“Weerarri lafaa Eekkaa sadeeniifi Kuraa Jiddaatti raawwatame to’atameera” – Bulchiinsa Aanaa Barrak

Akka addunyaafi Itoophiyaattigaaga’ama guddaa dhibeen koviid-19geessisaa jiru daheeffachuun saamichi lafaa gandoota Eekkaa Sadeeniifi Kuraa Jiddaatti raawwatamaa ture to’atamuu Bulchiinsi Aanaa Barrak beeksise. Eenyummaan qaamolee saamicha lafaa gaggeessanii garuu beekuun rakkisaa ta’uu ibsaniiru.

Bulchaan aanichaa, Obbo Warquu Sanyii Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, hattootni eenyummaansaanii hinbeekamne weerara vaayirasii koronaa akka carraa gaariitti fayyadamuun halkan halkan Eekkaa Sadeeniifi Kuraa Jiddaatti weerara lafaa raawwachaa turan. Gandootni kunneen Kutaa Magaalaa Yakkaa, Aanaa 14 (Yakkaa Abbaadoo) waliinidha kan waldaangessan.

Ta’us qindoomina caasaaleen gandaafi qeerroowwan naannawichaatiin yeroosuma to’achuun kan danda’ame yoo ta’u, kanaanis manneen seeraan alaa 211fi dallaa dhedheeraan torba diigamaniiru jedhan.

Qaamoleen walqindeessanii weerara lafaa raawwatan kunneen waggoota darban taateewwan adda addaa da’eeffatanii socho’aa turuu himanii, baranas humnaafi tooftaadhuma walfakkaatuun lafa Oromoo saamuuf tattaafachaa jiru jedhan.

Qindoominni qeerroowwaniif caasaalee gandaa daran cimaa waan ta’eef garuu kaayyoofi ergamni saamtota lafaa milkaa’uu akka hindandeenye dubbataniiru. Qonnaan bultootni muraasni garuu ammallee faayidaa xixiqqoodhaan gowwomfamaa waan jiraniif bulchiinsi aanichaa hojii hubannoo uumuu bal’inaan kennaa jiraachuu beeksisaniiru.

Eenyummaa qaamolee halkan daheeffatanii lafa weeraraa jiranii yeroof beekuun kan hindanda’amne ta’uu kan eeran  Obbo Warquun, dhimmichi qaamolee nageenyaatiin qoratamaa jiraachuu himaniiru. Hattootniifi saamtotni kunneen garuu ergama siyaasaasaanii galmaan gahachuuf jiraattota naannawichaa muraasa waliin hidhata qabaachuunsaanii beekameeraa jedhan.

Weerara lafaa daangaa baadiyyaa Barrakiifi Finfinneerratti raawwatamu ittisuuf tarkaanfiin fudhatamaa jiru jajjabeessaadha jedhanii, fuuldurattis ciminaan kan itti deemamu ta’uu eeran.

Ummatni Oromoo keessumaa daangaa Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinneerra jiraatu weerarri lafaa adeemsifamaa jiru kaayyoofi ergama siyaasaa ofkeessaa qabaachuu hubatee dammaqinaa sochii seeraan alaa kamuu ittisuu qaba jedhaniiru.

Hundarra ammoo qaamolee bulchiinsaafi nageenyaaf eeruu kennuun jiraattonni godinichaa gaheesaanii bahachuu akka qaban dhaamaniiru.

Waajjira Misoomaafi Manajimantii Lafaa Kutaa Magaalaa Yakkaatti ittigaafatamaan Waajjira Baankii Lafaafi Dabarsa Qabiyyee Obbo Faasil Gabrahiwot gamasaaniin, dhibee koviid-19 Itoophiyaatti mudate sababeeffachuun kutaa magaalichaa, iddoowwan addaddaatti weerarri lafaa adeemsifamaa jiraachuu mirkaneessaniiru.

Keessumaa daangaa Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinneefi Magaalaa Finfinnetti qaamoleen eenyummaansaanii yeroof hinbeekamne dukkana daheeffatanii manneeniifi dallaa seeraan alaa ijaaraa turuu himaniiru.

Gocha kana to’achuufis qaamoleen nageenyaa socho’aa jiraachuu eeranii, jiraattotni naannawichaas tattaaffii taasifamu maddii akka hiriiran gaafataniiru. Dhimma kanarratti odeeffannoo guutuu kennuuf kan rakkatan ta’uus dubbataniiru.

Takkaalliny Gabayyootiin

Recommended For You

5 Comments to ““Weerarri lafaa Eekkaa sadeeniifi Kuraa Jiddaatti raawwatame to’atameera” – Bulchiinsa Aanaa Barrak”

  1. Pingback: blote tieten
  2. Pingback: juvelook
  3. Pingback: top webcam sites

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *