Maddaafi qubsuma Oromoo

Kutaa 3fa

Utuu hariiroo Oromoofi ummattoota Baha Afrikaa yeroo sana turetti hincehin gaaffii “Oromoon jaarraa 16fa hawaasa attamii ture? Eessa jiraataa ture?” isa jedhu ilaaluun barbaachisaadha. Gaaffileen kunniin yoo deebii argatan “Biyyi Oromoo eessa? Oromoon ummattoota kam waliin hariiroo attamii qabaachaa ture” kan jedhuuf deebii ta’a.

Asirratti toorri qaaccessa keenyaa hariiroon ummattoota Baha Afrikaa jaarraa 16fa boodaa bu’aa seenaa hariiroo jaarraa eerame kana dura tureeti. Akka fakkeenyaatti yoo fudhanne waraanni  mootummaa Habashaafi Islaamaa “Waraana Giraany” gidduutti jalqaba jaarraa 16fatti raawwatame bu’aa hariiroo jaarraa sadii (13fa-16fatti) isaan gidduutti tureeti.

Seenaa hariiroo sana keessatti tokko isa kan biroo injifachuun olaantummaa walirratti agarsiisaa turaniiru. Hariiroo sana keessatti milkaa’inni Mooticha Zaaraa Yaa’iqoob Mootii Libna Dingil (1508-1540) walakkeessa jaarraa 15fa keessa Mooticha Ifaat Ahmad Badley ajjeese boqonnaa haaraa ture. Seenaa sana keessatti yeroo Sultaanetiin Shawaa isaan dura waggoota 390 caaluuf naannoo shawaa bulcaa akka turan hin himamu maaliif yoo jedhame sulxaanoonni shawaa kun duubni isaanii Oromoo waan ta’aniif tooftaa seenaa Oromoo irra taruu jalaa waan fashaleessuf akka ta’e beekamaadha.

Kufaatii mootummaa muslimootaas ta’e laafinsa sirna Gadaa keessa  giddugaleessa mootummaatu jijjiirame malee hawaasni iddoodhaa hingodaanne. Godaansi ummataa yoo jiraates kan bulchiinsa (masaraa) mootummaa waliin socho’u namoota muraasa turan. Kana jechuun sababoota rakkoolee haala siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaatiin ummattoonni iddoodhaa iddootti hinsochoone jechuu miti. Qabxii ijoon garuu sochii wiirtuu siyaasaa yeroo hunda sochii hawaasaa hordofsiisa jechuu miti.

Haaluma walfakkaatuun xiyyeeffannaan daangaa babal’ifannaa bulchiinsa Salamoonawaa mootummaa Islaamaa barbadeessuutti aansee ummattoota giddugaleessa Itoophiyaa har’aa gabbarsiisuu ture. Enumaayyuu tarsiimoo mootummaa Islaamaa barbadeessuu keessatti dursa ummattoota giddugaleessa Itoophiyaa gabbarsiisuun deeggarsa walitti qabachuu ture.

Adeemsa sana keessatti walitti aansee dhiibbaan siyaasaafi amantii yoo xiqqaate jaarraa lamaaf Oromoo irratti aggaamame gosoota Oromoo muraasa gabbarsiisee, amanitii isaanii jijjiirsisee ture. Kiristaanomuun gosoota Oromoo Yaayyaafi Galaan Abuna Takla Haymaanotiin (1215-1312) jalatti raawwatame kana keessatti eeramuu danda’a.

Dhiibbaaleen amantii yeroo dheeraa sun akka wiirtuuleen Gadaa Oromoo handhuura Oromiyaa har’aa irraa suuta suutaan gara Odaa Nabeeti, gara Odaa  Roobaatti socho’u taasiseera. Adeemsa sana keessatti hawaasni Oromoo hundi gara Odaa Roobaatti boodas gara Madda Walaabuutti hingodaanne.

Humni mootummaa Kiristaanaa itti fufinsaan sana raawwatus hinturre. Kanaaf dhiibbaan irra haaga’u malee akkasumas maqaa kan biroon haa beekamu malee hawaasni Oromoo Shawaadhaa hanga Booranaatti Harargee hanga Wallaggaatti akka qubachuun ture tilmaamama.

Kanas karaa hedduu mirkaneeffachuun ni danda’ama. Tokkoffaa Mootolee Yekunoo Amlaak, Amdatsiyooniifi Libna Dingil yoo xiinxallu loltoota Oromoo akka gargaaramaa turan ragaan ni ibsa. Ragaan inni lammaffaan jalqaba jaarraa 16fa irraa eegalee gareen Oromoo sochii walabummaa gaggeesse gurmuu Booranaafi Bareentuu yoo ta’u, garee kana keessatti kan hinhammatamin Orom-Duroon akka turan ni beekama. Isaanis bara sochii Booranaafi Baareentuu sana seeraan akka itti makaman himama.

