara kuma lamaafi 800rratti misoomsuutiin kan milkaa’e waan ta’eef, hoggantootni godinaalee Oromiyaa tibbana daaw’ataniiru.
Omishni garbuu kunis kilaastara jallisiitiin godinichatti gandoota aanaa Jiddaa saddeet keessatti eegalamuunsaa haaraa waan tureef, jalqabarratti qonnaan bultoota biratti sodaa uumee ture.
Obbo Darajjee Taaddasaa Godina Shawaa Kaabaatti jiraataa Aanaa Jiddaa, ganda Siibaa Sirxii yoo ta’an, qonnaan bultoota kilaastara jallisiitiin gurmaa’anii omisha garbuu nyaataafi biiraa misoomsaa jiran 36 keessaa tokko ta’uu dubbatu.
Qajeelfama bulchiinsiifi ogeessotni qonnaa aanichaa kennanirraa ka’uun lafa qonnaa qabanirraa hektaara tokkoofi walakkaa misooma jallisii garbuuf qopheessuusaanii yaadatu.
Lafa qonnaa misooma jallisiif qopheessanis Amajjii jalqabaarraa kaasee mijeessaa kan turan yoo ta’u, haalli qilleensaa naannawichaas mijataa ta’ee waan argameef jalqaba Guraandhala keessa sanyii filatamaa karaa waajjira qonnaa dhiyaatetti fayyadamuun facaasuusaanii himu. Erga sanyii garbuu nyaataafi biiraa facaasanii boodas gorsa ogeessota qonnaa sirnaan hojiirra oolchuun waantota hojjetamuu qaban maraa hojjechaa turreerra jedhu.
Qonnaan bultoota kilaastara misooma jallisiitiin gurmaa’an 36 waliin garbuu kuntaala tokko qofa facaasuu danda’uusaanii kan dubbatan Obbo Darajjeen, haalli asheeta garbuu abdachiisaa waan ta’eef kuntaala afurtamaa hanga jaatamaa argachuuf karoorfataniiru. Lafa qonnaa gabbataa omisha midhaanota addaddaaf mijataa ta’e yaa qabaatan malee keessumaa misooma jallisii caalaatti si’eessuuf hanqinni maashinii bishaan itti harkisan akka rakkootti isaan mudachaa jiraachuu eeru.
Rakkoosaanii kanas irra deddeebiin Waajjira Qonnaa Aanaa Jiddaaf dhiyeessaa turaniyyuu deebii osoo hinargatiin jirra jedhu. Kanaafis Biiroon Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa akkasaaniif furuuf gaafatu. Daandiin gandoota aanichaa walqunnamsiisus hangas mara waan hinjirreef bulchiinsi godinichaa itti yaaduu akka qabu gaafatu.
Obbo Fiqiruu Hundees akkuma Obbo Darajjee qonnaan bultoota ganda Siibaa Sirxii kilaastara misooma jallisiitiin gurmaa’uun garbuu nyaataafi biiraa omishaa jiran 36 keessaa tokko yoo ta’an, gorsa ogeessota qonnaafi deggarsa dhaabbilee misooma qonnaatiin hojii boonsaa naannoo Oromiyaafi biyyattiif bu’aa guddaa kennu hojjechaa jiraachuusaanii dubbatu.
Jiddi akkuma qabsoo siyaasa Oromoo keessatti gahee guddaa bahachaa turte kan dubbatu Obbo Fiqiruun, misooma qonnaa finiinsuutiin hiyyummaa seenaa taasisuuf haala qindaa’aa ta’een tattaafachaa jiru.
Keessumaa ammoo aanichi midhaanota addaddaa omishuuf haala qilleensaa mijataafi lafa gabbataa waan qabuuf kutannootiin hojjechaa akka jiran himu. Midhaanota omishuun cinattis beeyladoota horsiisuurrattis bobba’anii fayyadamummaa isaanii mirkaneeffachaa akka jiranis ni dubbatu.
Rakkooleen misooma qonnaa keessa jiran hedduu ta’aniyyuu kanaan osoo hindaangeffamiin hojjechaa jiraachuu kan himan Obbo Fiqiruun, omisha garbuu misoomsaa jiranirraa tilmaamaan kuntaala shantama argachuuf abdii akka qaban himu. Hundarra ammoo kilaastara misooma jallisiitiin Jiddaa keessatti garbuu omishuun kan jalqabaa waan ta’eef hedduu itti gammaduusaaniis ibsu.
Kanaan booda mootummaarraa maal akka barbaadan gaafatamanii yoo deebisanis, “Jiddaatti sochiin misooma qonnaa baranaa walta’insaan hojjetamaa waan jiruuf baay’ee si’ataadha. Wayita ammaa garbuun nyaataafi biiraa omishamaa jirus bu’aa waliinii ta’uusaa kan agarsiisu waan ta’eef, caalaatti hojjechuuf kutannoofi qindoomina gaafata.
Ta’us daandiin gandoota aanichaa walqunnamsiisu baay’inaan hinjiru. Warshaaleen addaddaa akkuma Shawaa Kaabaattuu baay’ee muraasa waan ta’eef mootummaan dhaabbilee misoomaa waliin ta’uun irratti hojjechuu qaba” jechuun ibsu.
Hogganaa ittaanaan Biiroo Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuus sirna daaw’annaa omisha garbuurratti argamuun haasa’a taasisaniin akka naannichaatti barana waliigalaan midhaanota callaa kuntaala miliyoona 36 ol omishuuf karoorfamee hojjetamaa jira.
Kunis qonnaan bultoonni waqtiilee arfanitti fayyadamanii misooma qonnaarratti cichanii akka hojjetaniif karaa kan saaqu waan ta’eef, akka carraa gaariitti fudhatamuu danda’eera jedhu.
Akka biiroosaaniittis wayitii kamittuu kilaastara misooma jallisiifi kan birootiin hojjechuun bu’aa qabeessummaansaa qorannootiin waan mirkanaa’eef omishaalee garbuu, qamadiifi boqqolloo, akkasumas kuduraafi muduraa hojjechuun barbaachisaa ta’uus eeru. Hundarra ammoo misooma qonnaa keessatti kilaastaraan omishuun callaa qonnaan bulaa guddisuunsaa waan itti amanameef mootummaan irratti xiyyeeffatee hojjechaa akka jiru yaadachiisu.
Waggoota darban keessa godinni Shawaa Kaabaa omisha garbuu kilaastaraan omishee hinbeeku kan jedhan Obbo Geetuun, barana garuu si’a jalqabaatiif lafa fardeen garmaamaa turanirratti omisha garbuu nyaataafi biiraa kilaastaraan misoomsuun danda’amuu eeran.
Qonnaan bultootni aanichaa si’a jalqabanis shakkii guddaan isaan keessatti uumame ture. Ta’us ji’oota muraasaa booda biyyeen godinichaa garbuu omishuuf mijataa ta’uunsaa ijaan argameeraa jedhu. Kanaaf ammoo tumsi dhaabbileen misoomaa kanneen akka Giddugala Qorannoo Qonnaa Hoolataafi Warshaa Biiraa Asallaa olaanaadha jedhanii, kanaafis galateeffataniiru.
Shawaa Kaabaatti kilaastara misooma jallisiitiin garbuu omishuun barana yaa jalqabamu malee godinaalee Arsiifi Baaleetti erga ittiin hojjetamuun bu’aa argamsiisuu jalqabee bubbuleera.
Akka ibsa Obbo Geetuutti, akka Oromiyaatti kilaastara misooma jallisiitiin garbuun nyaataafi biiraa godinaalee saddeet keessatti hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, kunimmoo naannoon Oromiyaa qofti qamadii biyyootaa alaarraa biyyattiin bitaa turte misooma kilaastara jallisiitiin qofa qaawwa san haguuguun akka danda’amu muuxannoon argamuusaa kan mul’isuudha.
Misoomni kilaastara jallisii kunis guddina dinagdee biyyattii si’eessuu keessatti gahee guddaa waan qabuuf tumsa mootummaa federaalaas kan gaafatu ta’uu eeru. Mootummaan Naannoo Oromiyaa garuu qonnaan bultootni garbuufi midhaanota biroo akka omishan gochuu qofaa osoo hintaane walitti hidhamiinsi gabaa akka uumamuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuus dubbatu. Kanaanis Warshaa Biiraa Asallaa waliin waliigalteen raawwatameeraa jedhu.
Giddugala Qorannoo Qonnaa Hoolataatti Doktar Kaasahuun Zawudee ammoo qorataa olaanaa saayinsii aramaa yoo ta’an, Itoophiyaatti gaafiifi fedhiin warshaalee biiraas ta’e kan biroo daran dabalaa waan jiruuf omishoota addaddaa biyya alaatii galchuun ulfaataadha.
Kanaaf ammoo omishaafi omishtummaa biyya keessaa guddisuun murteessaa waan ta’eef, misooma kilaastara qonnaa hojiirra oolchuun dirqama jedhu. Kunis keessumaa rakkoolee qonnaan bultootaa mara haala salphaa ta’eefi si’a tokkoon furuuf kan mijatudha.
Misoomni kilaastaraa qonnaa sanyiiwwan filatamaa ta’an iddoowwan mijataa ta’anitti haala qindoomina ogeessota fayyaa, qonnaan bulaafi dhaabbilee misoomaa eegeen hojjechuuf kan gargaaru ta’uus himu. Kunimmoo bu’aan qorannoo qonnaa, haaraa argamsiisuutiin gara eksiteenshinii qonnaatti dabarsuufi dhumarratti fayyadamummaan qonnaan bultootaa akka mirkanaa’u kan taasisu ta’uusaa dubbatu.
Dimshaashumatti, misoomni kilaastara qonnaa midhaanota walfakkaatan gara tokkootti walitti fiduufi paakeejiiwwan qonnaa guutuutti fayyadamuutiin facaasuu, akkasumas bu’aasaa ammoo waliin qooddachuu jechuudha. Qonnaan bultootni Jiddaas lafa gabbataafi haala qilleensaa mijataa qabanitti fayyadamuutiin omisha garbuu nyaataafi biiraa yeroo jalqabaaf kilaastara jallisiitiin misoomsanii bu’aasaa dhandhamachuuf fiixeerra gahuusaanii hubatameera.
Takkaalliny Gabayyootiin
Suurri Haddush Abrahaa
3 Comments to “”