Addunyaan keessumaa biyyoonni Awurooppaa ammaan tana gaaga’ama guddaa vaayirasiin koronaa (koviid-19) lubbuu namaafi dinagdeerraan ga’aa jiruun raafama keessa jirti. Biyyoonni danuun vaayirasicha ummatasaaniirra ittisuuf darbees gaaga’ama guddaa isaan qaqqabaa jiru xiqqeessuuf tarkaanfilee adda addaa fudhataa jiru. Biyyootni Awurooppaa gama kanaan tarkaanfii gaarii fudhatanii milkaa’aa jiru.
Gaazexaan Bariisaas dhimmuma kanarratti akkuma kanaan dura Neezarlaandi, Biraasilsitti Ambaasaaddar Itoophiyaa, Zannaba Kabbadaa dubbisee muuxannoo biyya jiranii dhiyeesse maxxansa kanaan ammoo kan Jarman akka nuu qoodaniif Ambaasaaddar Muluu Salamoon bilbilaan dubbisee ergaa cimaa ittaanu argateera.
Duraan dursee kutaan Qophii Gaazexaa Bariisaa Jarmanitti Ambaasaaddara Itoophiyaa Muluu Salamoon muuxannoo biyyi jiran ittisa vaayirasiirratti horatte dubbistoota keenyaaf qooduuf eeyyamamoo ta’uusaaniitiif guddaa galateeffataa ibsi isaan nuu kennanis kunooti.
Ummata miliyoona 83, kuma 147fi 771 qabdu Jarmanitti hanga kaleessaatti namoonni kuma 174fi 975 vaayirasichaan kan qabaman yoo ta’u, 151fi 700 bayyanataniiru. Kumni torbaafi 928 du’aniiru. Namoonni walirraa fagaatanii akka vaayirasicha ofirraa ittisaniif gorsiifi barumsi kennamaa tureera. Akka walqabannaan harkaa hinjiraanneefis gabbisni hubannoo bal’inaan kennameera.
Nagaas alaalatti walgaafachuun murteessaa ta’uurratti dadammaqsi kennamaa tureera. Garuu akkuma kan biyya keenyaa ummanni Jarmanis sirriitti hubachuu dhabuurraa ykn of dagannaarraa kan ka’e barumsaafi akeekkachiisa kennamaa ture maddiitti waan dhiiseef dhukkubichaaf bal’inaan saaxilameeera.
Namoonni baay’een dhukkkubichaan qabamaniiru. Oggaa dubbiin galteefi mootummaanis seera baasee tarkaanfii fudhachuu eegalutti namnis gara seera kabajuutti deebi’ee of eeguu jalqabnaan amma hanga tokko tamsa’innisaa gadi bu’aa jira. Kanaanis Jarman biyyoota addunyaa biroorra tattaaffii hubaatii xiqqeessuuf taasifteen fakkeenyummaan eeramaa jirti.
Hunda caalaa mootummaan dursee qaamaan walirraa fagaachuurratti barumsa gabbisa hubannoo kenneera. Manneen barnootaas dursee cufeera. Waajjiraaleen mootummaas ta’e dhuunfaa cufamaniiru.
Manneen waanti nyaatamu ittigurgaramuun ala jiran martis cufamaniiru. Manneen nyaataas yoo ta’e fudhatanii deemuu malee achi taa’anii nyaachuun dhorkaa ture. Baankonnis dabareedhaan tajaajila kennaa turan. Baankiin har’a hojjete dabaree baheefiin hojjeta malee akka yeroo biraatti guyyaa guyyaadhaan akka hojjetan hineeyyamamneef. Tarkaanfiileen kunniin namoonni akka walirraa fagaatan gochuu keessatti shoora olaanaa taphataniiru.
Hojiin kamuus manuma keessa taa’amee akka hojjetamu taasifame. Ummannis dhorkaa mootummaa fudhatee hojiirra oolchuu malee akka gaafa jalqabaa ala oolaa hinturre.
Haala kanaan hubannoo cimsaa tarkaanfiinis maddiitti fudhatamaa waan tureef mootummaan ofis ummatasaas balaa hamaa jalaa baraaruu danda’eera. Namoota vaayirasichaan qabamaniifi shakkaman addaan baasuurrattis xiyyeeffannaadhaan hojjetameera.
Namni of shakke otoo maatiisaatti hinmakamiin ofumasaatiin qofaatti of baasaati kan ture. Kanaanis inni qabame kaan mana yaalaa deemaa kaan ammoo maatiisaatti makama. Warri kaan fedhiidhuma ofiitiin konkolaataadhuma ofii ooffatee gara hospitaala qarannoof qophaa’ee dhaquun yaalamaa ture. Keessumaa tarkaanfiin akkanaa tamsa’ina vaayirasichaa daangessuu keessatti guddaa gumaacheera. Namoota shakkaman dafanii addaan fo’uun Jarmaniif bu’aa guddaa buuseera. Amma garuu xinnoo xinnoo waljalaa banuun eegalameera.
Biyyoonni addunyaa tarkaanfii Jarman ummatashii baraaruuf fudhattetti gammaduun muuxannoo irraa fudhachaa turaniiru, jirus. Amma kanarraa waanti baratamu yoo jiraate ummataafi biyya ofii vaayirasii kana jalaa baraaruuf of kennanii hojjechuudha.
Gama kanaan tarkaanfiin Mootummaan Itoophiyaa fudhataa jirus kan isa galateeffachiisuudha. Kanaanis qaamaan walirraa fagaachuun bu’aa akkamii akka qabu hubachuun ni danda’ama. Haaluma ogeessonni fayyaa gorsaniin harka keenya ammaa amma saamunaadhaan dhiqachuu, otoo hindhiqatiin ija, fuulaafi funyaan tuquu dhiisuu.
Alas ta’e manatti bakka tokkotti baay’annee taa’uufi nyaachuurraa of qusachuu, bakka gabaatti of eeggannaa cimaa gochuu, oggaa ala oollee maatiitti gallus akkasuma qulqullinaafi ofeeggannaa barbaachisu gochuun tamsa’ina vaaayirasichaa ittisuu keessatti shoora olaanaa akka qabu hubachuun daran murteessaadha.
Yoo dirqama ta’e malee akka durii gabaa deemuurraa of qusachuu, mana tokko keessaa yoo deemames nama tokko ykn lama, isaanuu walirraa fagaatanii ta’uu qaba. Kun vaayirasicharraa ofeeguu keessatti gumaacha guddaa qabaata.
Vaayirachi bifa weeraraatiin nama tokkorraa gara kanneen birootti waan darbuuf hunduu of tiksaa waliifis dhimmamuu qaba. Kanaaf hunduu ofeegee nama biraas eeguun balaa weerarichi fidu jalaa ofbaraaruu qaba. Kun dhimma akka dirqamaattis fudhatamuu qabuudha.
Vaayirasiin kun keessumaa biyya keenyatti dhukkuba qofa miti kan fidu, dinadgeen keenya daran dadhabaa waan ta’eef namoonni danuun yoo qabaman wal’aanuun nu rakkisa. Nuti namoota kumootaan lakkaa’aman dhiisnaan kanneen dhibbootaan lakkaa’aman yaaluuf daran waan danqamnuuf dhukkubicha akka laayyootti ilaaluu dhiisnee gorsa ogeessonni fayyaafi qajeelfama mootummaan kennu hojiirra oolchuun of baraaruu qabna. Biyyoonni dinagdeedhaan badhaadhan hospitaala gahaa waan qabaniif dhukkubsattoota kuma dhibboota hedduun lakkaa’aman ciibsanii wal’aannachuu danda’u.
Kanaaf nuti wal’aansaaf waan humna hinqabneef erga qabamnee dhibichaan gaaga’amuurra dursinee ofeeguufi ittisuu qofatu nu baasa. Akka biyyoota dinagdeedhaan guddatanii sochii hunda cufaatii mana taa’uun waan hindanda’amneef kan ta’uu qabu sirnaan ofeeguu qofa.
Namni sababa rakkoo kanaatiin beela’ee akka alatti hinbaaneef walbira dhaabachuun gaariidha. Aadaa walgargaarsaafi walii birmannaa ammaan tana garanaa garasii mul’ataa jirus cimsanii ittifufuun barbaachisaadha. Dhukkubicharraa of eeganii jiraachuun kan danda’amu walfaana malee tokko ofeegeef fayyinni barbaadamu hindhufu.
Otoo of hineegiin rakkoo guddaan nutti dhufuu mala. Dhiibbaa qaamolee vaayirasii kana laayyootti ilaalanirraas fagaachuun barbaachisaadha. Qaamoleen akkanaa dhibantaa (lammii) otoo hinta’iin diina ummataa waan ta’aniif adeemsa diigumsaa akkanaatiif iddoo kennuun sirrii miti. Biyya kana dhukkuba kanaanis ta’e waan biraatiin diiguuf humnoonni adda addaa alaayis ta’u waan jiraniif kanarrattis dammaquun barbaachisaadha.
Dhukkubicha akka weerara waraanaa guddaatti fudhannee ittisasaarratti duuluun barbaachisaadha. Jabaannee waljabeessuus qabna. Akkuma kanaan dura waraanota adda addaa qolannee ofirraa ittisaa turre kanarras aanuuf harka walqabannee irratti duuluu qabna.
Laga waraanichaatiin otoo hinfudhatamiin harka walqabannee ce’uu qabna. Lagichaan fudhatamuun diina Itoophiyaa kan gammachiisuufi nu balleessus waan ta’eef ittisa vaayirasichaarratti cichinee hojjechuu qabna.
Dhumarrattis ummata Itoophiyaatiif fayyinaafi nageenyan hawwa.
Charinnat Hundeessaatiin
7 Comments to ““Namoota vaayirasichaan qabaman keessaa baay’onni fayyuun Jarmaniif maqaa gaarii kenneera” -Ambaasaaddar Muluu Salamoon”