Gareen Odaa Roobarrati Gadaa haaromsatee boodas Madda Walaabuu wiirtuu duula diina baasa gochuun lola walabummaa jalqabe kunis sababa malee wiirtuu Gadaa ofii Madda Walaabuu godhatee biyya hinbeeknetti gurmaa’ee sochii walabummaa hingaggeesine. Kana immoo ragaan isa sadaffaatiin jabeessuun ni danda’ama. Innis seenaa odaalee kan akka Odaa Nabee, Odaa Roobaa, Odaa Bultum, Odaa Bisiliifi Caffee Bulluq waliin walqabatee qorannoon hanga ammaatti gaggeessame wiirtuuleen kun seenaa jaarraa 13fafi 14fa waliin walqabate ardaa jilaa dura akka ta’an ni dubbatama.

Wiirtuuleen kunis sochii waraana bilisummaa jaarraa 16fa dura akka haaromsaman dubbatama. Karaa biraatiin Oromoon jaarraa 16fa gurmaa’ina gurguddoo lamaan beekama. Isaanis gurmaa’ina Sirna Gadaafi ijaarama gosaati. Sirni Gadaa kunis amala duraan qabu caalaatti jaarraa 15fa keessa akka haaromsameefi akka gara sirna walxaxaatti guddate eerama. Haaromsi sunis Sirna Gadaafi aadaa Oromoo ammayyaaf bu’uura akka ta’e himama.

Sirna Gadaa  gadi fageenyaan kan qorate Asmaroom akka eerutti, gurmaa’inni Sirna Gadaa  jaarraa 16fa irraa eegalee bifa walmadaalaa lama qaba: Kan siyaasaafi kan amantiiti. Caasaan siyaasaa Abbaa Gadaan yoo hogganamu, amantiin immoo Abbaa Muudaatiin (Qaalluutiin) hogganama. Seenaa sochii Orommoo jaarraa 16fa kan sakatta’e Marid Walda Aragaay hawaasa Oromoo yeroo sana ture akkasitti ibsa

 They were a unified nation sharing a common religious leader, who was at the same time the source of political power. …. political organization was based on the Gada or age-set system. Yet though essentially democratic, no elected Luba or governing age-set began its office until it had received formal confirmation from the Abba Muda.

Hiikni isaas Oromoon hawaasa tokkummaa qabuufi hogganaa amnatii madda humna siyaasaa ta’e qaba. Gurmaa’inni siyaasaa Sirna Gadaarratti hundaa’a. Gadaan dimokraatawaa yoo ta’eyyuu lubni hoggansaaf filatame hanga beekkamtii Abbaa Muudaa argatuutti hojii bulchiinsaa gaggeessuu hindanda’u.

 Yeroo sanatti Oromoon heera ittiin bulmaataa akka tumateefi sirna walqixxummaa deeggaruun akka bulaa ture ni himama. Itti haa dabalamus, haa hir’atu malee aadaa Oromoon jaarraa 16fa ittiin jiraateefi kan si’anaaf bu’uuradha. Gadaan walakkeessa jaarraa 15fa keessa haaromsame jedhamus bu’uura Sirna Gadaa ammayyaati.

Akka ragaan seenaa ibsutti, Oromoon waadaa ykn irbu guddicha waliif qabu (Kakaa Oromoo) kan inni Madda Walaabuutti raawwate jalqaba jaarraa 16fa ta’uu akka hin oolledha. Kakaan sunis bu’uura olaantummaa seera Gadaa akka tureefi seera walitti bu’insa Oromoo gidduu kamiyyuu daangessedha.

Kaayyoon Kakaan Oromoo inni guddaanis tokkummaa Oromoo mirkaneessuufi faayidaa waliin hojjechuu akka ture himama. Seera tokkoof bitamuun eenyummaa walfakkaatu qabaachuu, nageenyaafi tokkummaa qabaachuuf bu’uura kan ta’edha.

Ragaaleen hanga ammaa guyyaa itti waadaa ykn Kakaan Oromoo raawwatame yoo addeessuu baateyyuu bara itti Seera Gadaa haaromfamee Caffee Oromootti tumame ta’uu akka hinoolle tilmaamama. Kakaan Oromoo hojiirra oolmaa seera Caffeef bu’uura waan tureef dhimma  hawaasummaa Oromoo keessatti iddoo olaanaa qaba. Akka ragaan afoolaa ibsuttis walitti dhufeenya gosoota Oromoo gidduu ture keessatti waadaan ykn kakaan Oromoo shoora olaanaa akka qabu himama.

Gosti tokko kan biroo akka hin hacuucne, kan humna qabu isa humna hin qabne irratti olaantummaa akka hin agarsiifneef waadaa ykn kakaan Oromoo wabii ture jedhama. Kakaan Oromo hanga yeroo ammaatti hawaasa Oromoo Sirna Gadaan bulu biratti cimaa akka ta’e himama. Uumamuun gurmaa’inni konfedereesii tokkummaa cimsuu caalaatti milkaa’ina bulchiinsa Sirna Gadaaf ta’uu akka hinoolle himama.

Seenaan gurmaa’ina Gadaafi konfedereesii Booranaafi Bareentuus tarsiimoo hojiirra oolmaa bulchiinsa Sirna Gadaa  waliin walqabata. Dabalataanis yeroo itti konfedereeshiniin Booranaafi Bareentuu uumame sirriitti eeruun yoo ulfaates adeemsa keessa jaarraa 12fa hanga 14fa ta’uu akka hinoolle ragaaleen ni eeru. Kunis adeemsa guddina Sirna Gadaafi gurmaa’ina hawaasummaa Oromoon tokkummaa uumuuf taasise ta’uu danda’a.

Gosoonni Oromoo gurguddoon kan akka Sabbo-Goona, Kontomaa-Daarimu, Maccaa-Tuulama, Karrayyuu (Baasoofi Dullacha, Arsii (Siikkoo-Mandoo), Raayyaafi Yejjuu akkasumas Ituufi Afran Qalloo jaarraa16fa dura haa hundeeffaman malee caalmaatti gurmaa’anii seera qabeessaan walabummaa ofii tikfachuutti kan ciman jaarraa eerame kanatti ture.

Karaa biraatiin, biyya Oromoo ilaalchisee yaada barreeffama Abbaa Baahiree fudhatee kan ibsa itti kenne Alam Isheetee  biyya Oromoo jaarraa 16fa duraa gammoojjii Booranaafi Kaaba Keeniyaa akka ta’etti ibsa.

Kitaabni Baahiree mataduree “Seenaa…{Oromoo}” jedhamu kun kan barreeffamee xumurame bara 1593 yoo ta’u, kaayyoon isaas waa’ee Oromoo Mooticha Abisiiniyaa Sartsa Dingiliif gabaasuu ture. Barreeffamicha keessatti Baahireen bara Mooticha Wanaag Saggad (1508-1540) Libna Dingil karaa Lixaa biyya isaaniirraa laga biyya isaanii galaana ce’anii dhufan jedha. Alam Isheetee dabalataan biyya Oromoo si’a sanaa mirkaneessuuf kaartaafi xiinxala Almeedaa, Biraawkamperiifi Cheerulii akka ragaatti dhiheessa.

Jarreen kun maamiltoota isaani kan abashaa tumsuun seenaa loogiin guutameen  Jibbiinsa saba Oromoof qaburraa kan ka’e yakka seenaa kana raawwataniiru. Alam Isheetee Oromoo akka hortee Kuushummaa Oromoo haaluu yaala. Qorattoonni seenaa bara giddugaleessaas jalamuranii mootummaa yookaan ummata giddugaleessa Itoophiyaa hanga jaarraa 16fatti qubatee ture kanadha jechuu hin dandeenye. Barreeffamoonni tokko tokkos giddugaleessa Itoophiyaa har’aa ragaa quubsaa malee mootummoota adda addaa maqaa dhahu. Kun hunduu Abbaa biyyumaa Oromoo haaluuf kan godhamaa tureedha.

Inumaayyu Ummattoota sochii Booranaafi Bareentuu dura turanis akka waan sochii sana keessatti Oromootti makamanii eenyummaan isaanii liqimsameetti barreessu. Kun kaayyoo lamaaf. Inni duraa abbaa biyyummaa Oromoo haaluu yoo ta’u inni lammaffaa sochii Booranaafi Bareentuu keessatti Oromoon ummata hedduu moggaasaafi guddifachaan waan ofitti makeef Oromoo qulqulluun baay’ina akka hinqabneefi Oromoon eenyummaa isaatti akka shakku taasisuufi. Ragaaleen tokko tokko immoo giddugaleessa Itoophiyaa qubsuma ummataa malee akka waan lafa duwwaa turetti fakkeessuu yaalu.

Itti fufa

Alamaayyoo Hayileetiin (Hayyuu Seenaa)

Recommended For You

3 Comments to “Maddaafi qubsuma Oromoo”

  1. Pingback: i loved this
  2. Pingback: bdsm cams

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *